Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warri Kaan Dandeettiisaaniitti Guutummaatti Akka Fayyadaman Gargaaraa

Warri Kaan Dandeettiisaaniitti Guutummaatti Akka Fayyadaman Gargaaraa

“Sin gorsa, ija kootiinis sin toʼadha.”—FAR. 32:8.

1, 2. Yihowaan tajaajiltootasaa lafarra jiraniif ilaalcha akkamii qaba?

WARRI ijoolleensaanii yeroo taphatan ennaa ilaalan dandeettii isaan uumamaan qaban ni dinqisiifatu. Atis haala kana hubatteetta taʼa. Ijoolleen tokko tokko gama ispoortiitiin dandeettii kan qaban yommuu taʼu, kaanimmoo ogummaa harkaa ykn fakkii kaasuurratti dandeettii qabaachuu dandaʼu. Kennaan ijoolleen qaban maaliyyuu yoo taʼe, ijoolleen dandeettiisaaniitti guutummaatti akka fayyadaman gargaaruun warra ni gammachiisa.

2 Yihowaanis ijoolleesaa warra lafarra jiraniif xiyyeeffannaa ni kenna. Tajaajiltoonnisaa yeroo harʼaa jiran “miʼa babbareedaa saba lafarraa hundumaa” keessaa walitti qabaman akka taʼanitti ilaala. (Hag. 2:7, NW) Miʼa babbareedaa taʼuu kan dandaʼan amantii waan qabaniifi Yihowaadhaaf kan bulan waan taʼaniifidha. Haataʼu malee, obboloonni hidhata amantii keenyaa taʼaniifi yeroo harʼaa jiran dandeettii garaagaraa akka qaban utuu hin hubatiin hin ooltu. Obboloonni tokko tokko dandeettii haasaa dhiheessuu, kaanimmoo dandeettii waa qindeessuu qabu. Obboleettonni hedduunimmoo dandeettii afaan garabiraa barachuudhaan tajaajilarratti itti fayyadamuu, kaanimmoo dandeettii warra dadhaban jajjabeessuu ykn warra dhukkubsatan kunuunsuu qabu. (Rom. 16:1, 12) Obboloota dandeettii garagaraa qaban akkasii wajjin gumii tokko keessatti tajaajiluu keenya hin dinqisiifannuu?

3. Mataduree kana keessatti gaaffilee kamfaa qorra?

3 Haataʼu malee obboloota dargaggoota taʼan ykn dhiheenyatti cuuphaman dabalatee, obboloonni tokko tokko dandeettii qaban gumii keessatti itti fayyadamuu hin dandeenye taʼa. Obboloonni kun dandeettiisaaniitti guutummaatti akka fayyadaman gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan ciminasaaniirratti xiyyeeffachuuf carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifi?

YIHOWAAN CIMINA QABNURRATTI XIYYEEFFATA

4, 5. Seenaan Abboota Firdii 6:11-16⁠rra jiru Yihowaan dandeettii tajaajiltoonnisaa qabanirratti kan xiyyeeffatu taʼuusaa kan argisiisu akkamitti?

4 Yihowaan cimina tajaajiltootasaa qofa utuu hin taʼin, dandeettii isaan qabanirratti akka xiyyeeffatu seenaa Macaafa Qulqulluu hedduurraa hubachuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, Giidewon hacuuccaa warra Miidiyaan jalaa saba Waaqayyoo bilisa akka baasu ennaa filatametti, ergamaan Waaqayyoo, “Yaa loltuu jagna nana! Waaqayyo sii wajjin jira!” jedhe yeroo nagaa isa gaafatetti baayʼee naʼe. Giidewon “jagna” akka taʼetti yaadee kan hin beekne taʼuusaarrayyuu, saba Waaqayyoo oolchuu akka hin dandeenye itti dhagaʼamee ture. Haataʼu malee, maree Giidewon ergamaa Yihowaa wajjin godherraa hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan ilaalcha Giidewon ofiisaatiif qaburraa haala adda taʼeen dandeettii saba Israaʼeliin oolchuu akka inni qabu hubatee ture.—Abboota Firdii 6:11-16 dubbisi.

