Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guddina Gochuuf “Daandii Kee Wal Qixxeeffadhu”

Guddina Gochuuf “Daandii Kee Wal Qixxeeffadhu”

SABNI Waaqayyoo Dh.K.D. bara 537⁠tti Baabilon keessaa ennaa baʼan, Yihowaan haala isaan gara Yerusaalemitti itti deebiʼaniif xiyyeeffannaa kennee ture. “Sabaaf karaa qopheessaa! Kaʼaa, kaʼaatii karaa guddaa tolchaa, dhagaa karaa keessaa fufuudhaa” isaaniin jedhee ture. (Isa. 62:10) Yihudoonni tokko tokko ajaja kana hojiirra oolchuudhaaf maal akka godhan mee yaadi. Gareen dursee adeeme tarii bakka dhooqa qabu guutaa, akkasumas lafasaa wal qixxeessuudhaan daandii tolchee taʼuu dandaʼa. Akkas gochuunsaanii obbolootasaanii isaan duubaan dhufanii gara biyyasaaniitti deebiʼaa jiran kan gargaarudha.

Fakkeenya kana daandii gara galma hafuuraatti geessuu wajjin walbira qabnee ilaaluu dandeenya. Yihowaan tajaajiltoonnisaa hundi daandii kanarra gufuu tokko malee akka adeeman barbaada. Macaafni Qulqulluun, “Irra adeemuudhaaf akka taʼutti, daandii kee wal qixxeeffadhu! Yommus adeemsi kee hundinuu siif in qajeela” jechuudhaan nu gorsa. (Fak. 4:26) Dargaggeessa taates taʼuu baattes, gorsi Waaqayyo kenne kun sirrii taʼuusaa hubachuu dandeessa.

MURTOO GAARII GOCHUUDHAAN KARICHA WAL QIXXEEFFADHU

Namoonni, ijoollee umrii waggoota kurnanii keessatti argaman ilaalchisee, ‘Isheen carraa hedduu qabdi’ ykn ‘Inni milkaaʼina argachuu dandaʼa’ yeroo jedhan dhageesseetta taʼa. Dimshaashumatti dargaggoonni fayyaa gaarii, sammuu qara taʼeefi milkaaʼina argachuuf fedhii guddaa kan qabanidha. Macaafni Qulqulluun, “Surraan dargaggootaa jabina isaanii ti” jechuudhaan kan dubbatu kanaafidha. (Fak. 20:29) Dargaggeessi ykn shamarreen humnaafi dandeettii qabanitti fayyadamuudhaan Yihowaa yoo tajaajilan, galma hafuuraarra gaʼuufi gammachuu dhugaa argachuu dandaʼu.

Dandeettiin dargaggoota keenyaa biyya lafaa keessattis akka barbaadamu hubachuun ni dandaʼama. Dargaggeessi Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe tokko mana barumsaatti qabxii gaarii yeroo fidu, gorsitoonni mana barumsaa, barsiisonni ykn barattoonni isaa wajjin baratan, barumsa sadarkaa olaanaa barachuudhaan biyya lafaa keessatti milkaaʼina akka argatu dhiibbaa isarraan gaʼu. Yookiinimmoo, namoonni tokko tokko obboleessi ykn obboleettiin gama atleetiksiitiin dandeettii qaban dorgommiirratti akka hirmaatan dhiibbaa isaanirraan gaʼu taʼa. Dhiibbaan akkasii sirra gaʼeeraa? Nama dhiibbaan akkasii irra gaʼehoo beektaa? Kiristiyaanni tokko filannoo gaarii akka godhuuf maaltu isa gargaaruu dandaʼa?

Barumsawwan Macaafa Qulqulluu, namni tokko jireenyasaa keessatti daandii gaariirra deemuuf akka qophaaʼu isa gargaaruu dandaʼu. Lallabni 12:1, “Bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!” jedha. Atis taate dargaggoonni beektu, caalaatti ‘Uumaa keessan yaadachuu’ kan dandeessan akkamitti?

Wanta Eeriik * isa Afriikaa Dhihaatti argamu mudate ilaali. Kubbaa miillaa taphachuu ni jaallata ture. Yeroo umriinsaa waggaa 15 guututti garee biyyaa keessatti akka taphatuuf filatame. Kunis utuu baayʼee hin turin Awurooppaa keessatti leenjii cimaa taphataa beekamaa isa godhu argachuuf kan isa gargaarudha. Gorsa, “Uumaa kee yaadadhu” jedhu hojiirra oolchuu kan dandaʼu akkamittiree? Kunoo siifis taʼe hiriyootakee dargaggoota taʼaniif barumsa akkamii argamsiisa?

Eeriik barumsarra utuma jiruu Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe. Sana booda, Waaqayyo rakkina ilmaan namootaatiif furmaata akka kennu barate. Eeriik yeroofi humnasaatti fedhii Waaqayyoo raawwachuuf itti fayyadamuunsaa barbaachisaa akka taʼe hubate. Barumsa kana erga argatee booda garuu taphataa beekamaa taʼuuf carraaquu dhiise. Kanaa mannaa, cuuphamuudhaan karaa hafuuraa guddina argisiisuu jalqabe. Yeroo booda tajaajilaa gumii kan taʼe siʼa taʼu, boodammoo Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Obboloota Qeentee taʼaniif qophaaʼe akka galu afeerame.

