Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Abbaa Dhabus—Abbaa Argadheera

Abbaa Dhabus—Abbaa Argadheera

ABBAANKOO kan dhalate Giraatsi, Ostiriyaa keessatti bara 1899⁠tti siʼa taʼu, yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti dargaggeessa ture. Akkuma Waraanni Addunyaa Lammaffaan bara 1939⁠tti jalqabeen raayyaa waraanaa Jarmanitti makame. Achiis bara 1943⁠tti Raashiyaatti waraanarra utuu jiruu ajjeefame. Kan nama gaddisiisu, abbaakoo kanan dhabe umriikoo waggaa lamaattidha. Abbaakoo beekuuf carraa hin arganne; keessattuu ijoolleen wajjin baradhu abbaa akka qaban ennaan hubadhu abbaa dhabuu kootti baayʼee natti dhagaʼama ture. Yeroo booda, utuun umrii waggoota kurnaniirra jiruu, waaʼee Abbaa keenya isa samii, Abbaa isa hunda caaluufi sirumaa duʼuu hin dandeenyee dhugaasaa barachuudhaan jajjabina argadheera.—An. 1:12.

YEROON MISEENSA GAREE BOOY ISKAAWUTS TAʼUUDHAAN DABARSE

Ijoollummaasaatti

Ennaa umriinkoo waggaa torba taʼu miseensa warraaqsa dargaggootaa Booy Iskaawuts jedhamuun taʼe. Booy Iskaawuts dhaabbata addunyaa maraa bara 1908⁠tti Biritaaniyaa Guddittiitti, Roobarti Istiifansan Ismiiz Baadan Poowal isa raayyaa waraana Biritaaniyaatti ittaanaa janaraalaa taʼeen hundeeffamedha. Namichi kun bara 1916⁠tti ijoollee umrii koorratti argamaniif dhaabbata Woolf Kaabsi (ykn Kaab Iskaawuts) jedhamu hundeesseera.

Sanbataafi Dilbata iddoo gara biraa deemnee dunkaana keessa buluu, yuunifoormii uffachuufi muuziqaa dhagaʼamu faana deemuu baayʼeen jaalladha ture. Keessumaa galgala galgala yeroo ibidda bobaʼutti marsinee faarfannuufi bosona keessatti taphannu dabalatee, yeroo gareewwan Iskaawuts kaanii wajjin dabarsinu baayʼeen jaalladha ture. Waaʼee uumamaa isa hojii Uumaa keenyaa akkan dinqisiifadhu na godhee waan hedduu baranneerra.

Dhaabbatichi yeroo hunda waan gaarii raawwachuu jajjabeessa ture. Kun qajeelfama ittiin geggeeffamnu ture. Jechoota, “Yeroo Hunda Qophaaʼoo Taʼuu” jedhaniin nagaa wal gaafanna turre. Kunis baayʼee na gammachiisa ture. Ijoollee garee keenyaa dhibba caalan keessaa, walakkaansaanii Kaatolikii, walakkaansaanii Piroteestaantii ennaa taʼan, tokkommoo amantii Budihaa hordofa ture.

Bara 1920 kaasee, dhaabbatichaa wajjin haala wal qabateen walgaʼiiwwan addunyaa maraa ykn qophiiwwan addaddaa turtii waggoota muraasaatiin ni godhamu turan. Walgaʼii Addunyaa Maraa Hagayya 1951⁠tti yeroo torbaffaadhaaf Ostiriyaa, Baa Ishilitti dhaabbatichaa wajjin godhamerratti, akkasumas Walgaʼii Addunyaa Maraa Hagayya 1957⁠tti yeroo salgaffaadhaaf Saataan Paark ishee biyya Ingilaandi magaalaa Barmiingihaamitti dhihoo jirtutti godhamerratti argameen ture. Yeroo boodas, miseensonni dhaabbatichaa biyyootaafi naannoowwan 85 keessaa dhufaniifi 33,000 taʼan argamanii turan. Akkasumas, Mootuu Ingilaandi Elizaabetiin dabalatee namoonni 750,000 taʼan qophicharratti nuu wajjin argamaniiru. Anaaf haallisaa akkuma obbolummaa addunyaa maraa ture. Haataʼu malee, yeroo dhihootti obbolummaa caalaatti dinqisiisaa taʼe, jechuunis obbolummaa hafuuraatti akkan makamu hin hubannen ture.

