Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru—Maayikrooneeshiyaa
KAATRIIN kan guddatte Yunaayitid Isteetisitti yommuu taʼu, umrii waggaa 16tti cuuphamte. Tajaajilarratti akka gaariitti kan hirmaattu taʼus, namoonni naannoo tajaajilaashee jiran misiraachoo Mootummichaa hin fudhatan turan. Akkas jetteetti: “Muuxannoo waaʼee namoota Waaqayyo nama isa beekuuf isaan gargaaru akka isaaniif ergu kadhatanii ibsu dubbiseera. Yeroo baayʼee nama akkasii argachuuf hawwaa kanan ture taʼus argadhee hin beekun ture.”
Kaatriin waggoota hedduudhaaf naannoodhuma sana keessatti erga tajaajiltee booda, bakka namoonni ergaa Mootummichaa fudhachuuf caalaatti fedhii qaban deemtee tajaajiluuf murteessite. Haataʼu malee, naannoo fagoo deemtee tajaajiluu dandaʼuuf dhiisuunshee ishee yaaddessee ture. Jireenyashee keessatti maatiisheerraa fagaattee kan deemte siʼa tokko qofa torban lamaaf yommuu taʼu, yeroo kanatti al baayʼee maatiisheefi michootashee ni yaaddi turte. Haataʼu malee, namoota Yihowaa beekuu barbaadan gargaaruuf fedhii guddaa waan qabduuf rakkina kana moʼuu dandeesseetti. Iddoowwan deemtee tajaajiluu dandeessurratti erga yaaddee booda, odeeffannoo barbaachisaa taʼe argachuuf waajjira damee Guwaam jirutti barreessite. Kaatriin Adoolessa 2007 yommuu umriinshee waggaa 26 taʼetti, odoola Garba Paasifiik keessatti argamtuufi Saayippaan jedhamtutti tajaajiluuf biyyasheerraa kiilomeetira 10,000 fagaattee deemte. Bakka sana deemuudhaan muuxannoo akkamii argatte laata?
DEEBII KADHANNAA LAMAAF KENNAME
Kaatriin akkuma gumii haaraa sana geesseen dubartii Dooriis jedhamtu, umrii walakkeessa waggoota 40nii keessatti argamtuufi Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii qabdu argatte. Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu hanga boqonnaa sadiitti erga qayyabatanii booda Kaatriin yaaddaʼuu jalqabde. Akkas jetteetti: “Dooriis qayyabannaasheetti cimtuu waan taateef, barumsa argachuu qabdu utuu hin argatin akka haftu hin barbaadu. Haala dhaabbataa taʼeen qayyabanna Macaafa Qulqulluu geggeessee kanan hin beekne taʼuusaarrayyuu, obboleettiin muuxannoo qabduufi umriisheerratti argamtu utuu ishee qayyabsiistee gaarii akka taʼu natti dhagaʼame.” Kaatriin Yihowaan obboleettii qayyabannaashee kana itti kennuu dandeessu argachuuf akka ishee gargaaru kadhatte. Achiis, namni garabiraan akka ishee qayyabsiisu Dooriisitti himuuf murteessite.
Kaatriin akkas jetteetti: “Dhimma kana kaasuukoo dura, Dooriis rakkinashee tokkorratti na mariisisuu akka barbaaddu natti himte. Erga isheen natti himtee booda, Yihowaan rakkina isa kanshee wajjin wal fakkaatu tokko moʼuuf akkamitti akka na gargaaren isheetti hime. Isheenis na galateeffatte.” Achiis Dooriis akkas isheedhaan jette: “Yihowaan sitti fayyadamee na gargaaraa jira. Guyyaa ati jalqaba manakoo dhuftetti saʼaatii
dheeraadhaaf Macaafa Qulqulluu dubbisaan ture. Waaqayyo nama akkan Macaafa Qulqulluu hubadhu na gargaaru akka naaf ergu kadhachaan ture. Yeruma sana ati balbala manakoo rurrukutte. Yihowaan haala kanaan kadhannaa kootiif deebii kenne.” Dooriis yommuu kana dubbattutti Kaatriin imimmaan qabachuu hin dandeenye. Akkas jetteetti: “Wanti Dooriis dubbatte deebii kadhannaa kootiiti. Yihowaan ishee qayyabsiisuukoo itti fufuu akkan dandaʼu naa mirkaneesseera.”Dooriis bara 2010tti kan cuuphamte ennaa taʼu, yeroo ammaa namoota hedduu Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa jirti. Kaatriin, “Fedhii ani yeroo dheeraa dura namoonni garaa qajeelaa qaban Yihowaa akka beekan gargaaruuf qabu waan naa guuteef baayʼeen isa galateeffadha!” jetteetti. Kaatriin yeroo harʼaa, odoola Paasifiikitti argamtuufi Kosraaʼee jedhamtutti qajeelchituu addaa taatee gammachuudhaan tajaajilaa jirti.
