Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Yihowaan Dhugumaan Na Gargaareera

Yihowaan Dhugumaan Na Gargaareera

Aniifi haati manaakoo akkuma gaaʼela godhanneen, baaburaan gara magaalaa Hoorinpaayin ishee bosonaan uwwifamteefi kaaba Ontaariyoo Kaanaadaatti argamtu deemne. Yeroonsaa ganama barii taʼuusaarrayyuu baayʼee qorra ture. Obboleessi naannoo sana jiraatu tokko akka gaariitti nu simatee ciree gaarii kan nu afeere siʼa taʼu, achiis isa, haadha manaasaafi ilmasaa wajjin cabbii keessa deemnee manaa gara manaatti tajaajiluu eegalle. Ergan daawwataa olaanaa taʼee, haasaakoo jalqabaa gaafa sana waaree boodan dhiheesse. Walgaʼii sanarratti kan argame shanan keenya qofa ture.

BAAYʼEE ija laafessa waanan tureef, haasaan bara 1957⁠tti dhiheesse sana namoonni dhaggeeffatan muraasa taʼuunsaa dhiphinni akka natti hin dhagaʼamne godheera. Yeroon ijoollee turetti, keessummoonni ani beekullee yoo dhufan nan dhokadhan ture.

Kan nama ajaaʼibsiisu, itti gaafatamummaan jaarmiyaa Yihowaa keessatti naaf kenname hedduun namootan beekus taʼe namoota haaraa hedduu wajjin akkan wal qunnamu kan na dirqisiisu ture. Taʼus, ija jabinaafi amanannaa qabaachuuf carraaqqii cimaa gochuukoo itti fufeera; hojiiwwan kanarratti milkaaʼina kanan argadhe garuu dandeettii mataa kootiin akka taʼe natti dhagaʼamee hin beeku. Kanaa mannaa, abdii Yihowaan, “Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba” jechuudhaan kenne dhugaa taʼuusaa jireenyakoo keessatti arguu dandaʼeera. (Isa. 41:10) Karaawwan Yihowaan itti na gargaare keessaa inni guddaan gargaarsa Kiristiyaanonni hidhatakoo taʼan naaf godhanidha. Mee gargaarsan ijoollummaa kootii jalqabee argadhe tokko tokkon isinitti hima.

MACAAFA QULQULLUUFI KITAABA GURRAACHA XINNOO TOKKOTTI FAYYADAMTI TURTE

Lafa qonnaa maatii keenyaa kibba lixa Ontaariyootti argamu utuun jiruu

Bara 1940mman keessa, gaaf tokko Dilbata ganama, obboleettiin Eelsii Haantiingifoordi jedhamtu gara lafa qonnaa maatii keenyaa kibba lixa Ontaariyootti argamuu dhufte. Obboleettii kanaaf balbala kan bane haadhakoo ennaa taatu, yeroo kanatti aniifi abbaankoo inni akkumakoo ija laafessa ture mana keessa teenyee isaan dhaggeeffanna turre. Boodas abbaankoo obboleettiin sun nama miʼa gurgurtu waan itti fakkaatteef, miʼa akka hin binne itti himuuf gad baʼe. Achiis Obboleettii keenya Haantiingifoordi, “Macaafa Qulqulluu qayyabachuu hin barbaaddanii?” jettee isaan gaafatte. Abbaankoos, “Isallee ni barbaanna” jedhee deebiseef.

Obboleettiin keenya Haantiingifoordi, mana keenya kan dhufte yeroo gaariitti ture. Warrikoo waldaa Yuunaayitid Charchi oov Kaanaadaa jedhamu dhaqaa kan turan siʼa taʼu, yeroo dhihoodhaa asitti garuu dhaquu dhiisuuf murteessanii turan. Maaliif? Sababiinsaas tajaajilaan waldichaa maqaa namoota buusii kennanii duraa duuba baayʼina qarshii isaan buusii godhaniin barreessee balbala waldichaarratti maxxansee waan tureefidha. Warrikoo galii xinnoo waan qabaniif yeroo baayʼee maqaansaanii kan barreeffamu gara dhumaarratti siʼa taʼu, jaarsoliin waldichaa qarshii dabalataa akkasaan kennaniif dhiibbaa isaanirraan gaʼu turan. Tajaajilaan kan biraanimmoo hojiidhaan ariʼama jedhee waan sodaatuuf wanta dhugumaan itti amanu akka hin barsiisne dubbateera. Kanaaf, waldicha dhiisnee baane; karaa itti fedhii hafuuraa keenya guuttannu garuu ni barbaanna turre.