5 Yihowaan dandeettii Giidewon qabu waan argeef, saba Israaʼeliin bilisa baasuu akka inni dandaʼu mirkanaaʼaa taʼee ture. Tokkoffaa, ergamaan Yihowaa akkaataa itti Giidewon qamadii dhaʼu argee ture. Wanti xiyyeeffannaa ergamaa kanaa harkise kan biraanis jira. Bara duriitti qonnaan bultoonni qilleensi habaqii midhaanirraa adda akka baasuuf oobdiirratti midhaan dhaʼu turan. Giidewon garuu haala nama dinqisiisuun midhaan sassaabbate warra Miidiyaan jalaa dhoksuuf bakka waynii itti cuunfan keessatti dhaʼaa ture. Kun tooftaa gaariidha! Akka ilaalcha Yihowaatti, Giidewon qonnaan bulaa cimaa qofa utuu hin taʼin gamna akka tures hin shakkisiisu. Yihowaan dandeettii Giidewon qabu waan hubateef, dandeettiisaa kanatti guutummaatti akka fayyadamu isa gargaareera.

6, 7. (a) Ilaalchi Yihowaan Amosiif qabu kan Israaʼeloota tokko tokkoorraa adda kan ture akkamitti? (b) Amos nama hin baranne akka hin taane kan argisiisu maalidha?

6 Haaluma wal fakkaatun, namoonni Amos iddoo guddaa akka hin qabnetti kan yaadan taʼus, Yihowaan dandeettii raajichi qabu hubatee ture. Amos hojiinsaa hoolaa horsiisuufi ija harbuu isa nyaata hiyyeessotaa akka taʼetti yaadamaa ture funaanuu akka taʼe barreesseera. Yeroo Yihowaan Amos mootummaa gosoota Israaʼel kurnanii isa waaqayyolii sobaa waaqeffatu akka akeekkachiisuuf isa filatetti, Israaʼeloonni tokko tokko filannaan Yihowaa sirrii akka hin taane yaadaniiru taʼa.—Amos 7:14, 15 dubbisi.

7 Amos mandara xinnoo keessatti kan guddate taʼus, haala yeroo sanaafi waaʼee bulchitoota yeroo sana turanii beeka ture. Haala Israaʼel keessa tureefi waaʼee saboota naannoo Israaʼel jiranii sirriitti kan beeku siʼa taʼu, oddeeffannoo kan argatu daldaltoota mandarattii keessa darbanirraa taʼuu hin oolu. (Amo. 1:6, 9, 11, 13; 2:8; 6:4-6) Yeroo harʼaa hayyoonni Macaafa Qulqulluu tokko tokko Amos dandeettii waa barreessuu gaarii taʼe kan qabu akka ture dubbatu. Amos jechoota salphaa taʼaniifi ergaa cimaa dabarsanitti fayyadamuu qofa utuu hin taʼin, wantoota walbira qabuudhaan, akkasumas fakkeenyatti fayyadamuudhaan barreesseera. Amos, Amaasiyaa lubicha isa amanamaa hin taaneef ija jabinaan deebii kennuunsaa, filannaan Yihowaa sirrii akka tureefi dandeettii Amos isa jalqabarratti hin mulʼannetti fayyadamuu akka dandaʼu kan argisiisu ture.—Amo. 7:12, 13, 16, 17.

8. (a) Yihowaan Daawitiif waadaa akkamii galee ture? (b) Yaadni Faarfannaa 32:8⁠rra jiru namoota ofitti amanamummaa ykn dandeettii hin qabne kan jajjabeessu akkamitti?

8 Yihowaan dandeettii tokkoon tokkoon tajaajiltoonnisaa qaban ni hubata. Fakkeenyaaf, Daawitiif qajeelfama akka kennu ykn ‘ijasaatiin akka isa toʼatu’ waadaa isaaf galee ture. (Faarfannaa 32:8 dubbisi.) Yaadni kun kan nu jajjabeessu maaliif akka taʼe hubatteettaa? Ofitti amanamummaa kan hin qabne taanus, Yihowaan wanta humna keenyaa ol akka taʼetti yaadnu raawwachuu akka dandeenyuufi galma waan bira hin geenye nutti fakkaatu bira akka geenyu nu gargaaruu dandaʼa. Akkuma barsiisaan gaarii taʼe tokko barataasaa isa muuxannoo hin qabneef qajeelfama kennu, Yihowaanis dandeettii keenyatti guutummaatti fayyadamuu akka dandeenyuuf qajeelfama nuu kenna. Yihowaan dandeettii keenyatti guutummaatti akka fayyadamnuuf karaa obboloota keenyaa nu gargaaruu dandaʼa. Akkamitti?