RAKKOOWWAN SADAN ISAAN MUDATAN KAN MOʼAN AKKAMITTI?
Obbolootaafi obboleettonni dhibba tokkoo ol taʼan (waggaa 19 hanga 79 gidduutti argaman) Maayikrooneeshiyaatti bakka labsitoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajilaa jiru. Eriikaa isheen bara 2006tti yommuu umriinshee waggaa 19 turetti biyya Guwaam deemtee tajaajiluu jalqabde, miira labsitoota hinaaffaa qaban kanaa akkas jechuudhaan ibsiteetti: “Naannoo namoonni dhugaa dhagaʼuuf fedhii guddaa qaban itti argamanitti qajeelchaa taʼanii tajaajiluun baayʼee nama gammachiisa. Yihowaan tajaajila akkasiirratti akkan hirmaadhu waan na gargaareef baayʼeen isa galateeffadha. Qajeelchaa taʼanii tajaajiluun karaa jireenyaa hundarra caaludha!” Yeroo harʼaa Eriikaan Eebii ishee Odoola Maarshaalitti argamtutti qajeelchituu addaa taatee tajaajilaa jirti. Biyya alaa deemanii tajaajiluun ulfaataa akka taʼe beekamaadha. Mee rakkoowwan obboloota Maayikrooneeshiyaa deemanii tajaajilaa jiran mudatan keessaa sadii haa qorru.
Akkaataa jireenyaa. Saayiman inni bara 2007tti yommuu umriinsaa waggaa 22 turetti gara Paalaawuu dhaqe, utuma hin turin qarshii inni achitti argatu isa Ingilaanditti argachaa turerra baayʼee akka xinnaatu hubate. Akkas jedheera: “Wantan barbaade hunda bituu akkan hin qabne barachuun qaba ture. Amma nyaatan bitachuu qabu of eeggannoodhaan kanan filadhu yommuu taʼu, bakka gatii rakasaan itti gurguramu deemeen bitadha. Miʼi tokko yoo na jalaa cabe, kutaa miʼa sanaa bakka miʼi moofaa itti gurguramu deemee bitachuudhaan namni tokko akka naa suphu gochuufan yaala.” Akkaataa jireenyaa salphaa taʼe jiraachuunsaa maalfaa isa barsiiseera? Akkas jedheera: “Wanta jireenya keessatti barbaachisaa taʼe beekuufi gatii rakasaan bitachuus kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe akkan baradhu na gargaareera. Yihowaan haalawwan garaagaraa keessatti eegumsa akka naaf godhe arguu dandaʼeera. Waggoottan torban asitti tajaajile keessatti wantan nyaadhuufi bakkan ciisu dhabee hin beeku.” Yihowaan namoota fedhii Mootummichaa dursuu waan barbaadaniif akkaataa jireenyaa salphaa taʼe jiraatan akka eebbisu hin shakkisiisu.—Mat. 6:32, 33.
