Gaaffii Dubbistootaa
Yesus Saduqootaan, namoonni duʼaa kaʼan “hin fuudhan hin heerumanis” jedhee ture. (Luq. 20:34-36) Yeroo akkas jedhutti waaʼee namoota lafarra jiraachuuf duʼaa kaʼanii dubbachaa turee?
Gaaffiin kun, keessumaa namoota hiriyaa gaaʼelaa jaallatan duʼaan dhabaniif gaaffii barbaachisaadha. Namoonni akkasii addunyaa haaraa keessatti hiriyaa gaaʼelaasaanii duʼaa kaʼee wajjin deebiʼanii jiraachuuf hawwu taʼa. Obboleessi haati manaasaa jalaa duute tokko akkas jedheera: “Aniifi haati manaakoo gargar baʼuu hin barbaannu turre. Akka haadha manaafi abbaa manaatti barabaraaf Waaqa keenya tokkummaadhaan waaqeffachaa jiraachuuf fedhii guddaa qabna turre. Ani ammas fedhii akkasiin qaba.” Namoonni duʼaa kaʼan gaaʼela akka godhatan abdachuuf ragaa quubsaan jiraa? Deebiinsaa, akkas jechuu hin dandeenyu kan jedhudha.
Barreeffamoonni keenya waggoota hedduudhaaf ibsaa akka turanitti, wanti Yesus duʼaa kaʼuufi gaaʼela godhachuu ilaalchisee dubbate, waaʼee namoota lafarra jiraachuuf duʼaa kaʼanii akka taʼe, akkasumas namoonni addunyaa haaraa keessa jiraachuuf duʼaa kaʼan kun gaaʼela hin godhatan taʼa kan jedhu ture. * (Mat. 22:29, 30; Mar. 12:24, 25; Luq. 20:34-36) Wanta qabannetti cichuu hin barbaannu. Yesus kan dubbachaa ture waaʼee namoota samiirra jiraachuuf duʼaa kaʼanii taʼuu ni dandaʼaa? Mee wanta Yesus dubbate haa qorru.
Mee haala yeroo sana ture haa ilaallu. (Luqaas 20:27-33 dubbisi.) Saduqoonni warri duʼaa kaʼuutti hin amanne, waaʼee duʼaa kaʼuufi obboleessa abbaa manaatti heerumuu isa gaafachuudhaan Yesusiin qoruuf yaalanii turan. * Yesus akkas jechuudhaan deebiseef: “Ijoolleen namaa bara biyya lafa kanaa irra jiraatanitti, in fuudhu in heerumus; bara biyya isa dhufuu keessa jiraachuudhaaf, duʼaa kaʼuudhaafis, warri ayyaana argatan garuu, hin fuudhan hin heerumanis. Duʼaa erga kaʼanii deebiʼanii duʼuu hin dandaʼan, ergamoota Waaqayyoo fakkaatanii, warra duʼaa kaʼan waan taʼaniifis ijoollee Waaqayyoo taʼu malee”—Luq. 20:34-36.
Barreeffamoonni keenya Yesus kan dubbate waaʼee namoota lafarra jiraachuuf duʼaa kaʼanii taʼuu dandaʼa jechaa kan turan maaliifi? Xumura kanarra kan gaʼame yaadawwan lamarratti hundaaʼamee ture. Yaadni inni jalqabaa, Saduqoonni gaaffii kana yeroo gaafatanitti sammuutti qabatanii kan turan waaʼee namoota lafarra jiraachuuf duʼaa kaʼanii taʼuu waan hin oolleef, Yesusis kan isaaniif deebise gaaffiisaaniirratti hundaaʼeeti kan jedhu ture. Inni lammataammoo, Yesus dhumarratti abbootii amantii amanamoo taʼaniifi gara fuulduraatti lafarra jiraachuuf duʼaa kaʼan, jechuunis Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoobiin caqasuusaati.—Luq. 20:37, 38.
