Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubbii Waaqayyoo Isa Jiraataatti Fayyadamaa!

Dubbii Waaqayyoo Isa Jiraataatti Fayyadamaa!

“Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba.”​—IBR. 4:12.

1, 2. Yihowaan Museedhaaf hojii akkamii kenne? Maal isaaf mirkaneesse?

SABA Yihowaa bakka buʼuudhaan, nama lafa kanarratti aangoo guddaa qabu duratti utuu dhihaattee maal waan sitti dhagaʼamu sitti fakkaata? Dhiphinni, sodaan, akkasumas gaʼumsa akka hin qabne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Wanta dubbattu haala akkamiitiin qopheeffatta? Akka nama Waaqa hunda caalu bakka buʼe tokkootti, dubbiinkee humna akka qabaatuuf maal gochuu dandeessa?

2 Museen haala akkasii keessa ture. Yihowaan Musee isa “namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa [nama gad of deebisu, NW]” taʼeen, saba Waaqayyoo hacuuccaafi garbummaa Gibxii jalaa akka baasuuf gara Faraʼonitti erge. (Lak. 12:3) Haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti, Faraʼoon nama tuffii qabuufi of tuulaa ture. (Bau. 5:1, 2) Utuma kun taʼee jiruu Yihowaan, Faraʼoon garbootasaa miliyoonaan lakkaaʼaman akka gadhiisu akka ajaju Museetti himee ture. Yeroo kanatti Museen, “Gara mootii Gibxii dhaqee, saba Israaʼel biyya Gibxiitii kanan baasu ani eenyu?” jechuunsaa nama hin dinqisiisu. Museen gaʼumsaafi dandeettii akka hin qabne itti dhagaʼamee taʼuu qaba. Waaqayyo garuu, “Ani sii wajjin nan taʼa” jechuudhaan kophaasaa akka hin taane isaaf mirkaneesseera.—Bau. 3:9-12.

3, 4. (a) Museen kan sodaate maaliif ture? (b) Haala Musee mudateefi nu mudachuu dandaʼuu wal bira qabii ibsi.

3 Museen kan sodaate maaliif ture? Faraʼon Yihowaa bakka buʼee ergamuukoo hin fudhatu ykn xiyyeeffannaa naaf hin kennu jedhee sodaatee akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Kana malees, Israaʼeloonniyyuu isaaniin Gibxiidhaa akkan baasu kan na muude Yihowaa taʼuusaa amananii hin fudhatan jedhee sodaatee ture. Kanaaf, Museen Yihowaadhaan, “‘Waaqayyo sitti hin mulʼanne’ naan jedhanii, ana hin amanan, dubbii koos hin dhagaʼan taʼa” jedhe.—Bau. 3:15-18; 4:1.

4 Deebiin Yihowaan Museedhaaf kenneefi wantoonni sana booda raawwataman hunduma keenyaaf barumsa guddaa qabataniiru. Dhugaadha, yeroon abbaa taayitaa mootummaa duratti itti dhihaattan hin jiraatu taʼa. Haataʼu malee, namoota aangoo hin qabneefi naannoo tajaajilaa keessanitti argamanittillee waaʼee Waaqayyoofi Mootummaasaa himuun isinitti ulfaataa? Taanaan, wanta muuxannoo Museerraa barachuu dandeessan ilaalaa.

“MAAL INNI HARKA KEE KEESSAA?”

