Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

“Yureekaa Diraamaan” Namoonni Baayʼeen Dhugaa Macaafa Qulqulluu Akka Argatan Gargaareera

“Yureekaa Diraamaan” Namoonni Baayʼeen Dhugaa Macaafa Qulqulluu Akka Argatan Gargaareera

“YUREEKAA!” Jechi kun hiiknisaa “Nan argadhe!” jechuudha. Jaarraa 19⁠ffaa keessa Yuu.Ees.Ee. Kaalifoorniyaatti, namoonni warqee barbaadanii yeroo argatan sagalee kana dhageessisu turan. Chaarlis Teez Raasiliifi Barattoonni Macaafa Qulqulluu kan biroon garuu, wanta warqeerra gati jabeessa taʼe, jechuunis dhugaa Macaafa Qulqulluu argatanii turan. Wanta argatan warra kaaniin gaʼuufis hawwii guddaa qabu turan.

Ganna bara 1914⁠tti namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi magaalota gurguddoo keessa jiraatan, “Footoo Diraamaa” jechuunis fiilmii seenaa waggoota kumaatama hedduu qabateefi Waldaa Barattoota Macaafa Qulqulluu Addunyaa Maraatiin qophaaʼe ilaalaa turan. Fiilmiin kun fakkiiwwan mimmiidhagoo sosochoʼan, islaayidoota halluu, seenessa nama gammachiisuufi muuziqaa meeshaa qofaan qophaaʼe qaba ture. Akkasumas, seenaa uumamaarraa jalqabee seenaa dhala namaa hanga dhuma Bulchiinsa Yesus Kiristos Waggaa Kumaatti kan argisiisu ture.—Mul. 20:4. *

Namoonni magaalota xixinnoofi naannoo baadiyyaa keessa jiraatanoo akkam taʼu? Namoonni karaa hafuuraa beelaʼan barumsa kanarraa akka fayyadamaniif, Hagayya 1914⁠tti Waldaan Barattoota Macaafa Qulqulluu Addunyaa Maraa, “Footoo Diraamaarraa” viidiyoowwan tokko tokko hirʼisuudhaan, haala iddoodhaa iddootti sochoʼuu dandaʼuun, “Yureekaa Diraamaa” qopheesse. Fiilmiin kun gosa sadiin kan qophaaʼe siʼa taʼu, sadansaayyuu afaan hedduutiin argama ture. “Yureekaa X” inni jedhamu seenessaafi muuziqaa waraabame hunda of keessatti kan qabate ture. “Yureekaa Y” kan jedhamummoo wantoota waraabaman hundaafi islaayidoota halluu qaban kan qabate ture. “Yureekaa Faamilii Diraamaa” inni jedhamummoo maatiidhaaf kan qophaaʼe siʼa taʼu, seenessa filatameefi faarfannaa qaba ture. Kana malees, foonoograafiin akkasumas meeshaaleen fiilmii argisiisuuf fayyadaniifi rakasa taʼan obboloota fiilmii kana argisiisaniif ni kennamu turan.

Islaayidota halluu qaban argisiisuuf Projeektaratti fayyadamaa turan

Projeektariin fiilmii ykn iskiriinii guddaan utuu isaan hin barbaachisin, Barattoonni Macaafa Qulqulluu fiilmii tola argisiifamu kana baadiyyaatti geessuufi ergaa Mootummichaa naannolee tajaajilaa kanaan dura keessatti hin lallabamne biraan gaʼuu ni dandaʼu turan. “Yureekaa X” isa sagalee qofaan qophaaʼe guyyaas taʼe halkan taphachiisuun ni dandaʼama. “Yureekaa Yn” immoo humna elektiriikiitiin alatti, meeshaa kaarbaayid laamp jedhamutti fayyadamuudhaan argisiifamuu ni dandaʼa ture. Yaadni Masaraa Eegumsaa afaan Fiinlaandiin qophaaʼerratti baʼe, “Fakkiiwwan kana iddoo hundattiyyuu argisiisuu ni dandeenya,” jedheera. Yaadni kun dhugaa ture!

