Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bakka Jirtan Hundumaatti Sagalee Yihowaa Dhagaʼaa

Bakka Jirtan Hundumaatti Sagalee Yihowaa Dhagaʼaa

“Sagaleen tokko isin booddeedhaan isinitti dubbatee ‘Karichi isa kana, isa irra adeemaa!’ utuu isiniin jedhuu gurri keessan in dhagaʼa.”​—ISA. 30:21.

1, 2. Yihowaan tajaajiltootasaa wajjin kan wal qunnamu akkamitti?

SEENAA Macaafa Qulqulluu keessatti, namoonni karaa addaddaa Yihowaarraa qajeelfama argataniiru. Warra tokko tokkotti Waaqayyo karaa ergamootasaa ykn mulʼataan ykn abjuudhaan isaanitti dubbachuudhaan, wanta gara fuulduraatti taʼu isaaniif ibseera; akkasumas hojii isaaniif kenneera. (Lak. 7:89; His. 1:3; Dan. 2:19) Warri kaanimmoo, karaa namoota Yihowaa bakka buʼaniifi kutaa jaarmiyaasaa isa lafarraa keessatti isa tajaajilanii qajeelfama argataniiru. Sagaleesaa kan dhagaʼan karaa kamiiniyyuu yoo taʼe, namoonni qajeelfamasaa hojiirra oolchan eebbifamaniiru.

2 Yeroo harʼaa Yihowaan Macaafa Qulqulluutti, hafuura qulqulluufi gumiitti fayyadamuudhaan sabasaa geggeessa. (HoE. 9:31; 15:28; 2 Xim. 3:16, 17) Qajeelfamni isarraa argannu ifa waan taʼeef, akkuma waan ‘sagaleen tokko nu booddeedhaan “Karichi isa kana, isa irra adeemaa!” nuun jedhuuti.’ (Isa. 30:21) Yesusis karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ gumii yeroo geggeessu sagalee Yihowaa nu dhageessisaa jira. (Mat. 24:45) Jireenya barabaraa argachuun keenya kan hundaaʼe kanarratti waan taʼeef, qajeelfama kanaaf xiyyeeffannaa kennuun keenya barbaachisaadha.—Ibr. 5:9.

3. Qajeelfama Yihowaa akka hin fudhanne wanti dhiibbaa nurratti godhu maalidha? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

3 Seexanni qajeelfama Yihowaa isa jireenya argamsiisuuf xiyyeeffannaa akka nuti hin kennine barbaada. Kana malees, ‘garaan keenya inni jalʼaan’ akkaataa nuti qajeelfama kana itti fudhannurratti dhiibbaa guddaa geessisa. (Er. 17:9) Kanaaf, gufuuwwan sagalee Waaqayyoo dhaggeeffachuun ulfaataa akka nutti taʼu godhan tokko tokko moʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Akkasumas, Yihowaa wajjin qunnamtii cimaa qabaachuun, haala akkamii keessattiyyuu walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu eeggachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

TOOFTAALEE SEEXANAA MOʼUU

4. Seexanni akkaataa namoonni itti yaadanirratti dhiibbaa gochuuf kan yaalu akkamitti?

4 Seexanni odeeffannoo sobaafi olola nama gowwoomsu babalʼisuudhaan, akkaataa namoonni itti yaadanirratti dhiibbaa geessisuuf yaala. (1 Yohannis 5:19 dubbisi.) Naannoo baadiyyaa dabalatee addunyaan marri, barreeffamootaan alattis tamsaasa raadiyoofi televijiinii, akkasumas Intarneetiidhaan guutameera. Wantoonni kun faayidaa tokko tokko kan qaban taʼus, yeroo baayʼee amalawwaniifi ulaagaalee seera Yihowaa wajjin wal hin simne babalʼisu. (Er. 2:13) Fakkeenyaaf, gaaʼelli saala walfakkaatu gidduutti raawwatamu dogoggora akka hin qabnetti kan dubbatan siʼa taʼu, namoonni hedduun Macaafni Qulqulluun saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu ilaalchisee wanti inni dubbatu keessa baʼaa akka taʼe itti dhagaʼama.—1 Qor. 6:9, 10, NW.