5. Yihowaan harka Musee keessa maal kaaʼe? Kunoo sodaasaa hirʼisuuf kan isa gargaare akkamitti? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

5 Museen haasaansaa tuffatamuu akka dandaʼu sodaa akka qabu dubbatee ture; yeroo kanatti, Waaqayyo wanta gara fuulduraatti isa mudachuu dandaʼuuf isa qopheesseera. Seenaan Seera Baʼuurratti galmeeffame akka dubbatutti: “Waaqayyo [Museedhaan], ‘Maal inni harka kee keessaa?’ jedheen; inni immoo, ‘Ulee dha’ jedhe. Gooftaan immoo, ‘Ulicha lafa buusi!’ jedheen; innis lafa buufnaan, ulichi bofa taʼe; Museenis irraa in baqate. Waaqayyo garuu Museedhaan, ‘Harka kee hiixadhuu eegee isaa qabi!’ jedhe; Museenis hiixatee qabe; inni yommus harka isaa keessatti deebiʼee ulee taʼe. [Achiis Waaqayyo,] . . . ‘Kanaan . . . Waaqayyo gooftaan . . . akka sitti mulʼate in amanu’ jedhe.” (Bau. 4:2-5) Humna Waaqayyootiin uleen harka Musee keessa ture gara bofaatti jijjiirameera. Dinqiin raawwatame kunis Museen kan ergame Waaqayyo biraa akka taʼeefi aangoon isaaf kennamuusaa kan mirkaneessu ture. Yihowaan Museedhaan, “Ati ulee milikkita ittiin argisiiftu kana of harkatti in qabatta” jedheen. (Bau. 4:17) Haalli kun Museen ofitti amanamummaadhaan Faraʼooniifi saba Waaqayyootti akka dubbatu isa gargaareera.—Bau. 4:29-31; 7:8-13.

6. (a) Yeroo lallabnu wanti harka keenya keessa jiraachuu qabu maalidha? Maaliif? (b) “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa” akka taʼeefi ‘humna hojjetu of keessaa akka qabu’ kan argisiisu maal akka taʼe ibsi.

6 Nutoo ergaa Macaafa Qulqulluu namootatti himuuf yeroo deemnu maal of harkaa qabna? Yeroo baayʼee Macaafa Qulqulluu of harkaa qabna. Namoonni tokko tokko Macaafa Qulqulluu akkuma kitaaba kaaniitti kan ilaalan taʼus, Yihowaan karaa dubbiisaa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kanaa nutti dubbata. (2 Phe. 1:21) Macaafni kun, waaʼee abdiiwwan Waaqayyo kenneefi bulchiinsa Mootummaasaa jalatti raawwatamanii ni dubbata. Phaawulos ergamaan, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba” jedhee kan barreessee kanaafidha. (Ibroota 4:12 dubbisi.) Dubbiin Yihowaa jiraataa kan taʼe akkamitti? Abdiiwwan Yihowaan kenne hundi gara raawwiisaaniitti deemaa kan jiran siʼa taʼu, guutummaatti ni raawwatamu. (Isa. 46:10; 55:11) Namni tokko waaʼee dubbii Yihowaa wantoota kana yoo hubate, wanti inni Macaafa Qulqulluurraa dubbisu jireenyasaa keessatti jijjiirama fiduuf humna qabaachuu dandaʼa.

7. ‘Dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjechuu’ kan dandeenyu akkamitti?

7 Yihowaan Dubbiisaa isa jiraataa harka keenya keessa kan kaaʼe siʼa taʼu, ergaan nuti lallabnu amanamaafi isa biraa kan dhufe taʼuusaa Dubbiisaa kanaan mirkaneessina. Phaawulos warra Ibrootaatiif erga barreessee booda, Ximotewos isa karaa hafuuraa leenjiseen ‘dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjechuuf akka dhamaʼu’ kan jajjabeesse kanaafidha. (2 Xim. 2:15) Gorsa Phaawulos hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? Namoota nu dhaggeeffataniif, caqasa itti yaadamee filatameefi garaasaanii tuquu dandaʼu dubbisuudhaan akkas gochuu dandeenya. Tiraaktonni bara 2013⁠tti baʼan kan qophaaʼanis kana gochuuf akka nu gargaaraniifidha.

CAQASA ITTI YAADAMEE FILATAME DUBBISAA!

8. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa tokko tiraaktota haaraa ilaalchisee maal jedhe?

