Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Kan Nutti Dhihaatu Akkamitti?

Yihowaan Kan Nutti Dhihaatu Akkamitti?

“Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata.”​—YAQ. 4:8.

1. Ilmaan namootaa fedhii akkamii qabu? Fedhiisaanii kana guutuufii kan dandaʼu eenyu?

ILMAAN namootaa waliisaaniitti dhihaachuuf fedhii guddaa qabu. Namoonni, “baayʼee yeroo wal jaallataniifi sirriitti wal beekan walitti dhihaatu” jedhama. Walitti dhufeenyi maatiifi hiriyoota keenya nu jaallatan, nu dinqisiifataniifi nu hubatanii wajjin qabnu nu gammachiisa. Haataʼu malee, hunda caalaa walitti dhufeenya cimaa qabaachuun kan nu barbaachisu Uumaa keenyaa wajjinidha.—Lal. 12:1.

2. Yihowaan waadaa akkamii nuu seene? Namoonni hedduun waadaa kanatti kan hin amanne maaliifi?

2 Yihowaan Macaafa Qulqulluu keessatti, garasaatti ‘akka dhihaannu’ kan nu jajjabeesse siʼa taʼu, yoo akkas goone nutti ‘akka dhihaatu’ waadaa nuu seeneera. (Yaq. 4:8) Yaada baayʼee nama jajjabeessu mitii? Haataʼu malee, namoonni hedduun Waaqayyo isatti akka dhihaannu barbaada jedhanii yaaduun wanta hin fakkaanne akka taʼe isaanitti dhagaʼama; isatti dhihaachuun isaaniif akka hin malleefi namarraa baayʼee fagoo waan taʼeef itti dhihaachuun akka hin dandaʼamne isaanitti dhagaʼama. Yihowaatti dhihaachuun garuu dhuguma ni dandaʼamaa?

3. Waaʼee Yihowaa wanti nuti beekuu qabnu maalidha?

3 Yihowaan namoota isa barbaadan ‘hundumaarraa fagoo miti;’ Isa beekuun ni dandaʼama. (Hojii Ergamootaa 17:26, 27; Faarfannaa 145:18 dubbisi.) Waaqni keenya namoonni cubbamoo taʼanillee isatti akka dhihaataniif haala kan mijeesse siʼa taʼu, namoota kana akka michootasaatti ilaaluufis fedhii qaba. (Isa. 41:8; 55:6) Faarfatichi muuxannoosaarraa kaʼuudhaan waaʼee Yihowaa, “Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu cubbuu isaa wajjin gara kee in dhufa. Namni ati foʼatte . . . , ofitti buttu haa gammadu!jechuudhaan barreesseera. (Far. 65:2, 4) Seenaan Macaafa Qulqulluu waaʼee Aasaa isa mootii Yihuudaa turee dubbatu, waaʼee nama gara Yihowaatti dhihaate tokkoofi haala inni itti isa qabe ibsa. *

FAKKEENYA BARA DURII TOKKORRAA BARADHAA

4. Aasaa Mootichi saba Yihudaatiif fakkeenya akkamii taʼe?

4 Aasaa Mootichi, ejja mana qulqullummaa keessatti raawwatamuufi waaqeffannaa waaqolii sobaa biyyattii keessatti babalʼatee ture balleessuudhaan, waaqeffannaa dhugaadhaaf hinaaffaa akka qabu argisiiseera. (1 Mot.15:9-13) “Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii yaadaan akka barbaaddataniif, akka seera isaa fi akka abboommii isaatti akka jiraataniif” afaan guutee sabicha jajjabeesseera. Yihowaan bulchiinsi Aasaa waggoota kurnan jalqabaatti naga qabeessa akka taʼu gochuudhaan isa eebbiseera. Aasaan nagaa kana eenyurraa akka argatan itti dhagaʼame laata? Sabichaan, “Nuyi Waaqayyoon gooftaa keenya waan barbaanneef, inni naannoo keenya hundumaatti boqonnaa nuuf kenneera” jedheera. (2 Sen. 14:1-7) Ittaansuudhaan maaltu akka raawwatame haa ilaallu.