CIMINA OBBOLOONNI QABANIRRATTI XIYYEEFFADHAA

9. Gorsa Phaawulos Kiristiyaanonni wanta obbolootasaaniitti tolurratti akka xiyyeeffataniif kenne hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Phaawulos Kiristiyaanonni hundi wanta obbolootasaaniitti tolurratti akka xiyyeeffatan isaan jajjabeesseera. (Filiphisiiyus 2:3, 4 dubbisi.) Gorsi Phaawulos, kennaa obboloonni qaban hubachuufi kennaasaanii kana caqasnee isaan jajjabeessuu akka qabnu kan nu hubachiisudha. Namni tokko guddina nuti argisiisnetti yeroo gammadu maaltu nutti dhagaʼama? Ilaalcha akkasii nuuf qabaachuunsaa, dandeettii keenyatti caalaatti fayyadamuufi guddina dabalataa gochuuf nu kakaasa. Haaluma wal fakkaatuun, carraaqqii obboloonni keenya godhaniif xiyyeeffannaa kennuudhaan isaan dinqisiifachuun keenya, karaa hafuuraa guddina gochuuf isaan kakaasa.

10. Keessumaa namoota akkamiitiif xiyyeeffannaa kennuu qabna?

10 Keessumaa namoota akkamiitiif xiyyeeffannaa kennuu qabna? Hundi keenyayyuu yeroodhaa gara yerootti xiyyeeffannaa addaa akka barbaannu beekamaadha. Haataʼu malee, dargaggoonni ykn obboloonni dhiheenyatti cuuphaman hojii gumii keessatti hojjetamurratti gaʼee qabaachuu akka dandaʼan itti dhagaʼamuu qaba. Kunis gumii keessatti iddoo akka qaban hubachuuf isaan gargaara. Karaa garabiraammoo, wanta isaan hojjetaniif isaan galateeffachuu dhiisuun, wanta Macaafni Qulqulluun jajjabeessu, jechuunis itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuurraa duubatti akka jedhan isaan gochuu dandaʼa.—1 Xim. 3:1.

11. (a) Jaarsi gumii tokko dargaggeessi tokko guddina akka argisiisu kan gargaare akkamitti? (b) Muuxannoo Juuliyaanirraa maal baratte?

11 Luudooviik inni jaarsa gumii taʼeefi ijoollummaasaatti xiyyeeffannaa isaaf kennamee turerraa faayidaa argate, “Yeroon obboleessa tokkoof xiyyeeffannaa kennu, obboleessi sun yeroo gabaabaa keessatti guddina argisiisa” jedheera. Dargaggeessa ija laafessa tureefi Juuliyaan jedhamu ilaalchisees akkas jedheera: “Juuliyaan dandeettii akka hin qabnetti waan of yaaduuf al tokko tokko amala adda taʼe argisiisa ture. Haataʼu malee, amala gaarummaa akka qabuufi obboloota gumii keessa jiran gargaaruu akka barbaadu hubadheen ture. Kanaaf, isa ceephaʼuu mannaa amala gaarii inni qaburratti xiyyeeffachuudhaan isa jajjabeessuufan yaale.” Juuliyaan yeroo booda tajaajilaa gumii kan taʼe siʼa taʼu, yeroo ammaa qajeelchaa taʼee tajaajilaa jira.

DANDEETTII QABANITTI GUUTUMMAATTI AKKA FAYYADAMAN GARGAARUU

12. Obboloota gumii keessa jiran gargaaruuf maalirratti xiyyeeffachuu qabna? Fakkeenyaan ibsi.

12 Obboloonni dandeettii qabanitti guutummaatti akka fayyadaman gargaaruuf, haalasaanii sirriitti hubachuun keenya barbaachisaadha. Muuxannoo Juuliyaanirraa akka hubannetti, dadhabina obboloonni keenya qabanirratti utuu hin taʼin, amala gaariifi dandeettii isaan caalaatti guddifachuu dandaʼanirratti xiyyeeffachuu qabna. Yesus, Phexros ergamaadhaaf ilaalcha akkasii qaba ture. Yesus, Phexros al tokko tokko ejjennoo kan hin qabne fakkaatus, gara fuulduraatti akka dhagaa hin sochoonee akka taʼu dubbatee ture.—Yoh. 1:42.