Barattoonni Macaafa Qulqulluu mala qabeeyyii taʼan kun, galmawwan gurguddaa kireeffachuu mannaa, yeroo baayʼee utuu qarshii hin kaffalin manneen barumsaatti, manneen murtiitti, buufata baaburaatti, akkasumas manneen bashannanaatti fayyadamaa turan. Yeroo baayʼee fiilmii kana kan argisiisan alatti iskiriinii carqii adiirraa tolfame kuusaa midhaaniirratti fannisuudhaan ture. Antoonii Haambak akkas jechuudhaan barreesseera: “Qonnaan bultoonni maasiisaanii keessatti mukarraa taaʼumsa hojjechuudhaan, bakka namoonni taaʼanii fiilmicha itti daawwachuu dandaʼan qopheessaniiru.” Tuutawwan “Yureekaa” argisiisan meeshaalee ittiin fiilmii argisiisaniifi miʼasaanii feʼachuuf gaarii fardaatti fayyadamu turan.

Namoota muraasarraa jalqabee namoonni dhibbaan lakkaʼaman diraamaa “Yureekaa” ilaalaa turan. Yunaayitid Isteetisitti fiilmii mandara namoonni 150⁠ni keessa jiraatanitti mana barumsaatti argisiifamerratti namoonni 400 argamaniiru. Iddoo biraattimmoo, namoonni tokko tokko “Yureekaa Diraamaa” ilaaluuf, dhaqa qofa kiilomeetira 8 miilaan deemaa turan. Siwiidin keessatti namoonni ollaa Shaarlot Albarg taʼaniifi manashee ishee xinnoo keessatti walitti qabaman, wantoota sagalee qofaan waraabaman yeroo dhaggeeffatanitti “tuqamaniiru.” Magaalaa baayʼee fagoo albuudni keessaa baafamuufi Awustiraaliyaa keessatti argamtutti, fiilmii argisiifamerratti namoonni 1,500 taʼan argamaniiru. Masaraan Eegumsaa akka gabaasetti mana barumsaa sadarkaa lammaffaafi kolleejjii keessatti, “Piroofeesaroonniifi barattoonni fakkiiwwaniifi sagaleewwan foonoograafiirratti waraabaman baayʼee ajaaʼibsiifataniiru.” “Yureekaa Diraamaan,” bakka fiilmiiwwan kan biraan itti argisiifamanittillee beekamaa taʼee ture.

SANYII DHUGAA KUNUUNSUU

“Yureekaa Diraamaan” Barattoonni Macaafa Qulqulluu qayyabattoota haaraa argachuuf bakka namoonni baayʼinaan jiran dhaqanii haasaa yeroo kennanitti baayʼee isaan fayyadeera. Baayʼina namoota “Yureekaa Diraamaa” ilaalanii beekuun rakkisaadha. “Diraamaawwan” qophaaʼan keessaa baayʼeensaanii yeroo dheeraadhaaf daawwatamaniiru. Haataʼu malee, bara 1915⁠tti tuutawwan “Diraamaa” argisiisan 86 keessaa itti fufiinsaan gabaasa dhiheessaa kan ture 14 qofadha. Gabaasni guutummaatti dhihaachuu dhiisuunsaa kan nama gaddisiisu taʼus, gabaasni dhuma waggaarratti dhihaate namoonni miliyoona tokkoo ol taʼan “Diraamicha” akka ilaalan kan argisiisu ture. Namoonni naannoo 30,000 taʼaniifi fiilmicha ilaalan barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan gaafataniiru.

“Yureekaa Diraamaan” wanta seenaa keessatti baayʼee yaadatamu taʼuu baatus, Awustiraaliyaadhaa hanga Arjantiinaatti, Afriikaa Kibbaatii hanga Odoolota Biritaaniyaatti, Hindiitti, Kaariibiyaanitti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman fiilmii adda taʼe kana ilaalaniiru. Namoota kana keessaa hedduunsaanii dhugaa Macaafa Qulqulluu isa warqee caalaa gati jabeessa taʼe argatanii “Yureekaa!” jedhaniiru.

^ key. 4 Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2014, fuula 30-32⁠rraa, mataduree “Kuusaa Keenya Keessaa​—Seenaa Amantii Waggaa 100 Lakkoofsise” jedhu ilaali.