5. Aasaan Waaqayyotti akka amanamu kan argisiise haala akkamii keessatti ture? Buʼaansaahoo maal ture?

5 Mee haala Aasaan keessa ture keessa akka jirtanitti yaadaa. Nama biyya Itoophiyaa kan taʼe Zeraan, loltoota 1,000,000 fi konkolaattota 300 qabatee Yihudaa loluuf dhufaa jira. (2 Sen. 14:8-10) Humni waraanaa garmalee baayʼee taʼe gara mootummaakeetti yeroo dhufu utuu argitee maaltu sitti dhagaʼama? Baayʼinni loltootakeetii walumaa galatti 580,000 qofadha! Baayʼinnisaanii baayʼina loltoota keetti harka lama taʼa; yeroo kanatti Waaqayyo haalli akkasii akka uumamu maaliif heyyame jettee gaafattaa? Haala akka tasaa si mudate kanaaf furmaata kennuuf, karaa ofii keetiin tarkaanfii fudhachuuf yaaltaa? Murtoon Aasaan godhe, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabuufi isatti akka amanamu kan argisiisudha. “Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa, nuyi si amanannee maqaa keetiin loltoota sonaan baayʼatan kana loluudhaaf baaneerra ati nu gargaari! Yaa Waaqayyo ati gooftaa keenya, namni tokko illee si irratti humna akka argatu hin godhin!” jechuudhaan garaadhaa kadhateera. Kadhannaa Aasaan garaadhaa dhiheesseef Waaqayyo deebii akkamii kenne? Yihowaan “warra Itoophiyaa in rukute.” Isaan keessaa tokkollee hin oolle!—2 Sen. 14:11-13.

6. Aasaarraa barumsa akkamii arganna?

6 Aasaan qajeelfamaafi eegumsa Waaqayyootti guutummaatti akka amanamu kan isa godhe maalidha? Macaafni Qulqulluun, “Aasaan . . . wanta fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe in hojjete,” akkasumas “garaa isaa guutuu Waaqayyoof of kennee ture” jedha. (1 Mot. 15:11, 14) Nutis garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu qabna. Harʼas taʼe gara fuulduraatti isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaannuuf kana gochuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Yihowaan ofitti nu dhiheessuuf dursa fudhachuusaatiifi isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaannuufi akka guddifannu nu gargaaruusaatiif baayʼee isa galateeffanna. Karaa Waaqayyo kana itti godhe lama haa ilaallu.

YIHOWAAN KARAA FURICHAA OFITTI NU DHIHEESSEERA

7. (a) Yihowaan ofitti nu dhiheessuuf maal godheera? (b) Karaa Waaqayyo ittiin ofitti nu dhiheesse keessaa inni guddaan kamidha?

7 Yihowaan bakka jireenyaa bareedduu isaaniif kennuudhaan ilmaan namootaatti jaalalasaa argisiiseera. Ammas wantoota dinqisiisoo jireenyi keenya akka itti fufu godhan nuu kennuudhaan jaalalasaa nutti argisiisaa jira. (HoE. 17:28; Mul. 4:11) Hunda caalaammoo, Yihowaan wantoota karaa hafuuraa nu barbaachisan nuu guuta. (Luq. 12:42) Kadhannaa keenya ofumasaatii akka dhagaʼus nuu mirkaneesseera. (1 Yoh. 5:14) Haataʼu malee, karaan inni guddaan Waaqayyo ittiin ofitti nu dhiheesseefi nutis itti dhihaachuu dandeenye, jaalala karaa furichaatiin nutti argisiisedha. (1 Yohannis 4:9, 10, 19 dubbisi.) Yihowaan cubbuufi duʼarraa walaba akka taanuuf “tokkicha ilma isaa” gara lafaatti ergeera.—Yoh. 3:16.

8, 9. Yesus kaayyoo Yihowaa keessatti gahee akkamii qaba?