8 Akkaataan tiraaktonni haaraan hundi itti qophaaʼan wal fakkaata. Kanaafuu, isaan keessaa tokkotti akkamitti akka fayyadamnu yoo beekne, hundasaaniitti fayyadamuu ni dandeenya jechuudha. Tiraaktota kanatti gargaaramuun salphaadhaa? Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa Haawaayi, Yuunaayitid Isteetis keessa jiraatu tokko akkas jedhee barreesseera: “Tiraaktonni haaraan kun manaa gara manaattis taʼe bakka namoonni baayʼeen jiranitti itti fayyadamuuf, hammam buʼa qabeessa akka taʼan jalqabarratti hin hubanne turre.” Booda garuu akkaataan tiraaktonni kun itti barreeffaman namoonni salphaatti yaadasaanii akka ibsan akka godhuufi kunimmoo mariin akka jalqabamu akka godhu hubateera. Kun akka taʼu kan godhe gaaffiiwwan, akkasumas deebiiwwan akka filannootti fuula jalqabaarratti dhihaatan akka taʼe isatti dhagaʼama. Namni haasofsiisnu, deebii dogoggoraan deebisa jedhee hin yaaddaʼu.

9, 10. (a) Tiraaktonni keenya Macaafa Qulqulluu akka fayyadamnu kan nu gargaaran akkamitti? (b) Tiraaktiin caalaatti buʼa qabeessa taʼee argatte kami? Maaliif?

9 Tiraaktonni kun hundi caqasa itti yaadamee filatame akka dubbisnu nu gargaaru. Fakkeenyaaf tiraaktii Rakkinni NI Badaa? jedhu haa ilaallu. Namni haasofsiistan “eeyyee,” “lakki” ykn “tarii” jedhee deebisus, wanta dabalataa utuu hin dubbatin tiraakticha banaatii, “Wanti Macaafni Qulqulluun jedhu asirratti argama” jedhaanii. Achii Mulʼata 21:3, 4 dubbisaafii.

10 Tiraaktii Macaafa Qulqulluudhaaf Ilaalcha Akkamii Qabda? jedhu yeroo fayyadamnus, namni haasofsiisnu filannoowwan fuula jalqabaarra jiran keessaa kamiyyuu yoo filate, keessa tiraaktichaa banaatii, “Macaafni Qulqulluun ‘Caaffanni qulqullaaʼaan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame’ jechuudhaan dubbata” jedhaanii. Ittaansuudhaanis, “Caqasichi yaada dabalataas qaba” jechuu ni dandeessu. Achii Macaafa Qulqulluu keessan banaatii 2 Ximotewos 3:16, 17 dubbisaafii.

11, 12. (a) Tajaajilarraa caalaatti gammachuu argachuuf tiraaktotatti karaa kamiin fayyadamuu dandeessa? (b) Tiraaktonni haaraan deddeebii gaaffiidhaaf qophaaʼuuf kan si gargaaran akkamitti?

11 Yaada tiraaktichaa keessaa hammamirratti mariʼachuu akka qabdan kan murteessu haala nama haasofsiistan sanaati. Haallisaa maaliyyuu yoo taʼe, guyyaa jalqabaatti kan dubbistaniif caqasa tokko ykn lama taʼullee, namootaaf tiraakticha kennuudhaan alattis, caqasa isaaniif dubbisuun keessan gammachuu isiniif argamsiisa. Yeroo kan biraatti deebitanii marii keessan itti fufuu dandeessu.

12 Duuba tiraaktii hundumaarratti mataduree, “Wantoota Kanarratti Yaadi” jedhu jalatti, gaaffiifi caqasoonni yeroo deddeebii gaaffiitti irratti mariʼachuun dandaʼamu jiru. Tiraaktii Yeroo Gara Fuulduraatiif Ilaalcha Akkamii Qabda? jedhamurratti gaaffiin yeroo deebitanii dhaqxan akka irratti mariʼattaniif dhihaate, “Waaqayyo addunyaa kana gara gaariitti kan jijjiiru akkamitti?” kan jedhudha. Maatewos 6:9, 10 fi Daaniʼel 2:44 caqasameera. Tiraaktii Namoonni Duʼan Deebiʼanii Jiraachuu Dandaʼuu? jedhamu jalattimmoo gaaffiin dhihaate, “Kan dulloomnuufi kan duunu maaliifi?” kan jedhudha. Uumama 3:17-19 fi Roomaa 5:12 caqasameera.

13. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf tiraaktotatti akkamitti fayyadamuun akka dandaʼamu ibsi?

13 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf tiraaktotatti akka riqichaatti itti fayyadamaa. Namni tokko koodii QR (quick response) duuba tiraaktii tokkoorra jiru yeroo dubbisiisu, gara wantoota Weeb saayitii keenyarra jiraniifi Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu isa jajjabeessaniitti isa geessa. Tiraaktonni kun birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu kan beeksisan siʼa taʼu, birooshuricharraa mataduree tokko adda baasanii caqasu. Fakkeenyaaf tiraaktiin Addunyaa Kana Kan Toʼatu Eenyudha? jedhamu barumsa 5⁠ffaa birooshura kanaatti geessa. Tiraaktiin Maatiin Gammachuu Akka Argatu Kan Godhu Maalidha? jedhamummoo barumsa 9⁠tti geessa. Tiraaktota kana karaa yaadameen fayyadamuun keessan, guyyaa jalqabaattiifi deddeebii gaaffiirratti, Macaafa Qulqulluu fayyadamuu barsiifata akka godhattan isin gargaara. Kunimmoo namoota hedduu qayyabannaa jalqabsiisuuf gargaara. Tajaajilarratti Dubbii Waaqayyootti karaa buʼa qabeessa taʼeen fayyadamuuf wanti gochuu dandeessu kan biraan jiraa?

MATADUREE NAMOOTA YAADDESSURRATTI MARIʼADHAA

14, 15. Tajaajilarratti ilaalcha akka Phaawulos qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Phaawulos tajaajilarratti “caalaatti namoota” gargaaruuf fedhii guddaa qaba ture. (1 Qorontos 9:19-23 dubbisi.) Hawwiin Phaawulos, ‘Yihudoota, warra seera jala jiran, warra seericha hin qabne, akkasumas warra amantiitti xobbee taʼan buufachuu’ akka ture hubadhaa. Eeyyee, ‘karaadhuma hundumaan namoota muraasallee oolchuudhaaf, namoota hundumaatiif’ lallabuu barbaada ture. (HoE. 20:21) Yeroo naannoo tajaajilaa keenya keessatti ‘nama hundaaf’ lallabuuf qophoofnutti ilaalcha akka Phaawulos qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?—1 Xim. 2:3, 4.

15 Akkaataawwan dhiheenyaa jiʼa jiʼaan Tajaajila Mootummaarratti baʼanitti fayyadamuuf yaalaa. Haataʼu malee, matadureen namoota naannoo tajaajilaa keessan keessa jiran yaaddessu kan biraan jiraannaan, namoota kana gargaaruuf akkaataa dhiheenyaa qalbii namaa hawwatu qopheessuu ni dandeessu. Waaʼee naannoo keessa jiraattanii, namoota naannoo keessan jiraataniifi wanta caalaatti isaan yaaddessurratti yaadaa. Achii, caqasa wanta isaan yaaddessu kanaaf deebii kennuu dandaʼurratti yaadaa. Daawwataan olaanaa tokko karaa inniifi haati manaasaa tajaajilarratti Macaafa Qulqulluutti fayyadaman ilaalchisee akkas jedheera: “Yaadni keenya gabaabaafi ergaa keenyarratti kan xiyyeeffate taanaan, namoonni haasofsiisnu hedduun caqasa tokko akka dubbisnuuf nuu heyyamu. Macaafa Qulqulluu keenya bannee harkatti qabachuudhaan, akka aadaa naannoo sanaatti nagaa erga isaan gaafannee booda, caqasa dubbisnaaf.” Matadureewwan, gaaffiiwwaniifi caqasoota tajaajilarratti buʼa qabeessa taʼanii argamaniifi naannoo tajaajilaa keessanitti fayyadamuu dandeessan muraasa ilaalaa.