YEROO JALQABAATIIF DHUGAA BAATUU YIHOWAA TOKKOO WAJJIN WAL ARGUU

Rudii Chiigar inni keekii hojjetuu, nama yeroo jalqabaatiif dhugaa natti himedha

Bara 1958 waqtii arfaasaatti, hoteela Giraandi Hoteel Viislar jedhamuufi Giraatsi, Ostiriyaatti argamutti leenjiin keessumsiisaa taʼuudhaan fudhachaa ture xumuruu jala gaʼeen ture. Achitti, namichi Rudoolf Chiigar jedhamuufi iddoo hojii keenyaatti keekii hojjetu karaa alidilee taʼeen dhugaa natti hime. Sana dura waaʼee dhugaa sirumaa dhagaʼee hin beeku. Jalqaba waaʼee barumsa Sillaasee kaasee, barumsi kun Macaafa Qulqulluurratti kan hin hundoofne taʼuusaa natti hime. Yeroo kanatti barumsa Sillaaseedhaaf falmuudhaan, ilaalchisaa dogoggora akka taʼe isaaf mirkaneessuun barbaade. Baayʼee waanan isa jaalladhuuf, gara amantii Kaatolikiitti isa deebisuu barbaadeen ture.

Rudoolf inni Rudii jennee isa waamnu Macaafa Qulqulluu naa fide. Macaafichi maxxansa Kaatolikii taʼuu akka qabu itti himeen ture. Macaaficha dubbisuu akkuman jalqabeen, tiraaktii Waldaa Masaraa Eegumsaatiin maxxanfameefi Rudiin macaaficha keessa kaaʼen argadhe. Barreeffamni akkasii dhugaa kan fakkaatu taʼus dhugaa taʼuu dhiisuu akka dandaʼu waan natti dhagaʼamuuf dubbisuu hin barbaadun ture. Taʼus isaa wajjin maree Macaafa Qulqulluu gochuuf fedhii qaban ture. Rudiin nama hubannaa qabu waan taʼeef, sana booda barreeffama naaf hin fidne. Gara jiʼoota sadiitiif darbee darbee hanga galgalaatti maree Macaafa Qulqulluu ni goona turre.

Leenjii hoteelaa iddoo dhalootaakoo kan taʼe Giraatsitti fudhadhu ergan xumuree booda, haatikoo mana barumsaa bulchiinsa hoteelaa tokkotti barumsa dabalataa akkan baradhu haala naa mijeessite. Kanaaf barumsa kana barachuuf, gara magaalaa xinnoo sulula Alpiis keessatti argamtuufi Baa Hofgastaayin jedhamtuun deeme. Manni barumsichaa hoteela magaalaa kanatti argamuufi Giraand Hoteel jedhamuu wajjin waan hojjetuuf, yeroo tokko tokko muuxannoo argachuuf achittis nan hojjedhan ture.

OBBOLEETTOTA MISIYOONII TAʼAN LAMAA WAJJIN WAL ARGUU

Ilsee Uuntadelfariifi Elfiriide Leeyer bara 1958⁠tti Macaafa Qulqulluu na qayyabsiisuu jalqaban

