Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Hoolaan Faasikaa Niisaan 14⁠tti saʼaatii meeqatti qalame?

Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko hoolaan Faasikaa kan qalame “dimimmisa galgalaatti,” jechuunis yommuu aduun lixxu, garuu guutummaatti utuu hin dukkanaaʼin akka taʼe ibsu. (Bau. 12:6)—12/15, fuula 18-19.

Miidhaa wal hiikuun miira keerratti geessisu moʼuu kan dandeessu akkamitti?

Gadda sitti dhagaʼamu hin ukkaamsin, namootarraa adda of hin baasin, fayyaa keetiif xiyyeeffannaa kenni, wantoota hiriyaa gaaʼelaakee duriirratti akka aartu si godhan of duraa fageessi, Yaada hin taanerraa fagaadhu, yaada nama miidhuufi namoonni kaan dubbataniif xiyyeeffannaa hin kennin, akkasumas Waaqayyoon kadhadhu.—Ama.-Bit. fuula 11-12.

Yesus Kiristosiin yaadachuu kan qabnu akkamitti?

Namoonni addunyaa maratti argaman hedduun, fakkii Yesus yeroo mucaa xinnoo ture argisiisu ni ilaalu. Haataʼu malee, Yesus yeroo hundumaa mucaa xinnoo akka taʼetti yaadachuu hin qabnu. Yeroo harʼaa Yesus Mootii taʼee samiirratti bulchaa jira. Yeroo dhihoottimmoo diinota Waaqayyoo hunda ni balleessa. Kun, Yesusiin ilaalchisee wanta yaadachuufi namoota kaanitti himuu qabnudha.—Ama.-Bit. fuula 14-15.

Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu dargaggoonni filannaa ogummaarratti hundaaʼe gochuuf isaan gargaaran kamfaʼi?

Kanneen keessaa sadii (1) Duraan dursanii yaada ofii Mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaa barbaaduutti hidhuu. (Mat. 6:19-34) (2) Warra kaan tajaajiluudhaan gammachuu argachuu. (HoE. 20:35) (3) Bara dargaggummaatti Waaqayyoon tajaajiluudha. (Lal. 12:1)—1/15, fuula 19-20.

“Guyyaan gaaʼela hoolichaa” yoomi? (Mul. 19:7)

“Guyyaan gaaʼela hoolichaa,” Yesus Kiristos inni Mootii taʼe injifannoo erga argatee booda jechuunis, Baabilon guddittiin erga balleeffamteefi waraanni Armaagedoon erga geggeeffamee booda taʼa.—2/15, fuula 10.

Yihudoonni jaarraa jalqabaa Masiihicha “eeggachaa” kan turan maalirratti hundaaʼaniiti? (Luq. 3:15)

Yihudoonni jaarraa jalqabaatti turan Raajii Daaniʼel isa waaʼee Masiihichaa dubbatu hamma keenya hubataniiru jedhanii dubbachuun rakkisaadha. (Dan. 9:24-27) Taʼus, oduu ergamaan Waaqayyoo tiksitootatti hime dhagaʼaniiru ykn yeroo Haannaa raajittiin mana qulqullummaa keessatti Yesus isa mucaa ture argitetti wanta isheen dubbatte dhagaʼaniiru taʼa. Akkasumas, ogeeyyiin urjii lakkaaʼan ‘isa mootii Yihudootaa taʼee dhalate’ ilaaluu dhufanii turan. (Mat. 2:1, 2) Boodammoo Yohannis Cuuphaan, Kiristos yeroo dhihootti akka mulʼatu dubbatee ture.—2/15, fuula 26-27.

Eeyyeen keenya Lakkii akka hin taane gochuu kan dandeenyu akkamitti? (2 Qor. 1:18)

Wanti humna keenyaa ol taʼe yeroo nu mudatu wanta dubbannu hojiirra oolchuun nutti ulfaachuu akka dandaʼu beekamaadha. Haataʼu malee, waadaa seenne eeguuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu qabna.—3/15, fuula 32.

Kiristiyaanni tokko qarshii argachuuf jecha maatiisaa dhiisee biyya alaa deemuunsaa miidhaa akkamii qaba?

Warriifi ijoolleen yoo waliin jiraachuu baatan ijoolleen karaa miiraa miidhamuufi amallisaanii mancaʼuu dandaʼa. Abbaa ykn haadhasaaniitti mufachuu dandaʼu. Akkasumas namoonni hiriyaa gaaʼelaasaaniirraa fagaatanii jiraatan saalqunnamtii raawwachuuf qoramuu dandaʼu.—4/15, fuula 19-20.

Gaaffileen yommuu tajaajilarratti namoota haasofsiisnu yaadachuu qabnu arfan kamfaʼi?

Namoota akkamiin haasofsiisaa jira? Eessattan isaan haasofsiisaa jira? Yeroon namoota haasofsiisuuf mijataa taʼe kamidha? Haala akkamiitiinan isaan haasofsiisuu qaba?—5/15, fuula 12-15.