8 Yihowaan namoonni bara Kiristos dura jiraatanillee furicharraa faayidaa akka argatan godheera. Yihowaan kaayyoonsaa utuu hin raawwatamin waan hin hafneef, Yesus isa gara fuulduraatti ilmaan namootaa fayyisu ilaalchisee raajii erga dubbatee kaasee, furicha akka waan kaffalametti ilaalaa ture. (Uma. 3:15) Jaarraa hedduu booda, Phaawulos ergamaan, ‘furii Yesus Kristos isa tola nuu kennameef’ Waaqayyoon galateeffateera. Kana malees, “Obsa isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf” jedheera. (Rom. 3:21-26) Kun gara Waaqayyootti akka dhihaannu gochuurratti Yesus gumaacha guddaa akka qabu kan argisiisu mitii?

9 Namoonni gad of deebisan Yihowaa beekuufi isatti dhihaachuu kan dandaʼan karaa Yesus qofadha. Macaafni Qulqulluun waaʼee dhimma kanaa maal jedha? Phaawulos, “Waaqayyo . . . , utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf duʼuu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 5:6-8) Aarsaan furii Yesus kan nuu kaffalame, waan nuu maluuf utuu hin taʼin, waan jaallatamnuufidha. Yesus, “Abbaan inni ana erge yoo isa harkisuu dhaabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin dandaʼu” jedheera. Yeroo biraattimmoo, “Anaan yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jedheera. (Yoh. 6:44; 14:6) Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamee karaa Yesusiin namoota ofitti ni harkisa; akkasumas barabaraaf jiraachuu akka dandaʼanitti isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaatan ni gargaara. (Yihudaa 20, 21 dubbisi.) Karaa Yihowaan ittiin ofitti nu harkisu kan biraas haa ilaallu.

YIHOWAAN KARAA MACAAFA QULQULLUU OFITTI NU DHIHEESSEERA

10. Macaafni Qulqulluun wanta Waaqayyotti akka dhihaannu nu gargaaru akkamii nu barsiisa?

10 Mataduree kana keessatti hamma yoonaatti kitaabota Macaafa Qulqulluu 14⁠rraa caqasneerra. Utuu Macaafni Qulqulluun hin jiru taʼee Uumaa keenyatti dhihaachuu akka dandeenyu akkamitti beekuu dandeenya turre? Waaʼee furichaafi gara Yihowaatti kan dhihaannu karaa Yesus taʼuusaahoo akkamitti beekuu dandeenya turre? Yihowaan Macaafa Qulqulluu kan barreessise hafuurasaatiinidha. Macaafni kunimmoo waaʼee amalasaafi kaayyoosaa nutti hima. Fakkeenyaaf, Baʼuu 34:6, 7⁠rratti, Yihowaan waaʼee ofiisaa akkas jechuudhaan Museetti himeera: “Ani Waaqayyo gooftichi, Waaqayyo isa ooʼa-qabeessaa fi araara qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha. Ani gaarummaa koo dhaloota kumaatamaaf jabeessee kanan eeguu dha; yakka irra-daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa.” Namni Waaqa akkasiitti dhihaachuu hin barbaanne jiraa? Yihowaan waaʼeesaa Macaafa Qulqulluurraa caalaatti yeroo barannu, caalaatti akka nuu dhugoomuufi nutis caalaatti akka isatti dhihaannu beeka.

11. Waaʼee amalawwan Waaqayyoofi daandiiwwansaa baruuf carraaquu kan qabnu maaliifi? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

11 Seensi kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamurratti argamu, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe yeroo ibsu akkas jedha: “Michummaan kamiyyuu, nama tokko beekuu, akkasumas amalawwansaa adda taʼan dinqisiifachuufi bakka guddaa isaaniif kennuurratti kan hundaaʼedha. Kanaafuu, amalawwaniifi daandiiwwan Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman qayyabachuun baayʼee barbaachisaadha.” Kanaafuu, Yihowaan karaa nuti hubachuu dandeenyuun Dubbiisaa waan nuu barreessiseef baayʼee isa galateeffanna!