Rudiin teessookoo waajjira damee Viyeenaatti argamutti erge; waajjirichimmoo obboleettota misiyoonii taʼaniifi Ilsee Uuntadelfariifi Elfiriide Leeyer jedhamanitti erge. * Gaaf tokko namni hoteelatti keessummoota simatu na waamee, dubartoonni konkolaataa keessa jiran lama na haasofsiisuu akka barbaadan natti hime. Waanan isaan hin beekneef naʼeen ture. Taʼus eenyu akka taʼan ilaaluufan gad baʼe. Yeroo booda, obboleettonni kun Waraana Addunyaa Lammaffaa dura, yeroo hojiin lallabaa keenya Jarmanitti bulchiinsa Naaziitiin dhorkamee turetti Dhugaa Baatota dhoksaadhaan barreeffamoota addaddaa deddeebisaa turan taʼuusaaniin hubadhe. Waraanichi jalqabuusaa durallee poolisoota Jarman Geestaappoo jedhamaniin qabamanii gara mana hidhaa Liishtanbargi geeffamanii turan. Waraanichi erga jalqabee boodammoo, gara kaampii Raavansibargi ishee Barliinitti dhihoo jirtuutti geeffaman.

Obboleettonni kun umrii haadha koorratti kan argaman waan taʼaniif baayʼeen isaan kabaja ture. Amma isaanii wajjin mariʼadhee torban ykn jiʼa muraasa booda itti fufuu akkan hin barbaanne isaanitti himuu mannaa, yeroosaanii jalaa gubuu akkan hin barbaanne ammuma itti himuu akkan qabu natti dhagaʼamee ture. Kanaaf, barumsa Kaatolikii isa waaʼee ergamoota Kiristoos bakka buʼuu dubbatu ilaalchisee caqasoota akka naa kennanin isaan gaafadhe. Achiis, luboota naannookoo jiranitti geessee isaanii wajjin akkan irratti mariʼadhun itti hime. Ergan akkas godhee booda, dhugaan isa kam akka taʼe adda baafachuu akkan dandaʼu yaadeen ture.

WAAʼEE ABBAA DHUGAA ISA QULQULLUU TAʼEEFI SAMIIRRATTI ARGAMUU BARACHUU

Barumsi amantii Kaatolikii Roomaa waaʼee ergamoota Kiristos bakka buʼuu ilaalchisee, Phexros ergamaarraa jalqabee utuu walirraa hin kutin phaaphaasonni bakka ergamoota Kiristos akka buʼan dubbata. (Waldichi yaada Yesus Maatewos 16:18, 19⁠rratti dubbate karaa dogoggoraatiin fudhata.) Akka barumsa amantii Kaatolikiitti phaaphaasichi aangoo qabutti fayyadamee waaʼee barumsa amantii ennaa dubbatu hin dogoggoru jedhama. Yaada kanatti nan amanan ture; akkasumas yaada phaaphaasichi inni Kaatolikiin Abbaa Qulqulluu jettee waamtu akka barumsa Kaatolikiitti kan hin dogoggorre erga taʼee, barumsi inni Sillaasee ilaalchisee barsiisus dhugaa taʼuu akka qabu nan amanan ture. Ni dogoggora taanaan garuu wanti inni barsiisu soba taʼuu dandaʼa. Barumsi Kaatolikiin barsiistu kaan sirrii taʼuufi dhiisuunsaa barumsa waaʼee ergamoota Kiristos bakka buʼuu dubbaturratti kan hundaaʼe waan taʼeef, barumsa kanaaf bakka guddaa kennuunsaanii kan nama ajaaʼibsiisu miti!

Lubicha bira ennaan dhaqu gaaffiiwwan kootiif deebii kennuu waan hin dandeenyeef, kitaaba Kaatolikii waaʼee ergamoota bakka buʼuu dubbatu naaf kenne. Achii gara manaa deemee akkuma inni naan jedhe ergan dubbisee booda, gaaffiiwwan dabalataa qabadheen deebiʼee garasaa deeme. Dhumarrattis lubichi gaaffiikoo deebisuu waan hin dandeenyeef, “Ani si amansiisuu hin dandaʼu, atis na amansiisuu hin dandeessu. . . . Waan gaariin siif hawwa!” naan jedhe. Sana booda naa wajjin mariʼachuu hin barbaanne.