Haataʼu malee, Yesus kana kan dubbate waaʼee namoota samiirra jiraachuuf duʼaa kaʼanii sammuutti qabatee taʼuu ni dandaʼa. Xumura kanarra gaʼuu kan dandeenyu maalirratti hundoofneetu? Wanta Yesus dubbate keessaa yaadawwan ijoo lama haa ilaallu.
‘Duʼaa kaʼuudhaaf, warra ayyaana argatan.’ Warri dibamoon amanamoo taʼan, ‘mootummaa Waaqayyootiif . . . kan malanidha.’ (2 Tas. 1:5, 11) Sababii furichaatiin jireenya argachuudhaaf qajeelota taʼaniiru; kanaaf kan duʼan cubbamoota duuti itti faradame taʼanii miti. (Rom. 5:1, 18; 8:1) Namoonni kun ‘gammadoofi qulqullaaʼoo’ jedhamaniiru; akkasumas duʼaa kaʼanii samiirra jiraachuuf kan malanidha. (Mul. 20:5, 6) Haala kanarraa faallaa taʼen, namoonni lafarra akka jiraataniif duʼaa kaʼan, ‘jalʼootas’ kan dabalatanidha. (HoE. 24:15) Waaʼee warra kanaa duʼaa kaʼuuf ‘ayyaana argataniiru’ jechuun ni dandaʼamaa?
1 Qor. 15:53, 54) Namoota samiirra jiraachuuf duʼaa kaʼanirratti kana booda duuti aangoo hin qabaatu. *
“Deebiʼanii duʼuu hin dandaʼan.” Yesus “Deebiʼanii hin duʼan” hin jenne. Kanaa mannaa “Deebiʼanii duʼuu hin dandaʼan” jedhe. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu kan biraan “kana booda toʼannaa duʼaa jala hin galan” akkasumas, “duuti kana booda aangoo isaanirratti hin qabu” jedhanii hiikaniiru. Kiristiyaanonni dibamoon jireenyasaanii isa lafarraa amanamummaadhaan raawwatan, samiirratti jireenya hin duune, jechuunis jireenya dhuma hin qabneefi hin badne argatu. (Yaadawwan armaan olitti ilaallerraa kaʼuudhaan xumura akkamiirra gaʼuu dandeenya? Wanti Yesus gaaʼelaafi duʼaa kaʼuu ilaalchisee dubbate, namoota samiirra jiraachuuf duʼaa kaʼan kan ilaallatu taʼuu ni dandaʼa. Taanaan, wantoonni Yesus dubbate waaʼee namoota samiirra jiraachuuf duʼaa kaʼanii wanta nutti himan qabu. Namoonni kun hin fuudhan, hin duʼan, akkasumas karaa tokko tokko akka ergamootaa ni taʼu, jechuunis qaamota hafuuraa taʼanii addunyaa hafuuraa keessa jiraatu. Xumurri kun garuu gaaffilee hedduu kaasa.
Tokkoffaa, Saduqoonni kan gaafatan waaʼee namoota lafarra jiraachuuf duʼaa kaʼanii taʼuu dandaʼa; Yesus waaʼee namoota samiirra jiraachuuf duʼaa kaʼanii kan dubbate maaliifiree? Yesus al tokko tokko mormitootasaatiif deebii wanta isaan yaadanii wajjin wal hin simne deebisa ture. Fakkeenyaaf, Yihudoota mallattoo akka isaanitti argisiisuuf isa gaafataniin, “Mana qulqullummaa kana jigsaa! Ani immoo guyyaa sadiitti deebisee isa nan dhaaba” jedhee ture. Yesus Yihudoonni waaʼee Mana qulqullummaa sanaa akka yaadaa turan beekuu hin oolle. Inni ‘garuu waaʼee mana qulqullummaa yommuu dubbate waaʼee dhagna ofiisaa dubbachuusaa ture.’ (Yoh. 2:18-21) Tarii Yesus Saduqoota yaada qajeelaa hin qabneefi duʼaa kaʼuuttis taʼe jiraachuu ergamootaatti hin amanneef deebii sirrii taʼe deebisuun barbaachisaa akka hin taane itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. (Fak. 23:9; Mat. 7:6; HoE. 23:8) Kanaa mannaa, bartootasaa yaada qajeelaa qabaniifi gara fuulduraatti duʼaa kaʼuu kana argachuuf abdii qaban gargaaruuf, waaʼee namoota samiirra jiraachuuf duʼaa kaʼanii dhugaasaa ibsuu barbaadee taʼuu dandaʼa.