Yeroo sanatti hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa Kaanaadaa keessatti dhorkamee waan tureef, obbooleettiin keenya Haantiingifoordi Macaafa Qulqulluufi yaadannoo kitaaba gurraacha tokkorratti barreessitetti fayyadamuudhaan maatii keenya qayyabsiisti turte. Abbootii taayitaatti dabarsinee akka ishee hin laanne erga hubattee booda garuu, barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan nuu kennite. Nutis erga ittiin qayyabannee booda yeroo hunda ni dhoksina turre. *

Warrikoo manaa gara manaatti yeroo isaaniif lallabamu dhugaa fudhatanii bara 1948⁠tti cuuphamaniiru

Obboleettiin keenya Haantiingifoordi, ariʼatamniifi rakkinni addaddaa ishee mudatus misiraachicha hinaaffaadhaan labsiteetti. Hinaaffaan isheen argisiiste na ajaaʼibsiisaa kan ture taʼuusaarrayyuu, dhugaa cinaa akkan dhaabadhu na kakaaseera. Warrikoo cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa erga taʼanii waggaa tokko booda anis Yihowaadhaafan of murteesse. Kanan cuuphame Guraandhala 27, 1949, bidiruu sibiilaa qonnaan bultoonni horiisaanii bishaan obaasuuf itti fayyadaman keessatti ture. Yeroo kanatti umriinkoo waggaa 17 ture. Sana boodas tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuufan murteesse.

YIHOWAAN IJA JABEESSA AKKAN TAʼU NA GARGAAREERA

Bara 1952⁠tti Betʼel akkan galu yommuun afeerame baayʼee ajaaʼibsiifadheen ture

Akkuman cuuphameen qajeelchaa taʼuu sodaadheen ture. Kanaaf, of dandaʼee qajeelchaa taʼuudhaan tajaajiluuf qarshiin akka na barbaachisu waan natti dhagaʼameef, mana baankiifi biiroo kan biraa keessatti hojjechuun jalqabe. Haataʼu malee dargaggeessa muuxannoo hin qabne waanan tureef, qarshiin argadhu yeruma sanan balleessan ture. Obboleessi Teed Saarjanti jedhamu tokko ija jabeessa akkan taʼuufi Yihowaatti akkan amanamu na jajjabeesseera. (1 Sen. 28:10) Kanaaf, Sadaasa 1951⁠tti qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Qabeenyikoo yeroo sanaa doolaara 40, biskileetii moofaa tokkoofi boorsaa haaraa tokko qofa ture. Haataʼu malee, Yihowaan wanta na barbaachisu yeroo hunda naaf guuta ture. Obboleessi keenya Teed, qajeelchaa taʼee akkan tajaajilu waan na jajjabeesseef baayʼeen isa galateeffadha. Qajeelchaa taʼee tajaajiluunkoo eebba dabalataas naaf argamsiiseera.

Dhuma jiʼa Hagayyaa bara 1952⁠tti, gaaf tokko galgala Toorontoodhaa bilbilli naaf bilbilame. Waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa Kaanaadaa jiru, jiʼa Fulbaanaatii eegalee Betʼeliin galee akkan tajaajilu na afeere. Ija laafessa kanan tureefi waajjira damee sana daawwadhee kanan hin beekne taʼus, qajeelchitoonni kaan waaʼee Betʼel oduu gaarii natti himanii waan turaniif, yeroo afeerraan kun na gaʼetti baayʼeen gammade. Jireenya Betʼelitti baruun yeroo baayʼee natti hin fudhanne.