Yeroo kanatti, Ilseefi Elfiriidee wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuufan murteesse. Isaanis waaʼee Abbaa dhugaa isa qulqulluu taʼeefi samiirratti argamuu, jechuunis waaʼee Yihowaa waan baayʼee na barsiisan. (Yoh. 17:11) Naannoo sana gumiin kan hin jirre siʼa taʼu, obboleettonni lamaan sun walgaʼii kan gaggeessan mana maatii dhugaadhaaf fedhii qaban tokko keessattidha. Namoonni walgaʼicharratti argamanis baayʼee muraasadha. Obboleessi cuuphameefi haasaa dhiheessu waan hin jirreef, obboleettonni sun walii wajjin mareedhaan kutaawwan dhiheessu turan. Darbee darbee, obboleessi naannoo kan biraatii dhufu tokko mana kireeffame keessatti haasaa nuu kenna ture.

TAJAAJILARRATTI HIRMAACHUUN JALQABE

Ilseefi Elfiriideen Onkoloolessa 1958⁠tti Macaafa Qulqulluu na qayyabsiisuu kan jalqaban siʼa taʼu, jiʼa sadii booda, jechuunis Amajjii 1959⁠tti nan cuuphame. Cuuphamuukoo dura hojiin lallabaa akkamitti akka hojjetamu ilaaluudhaaf manaa gara manaatti isaanii wajjin deemuufan isaan gaafadhe. (HoE. 20:20) Yeroo jalqabaatiif ergan isaanii wajjin tajaajilee booda, naannoo tajaajilaa akka naa kennanin isaan gaafadhe. Mandara tokko kan naa ramadan siʼa taʼu, kophaakoo achi dhaqee manaa gara manaatti tajaajiluudhaan namoota fedhii qabaniifis deddeebii gaaffii godheera. Obboleessin yeroo jalqabaatiif manaa gara manaatti wajjin tajaajile daawwataa olaanaa yeroo booda nu daawwachuu dhufedha.

Bara 1960⁠tti barumsa hoteelaa barachaa ture ergan xumuree booda, firoonnikoo dhugaa Macaafa Qulqulluu akka baratan gargaaruuf gara magaalaa ani itti dhaladhettan deebiʼe. Hamma ammaatti isaan keessaa tokkollee gara dhugaatti kan hin dhufne taʼus, muraasnisaanii hamma tokko fedhii akka qaban argisiisaniiru.

JIREENYA TAJAAJILA YEROO GUUTUU

Umriikoo waggaa 20⁠niitti

Bara 1961⁠tti xalayaan qajeelchaa taʼuu jajjabeessuufi waajjira dameedhaa ergame gumiitti dubbifamee ture. Anis qeenteefi fayya buleessa waanan taʼeef, qajeelchaa taʼuuf wanti natti ulfaatu akka hin jirre natti dhagaʼame. Achiis Kuurti Kuun isa daawwataa olaanaa taʼee tajaajilutti, konkolaataa qajeelchaa taʼee tajaajiluudhaaf na gargaaru ittiin bitachuuf jiʼoota muraasaaf hojii hojjechuu akkan yaaden itti hime. Yeroo kanatti, “Yesusiifi ergamoonnisaa tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuuf konkolaataan isaan barbaachisee ture?” naan jedhe. Gorsisaa kun baayʼee na fayyadeera! Hamman dandaʼe dafee qajeelchaa taʼuufan karoora baafadhe. Haataʼu malee, torban torbaniin saʼaatii 72f hoteelatti waanan hojjedhuuf dura sirreeffama gochuun qaba ture.

Hogganaankoo torbanitti saʼaatii 60 akkan hojjedhu akka naa heyyamuun gaafadhe. Innis yaadan dhiheesse kan fudhate siʼa taʼu, mindaakoo durii naa kaffaluusaa itti fufe. Yeroo muraasa boodammoo, torbanitti saʼaatii 48 qofa hojjechuu akkan barbaadun itti hime. Yeroo kanattis kan naa heyyame siʼa taʼu, mindaankoos isuma duraanii ture. Achiis guyyaa jaʼaaf saʼaatii jaʼa jaʼa, jechuunis torbanitti saʼaatii 36 hojjechuu akkan barbaadun itti hime. Ammas naaf heyyamuudhaan mindaakoo duraanii ennaa naa kaffalu baayʼeen dinqisiifame! Hogganaankoo kana kan godhe na dhabuu waan hin barbaanneefidha. Sana booda qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Yeroo sanatti qajeelchaan tokko jiʼatti saʼaatii 100 tajaajilarratti dabarsuu qaba ture.