Lammaffaa, Yesus dhumarratti Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoob, warra gara fuulduraatti lafarra akka jiraataniif duʼaa kaafaman kan caqase maaliifi? (Maatewos 22:31, 32 dubbisi.) Yesus waaʼee abbootii amantii kanaa yeroo dubbatu, “waaʼee kaʼuu warra duʼanii immoo” jedhee jalqabuusaa hubadhu. Gaaleen yaada tokkorraa kan birraatti darbuuf gargaaruu kun, xiyyeeffannaasaa yaada kan biraarra gochuusaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Achii booda, Macaafa Musee isa Saduqoonni itti amanna jedhanirraa, wanta Yihowaan huxxii bobaʼu biratti Museetti dubbate caqasuudhaan, namoonni duʼaa kaʼanii lafarra akka jiraatan gochuun kaayyoo Waaqayyoo akka taʼe ragaa kan biraa dhiheesseeraaf.—Bau. 3:1-6.
Sadaffaa, wanti Yesus duʼaa kaʼuufi wal fuudhuu ilaalchisee dubbate namoota samiirra jiraachuuf duʼaa kaʼan kan ilaallatu erga taʼee, namoonni lafarra jiraachuuf duʼaa kaʼan wal fuudhuu ni dandaʼu jechuudhaa? Macaafni Qulqulluun gaaffii kanaaf kallattiidhaan deebii hin kennu. Wanti Yesus dubbate dhuguma waaʼee namoota samiirra jiraachuuf duʼaa kaʼanii taanaan, namoonni lafarra jiraachuuf duʼaa kaʼan addunyaa haaraa keessatti kan walfuudhan taʼuufi dhiisuusaa wanta inni dubbaterraa hubachuu hin dandeenyu.
Macaafni Qulqulluun duuti walitti dhufeenya gaaʼelaa akka addaan kutu ifatti dubbata. Kanaaf, abbaan manaa haati manaa jalaa duute ykn haati manaa abbaan manaa jalaa duʼe tokko, nama biraa fuudhuuf ykn nama biraatti heerumuuf yoo murteessan dogoggora akka taʼe itti dhagaʼamuu hin qabu. Kun murtoo dhuunfaadha; namoonni akkasii walitti dhufeenya gammachiisaa gaaʼela keessatti argamu hawwuusaaniitiin isaan ceephaʼuu hin qabnu.—Rom. 7:2, 3; 1 Qor. 7:39.
Jireenya addunyaa haaraa keessatti jiraannu ilaalchisee gaaffii hedduu akka qabnu beekamaadha. Ofumaa deebii gaaffilee kanaa tilmaamuurra, hamma yeroonsaa gaʼee arginutti eeguu qabna. Namoonni ajajamoo taʼan akka gammadaniifi Yihowaan fedhiifi hawwiisaanii hunda akka gaariitti akka isaaniif guutu garuu beekna.—Far. 145:16.
^ key. 4 Masaraa Eegumsaa, Waxabajjii 1, 1987, fuula 30-31 (Ingiliffa) ilaali.
^ key. 5 Bara duriitti obboleessa abbaa manaatti heerumuun baramaa ture; namni tokko mucaan hidda maatii obboleessasaa itti fufsiisu akka dhalatuuf jecha, haadha manaa obboleessasaa dhala hin qabne fuudha ture.—Uma. 38:8; Kes. 25:5, 6.
^ key. 9 Namoonni lafarra jiraachuuf duʼaa kaʼan abdiinsaanii jireenya barabaraa argachuudha malee, jireenya hin duune argachuu miti. Garaagarummaa jireenya hin duuneefi jireenya barabaraa gidduu jiru ilaalchisee yaada dabalataa yoo barbaadde Masaraa Eegumsaa, Ebla 1, 1984, fuula 30-31 (Ingiliffa) ilaali.