5. Olola Seexanaatiin karaarraa akka hin maqfamne of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Namoonni qajeelummaa Waaqayyoo jaallattan, olola Seexanaatiin karaarraa akka hin maqfamne of eeggachuu kan dandaʼan akkamitti? Wanta gaariifi gadhee adda baasuu kan dandaʼanoo akkamitti? ‘Akka dubbii Waaqayyootti adeemsasaanii eeggachuudhaanidha.’ (Far. 119:9) Macaafni Qulqulluun qajeelfama barbaachisaa, odeeffannoo dhugaa olola nama gowwoomsurraa adda baasuuf nu gargaaru qaba. (Fak. 23:23) Yesus Caaffata Qulqullaaʼoorraa caqasuudhaan, ‘Namni dubbii afaan Waaqayyoo keessaa baʼu hundumaan jiraachuu qaba’ jedheera. (Mat. 4:4) Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe barachuu qabna. Fakkeenyaaf, Museen seera Yihowaa ejja dhowwu barreessuusaa waggoota hedduu dura, dargaggeessi Yoseef jedhamu gochi akkasii Waaqayyorratti cubbuu hojjechuu akka taʼe hubatee ture. Yoseef, haati manaa Phooxifaaraa wanta dogoggora taʼe akka raawwatuuf yeroo isa sossobdetti, Yihowaadhaaf ajajamuu dhiisuu gonkumaa hin yaadne. (Uumama 39:7-9 dubbisi.) Yeroo dheeraadhaaf dhiibbaa kan isarratti goote taʼus, sagaleenshee sagalee Waaqayyoo dhagaʼuurraa akka isa deebisu hin heyyamne. Sagalee Yihowaa dhagaʼuufi olola Seexanaa itti fufiinsaan dubbatamurraa fagaachuun, wanta gaariifi gadhee adda baasuuf baayʼee barbaachisaadha.

6, 7. Gorsa Seexanaa isa gadheerraa fagaachuuf maal gochuu qabna?

6 Addunyaan barumsa amantii wal faallessuun waan guutameef, namoonni hedduun amantii dhugaa barbaaduuf yaaluun buʼaa akka hin qabne itti dhagaʼama. Yihowaan garuu qajeelfamnisaa warra itti fayyadamuu barbaadaniif ifa akka taʼu godheera. Eenyuun akka dhaggeeffannu murteessuu qabna. Al tokkotti sagalee lama dhageeffachuu waan hin dandeenyeef, ‘sagalee Yesus beekuufi’ isa dhaggeeffachuu qabna. Yihowaan Yesusiin hoolotasaarratti muudeera.—Yohannis 10:3-5 dubbisi.

7 Yesus, “Isa dhageessan hubadhaa” jedheera. (Mar. 4:24, NW) Qajeelfamni Yihowaa ifaafi sirriidha; nuti garuu qajeelfama kana fudhachuudhaaf garaa keenya qopheessuudhaan, qajeelfama kanaaf xiyyeeffannaa kennuu, akkasumas dhaggeeffachuu qabna. Of hin eeggannu taanaan, gorsa Yihowaa isa jaalalarratti hundaaʼeef utuu hin taʼin, gorsa Seexanaa isa gadhee taʼeef gurra kennuu dandeenya. Muuziqaan, viidiyoon, sagantaan televijiinii, kitaabonni, hiriyoonniifi barsiisonni biyya lafaa ykn namoonni beektota jedhaman jireenyakee akka toʼatan hin heyyamin.—Qol. 2:8.

8. (a) Garaan keenya tooftaalee Seexanaatiif akka moʼamnu gochuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Mallattoolee akeekkachiisaatiif xiyyeeffannaa hin kenninu taanaan maaltu nu mudachuu dandaʼa?

8 Seexanni dhiibbaan cubbuu nu keessa akka jiru waan beekuuf, dhiibbaa kanaaf akka harka kenninu gochuuf yaala. Seexanni karaa dadhabina keenya kanaa yeroo nu qoru, ejjennoo keenya eeggannee itti fufuun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. (Yoh. 8:44-47) Qorumsa kana moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Waaʼee nama gammachuu yeroo gabaabaatiin gowwoomfamee, wanta gonkumaa nan raawwadha jedhee hin yaadne raawwate tokkoo yaadaa. (Rom. 7:15) Haalli gaddisiisaan kun akka uumamu kan godhe maalidha? Namni kun suuta suutaan sagalee Yihowaa dhagaʼuu waan dhiiseef taʼuu dandaʼa. Mallattoolee akeekkachiisaa garaansaa isa gowwoomsaa akka jiru argisiisan utuu hin hubatin hafee ykn taʼe jedhee didee taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, kadhachuu dhiisee, hirmaannaa tajaajilarratti qabu hirʼisee ykn gumiidhaa hafuu jalqabee taʼuu dandaʼa. Dhumarratti fedhiisaatiif harka kennuudhaan, wanta dogoggora akka taʼe beeku raawwateera. Mallattoolee akeekkachiisaatiif xiyyeeffannaa yoo kennineefi sirreeffama gochuuf dafnee tarkaanfii yoo fudhanne, dogoggora badii guddaa geessisu akkasii hojjechuurraa fagaachuu ni dandeenya. Akkasumas sagalee Yihowaa yoo dhaggeeffanne yaada gantootaa hin keessummeessinu.—Fak. 11:9.