“OBBOLOOTAAF AKKA YAADDU ITTI ARGISIISI”

Betʼeliin galee wagga lama booda Toorontootti, Yuuniit * Shoow keessatti obboleessa Biil Yaakas jedhamu bakka buʼuudhaan tajaajilaa gumii (yeroo ammaa qindeessaa qaama jaarsolii jedhama) taʼee tajaajiluun jalqabe. Yeroo kanatti umriinkoo waggaa 23 qofa waan tureef, mucaa baadiyyaa waan tokkoyyuu hin beekne akkan taʼe natti dhagaʼame. Haataʼu malee, Obboleessi keenya Yaakas, wantan hojjechuu qabu gad of deebisee jaalalaan natti hime. Gorsan argadhe hojiirra oolchuuf Yihowaan na gargaareera.

Obboleessi keenya Yaakas, gabaabaa furdaa kan ture siʼa taʼu, baayʼee kan namaaf yaadu ture. Obboloota ni jaallata, isaanis isa jaallatu turan. Yeroo rakkinni isaan mudatu qofa utuu hin taʼin, yeroo hundumaa manasaanii dhaqee obboloota gaafata ture. Biil Yaakas anis akkasuma akkan godhuufi obbolootaa wajjin akkan tajaajilu na jajjabeessa ture. Akkas naan jedhee ture: “Keen, obbolootaaf akka yaaddu itti argisiisi. Akkas gochuunkee rakkina hedduu hambisa.”

HAATI MANAAKOO AMANAMTUU TURTE

Yihowaan, Amajjii 1957 eegalee karaa adda taʼeen na gargaareera. Jiʼa kanatti Eevliin ishee mana barumsaa Giilʼaad kutaa 14⁠ffaatii eebbifamten fuudhe. Gaaʼela godhachuu keenya dura, Kuubeek ishee namoonni afaan Faransaayi dubbatan keessa jiraatan keessatti tajaajilaa turte. Yeroo sanatti Kuubeek toʼannaa Waldaa Kaatolikii Roomaa jala turte. Naannoon Eevliin itti ramadamte rakkisaa kan ture taʼus, Yihowaatti amanamuudhaan itti gaafatamummaa isheedhaaf kenname raawwatteetti.

Aniifi Eevliin bara 1957⁠tti gaaʼela godhanne

Eevliin anaafis amanamtuu taateetti. (Efe. 5:31) Taʼus amanamummaanshee akkuma gaaʼela dhaabbanneen qoramee ture. Gara Filooriidaa Yuu.Essi.Ee. dhaquuf karoorfannee kan turre taʼus, waajjirri damee ani keessa ture cidha keenya raawwannee borumtaasaatti walgaʼii torban tokko turuufi Betʼel Kaanaadaatti godhamurratti akkan hirmaadhu na gaafate. Kun sagantaa keenyaa wajjin kan walitti buʼu taʼus, aniifi Eevliin wanta Yihowaan nu abboome hunda hojjechuuf qophaaʼoo turre. Kanaaf, gaaʼela keenya booda isa deemnee bashannanuuf turre ni dhiisne. Torban sana keessa, Eevliin naannoo tajaajilaa waajjira damee biratti argamu keessa tajaajilaa turte. Naannoon tajaajilaa kun naannoo tajaajilaa Kuubeekirraa adda kan ture taʼus jabinaan tajaajilteetti.

Dhuma torban sanaatti wantan matumaa itti hin yaadne tokkotu na mudate; daawwataa olaanaa aanaa taʼeen kaaba Ontaariyootti ramadame. Reefuu gaaʼela kanan dhaabbadheefi umriinkoo waggaa 25 qofa kan ture, akkasumas muuxannoo kanan hin qabne taʼus, Yihowaatti amanamuudhaan bakka itti ramadamne deemne. Kaanaadaatti ganna keessa, daawwattoota olaanaa muuxannoo qabaniifi bakka itti ramadamanitti deebiʼaa jiran faana halkaniin baabura yaabbanne. Obboloonni kun baayʼee nu jajjabeessaniiru! Keessumaa obboleessi tokko halkan guutuu teenyee deemuurra, siree baaburicha keessatti qabaterra akka rafnu cimsee nu kadhate. Guyyaa ittaanutti, jechuunis gaaʼela dhaabbannee guyyaa 15 booda, akkuman seensarratti caqase tuuta xinnoo Hoorinpaayinitti argamu daawwachuu eegalle.