13, 14. (a) Barnaabaas Maarqosiif ilaalcha akkamii qaba ture? (b) Dargaggeessi tokko akkuma Maarqos jaarsa gumii tokkorraa gargaarsa akkamii argate? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

13 Barnaabaas, walitti dhufeenya Yohannis isa Maarqos jedhamuu wajjin qabuurratti hubannaa akkasii akka qabu argisiiseera. (HoE. 12:25) Phaawulos Barnaabaasii wajjin adeemsa misiyoonummaasaa isa jalqabaa ennaa godhetti, Maarqos karaa foonii isaan gargaaruuf isaanii wajjin deemee ture. Haataʼu malee, Phamfiliyaa yeroo gaʼan Maarqos akka tasaa isaan dhiisee deeme. Yeroo kanatti kophaasaanii naannoo shiftaadhaaf isaan saaxilu keessa darbanii deemuu qabu turan. (HoE. 13:5, 13) Haataʼu malee, Barnaabaas ciminaafi amala gaarii Maarqos duraan argisiiserratti xiyyeeffachuudhaan yeroo booda carraa argatetti fayyadamee isa leenjiseera. (HoE. 15:37-39) Kunis dargaggeessi kun tajaajilaa Yihowaa gaʼumsa qabu akka taʼu isa gargaareera. Maarqos yeroo Phaawulos Roomaatti hidhamee turetti isaa wajjin kan ture siʼa taʼu, waliin taʼuudhaan Kiristiyaanota gumii Qolosaayis turaniif nagaa dhaamanii turan. Phaawulosis waaʼeesaa wanta gaarii dubbatee ture. (Qol. 4:10) Phaawulos, Maarqos akka isa gargaaruuf ennaa gaafatetti Baarnaabaasitti gammachuun akkamii dhagaʼamee akka ture mee yaadaa!—2 Xim. 4:11.

14 Aleeksaandar inni dhiheenyatti jaarsa gumii taʼe, gargaarsa obboloonni isaaf godhanirraa faayidaa argate akkas jechuudhaan ibseera: “Yeroon dargaggeessa turetti namoota fuulduratti Yihowaa kadhachuu baayʼeen sodaadhan ture. Jaarsi gumii tokko of qopheessuufi miirri tasgabbii akka natti dhagaʼamu gochuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe natti argisiiseera. Obboloota duratti akkan Yihowaa kadhadhu carraa naa kennuu dhiisuu mannaa, yeroo baayʼee walgaʼii tajaajila dirreerratti akkan kadhadhu na afeera ture. Kunimmoo, yeroo booda ofitti amanannaankoo akka dabalu godheera.”

15. Phaawulos obbolootasaatiif bakka guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti?

15 Amala gaarii obboloonni keenya qaban tokko caqasuudhaan akka isaan dinqisiifannu itti himnaa? Roomaa boqonnaa 16⁠rratti, Phaawulos obboloota hidhata amantiisaa taʼan 20 maqaa dhaʼuudhaan amala gaarii isa biratti akka jaallataman isaan godhe caqaseera. (Rom. 16:3-7, 13) Fakkeenyaaf, Andronikosiifi Yuniyaas, isa dura Kiristosiin tajaajiluu akka jalqaban dubbachuudhaan obsa isaan argisiisan addeesseera. Phaawulos waaʼee haadha Ruufoos ennaa dubbatetti jaalala isheen kanaan dura isaaf argisiiste caqaseera.

Fireediriik (bitaa) Yihowaa tajaajiluusaa akka itti fufu Riikoo jajjabeesseera (Keeyyata 16 ilaali)

16. Ijoollee galateeffachuun keenya buʼaa akkamii argamsiisuu dandaʼa?

16 Obboloota keenya garaadhaa galateeffachuun buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa. Riikoo isa Faransaay jiraatuufi abbaansaa amantii kan biraa hordofu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Abbaansaa akka inni cuuphamu kan hin barbaanne siʼa taʼu, kunis abdii isa kutachiisee ture. Riikoon Yihowaa guutummaatti tajaajiluuf hamma umriinsaa waggaa 18 guututti eeguu akka qabu itti dhagaʼamee ture. Mana barumsaatti sababa amantiisaatiin ijoolleen waan itti qoosaniifis ni aara ture. Fireediriik inni jaarsa gumii taʼeefi mucaa kana qayyabsiisaa ture, “Mormiin akkasii isarra gaʼuunsaa waaʼee amantiisaa ija jabinaan kan dubbatu taʼuusaa waan argisiisuuf isan dinqisiifadhe” jedheera. Obboleessi kun isa dinqisiifachuunsaa, Riikoon warra kaaniif fakkeenya taʼuusaa akka itti fufuufi abbaasaa wajjin caalaatti akka walitti dhihaatu isa gargaareera. Riikoon umrii waggaa 12⁠tti cuuphameera.