Eeriik ispoortii kanarratti hirmaachuusaa utuu itti fufeera taʼee, beekamummaafi qabeenya argachuu dandaʼa ture. Haataʼu malee seera buʼuuraa isa, “Qabeenyi warra sooreyyii isaaniif mandara daʼoo qabuu dha, akka dallaa dhedheeroottis isa in lakkaaʼu” jedhu hubate. (Fak. 18:11) Eeyyee, carraaqqiin namni tokko karaa qabeenyaa eegumsa argachuuf godhu abjuudha. Kana malees, warri hawwiidhaan sooroma duukaa buʼan yeroo baayʼee ‘waraansa baayʼeedhaan of waraanu.’—1 Xim. 6:9, 10.

Kan nama gammachiisu garuu, dargaggoonni baayʼeen tajaajila yeroo guutuu keessa seenuudhaan gammachuufi eegumsa walirraa hin cinne argachaa jiru. Eeriik akkas jedheera: “‘Tuuta’ guddaa yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluu wajjin tajaajiluun jalqabe. Tuuta kanarra caaluu wajjin hojjechuu akkan hin dandeenye beeka; Yihowaan karaa gammachuu dhugaaniifi milkaaʼinni itti argamu waan natti argisiiseef baayʼeen isa galateeffadha.”

Atoo, galmawwan biyya lafaa duukaa buʼuu mannaa, qajeelchaa taʼuudhaan maaliif Yihowaa duratti “adeemsa kee” hin qajeelfattu?—Saanduqa “ Buʼaa Yunivarsiitiitti Hin Argamne Argachuu” jedhu ilaali.

DAANDII KEERRAA GUFUU KAAFACHUU

Waajjira damee Yuunaayitid Isteetis yeroo daawwatanitti abbaan manaafi haati manaa tokko gammachuu obboloonni achitti tajaajilan qaban hubachuu dandaʼaniiru. Yeroo booda haati manaa, “Jireenya qananii jiraanna turre” jetteetti. Hiriyoonni gaaʼelaa kun yeroofi humnasaanii mirgoota tajaajilaa hunda caalaniif oolchuuf murteessan.

Yeroo tokko jijjiiramni hiriyoonni gaaʼelaa kun gochuu barbaadan humnaa ol fakkaata ture. Garuu gaaf tokko, yaada caqasa guyyaa sanaarratti xiinxalan. Caqasichi Yohannis 8:31 siʼa taʼu, achirratti Yesus, “Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti” jedheera. Kana yaadatti qabachuudhaan akkas jedhan: “Jireenya keenya salphaa gochuuf wanti nuti goonu kamiyyuu aarsaan kaffalamuufii kan qabudha.” Mana jireenyaasaanii guddaa taʼe gurguruufi wantoota baʼaa itti taʼan kan biroos ofirraa buusuudhaan, gumii gargaarsa barbaadu tajaajiluu deeman. Yeroo ammaa qajeelchaa taʼanii kan tajaajilan taʼus, ijaarsa Galma Mootummaarratti ni hirmaatu, akkasumas walgaʼiiwwan koonyaarratti fedhaan of dhiheessuudhaan tajaajilu. Maaltu isaanitti dhagaʼama laata? “Wanta jaarmiyaan Yihowaa akka goonu nu jajjabeessu jechuunis, jireenya salphaa jiraachuudhaan gammachuu arganne baayʼee dinqisiifanna” jedhaniiru.

DAANDII GARA GUDDINA HAFUURAATTI GEESSUTTI CICHAA

Solomoon, “Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu, wanta ija kee dura jiru duwwaa ilaali!” jechuudhaan barreesseera. (Fak. 4:25) Akkuma konkolaachisaan karaa fuuldurasaa jirurratti xiyyeeffatu, wantoota xiyyeeffannaa keenya hihhiruudhaan akka nuti galmawwan hafuuraa hin baafanneefi bira hin geenye nu godhanirraa fagaachuu qabna.

Galmawwan hafuuraa akkamii baafattee bira gaʼuu dandeessa? Galmi gaariin inni tokko tajaajila yeroo guutuu keessa galuudha. Kan biraanimmoo gumii naannookee jiru, naannoon tajaajilaasaa balʼaa taʼeefi labsitoonni muuxannoo qaban itti barbaachisan deemtee tajaajiluudha. Yookiinimmoo, gumiin tokko babalʼistoota dammaqoo taʼan hedduu kan qabu taʼuyyuu, jaarsoliifi tajaajiltoota gumii gaʼaa taʼan hin qabu taʼa. Karaawwan kana keessaa isa tokkoon gargaaruu dandeessaa? Gargaaruu akka dandeessu beekuuf daawwataa olaanaa aanaa maaliif hin gaafattu? Naannoo fagoo deemtee tajaajiluuf fedhii qabda taanaanimmoo, waaʼee gumiiwwan fagootti argamaniifi gargaarsa barbaadanii odeeffannoo argachuu dandeessa. *

Mee seenaa Isaayaas 62:10⁠rratti ibsametti haa deebinu. Sabni Waaqayyoo bakka yaadan gaʼuu akka dandaʼaniif, Yihudoonni tokko tokko, karaa gara biyyasaaniitti geessu wal qixxeessuuf ciminaan hojjetanii taʼuu dandaʼa. Tajaajilaa wajjin haala wal qabateen galmawwan hafuuraarra gaʼuuf yaalaa jirta yoo taʼe abdii hin kutatin. Gargaarsa Waaqayyootiin galmawwan kanarra gaʼuu ni dandeessa. Gufuuwwan fuuldurakee jiran kaasuuf yeroo yaaltutti, Yihowaan ogummaa akka siif kennuuf kadhachuukee itti fufi. Yeroo booda Yihowaan ‘daandiikee akka wal qixxeeffattuuf’ akkamitti akka si gargaaruu dandaʼu argita taʼa.—Fak. 4:26.

^ key. 8 Maqaan jijjiirameera.

^ key. 18 Kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼe jedhamu fuula 111-112 ilaali. (Amaariffa)