Tajaajilarratti Macaafa Qulqulluufi tiraaktotatti haala buʼa qabeessa taʼeen fayyadamaa jirtaa? (Keeyyata 8-13 ilaali)

16. Tajaajilarratti Isaayaas 14:7⁠tti akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu ibsi.

16 Naannoo yeroo baayʼee rakkinni nageenyaa jiru keessa jiraattu taanaan, nama haasofsiistan akkas jettanii gaafachuu ni dandeessu: “Oduun, ‘Amma biyyi lafaa guutummaatti boqonnaa fi gabii in argatte, gammachuudhaanis in ililchite’ jedhu oduu angafaa taʼee utuu baʼee maaltu sitti dhagaʼama? Yaadni kun Isaayaas 14:7⁠rratti argama. Waaqayyo gara fuulduraatti nagaa akka fidu abdii kan kenne siʼa taʼu, Macaafni Qulqulluun abdiiwwan hedduu akkasii qabateera.” Achii, abdiiwwan kana keessaa tokko Macaafa Qulqulluurraa dubbisaafii.

17. Nama tokkoo wajjin yeroo mariʼannu Maatewos 5:3⁠tti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Dhiironni naannoo keessanitti argaman hedduun qarshii maatiisaanii ittiin bulchan argachuun itti ulfaataa? Taanaan, “Namni tokko maatiinsaa gammachuu akka qabaatuuf qarshii hammamii argachuu qaba?” jettanii gaafachuudhaan marii jalqabsiisuu dandeessu. Yaada nama sanaa erga dhaggeeffattanii booda akkas jechuu dandeessu: “Namoonni hedduun qarshii kana caalu kan argatan taʼus maatiinsaanii gammachuu hin qabu. Maatiin gammachuu akka qabaatuuf wanti barbaachisu maalidharee?” Achii, Maatewos 5:3 dubbisaatii qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabu isa afeeraa.

18. Warra kaan jajjabeessuuf Ermiyaas 29:11⁠tti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Namoonni naannoo keessan jiran haala gaddisiisaa dhiheenyatti isaan mudateen miidhaan isaanirra gaʼeeraa? Taanaan, akkas jechuudhaan marii jalqabuu ni dandeessu: “Gara manakee kanan dhufe si jajjabeessuufidha. (Ermiyaas 29:11 dubbisi.) Wanta Waaqayyo nuuf hawwu lamaan hubattee? ‘Nagaafi wanta gara fuula duraatti eeggannu’ nuu raawwachuu hawwa. Jireenya gaarii akka qabaannu kan barbaadu taʼuusaa beekuun keenya gaarii mitii? Haataʼu malee, kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti?” Achii, birooshura Misiraachoo jedhamurraa barumsa yaada kanaa wajjin deemu itti argisiisaa.

19. Namoota amantiidhaaf iddoo guddaa kennanii wajjin yeroo mariʼannu, Mulʼata 14:6, 7⁠tti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsi.

19 Naannoo namoonni amantiidhaaf bakka guddaa kennan keessa jiraattuu? Taanaan, akkas jechuudhaan marii jalqabuu ni dandeessu: “Ergamaan Waaqayyoo tokko utuu sitti dubbatee, waan inni jedhu ni dhaggeeffattaa? (Mulʼata 14:6, 7 dubbisi.) Ergamaan kun ergaa barbaachisaa akkamii dabarse? Ergamaan kun ‘Isa waaqaafi lafa uume’ sodaachuu akka qabnu dubbateera. Haataʼu malee, dhugumaan Waaqa akka sodaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti jettee yaadda?” Yaadasaa erga dhaggeeffattanii booda Keessa Deebii 6:2 dubbisaafii. Caqasichi akkas jedha: “Kunis isin guutummaa bara jireenya keessaniitti seerrata isaa fi abboommii isaa warra ani isin, ijoollee keessan, ijoollee ijoollee keessaniis abboomu, eeguudhaaf Waaqayyoon gooftaa keessan akka sodaattaniif, barri keessanis akka isiniif dheeratuuf kan kennamanii dha.” Itti aansuudhaanis akkas jechuu dandeessu: “Asirraa hubachuun akka dandaʼamutti Waaqayyoon sodaachuu jechuun abboommiisaa eeguu jechuudha. Namoonni hedduun garuu abboommii Waaqayyoo isa hunda caalu, jechuunis isa garaa keenya guutuudhaan akka isa jaallannuuf nuu kenname hin beekan.” Achii, Waaqayyoon akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe mariʼachuuf beellama qabadhaa.