Jeroom (mirga) misiyoonii akka taʼu Riyaaniin gargaareera (Keeyyata 17 ilaali)

17. (a) Obboloonni keenya guddina akka argisiisan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (b) Obboleessi misiyoonii taʼee tajaajilu tokko obboloota dargaggoota taʼaniif xiyyeeffannaa kan kenne akkamitti? Akkas gochuunsaa buʼaa akkamii argamsiise?

17 Hojii obboloonni akka gaariitti raawwataniif ykn carraaqqii isaan godhaniif yeroo isaan galateeffannu, garaadhaa Yihowaa akka tajaajilan isaan kakaasna. Siilvii * isheen Betʼel Faransaay jirutti waggoota hedduudhaaf tajaajilaa turte, obboleettonnis obboloota dhiiraa galateeffachuu akka qaban dubbatteetti. Yeroo baayʼee obboleettonni wantoota obboloonni dhiiraa hin hubanne ni hubatu. Kanaaf, “yaadni obboleettonni kennan yaada obboloonni dhiiraa muuxannoo qaban kennan ni jabeessa.” Ittaansuudhaanis, “Obboloota galateeffachuun itti gaafatamummaakoo akka taʼettan yaada” jetteetti. (Fak. 3:27) Jeroom inni Fireenchi Giyaanaa keessatti misiyoonii taʼee tajaajilaa jiru dargaggoonni hedduun misiyoonii taʼanii akka tajaajilan gargaareera. Obboleessi kun akkas jedheera: “Yeroon dhimma tajaajilaa wajjin wal qabate tokko adda baasee ykn gumii keessatti deebii itti yaadame deebisuusaaniitiif obboloota dargaggoota taʼan galateeffadhu, ofitti amanamummaa isaan qaban akka dabalu hubadheera. Kunimmoo dandeettiisaanii akka guddifatan isaan gargaara.”

18. Dargaggootaa wajjin hojjechuun faayidaa akkamii qaba?

18 Obboloota keenyaa wajjin hojjechuudhaanis karaa hafuuraa akkasaan guddatan gargaaruu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, jaarsi gumii tokko dargaggeessa kompiitaratti fayyadamuu dandaʼu tokkoon oddeeffannoo maanguddoota kompiitara hin qabne jajjabeessuu dandaʼu Weebsaayitii keenyarraa akka maxxansu isa gaafachuu dandaʼa taʼa. Yookiin Galma Mootummaa keessatti hojii tokko tokko yeroo hojjettu obboleessi dargaggeessa taʼe tokko akka si gargaaru maaliif hin gaafattuun? Akkas gochuunkee haala obboloota kanaa sirriitti hubachuufi isaan galateeffachuuf, akkasumas yaadasaanii dhaggeeffachuuf karaa sii bana.—Fak. 15:23.

GARA FUULDURAATIIF BUʼUURA KAAʼAA

19, 20. Obboloonni kaan guddina akka argisiisan gargaaruu kan qabnu maaliifi?

19 Yihowaan, saba Israaʼel akka geggeessuuf yeroo Iyaasuu muudetti, akka isa jajjabeessuuf Musee abboomee ture. (Keessa Deebii 3:28 dubbisi.) Yeroo harʼaa namoonni hedduun tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffachaa jiru. Jaarsolii qofa utuu hin taʼin, Kiristiyaanonni muuxannoo qaban kaanis obboloonni dargaggoota taʼan ykn dhiheenyatti cuuphaman dandeettii qabanitti guutummaatti akka fayyadaman gargaaruu ni dandaʼu. Akkas yoo goone obboloonni hedduun gara tajaajila yeroo guutuutti seenuufi “warra kaan barsiisuuf” gaʼumsa kan qaban taʼuu ni dandaʼu.—2 Xim. 2:2.

20 Gumii guddaa keessattis taʼe tuuta xinnoo gara gumiitti guddachaa jiru keessatti kan tajaajillu, obboloota kaan gargaaruuf jabaannee haa hojjennu! Akkas gochuuf wanti nu barbaachisu, fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan cimina obboloonni keenya qabanirratti xiyyeeffachuudha.

^ key. 17 Maqaan jijjiirameera.