Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Yeroodhaan Nyaata” Argachaa Jirtaa?

“Yeroodhaan Nyaata” Argachaa Jirtaa?

SEENAA ilmaan namootaa keessatti yeroo garmalee rakkisaa taʼe keessa jiraanna. (2 Xim. 3:1-5) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnuufi murtoon ulaagaa qajeelinaasaa eegnee jiraachuuf goone guyyuma guyyaadhaan ni qorama. Yesus yeroo rakkisaan kun akka dhufu dursee waan beekeef, duuka buutotasaatiif jajjabina hamma dhumaatti jabaatanii dhaabachuuf isaan gargaaru akka isaaniif kennu mirkaneesseeraaf. (Mat. 24:3, 13; 28:20) Duuka buutotasaa jabeessuuf, hojjetaa amanamaa “yeroodhaan nyaata” hafuuraa dhiheessu muudeera.—Mat. 24:45, 46.

Hojjetaan amanamaan bara 1919⁠tti erga muudamee jalqabee, afaan hundumaa keessaa ‘naaʼonni’ miliyonaan lakkaaʼaman gara jaarmiyaa Yihowaatti sassaabamanii nyaata hafuuraa argachaa jiru. (Mat. 24:14; Mul. 22:17) Haataʼu malee, barreeffamni hundumtuu afaan hundaan hin argamu; akkasumas barreeffamoota bifa elektiroonikiitiin qophaaʼan kan argatan namoota hundumaa miti. Fakkeenyaaf, namoonni baayʼeen viidiyoowwaniifi matadureewwan Weeb saayitii jw.org jedhamurratti qofa baʼan hin argatan. Kana jechuun namoonni tokko tokko nyaata karaa hafuuraa fayyaa akka taʼan isaan gargaaru guutummaatti hin argatan jechuudhaa? Deebii gaaffii kanaa argachuuf, gaaffiiwwan barbaachisaa taʼan afur haa qorru.

1. Nyaata Yihowaan qopheessu keessaa inni guddaan maalidha?

Seexanni, dhagaa buddeena akka godhu yeroo isa qoretti Yesus, “Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa baʼu hundumaan malee” jedhee deebiseeraaf. (Mat. 4:3, 4) Dubbiin Yihowaa Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffameera. (2 Phe. 1:20, 21) Kanaafuu, nyaata Yihowaan nuu qopheessu keessaa inni guddaan Macaafa Qulqulluudha.—2 Xim. 3:16, 17.

Jaarmiyaan Yihowaa Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa guutummaasaa ykn gartokkoosaa afaan 120 oliin qopheesseera; wagguma waggaattis afaan dabalataatiin qopheessaa jira. Hiika kanaan alattis koppiin hiikawwan Macaafa Qulqulluu kan biraan biliyoonaan lakkaaʼamu, guutummaatti ykn gartokkoonsaa afaanota kumaan lakkaaʼamaniin argama. Kunis, Yihowaan “namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka gaʼu” fedhii kan qabu taʼuusaa wajjin kan walsimudha. (1 Xim. 2:3, 4) Kana malees ‘Wanti Waaqayyo uume tokko illee isa duraa dhokachuu waan hin dandeenyeef,’ ‘Karaa hafuuraatti hiyyeessota warra taʼan’ gara jaarmiyaasaatti fidee nyaata hafuuraa akka isaan sooru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Ibr. 4:13; Mat. 5:3, 6; Yoh. 6:44; 10:14.

