MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Fulbaana 2014

Maxxansi kun matadureewwan qayyabannaa Onkoloolessa 27 hanga Sadaasa 30, 2014⁠tti qayyabataman kan qabatedha.

‘Carraaqqii’ Gochaa Jirtaa?

Karaa sirrii taʼeen carraaqqii gochuu kan dandeessu akkamitti?

Wanti Itti Amantu Dhugaa Taʼuusaa Mirakanaaʼaadhaa? Maaliif?

Matadureen kun namoonni hedduun wanti Dhugaa Baatonni itti amanan dhugaa taʼuusaa kan amanan maaliif akka taʼe ibsa. Akkasumas Dhugaa Baatonni Yihowaa wanti itti amanan dhugaa taʼuusaa akka mirkaneeffatan wanta godhe ni ilaalla.

‘Gidiraa Baayʼeen’ Isinirra Gaʼus Amanamummaadhaan Waaqayyoon Tajaajilaa

Addunyaa Seexanaa keessa waan jiraannuuf hunda keenyarrayyuu gidiraan ni gaʼa. Karaawwan Seexanni dhiibbaa nurraan itti geessisu keessaa tokko tokko kamfaʼi? Dursinee qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti?

Warri—Ijoollee Keessan Tiksaa

Warri “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” ijoolleesaanii guddisuuf itti gaafatamummaa qabu. (Efesoon 6:4) Matadureen kun, karaa warri ijoolleesaanii tiksuufi Yihowaa akka jaallataniif gargaaruu itti dandaʼan sadii ibsa.

Gaaffii Dubbistootaa

Wanti Macaafni Qulqulluun Faarfannaa 37:25fi Maatewos 6:33⁠rratti dubbatu, Yihowaan Kiristiyaanni tokko akka beelaʼu matumaa akka hin heyyamne argisiisaa?

Diinni Keenya Duuti Ni Golgoleeffama

Duutis taʼe wantoonni duʼa fidan rakkina cimaa namarraan geessisu. Namoonni maaliif duʼu? Diinni keenya duuti kan golgoleeffamu akkamitti? (1 Qorontos 15:26) Deebiin gaaffilee kanaa haqa, ogummaafi jaalala Yihowaa kan argisiisan akkamitti akka taʼe ilaali.

Warra Tajaajila Yeroo Guutuu Keessa Jiran Yaadadhaa

Tajaajiltoonni Yihowaa hedduun tajaajila yeroo guutuu keessatti cimanii hojjetu. “Hojii amantii” akkasumas ‘hojii jaalalaan kakaʼanii hojjetan’ yaadachuuf maal gochuu qabna?—1 Tasaloniiqee 1:3.