20. (a) Eenyummaa Waaqayyoo barsiisuuf Fakkeenya 30:4⁠tti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Tajaajilarratti caqasni buʼaa qabeessa taʼee argatte jiraa?

20 Dargaggeessa tokko yeroo haasofsiistan akkas jechuudhaan marii jalqabuu ni dandeessu: “Caqasa gaaffii barbaachisaa taʼe tokko gaafatu sii dubbisuun barbaada. (Fakkeenya 30:4 dubbisi.) Namni yaada caqasa kanarratti ibsame raawwachuu dandaʼu hin jiru; kanaaf, caqasichi kan dubbatu waaʼee Uumaa keenyaa taʼuu qaba. * Waaqa akkamii akka inni taʼe beekuu kan dandeenyu akkamitti? Macaafa Qulqulluurraa utuun sitti argisiise natti tola.”

TAJAAJILARRATTI MACAAFA QULQULLUUTTI FAYYADAMAA

21, 22. (a) Caqasni itti yaadamee filatame jireenya namaa jijjiiruu kan dandaʼu akkamitti? (b) Tajaajilarratti yeroo hirmaattu maal gochuuf murteessiteetta?

21 Namoonni caqasa itti yaadamee filatame yeroo dubbisnu maal akka itti dhagaʼamu beekuu hin dandeessan. Fakkeenyaaf, Awustiraaliyaatti Dhugaa Baatonni lama manaa gara manaatti yeroo tajaajilan mana shamarree tokkoo dhaqan. Dhugaa Baatuun inni tokko, “Maqaa Waaqayyoo beektaa?” jedhee ishee gaafate; achiis Faarfannaa 83:18 (NW) dubbiseef. Shamarreen kun akkas jetteetti: “Baayʼee na ajaaʼibsiise! Erga isaan deemanii booda, hiikawwan Macaafa Qulqulluu kan biraarraa ilaaluuf, gara mana kitaabaa kiilomeetira 56 fagaatee argamuu kanan deeme siʼa taʼu, maqaa kana galmee jechootaarraas nan arge. Maqaan Waaqayyoo Yihowaa taʼuusaa ergan mirkaneeffadhee booda, wantin hin beekne kan biraan baayʼeen jiraachuu akka dandaʼun yaade.” Achii, isheefi kaadhimnishee Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqaban siʼa taʼu, yeroo booda lamaansaaniiyyuu cuuphamaniiru.

22 Macaafni Qulqulluun jireenya namootaa jijjiiruuf humna qaba. Namni tokko macaafa kana kan dubbisu yoo taʼe abdii Yihowaan kennerratti amantii cimaa qabaachuu dandaʼa. Amantiinsaa kunis wanta barate hojiirra akka oolchu isa kakaasa. (1 Tasaloniiqee 2:13 dubbisi.) Ergaan Macaafa Qulqulluu wantoota nuti garaa namaa tuquuf dubbannu kamirrayyuu caalaa humna qaba. Carraa arganne hundatti Dubbii Waaqayyootti fayyadamuu kan qabnu kanaafidha. Dubbiin Waaqayyoo jiraataadha!

^ key. 20 “Gaaffii Dubbistootaa,” Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 15, 1987 (Ingiliffa) fuula 31 ilaali.