2. Nyaata hafuuraa dhiheessuurratti gaʼeen barreeffamoota keenyaa maalidha?

Namni tokko amantii cimaa qabaachuu yoo barbaade, Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan alattis wanti gochuun isa barbaachisu jira. Wanta dubbisu hubachuufi wanta baratu hojiirra oolchuu qaba. (Yaq. 1:22-25) Xuʼaashiin lammii Itoophiyaa tokko kana hubatee ture. Filiphos inni Wangeela lallabu, “Waan dubbisuutti jirtu kana in hubattaa?” jedhee yeroo isa gaafatetti namichi kun Dubbii Waaqayyoo dubbisaa ture. Xuʼaashichis, “Utuu namni anaaf hin ibsin, attamittan hubachuu dandaʼa?” jedhee deebiseef. (HoE. 8:26-31) Filiphos, beekumsa Dubbii Waaqayyoo isa sirrii akka argatu xuʼaashicha gargaareera. Xuʼaashichi wanta barateen garaansaa waan tuqameef ni cuuphame. (HoE. 8:32-38) Haaluma wal fakkaatuun, barreeffamoonni keenya Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan beekumsa dhugaa isa sirrii akka argannu nu gargaaraniiru. Barreeffamoonni kun miira keenya tuqaniiru; wanta baranne hojiirra akka oolchinus nu kakaasaniiru.—Qol. 1:9, 10.

Tajaajiltoota Yihowaatiif karaa barreeffamoota kanaa nyaanniifi dhugaatiin hafuuraa baayʼinaan dhihaachaa jira. (Isa. 65:13) Fakkeenyaaf, Masaraan Eegumsaa afaan 210 ol taʼuun qophaaʼu, raajiiwwan Macaafa Qulqulluurratti ibsa ni kenna; dhugaawwan hafuuraa gadi fagoo taʼan nu hubachiisa; akkasumas seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra akka oolchinu nu kakaasa. Dammaqaan! inni gara afaan 100tiin maxxanfamummoo, beekumsa uumamawwan Yihowaa ilaalchisee qabnu nuu balʼisa; gorsa Macaafa Qulqulluu akkamitti hojiirra akka oolchinus nuuf ibsa. (Fak. 3:21-23; Rom. 1:20) Hojjetaa amanamaan wantoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan afaan 680 ol taʼuun qopheessa! Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yeroo ni ramaddaa? Barruulee haaraafi barreeffamoota waggaa waggaadhaan afaan keetiin baʼan hunda ni dubbistaa?

Jaarmiyaan Yihowaa barreeffamootaan alattis toorii haasaawwan walgaʼiiwwan gumiifi walgaʼii gurguddaas ni qopheessa. Haasaa, diraamaa, hojiin argisiisaafi gaafannoowwan walgaʼiiwwan kanarratti dhihaatanitti ni gammaddaa? Dhugumayyuu Yihowaan cidha hafuuraa nuu qopheesseera!—Isa. 25:6.

3. Barreeffamoonni qophaaʼan hundi afaan keetiin yoo jiraachuu baatan, karaa hafuuraa wanti sitti hafe jira jechuudhaa?

Akkas jechuu miti. Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko warra kaan caalaa nyaata hafuuraa kan argatan taʼuunsaanii nu dinqisiisuu hin qabu. Maaliif? Mee waaʼee ergamoota Yesus ilaali. Ergamoonni kun bartoota hedduu jaarraa jalqabaatti turan caalaa barumsa argataniiru. (Mar. 4:10; 9:35-37) Taʼuyyuu bartoonni kaan karaa hafuuraa wanti isaanitti hafe hin jiru ture; wanta isaan barbaachisu argataniiru.—Efe. 4:20-24; 1 Phe. 1:8.

Kana malees wanta Yesus yeroo lafarra turetti dubbateefi raawwate keessaa baayʼeensaa Wangeela keessatti akka hin ibsamne hubachuun barbaachisaadha. Yohannis Ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Kan biraa Yesus kan hojjete waan baayʼeen jiru; hundumti isaanii tokko tokkoon utuu caafamanii, biyyi lafaa macaafota isaan itti caafaman fudhachuu hin dandaʼu anatti fakkaata.” (Yoh. 21:25) Duuka buutonni Yesus warri jaarraa jalqabaa waaʼee Yesus isa nama mudaa hin qabnee nu caalaa kan beekan taʼus, nuttis wanti hafe hin jiru. Yihowaan waaʼee Yesus hamma faanasaa duukaa buʼuuf nu dandeessisu akka beeknu godheera.—1 Phe. 2:21.