9. Dhiibbaa cubbuu keessa keenya jiru dafnee adda baafachuun keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

9 Namni tokko dafee dhukkubasaa beekuunsaa lubbuusaa ni oolcha. Haaluma walfakkaatuun, dhiibbaa keessa keenya jiruufi gara qorumsaatti nu geessu dafnee yoo adda baafanne, badiisa nurra gaʼu hambisuu ni dandeenya. Haala akkasii ofirratti yoo argine, ‘jaalala Seexanaa gochuuf kiyyoosaatti galuu’ keenya dura dafnee tarkaanfii fudhachuun keenya gaariidha. (2 Xim. 2:26) Yaadaafi hawwiin keenya wanta Yihowaan nurraa barbaadu akka hin raawwanne nu gochaa akka jiru yoo hubanne maal gochuu qabna? Yeroo utuu hin gubin gad of deebisuudhaan garasaatti deebiʼuu, gorsasaa dhaggeeffachuuf of qopheessuufi garaa guutuudhaan isa dhaggeeffachuu qabna. (Isa. 44:22) Murtoon dogoggoraa sirna kana keessatti rakkinni akka nu mudatu gochuudhaan, godaannisa nurratti dhiisee darba. Dogoggora cimaa akkasii hojjechuu keenya dura dafnee sirreeffama gochuudhaan, karaarraa akka hin maqne of eeggachuun keenya baayʼee barbaachisaadha!

Sochii hafuuraa gaarii qabaachuun tooftaalee Seexanaarraa kan si eegu akkamitti? (Keeyyata 4-9 ilaali)

KOORAAFI SASSATA MOʼUU

10, 11. (a) Namni tokko koora akka qabu kan argisiisu maalidha? (b) Amala gadhee Qoraahi, Daataaniifi Abiiram argisiisanirraa maal baranna?

10 Garaan keenya karaarraa nu maqsuu akka dandaʼu hubachuu qabna. Cubbuun keessa keenya jiru dhiibbaa guddaa nurraan geessisa! Kooraafi sassata akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Amalawwan kun lamaan, Yihowaa akka hin dhaggeeffanneefi karaa badiisaa akka hordofnu kan nu godhan akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Namni kooru, ofiisaatiif ilaalcha garmalee guddaa taʼe qaba. Wanta barbaade hunda gochuuf mirga akka qabu itti dhagaʼama; wanta gochuu qabu namni akka itti himus hin barbaadu. Kanaaf, qajeelfamniifi gorsi Kiristiyaanonni hidhatasaa taʼan, jaarsoliin ykn jaarmiyaan Waaqayyoollee isaaf kennan akka isaaf hin hojjenne itti dhagaʼama taʼa. Nama akkasiitti sagaleen Yihowaa sirriitti hin dhagaʼamu.

11 Israaʼeloonni lafa onaa keessa utuu jiranii Qoraahi, Daataaniifi Abiiram aangoo Museefi Aaronirratti mormii kaasan. Mormitoonni kun, koorasaaniirraan kan kaʼe karaa mataasaaniitiin Yihowaa waaqeffachuuf haala mijeeffatan. Yeroo kanatti Yihowaan maal godhe? Isaan balleesse. (Lak. 26:8-10) Seenaan kun barumsa baayʼee barbaachisaa taʼe nuu dabarsa! Yihowaarratti mormii kaasuun badiisatti nama geessa. Macaafni Qulqulluun, “Of gurguddisuun badiisatti . . . nama geessa” jedha. —Fak. 16:18; Isa. 13:11.