Jiʼoota afur booda, gumii magaalaa xinnoo kutaa Kaarantiyaatti argamuufi Ishpitaal an dar Diraaw jedhamu keessa jirutti qajeelchaa addaafi tajaajilaa gumii taʼeen muudame. Yeroo sanatti qajeelchaan addaa tokko jiʼatti saʼaatii 150 tajaajilarratti dabarsuu qaba ture. Hiriyaa tajaajilaa kanan hin qabne taʼus, obboleettiin Gartuud Lobnar jedhamtuufi gargaartuu tajaajilaa gumii taatee tajaajilaa turte tajaajilarratti na gargaarti turte. *

HOJII ADDADDAARRATTAN RAMADAME

Bara 1963⁠tti daawwataa olaanaa aanaa taʼee akkan tajaajilun afeerame. Yeroo tokko tokko gumiidhaa gara gumiitti kanan deemu baaburaan siʼa taʼu, boorsaa baʼaa ulfaataa qabate baadheen deema ture. Obboloonni hedduun konkolaataa waan hin qabneef, namni iddoo buufata baaburaatii dhufee na simatu hin jiru ture. Kanaaf gara manan itti boqodhuu ennaan deemu of argisiisuu akka natti hin taaneef taaksii utuu hin yaabbatin miillumaanan deema ture.

Bara 1965⁠tti qeentee kanan ture siʼa taʼu, Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 41⁠ffaarratti akkan hirmaadhun afeerame. Obboloonni ani wajjin baradhe hedduunis qeentee turan. Ergan eebbifame booda Ostiriyaa biyya kootti hojii daawwannaa akkan itti fufuuf ennaan ramadamu baayʼeen dinqisiifame. Haataʼu malee, Yuunaayitid Isteetisii deemuukoo dura jiʼa afuriif daawwataa olaanaa tokkoo wajjin akkan hojjedhun gaafatame. Obboleessa jaalala qabeessa taʼeefi Antoonii Koonta jedhamu, isa tajaajila dirree jaallatuufi tajaajila kanarrattis buʼa qabeessa taʼee wajjin tajaajiluuf mirga argachuunkoo baayʼee na gammachiiseera. Niiwu Yoorki, naannoo Korniwoolitti waliin tajaajilleerra.

Guyyaa cidha keenyaatti

Ergan Ostiriyaa dhufee booda, aanaa tokkottan ramadame; bakka kanatti obboleettii qeentee ija namaatti toltuufi Toov Meretee jedhamtuu wajjinan wal bare. Umriishee waggaa shanii jalqabee mana dhugaa keessatti guddatte. Yommuu obboloonni akkamitti akka wal barre nu gaafatan qoosaadhaan, “Waajjira dameetu haalasaa nuu mijeesse” isaaniin jenna. Waggaa tokko booda, jechuunis Ebla 1967⁠tti kan wal fuune siʼa taʼu, hojii daawwannaa akka itti fufnus nuu heyyamame.

Waggaa ittaanutti, gaarummaasaa isa naaf hin malleen Yihowaan ilma hafuuraasaa akkan taʼu akka na filateen hubadhe. Yeroo sanaa jalqabee akkuma Roomaa 8:15⁠rratti ibsametti, akkuma obboloota “Abbaa keenya” jedhan kaanii Abbaakoo isa samii wajjin walitti dhufeenya addaan qabaadhe.