Mee ammammoo waaʼee xalayaawwan ergamoonni Yesus gumiiwwan jaarraa jalqabaatiif erganii yaadi. Xalayaawwan Phaawulos barreesse keessaa yoo xinnaate tokko Macaafa Qulqulluu keessatti hin galmeeffamne. (Qol. 4:16) Xalayaa sana argachuu waan hin dandeenyeef, nyaanni hafuuraa nutti hirʼateera jechuudhaa? Lakki. Yihowaan wanta nu barbaachisu kan beeku siʼa taʼu, nyaata gaʼaa karaa hafuuraa jabaachuuf nu dandeessisu nuu kenneera.—Mat. 6:8.

Yihowaan wanta nu barbaachisu kan beeku siʼa taʼu, nyaata gaʼaa karaa hafuuraa jabaachuuf nu dandeessisu nuu kenneera

Yeroo harʼaa tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko warra kaan caalaa nyaata hafuuraa baayʼee argatu. Afaan ati dubbattuun barreeffamoota muraasa qofaatu jiraa? Taanaan Yihowaan akka siif yaadu hin dagatin. Barreeffamoota qabdu qayyabadhu; yoo dandaʼamemmoo walgaʼiiwwan afaan sii galuun geggeeffamanirratti argami. Yihowaan karaa hafuuraa akka si cimsu mirkanaaʼaa taʼi.—Far. 1:2; Ibr. 10:24, 25.

4. Wantoota Weeb saayitii jw.org jedhamurratti baʼan yoo argachuu baatte karaa hafuuraa ni dadhabda jechuudhaa?

Weeb saayitii keenyarratti barruuleefi barreeffamoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaran kan biraa ni baasna. Weeb saayitiin kun wantoota hiriyoota gaaʼelaa, dargaggootaafi namoota ijoollee xixinnoo qaban gargaaranis qabateera. Maatiiwwan, sagantaa Waaqeffannaa Maatiisaaniirratti wantoota kanarratti mariʼachuudhaan faayidaa ni argatu. Kana malees Weeb saayitiin keenya, sagantaawwan addaa kan akka eebba Mana Barumsaa Giilʼaadiifi walgaʼii waggaa ni gabaasa; akkasumas waaʼee balaa uumamaafi dhimmawwan seeraa Dhugaa Baatota Yihowaa ilaallatanirratti obboloota addunyaa maratti argamaniif odeeffannoo ni kenna. (1 Phe. 5:8, 9) Weeb saayitiin kun, misiraachichi biyyoota hojiin keenya itti dhorkame keessattillee akka beekamu waan godheef, meeshaa gaarii hojii lallabaatiif gargaaru taʼeera.

Haataʼu malee, Weeb saayitii keenya argattes argachuu baattes, karaa hafuuraa cimaa taatee itti fufuu ni dandeessa. Hojjetaa amanamaan, tajaajiltoonni hundinuu karaa hafuuraa akka gaariitti akka sooratan gochuuf, barreeffamoota gaʼaa taʼan maxxansuurratti jabaatee hojjechaa jira. Kanaaf, Weeb saayitii jw.org jedhamutti fayyadamuuf qofa meeshaa tokko bituu akka qabdu sitti dhagaʼamuu hin qabu. Wantoota Weeb saayitii kanarratti argaman keessaa muraasa maxxansanii, warra Weeb saayitii kana argachuu hin dandeenyeef kennuuf dhuunfaadhaan qophii gochuun kan dandaʼamu taʼus, gumiiwwan akkas akka godhan irraa hin eegamu.

Yesus waadaa wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu nuu guutuuf gale eeguusaatti isa galateeffanna. Guyyoonni dhumaa rakkisaa taʼan kun saffisaan yeroo xumuramaa jiran kanatti, Yihowaan “yeroodhaan nyaata” hafuuraa nuu dhiheessuusaa akka itti fufu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.