12, 13. (a) Fakkeenya sassanni akkamitti badiisatti nama geessuu akka dandaʼu argisiisu dubbadhu. (b) Sassanni toʼatamuu baannaan yeroo gabaabaa keessatti akkamitti guddachuu akka dandaʼu ibsi.

12 Ammammoo waaʼee sassataa haa ilaallu. Namni sassataan, qajeelfamni Yihowaa isaaf akka hin hojjenne itti dhagaʼama. Wanta kan ofiisaa hin taane fudhachuu akka dandaʼutti yaada. Ajajaa waraanaa warra Sooriyaa kan taʼe Naʼamaan dhukkuba lamxiirraa erga fayyee booda, Elsaaʼi raajichaaf kennaa kennee ture; inni garuu fudhachuu dide. Hojjetaa Elsaaʼi kan taʼe Gehaaz garuu kennaa kana ni hawwe. Gehaaz, “Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, ani amma [Naʼamaan] duukaa buʼee waa isa irraa nan fudhadha” ofiin jedhe. Elsaaʼitti utuu hin himin Naʼamaan duukaa buʼee, kennicha akka isaaf kennuuf jedhee soba dubbate. Gehaaz gocha kana raawwachuusaafi raajii Waaqayyoo sobuusaatiin maaltu isarra gaʼe? Lamxiin Naʼamaan isatti darbe!—2 Mot. 5:20-27.

13 Sassanni yeroo jalqabu xinnoo taʼus, toʼatamuu baannaan yeroo gabaabaa keessatti guddatee nama sana toʼachuu dandaʼa. Seenaan waaʼee Akaan dubbatuufi Macaafa Qulqulluu keessatti argamu sassanni humna guddaa akka qabu argisiisa. Sassanni Akaan, yeroo gabaabaa keessatti akkam akka guddate ilaalaa. Akaan akkas jedheera: “Uffata miidhagaa biyya Shiinaaritti hojjetamee fi meetii sheeqelii shantama baasu boojuu keessatti argeen hawwee fudhadhe.” Akaan hawwii dogoggora taʼe kana toʼachuu mannaa, sassataan kakaʼee wantoota kana hatuudhaan godoosaa keessa dhokse. Dogoggorri Akaan hojjette yeroo saaxila baʼetti, Iyaasuun Yihowaan badiisa akka isarratti fidu itti hime. Guyyuma sana Akaaniifi maatiinsaa dhagaadhaan rukutamanii ajjeefaman. (Iya. 7:11, 21, 24, 25) Sassanni balaa yeroo kamittiyyuu nu mudachuu dandaʼudha. Kanaaf, ‘sassata hundumaarraa of eeggachuu’ qabna. (Luq. 12:15) Yeroo yaadni gadheen tokko nutti dhufu, sammuu keenya toʼachuudhaan, hawwiin keenya guddatee cubbuu hojjechuutti akka nu hin geessine gochuun keenya barbaachisaadha.—Yaaqoob 1:14, 15 dubbisi.

14. Kooraafi sassata xinnoo ofirratti yoo argine maal gochuu qabna?

14 Koorris taʼe sassanni badiisatti nu geessuu dandaʼa. Balaa wantoonni gadheen dhumarratti geessisannirratti yaaduun keenya, wantoonni akkasii sagalee Yihowaa dhagaʼuurraa akka nu hin deebisneef nu gargaara. (Kes. 32:29) Waaqni inni dhugaan karaan inni sirrii isa kam akka taʼe qofa utuu hin taʼin, faayidaa karaa akkasii hordofuun qabuufi balaa karaa dogoggoraarra deemuun geessisus Macaafa Qulqulluu keessatti nuuf ibseera. Garaan keenya kooraafi sassataan kakaanee wanta tokko akka goonu yoo nu kakaase, balaa wanti sun nurra geessisu yaaduun keenya baayʼee gaariidha! Gochi dogoggoraa nurratti, namoota jaallannurrattiifi walitti dhufeenya addaa Yihowaa wajjin qabnurratti dhiibbaa akkamii akka geessisu yaaduu qabna.