12. Yihowaan Macaafa Qulqulluu barreessisuuf namootatti kan fayyadame maaliifi?

12 Yihowaan, ergamoonnisaa Macaafa Qulqulluu akka barreessan gochuu ni dandaʼa ture. Sababiinsaas, ergamoonni waaʼee keenyaafi wanta nuti raawwannuuf xiyyeeffannaa ni kennu. (1 Phe. 1:12) Ergamoonni ergaa Waaqayyoo namootaaf barreessuu ni dandaʼu turan. Haataʼu malee, wantoota tokko tokkoof ilaalcha akka namootaa qabaachuu ni dandaʼu turanii? Wanta nu barbaachisu, dadhabinaafi hawwii keenya hubachuu ni dandaʼu turanii? Lakki; Yihowaanis gama kanaan hanqina isaan qaban beeka. Kanaaf, Macaafa Qulqulluu namoonni akka barreessan gochuudhaan caalaatti miira keenya akka tuqu godheera. Yaadaafi miira namoota Macaafa Qulqulluu barreessaniifi namoota achi keessatti caqasamanii hubachuu ni dandeenya. Gaddasaanii, shakkiisaanii, sodaafi hanqinasaanii isaaniif hubachuu, akkasumas gammachuufi milkaaʼinasaaniitti gammaduu ni dandeenya. Akkuma Eliyaas raajichaa, barreessitoonni Macaafa Qulqulluu hundi ‘namoota akka keenyaati.’—Yaq. 5:17.

Karaan Yihowaan Yoonaasiifi Phexrosiin itti qabe Isatti akka dhihaattu kan godhu akkamitti? (Keeyyata 13fi 15 ilaali)

13. Kadhannaa Yoonaas dhiheesse yeroo dubbistu maaltu sitti dhagaʼama?

13 Fakkeenyaaf, hojii Waaqayyo isaaf kenne yeroo dhiisee baqatetti miira Yoonaasitti dhagaʼame ergamaan tokko ibsuu ni dandaʼa turee? Yihowaan Yoonaas kadhannaa galaana keessa utuu jiruu garaadhaa dhiheesse dabalatee, seenaasaa ofiisaatii akka barreessu gochuunsaa sirrii ture! Yoonaas, “Yeroo lubbuun koo na keessatti gaggabdetti, yaa Waaqayyo ko, ani sin yaadadhe” jedheera.—Yoonaas 1:3, 10; 2:2-10.

14. Wanta Isaayaas waaʼee ofiisaa barreesse hubachuu kan dandeenye maaliifi?

14 Wanta Yihowaan Isaayaas waaʼee ofiisaa akka barreessu godhes ilaalaa. Isaayaas raajichi erga ulfina Waaqayyoo argee booda cubbamaa taʼuusaa ilaalchisee akkas jechuuf kakaʼeera: “Wayyoo kaa! Ani nama arrabni isaa xuraaʼe, namoota arrabni isaanii xuraaʼe gidduus kanan jiraadhu waanan taʼeef, iji koos Waaqayyoon mootii maccaa waan argeef nan bade!” (Isa. 6:5) Ergamaan jechoota akkasii dubbachuuf kakaʼu jiraa? Isaayaas garuu dubbachuu dandaʼeera; nutis miira isatti dhagaʼamee ture hubachuu ni dandeenya.

15, 16. (a) Miira namootaa hubachuu kan dandeenyu maaliifi? Fakkeenya kenni. (b) Yihowaatti dhihaachuuf wanti nu gargaaru maalidha?

15 Ergamoonni akka Yaaqoob “anaaf hin malu” jedhanii dubbachuu ykn akka Phexros “cubbamaa” akka taʼan isaanitti dhagaʼamuu ni dandaʼa turee? (Uuma. 32:10, NW; Luq. 5:8) Akka bartoota Yesus ‘sodaachuu’ ni dandaʼu turanii? Yookiin akka Phaawulosiifi namoota kaanii, mormitoota gidduutti misiraachicha dubbachuuf “ija jabina” argachuun isaan barbaachisa turee? (Yoh. 6:19; 1 Tas. 2:2) Lakki; ergamoonni karaa hundaaniyyuu mudaa hin qaban, akkasumas humna guddaa ilmaan namaatii ol taʼe qabu. Namoonni miira akkasii yeroo ibsan garuu, nutis namoota waan taaneef miirasaanii dafnee hubanna. Macaafa Qulqulluu yeroo dubbisnu, ‘warra gammadanii wajjin gammaduu, warra booʼanii wajjinis booʼuu’ ni dandeenya.—Rom. 12:15.