Anaafi Eevliiniin jijjiirama hedduutu nu eeggata ture. Dhuma bara 1960⁠tti hojii koonyaa utuma hojjechaa jirruu, mana barumsaa Giilʼaad Niiwu Yoorkitti argamu, kutaa 36⁠ffaarratti akkan hirmaadhuufan afeerame. Leenjiin jiʼa kudhaniif turu kun kan eegalu, jalqaba Guraandhala 1961⁠tti ture. Afeerraan kun baayʼee na gammachiisee kan ture taʼus, Eevliiniin kan hin dabalanne taʼuunsaa gammachuunkoo hamma tokko akka hirʼatu godheera. Akkuma obboleettota haala wal fakkaatu keessa jiran kaanii, Eevliinis jiʼa kudhaniif addaan baanee turuu keenyatti walii galuushee barreeffamaan akka ibsitu gaafatamte. Eevliin haallisaa baayʼee waan ishee gaddisiiseef kan boosse taʼus, mana barumsaa sanarratti akkan argamu walii galteetti; Giilʼaadiin deemee leenjii faayidaa guddaa qabu akkan argadhu waan hubattee turteefis gammaddeetti.

Yeroo sanatti, Eevliin waajjira damee Kaanaadaa keessatti tajaajilaa turte. Achitti obboleettii jaallatamtuu Kiristiyaanota dibamoo keessaa tokko taateefi Maargaareet Looval jedhamtuu wajjin kutaa tokko keessa jiraachuuf mirga addaa argattee turte. Aniifi Eevliin baayʼee wal yaadna turre. Haataʼu malee, gargaarsa Yihowaatiin bakka yeroo muraasaaf itti ramadamne turuu dandeenyeerra. Eevliin Yihowaafi jaarmiyaansaa caalaatti akka nutti fayyadamaniif jettee, yeroo wal faana dabarsuu qabnu aarsaa gochuuf fedhii qabaachuunshee baayʼee na tuqeera.

Mana barumsaa Giilʼaad jiʼa sadiif ergan turee booda Obboleessi keenya Naataan Noor inni yeroo sana hojii addunyaa maratti raawwatamu olaantummaadhaan toʼachaa ture, afeerraa adda taʼe tokko naaf dhiheesse. Barumsan Mana Barumsaa Giiliʼaaditti barachaa ture addaan kutee, Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa Kaanaadaatti kennamaa turerratti yeroodhaaf barsiisaa taʼee akkan tajaajilu na gaafate. Haataʼu malee, afeerraa kana fudhachuuf dirqamni akka narra hin jirreefi yoon barbaade barumsan Giiliʼaaditti jalqabe xumuruudhaan misiyoonii taʼee tajaajiluu akkan dandaʼu natti hime. Kaanaadaatti yoon deebiʼe lammata Mana Barumsaa Giiliʼaaditti akkan hin afeeramneefi tarii yeroo booda Kaanaadaa keessatti yeroo muraasaaf tajaajila dirreerratti deebiʼee akkan ramadamu natti himee ture. Akkasumas, haadha manaakoo wajjin mariʼadhee akkan murteessu natti hime.

Eevliin mirgawwan Tiʼookraasiitiif ilaalcha akkamii akka qabdu waan natti himtee turteef, yeruma sana, “Wanta jaarmiyaan Yihowaa akka raawwannu barbaadu hunda gammachuudhaan raawwanna” jedheen obboleessa keenya Nooritti hime. Filannaan keenya maaliyyuu yoo taʼe bakka jaarmiyaan Yihowaa itti nu ramade deemnee hojjechuu akka qabnu nutti dhagaʼama ture.