YIHOWAA WAJJIN QUNNAMTII CIMAA QABAADHAA

15. Qunnamtii Yihowaa wajjin qabnu ilaalchisee Yesusirraa maal baranna?

15 Yihowaan wanta gaarii nuuf hawwa. (Far. 1:1-3) Yeroo nu barbaachisutti qajeelfama nuu kenna. (Ibroota 4:16 dubbisi.) Yesus mudaa kan hin qabne taʼus walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabuuf iddoo guddaa kan kenne siʼa taʼu, yeroo hunda kadhachaa ture. Yihowaanis Yesusiin karaa nama dinqisiisuun gargaareera, akkasumas isa geggeesseera. Akka isa tajaajilaniif ergamoota isaaf ergeera; hafuura qulqulluu isaaf kennuudhaan isa gargaareera; akkasumas ergamootasaa 12n yeroo filatetti isa geggeesseera. Yihowaan samiirraa dubbachuudhaan Yesusiin akka deggeruufi inni isa duratti fudhatama akka qabu ibseera. (Mat. 3:17; 17:5; Mar. 1:12, 13; Luq. 6:12, 13; Yoh. 12:28) Akkuma Yesus kadhannaadhaan yaada keenya Yihowaa duraatti dhangalaasuu qabna. (Far. 62:7, 8; Ibr. 5:7) Kadhannaadhaan Yihowaatti ni dhihaanna taanaan, qunnamtii isaa wajjin qabnu cimsinee itti fufuufi karaa isaaf ulfina fiduun jiraachuu ni dandeenya.

16. Yihowaan sagaleesaa akka dhageenyu kan nu gargaaru akkamitti?

16 Yihowaan gorsasaa tolaan kan nuu kenne taʼus, hojiirra akka olchinuuf nu hin dirqisiisu. Hafuura qulqulluu akka nuu kennu yoo kadhanne, arjummaadhaan nuu kenna. (Luqaas 11:10-13 dubbisi.) Taʼuyyuu, ‘akka itti dhaggeeffannuuf xiyyeeffannaa kennuun’ keenya barbaachisaadha. (Luq. 8:18, NW) Fakkeenyaaf, namni tokko pornoograafii ykn fiilmiiwwan fedhii qunnamtii saalaa kakaasan ilaaluusaa itti fufee utuu jiru, fedhii wanta gadhee raawwachuu keessasaa jiru moʼuuf gargaarsa Yihowaa gaafachuunsaa fakkeessitu isa godha. Bakka ykn haala hafuurri qulqulluun itti argamu keessatti argamuun keenya barbaachisaadha. Hafuurrisaa walgaʼiiwwan gumiirratti akka argamu beekna. Tajaajiltoonni Yihowaa baayʼeen, walgaʼiiwwanirratti Yihowaa dhaggeeffachuusaaniitiin badiirraa oolaniiru. Fedhii dogoggoraa keessasaanii jiru beekuudhaan dafanii karaasaanii sirreeffataniiru.—Far. 73:12-17; 143:10.

SAGALEE YIHOWAA DHAGGEEFFACHUU KEESSAN ITTI FUFAA

17. Ofitti amanamuun balaa qaba kan jennu maaliifi?

17 Daawit isa mootii Israaʼel durii taʼe haa ilaallu. Dargaggummaasaatti, Goliyaad Filisxeemicha isa baayʼee guddaa taʼe moʼeera. Daawit sabichaaf loltuu, mootii, eegduufi murtoo dabarsituu taʼee ture. Daawit ofiisaatti yeroo amanametti garuu garaansaa kan isa gowwoomse siʼa taʼu, Baat-Sheebaa wajjin cubbuu cimaa kan raawwate taʼuusaarrayyuu abbaan manaashee Uriiyaan akka ajjeefamuuf haala mijeesseera. Daawit yeroo sirreeffamni isaaf kennametti gad of deebisuudhaan balleessaasaa kan amane yommuu taʼu, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabus deebisee ijaareera.—Far. 51:4, 6, 10, 11.

18. Sagalee Yihowaa dhaggeeffachuu keenya akka itti fufnuuf kan nu gargaaru maalidha?

18 Gorsa 1 Qorontos 10:12⁠rra jiru hojiirra oolchuudhaan, garmalee ofitti amanamuurraa haa fagaannu. ‘Karaa jireenya keenyaa ofii keenyaan geggeeffachuu’ waan hin dandeenyeef, sagalee Yihowaa hin dhageenyu taanaan sagalee diinasaa dhagaʼuun keenya hin oolu. (Er. 10:23) Kanaafuu, yeroo hunda haa kadhannu; qajeelfama hafuura qulqulluu haa hordofnu; akkasumas sagalee Yihowaa sirriitti dhaggeeffachuu keenya itti haa fufnu.