Aniifi Mereteen hanga bara 1976⁠tti hojii aanaafi koonyaarratti hojjenneerra. Yeroo tokko tokko tibba gannaa baayʼee qorrutti mana meeshaa mana hoʼisu hin qabne keessa bulla turre. Yeroo tokko, yommuu hirribaa dammaqnu fiixeen birdilibsii keenyaa hafuura baafannuun jiidheefi addaatee argine. Dhumarrattis, galgala galgala akka nutti hin qorrineef meeshaa xinnoo mana hoʼisuufi elektiriikiidhaan hojjetu fudhannee deemuuf murteessine. Naannoowwan tokko tokkotti, halkan mana boolii fayyadamuuf cabbiifi qilleensa cimaa keessa deemna. Mana ofii waan hin qabneef, guyyaa Wiixataas manuma torban sana itti boqonnetti dabarsina. Achiis, Kibxata ganama gara gumii ittaanu deemna.

Waggoottan sana hundatti haati manaakoo deggersa guddaa naa gooteetti. Tajaajila baayʼee waan jaallattuuf, tajaajila akka baatu matumaa ishee jajjabeessuun na hin barbaachisne. Obboloota kan jaallattu siʼa taʼu, namoota kaaniif baayʼee yaaddi. Kunimmoo gargaarsa guddaa naa taʼeera.

Bara 1976⁠tti waajjira damee Ostiriyaa isa magaalaa Viyeenaatti argamutti akka tajaajillu kan afeeramne siʼa taʼu, achittis miseensa Koree Waajjira Damee taʼeen muudame. Yeroo sanatti, waajjirri damee Ostiriyaa hojii biyyoota hedduu Baha Awurooppaatti argaman keessatti hojjetamu waan toʼatuuf, waajjirichi haala gara biyyoota sanaatti barreeffamni dhoksaadhaan itti ergamu ni mijeessa ture. Obboleessi keenya Yuurgan Ruundel fedhii guddaadhaan hojii kana toʼata ture. Anis isaa wajjin hojjechuuf mirga kanan argadhe yommuu taʼu, yeroo boodammoo hojii hiikkaa afaanota Baha Awurooppaa kudhaniin hojjetamu akkan geggeessun gaafatame. Yuurganiifi haati manaasaa Gartuud Jarman keessa amanamummaadhaan qajeelchitoota addaa taʼanii tajaajiluusaanii itti fufaniiru. Bara 1978 jalqabee, waajjirri damee Ostiriyaa barruulee afaan jaʼaan qophaaʼan meeshaa maxxansaa xinnoo tokkotti fayyadamee maxxansa ture. Biyyoonni barruulee kana argachuuf gaaffii dhiheessan addaddaas kontiraata akka galan gooneerra. Otoo Kugliich inni yeroo ammaa haadha manaasaa Ingiriitii wajjin waajjira damee Jarmanitti tajaajilaa jiru hojii kanarratti shoora guddaa qaba ture.

Ostiriyaatti karaarratti lallabuu dabalatee bifa tajaajilaa hedduurratti hirmaadheera

Obboloonni Baha Awurooppaatti argamanis maashinii barreeffamoota heddummeessutti fayyadamuudhaan ykn fiilmii koppiisaa qabaterraa baayʼisuudhaan biyyumasaanii keessatti barreeffama maxxansu turan. Taʼus, biyya kan biraatii gargaarsi isaan barbaachisa ture. Yihowaan sochii isaan godhanis taʼe hojii waajjira damee keessatti hojjetamaa tureef eegumsa godheera. Obboloota haala rakkisaa taʼe keessattiifi hojiin keenya dhorkamee utuu jiruu tajaajilasaanii raawwachaa turan sana baayʼee jaallanna.