Maatiifi michoota yaaduu. Eriikaan akkas jetteetti: “Maatiikoo wajjin baayʼee walitti dhihaanna; kanaaf isaan yaaduun tajaajila koorratti dhiibbaa akka hin goone sodaadheen ture.” Gama kanaan of qopheessuuf maal goote? Akkas jetteetti: “Bakka sana deemuukoo dura matadureewwan Masaraa Eegumsaa waaʼee maatiifi
michoota yaaduu ibsanan dubbise. Akkas gochuunkoo of qopheessuuf na gargaareera. Mataduree taʼerratti haati tokko intalasheetiin, ‘Yihowaan ana caalaa si kunuunsuu dandaʼa’ akka jette dubbiseera. Yaanni kun jajjabina naaf kenneera.” Haannaafi abbaan manaashee Paatriik, Majuuroo ishee Odoola Maarshaalitti argmtutti tajaajilu. Haannaan obboloota gumii keessa jiranii wajjin walitti dhihaachuunshee, maatiifi michootashee yaaduu moʼuuf ishee gargaareera. Akkas jetteetti: “Obboloonni addunyaa maratti argamaniifi tokkummaa qabanis maatiikoo waan naa taʼaniif Yihowaa nan galateeffadha. Deggersasaanii utuun argachuu baadhee bakka labsitoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluu hin dandaʼun ture.”Michoota horachuu. Saayiman, “Biyya hin beekne tokko ennaa deemtu wanti hundi adda sitti taʼa. Yeroo tokko tokko taphnillee na jalaa bada; wantin dubbadhus waan hubatamu natti hin fakkaatu ture” jedheera. Eriikaanimmoo akkas jetteetti: “Jalqabarratti kophummaan natti dhagaʼamee kan ture taʼus, yeroo kanatti sababiin itti as dhuferrattan xiinxala ture. Bakka kana kanan dhufe faayidaa dhuunfaatiif utuu hin taʼin caalaatti Yihowaa tajaajiluufidha. Yeroo boodas michootan baayʼee jaalladhu argadheera.” Saayiman afaan Paalaawuu barachuuf carraaqqii cimaa kan godhe ennaa taʼu, kunimmoo obboloota biyyichaa wajjin caalaatti walitti dhihaachuuf isa gargaareera. (2 Qor. 6:13) Carraaqqiin inni afaanicha barachuuf godhe obboloota biyyichaa biratti baayʼee akka jaallatamu isa godheera. Obboloonni biyya kan biraatii dhaqaniifi obboloonni biyyichaa waliin taʼuudhaan yommuu tajaajilan, hundisaanii walitti dhihaachuudhaan michooma cimaa uumu. Obboloonni bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluuf of dhiheessan eebba akkamii argatu?
‘HARKA GUUTANII GALFACHUU’
Phaawulos ergamaan, “Namni harka guutee facaasu immoo harka guutee in galfata” jechuudhaan dubbateera. (2 Qor. 9:6) Seerri buʼuuraa caqasa kanarratti ibsame keessumaa obboloota tajaajilasaanii balʼifataniif kan hojjetudha. Obboloonni Maayikrooneeshiyaatti tajaajilan wanti isaan ‘harka guutanii galfatan’ maalidha?
Maayikrooneeshiyaa keessa ammas namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatanii dhugaa achi keessatti argamu hojiirra oolchuudhaan karaa hafuuraa guddina argisiisan hedduun jiru. Paatriikiifi Haannaanis odoola xinnoo jiraattota 320 qabduufi Angawur jedhamtu keessatti tajaajilaniiru. Jiʼa lamaaf bakka kanatti erga tajaajilanii booda dubartii kophaashee ijoollee guddistu tokko argatan. Dubartiin kun yeruma sana Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqabde ennaa taʼu jireenyashee keessatti jijjiirama guddaa goote. Haannaan akkas jetteetti: “Yeroo hunda qayyabannaa booda biskileetiidhaan gara manaatti yommuu deebinu erga wal ilaallee booda, ‘Yihowaa si galateeffanna!’ jenna. Yihowaan karaa taʼe tokkoon dubartii kana garasaatti akka harkisu ifadha; taʼus bakka labsitoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluun keenya, dubartii hoolaatti fakkeeffamte kana argachuufi Yihowaa akka beektu gargaaruuf nu dandeessiseera. Kun eebba jireenya keenya keessatti arganne hunda kan caaludha!” Eriikaan, “Namni tokko Yihowaa akka beeku yommuu gargaartu gammachuu hangana hin jedhamnetu sitti dhagaʼama” jetteetti.
ATOO TAJAAJILA KANARRATTI HIRMAACHUU NI DANDEESSAA?
Biyyoota hedduu keessatti labsitoonni Mootummichaa dabalataa ni barbaachisu. Atoo bakka gargaarsi barbaachisu deemtee tajaajiluu ni dandeessaa? Yihowaan fedhii tajaajilakee balʼifachuuf qabdu akka siif cimsu kadhadhu. Dhimma kanarratti jaarsolii gumii, daawwataa olaanaa aanaa ykn obboloota bakka gargaarsi barbaachisu dhaquudhaan tajaajilanii turanii wajjin mariʼadhu. Yommuu karoorrikee karaa siif qabatu, bakka dhaqxee tajaajiluu barbaaddu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf waajjira damee biyyichaatiif barreessi. * Atis dargaggoota, maanguddoota, gaaʼela kan godhatan ykn qeentee kumaan lakkaʼaman, fedhiidhaan of dhiheessaniifi ‘harka guutanii galfachuudhaan’ gammachuu argatan keessaa tokko taʼuu ni dandeessa.
^ key. 17 Mataduree, “Gara ‘Maqedooniyaatti Ceʼuu’ Ni Dandeessaa?” jedhuufi Tajaajila Mootummaa Hagayya 2011rratti baʼe ilaali.