16 Walitti dhufeenya Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo bara duriitti turanii wajjin qabu ilaalchisee yaada Macaafa Qulqulluurratti argamurratti xiinxaluun keenya, waaʼee Waaqa keenyaa wanta hedduu barachuuf nu dandeessisa. Yihowaan obsaafi jaalalaan namoota mudaa qabanitti akkamitti akka dhihaates hubachuu dandeenya. Akkas yoo goone, Yihowaa sirriitti beekuufi garaadhaa isa jaallachuu ni dandeenya. Kunimmoo caalaatti isatti akka dhihaannu nu godha.—Faarfannaa 25:14 (NW) dubbisi. *

WAAQAYYOO WAJJIN WALITTI DHUFEENYA CIMAA QABAADHAA

17. (a) Azaariyaan Aasaadhaaf gorsa gaarii akkamii kenne? (b) Aasaan gorsa Azaariyaan isaaf kenne hojiirra akka hin oolchine kan argisiisu maalidha? Buʼaansaahoo maal ture?

17 Aasaa Mootichi loltoota Itoophiyaa erga injifatee booda, Azaariyaa inni raajii Waaqayyoo taʼe isaafi sabasaatiif gorsa gaarii kenneera. Akkas jedheen: “Yoo isin Waaqayyo duukaa buutanii jiraattan, innis isinii wajjin in jiraata; yoo isa barbaaddattan, inni immoo isiniif in argama; isin yoo isa dhiiftan garuu, innis isin in dhiisa.” (2 Sen. 15:1, 2) Haataʼu malee, yeroo booda Aasaan gorsa kana utuu hojiirra hin oolchin hafeera. Diinasaanii kan taʼe Mootummaan Israaʼel kaabaa yeroo isaan weeraretti, Aasaan warra Sooriyaa gargaarsa gaafate. Akkuma duraanii Yihowaa gargaarsa gaafachuurra, namoota Waaqayyoon hin beeknee wajjin michooma uume. Yihowaan Aasaadhaan, “Ati kana gowwummaadhaan hojjette; kanaaf gara fuula duraatti lolli garaa garaa sitti kaʼuuf jira” jechuunsaa sirriidha. Bulchiinsi Aasaa sana booda ture waraanaan kan guutame taʼe. (2 Sen. 16:1-9) Kanarraa barumsa akkamii arganna?

18, 19. (a) Yihowaarraa hamma tokko fagaanneerra taanaan maal gochuu qabna? (b) Yihowaatti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Yihowaarraa gonkumaa fagaachuu hin qabnu. Yihowaarraa hamma tokko fagaanneerra taanaan, gorsa Hoseʼaa 12:6⁠rra jiru hojiirra oolchuu qabna; caqasichi akkas jedha, “[Gara Waaqakeetti deebiʼi, hiika bara 1899] egaa jaalalatti, wanta dhugaa taʼettis qabamii jiraadhu! Yeroo hundumaas Waaqayyo kee abdiidhaan eeggadhu.” Kanaaf, qophii furichaarratti gadi fageenyaan xiinxaluudhaan, akkasumas Macaafa Qulqulluu dhimminee qayyabachuudhaan Yihowaatti caalaatti haa dhihaannu.—Keessa Deebii 13:4 dubbisi.

19 Faarfatichi, “Waaqayyotti dhiʼaachuun anaaf gaarii dha” jechuudhaan barreesseera. (Far. 73:28) Hundi keenyayyuu waaʼee Yihowaa wantoota haaraa barachuu keenya itti haa fufnu. Akkas yoo goone caalaatti isa jaallachuu ni dandeenya. Yihowaan ammas taʼe hanga barabaraatti caalaatti akka nutti dhihaatu hawwina!

^ key. 3 Mataduree “Gatii Dadhabbii Keessanii In Argattu,” jedhuufi waaʼee Aasaa dubbatu, Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2012⁠rraa ilaali.

^ key. 16 Faarfannaa 25:14, (NW): “Yihowaa wajjin michooma cimaa kan qabaatan namoota isa sodaatanidha. Innis Kakuusaa akka beekan ni godha.”