DAAWWANNAA ADDAA RUMAANIYAATTI GOONE

Bara 1989⁠tti obboleessa keenya Tewoodor Jaaraaz isa miseensa Qaama Olaanaa taʼee wajjin gara Rumaaniyaa dhaquufan mirga argadhe. Kaayyoon achi itti deemne, gareen obboloota hedduu qabate tokko gara jaarmiyichaatti akka deebiʼu gargaaruufidha. Obboloonni kun bara 1949 kaasee sababii addaddaatiin jaarmiyicha keessaa baʼanii gumiiwwan ofiisaanii hundeessanii turan. Taʼus, lallabuufi namoota cuuphuu itti fufanii turan. Akkuma obboloonni miseensota gumii isa waajjira muummee biratti fudhatama qabuu gochaa turan, dhimma siyaasaa keessa seenuu diduusaaniitiin kan kaʼe ni hidhamu turan. Rumaaniyaatti hojiin lallabaa keenya akkuma dhorkametti ture; kanaaf jaarsolii gumii obboloota biratti iddoo guddaa qaban afuriifi bakka buutota Koree Biyyaa Rumaaniyaa jaarmiyicha biratti beekamtii argatanii wajjin taanee mana obboleessa keenya Paamfil Albuutti dhoksaadhaan walgeenye. Ostiriyaadhaa obboleessa Rolf Kalnar jedhamuufi afaan nuu hiiku qabannee deemnee turre.

Maree galgala ittaanu goonerratti obboleessi keenya Albuun, jaarsolii isaa wajjin tajaajilan afur nuu wajjin tokkummaa akka uuman amansiisuuf, “Amma tarkaanfii hin fudhannu taanaan, matumaa carraa garabiraa hin argannu” isaaniin jedhee ture. Yeroo booda, obboloonni 5,000 taʼan gara jaarmiyichaatti deebiʼaniiru. Haalli kun Yihowaadhaaf injifannoo guddaa siʼa taʼu, Seexanaafimmoo qaanii guddaadha!

Dhuma bara 1989⁠tti, Baha Awurooppaatti sirni Koominiizmii kufuusaa dura, Qaamni Olaanaan aniifi haati manaakoo waajjira muummee Niiwu Yoorkitti argamutti akka tajaajillu nu afeere. Kun taʼuunsaa baayʼee nu dinqisiisee ture. Adoolessa 1990⁠tti Biruukiliin Betʼelitti tajaajiluu jalqabne. Bara 1992⁠tti gargaaraa Kutaa Tajaajilaa Qaama Olaanaa taʼee kanan muudame siʼa taʼu, Adoolessa 1994 kaaseemmoo miseensa Qaama Olaanaa taʼee tajaajiluufan mirga argadhe.

YEROO DARBE YAADACHUUFI YEROO GARA FUULDURAARRATTI XIYYEEFFACHUU

Haadha manaakoo wajjin Biruukiliin, Niiwu Yoorkitti

Hoteela keessatti ergan hojjedhe waggoonni hedduun darbaniiru. Ammammoo, obboloota addunyaa maratti argamaniif nyaata hafuuraa qopheessuufi raabsuurratti hirmaachuuf mirga argachuu kootti baayʼeen gammada. (Mat. 24:45-47) Waggoota 50 tajaajila yeroo guutuu addaa keessatti dabarse duubatti deebiʼee yeroon ilaalu, karaan Yihowaan obbolummaa addunyaa maraa itti eebbise baayʼee na dinqisiisa. Walgaʼii biyyoolessaa keenya isa waaʼee Abbaa keenya isa samiifi dhugaa Macaafa Qulqulluu itti barannu baayʼeen jaalladha.

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kan biraan Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan dhugaa akka fudhatan, akkasumas obboloota keenya addunyaa maratti argamanii wajjin tokko taʼuudhaan Yihowaa akka tajaajilan nan kadhadha. (1 Phe. 2:17) Yeroon samiirra taaʼee lafarratti ennaa namoonni duʼaa kaafaman itti ilaaluufi abbaakoo itti argadhu hawwiidhaanan eeggadha. Abbaankoo, haatikoofi firoonnikoo kaan Jannata keessatti Yihowaa waaqeffachuuf fedhii akka qabaatan nan abdadha.

Yeroon samiirra taaʼee lafarratti ennaa namoonni duʼaa kaafaman itti ilaaluufi abbaakoo itti argadhu hawwiidhaanan eeggadha

^ key. 15 Seenaa jireenyaasaanii Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 1979⁠rraa ilaali. (Ingiliffa)

^ key. 27 Yeroo ammaa, iddoo tajaajilaa gumiifi gargaaraa tajaajilaa gumii, qaama jaarsolii keessatti qindeessaa qaama jaarsoliifi barreessaa gumiitu jira.