Kanaaf, Ebla 1961⁠tti, Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarratti barsiisaa taʼee tajaajiluufan Kaanaadaatti deebiʼe. Boodas, miseensota maatii Betʼel taanee tajaajiluu jalqabne. Achiis, bara 1965⁠tti Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 40⁠ffaarratti akkan hirmaadhu yommuun waamame baayʼeen ajaaʼibsiifadhe. Ammas Eevliin xalayaa jiʼoota muraasaaf addaan baanee jiraachuu keenyatti akka walii galtu ibsu barreessuu qabdi turte. Taʼus, torban muraasa booda isheenis naa wajjin mana barumsaa sanarratti akka hirmaattu yommuu afeeramtu baayʼee gammanne.

Mana Barumsaa Giilʼaad erga geenyee booda obboleessi keenya Noor, barattoonni kutaawwan afaan Faransaayiin geggeeffamanitti ramadamne Afriikaatti akka ergamnu nutti hime. Sagantaa eebbaarratti garuu ammas Kaanaadaatti akka ramadamne nutti himame. Yeroo kanatti ilaaltuu olaanaa waajjira damee (yeroo ammaa qindeessaa Koree Waajjira Damee jedhama) taʼeen muudame. Umriinkoo waggaa 34 qofa waan tureef Obboleessa keenya Nooritti, “Umriinkoo baayʼee xinnoodhaam” jedheen itti hime. Inni garuu na jajjabeesse. Jalqabaa kaasee murtoo cimaa tokko gochuukoo dura obboloota Betʼel umriidhaan na caalaniifi muuxannoo guddaa qaban mariisisuuf yaaliin godhan ture.

BETʼEL IDDOO BARACHUUFIS TAʼE BARSIISUUF MIJATAA TAʼEDHA

Betʼelitti tajaajiluunkoo warra kaanirraa barachuuf carraa addaa naaf argamsiiseera. Miseensota Koree Waajjira Damee na faana hojjetan nan kabaja, akkasumas baayʼeen isaan dinqisiifadha. Kana malees, dhiiraafi durba, jaarsaafi dargaggeessa utuu hin jedhin obboloota waajjira damee kana keessa jiraniifi gumiiwwan addaddaa nuti itti tajaajille keessa turanirraa muuxannoo hedduu arganneerra.

Betʼel Kaanaadaa keessatti waaqeffannaa ganamaa utuun geggeessuu

Betʼel keessatti tajaajiluunkoo warra kaan barsiisuufi amantiisaanii cimsuufis carraa gaarii naaf argamsiiseera. Phaawulos ergamaan Ximotewosiin, ‘Isa barsiifamtetti qabamii jiraadhu!’ jedheera. Akkasumas, “Dhuga-baatota baayʼee duratti waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo warra kaan barsiisuufis taʼanitti hadaraa kenni!” jedheenii ture. (2 Xim. 2:2; 3:14) Yeroo tokko tokko obboloonni, waggoota 57 ani Betʼel keessatti dabarse keessatti barumsa akkamii akkan argadhe na gaafatu. Anis, ‘Yihowaan akka nu gargaaru amanamuudhaan wanta jaarmiyaansaa godhaa nuun jedhu hunda yeruma sana gochuu akka qabnu baradheera’ jedheen isaaniif deebisa.

Yeroon dargaggeessa ija laafessaafi muuxannoo hin qabne taʼee Betʼel itti seene akka waan kaleessa taʼeetti natti mulʼata. Haataʼu malee, Yihowaan waggoota kana hundatti ‘harkakoo mirgaa qabee’ na gargaaraa tureera. Keessumaammoo karaa gaarummaa obboloonni natti argisiisaniifi karaa gargaarsa isaan yeroosaatti naaf godhaniin, “Hin sodaatin! Ani sin gargaaraʼo” naan jechaa tureera.​—Isa. 41:13.

^ key. 10 Mootummaan Kaanaadaa Caamsaa 22, 1945⁠tti bilisummaa amantii akka argannu godheera.

^ key. 16 Yeroo sanatti, magaalaa tokko keessa gumiin tokkoo ol yoo jiraate tokkoon tokkoon gumii sun yuuniit jedhamee waamama ture.