Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanti Itti Amantu Dhugaa Taʼuusaa Mirakanaaʼaadhaa? Maaliif?

Wanti Itti Amantu Dhugaa Taʼuusaa Mirakanaaʼaadhaa? Maaliif?

“Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii taʼe, waan isa duratti fudhatamaa taʼe, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.”—ROM. 12:2.

1. Qeesonni Saba Kiristiyaanaa yeroo waraanaatti maal gochaa turan?

JAALALLI Waaqayyoo Kiristiyaanonni dhugaan gara waraanaa dhaqanii namoota biyya kan biraa akka ajjeesanidhaa? Waggoottan 100 darban keessatti namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan hedduun akkas gochaa turaniiru. Qeesonni Kaatolikii humna waraanaa keessa tajaajilan, waraana Kaatolikoota biyya biraa wajjin godhamurratti akka hirmaataniif loltootaafi meeshaa waraanaasaanii eebbisaniiru. Qeesonni Pirootestaantiis akkas godhaniiru. Waraanni Addunyaa Inni Lammaffaan badiisa sababa kanaan gaʼeef fakkeenya isa guddaadha.

2, 3. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo Waraana Addunyaa Isa Lammaffaattiifi sana booda ejjennoo akkamii qabu turan? Maaliif?

2 Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo waraanaa sanatti maal godhan? Seenaan akka argisiisutti, saba kamiyyuu deggeruudhaan waraanarratti hin hirmaanne. Ejjennoosaanii kanaaf buʼuura kan taʼe maalidha? Adda durummaadhaan fakkeenyummaafi barsiisa Yesusidha. Yesus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedhee ture. (Yoh. 13:35) Kana malees, yaanni xalayaa Phaawulos warra Qorontosiif barreesserratti argamu isaaniifis akka hojjetu itti dhagaʼamee ture.—2 Qorontos 10:3, 4 dubbisi.

3 Kanaaf, Kiristiyaanonni dhugaan sammuusaanii barumsa Macaafa Qulqulluutiin leenjisan, waraana hin baratan ykn waraanarratti hin hirmaatan. Ejjennoosaanii kanaan kan kaʼe ijoolleefi maanguddoota, akkasumas dhiirotaafi dubartoota kumaan lakkaaʼamaniifi Dhugaa Baatota taʼanirra ariʼatamni gaʼeera. Baayʼeensaanii bakka dirqamaan hojii humnaa itti hojjetanitti akkasumas mana hidhaatti rakkinni isaanirra gaʼee ture. Tokko tokkommoo bara bulchiinsa Naazii Jarmaniitti ajjeefamaniiru. Awurooppaa keessatti ariʼatamni suukanneessaa taʼe kan isaanirra gaʼaa ture taʼus, Dhugaa Baatonni kun hojii misiraachoo Mootummaa Yihowaa akka lallabaniif isaaniif kenname hin daganne. Mana hidhaatti, akkasumas iddoo itti geeffamanitti amanamummaadhaan hojii kana hojjechaa turan. * Ajjeechaa sanyii balleessuu bara 1994⁠tti Ruwaandaa keessatti godhamerratti Dhugaa Baatonni hin hirmaanne. Akkasumas, waraana biyyoota Baalkaan isa dhiigni hedduun akka dhangalaʼuuf sababa taʼeefi yeroo Yugozlaaviyaan gargar baatetti godhamerratti hin hirmaanne.

4. Dhugaa Baatonni Yihowaa waraanarratti hirmaachuu dhiisuunsaanii namoota kaanirratti dhiibaa akkamii geessise?

4 Dhugaa Baatonni Yihowaa waraanarratti hirmaachuu dhiisuuf ejjennoo cimaa akkasii qabaachuunsaanii, namoonni kumaatamni addunyaarratti argaman Dhugaa Baatonni kun Waaqayyoofi namootaaf jaalala dhugaa kan qaban, akkasumas Kiristiyaanota dhugaa taʼuusaanii akka mirkaneeffatan godheera. Wantoonni kan biraan waaqeffannaa keenyaa wajjin wal qabataniifi namoonni Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota dhugaadha akka jedhan godhanis jiru.

HOJII BARSIISUU ISA GUDDAA SEENAA KEESSATTI RAAWWATAME

5. Duuka buutota Yesus dur turaniin jijjiirama akkamiitu mudate?

5 Yesus yeroo tajaajilasaa itti jalqabee kaasee, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuun barbaachisaa taʼuusaa cimsee dubbachaa ture. Hojii lallabaa addunyaa mararratti raawwatamuuf buʼuura akka kaaʼaniif bartoota 12 filate; sana boodamoo bartoota 70 * leenjise. (Luq. 6:13; 10:1) Namoonni kun dura Yihudootaaf sana boodammoo namoota kaaniif misiraachicha lallabuuf qophaaʼanii turan. Achii booda garuu Yesus, namoota saba Waaqayyoo hin taaneefi dhagna hin qabanneef akka lallaban isaanitti hime. Bartoota Yihudii hinaaffaa qaban sanaaf, kun jijjiirama guddaa ture!—HoE. 1:8.

6. Phexros Yihowaan kan nama wal hin caalchisne taʼuusaa akka hubatu wanti godhe maalidha?

6 Phexros ergamaan gara mana Qorneelewos isa saba Waaqayyoo keessaa hin taaneefi dhagna hin qabanneetti ergamee ture. Yeroo kanatti Phexros, Waaqayyo kan nama wal hin caalchisne taʼuusaa hubate. Sana booda, Qorneelewosiifi maatiinsaa ni cuubaman. Yeroo kanatti Kiristiyaanummaan gara naannoo haaraatti babalʼachuutti kaʼe; Namoonni saba kamiyyuu keessa jiran dhugaa dhagaʼuufi fudhachuu ni dandaʼu turan. (HoE. 10:9-48) Sana booda addunyaa mararratti lallabamuutti kaʼe.

7, 8. Dhugaa Baatonni Yihowaa, namoonni misiraachicha akka dhagaʼaniif maal godhaniiru? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

7 Seenaa ammayyaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti, geggeessitoota warri taʼan hinaaffaadhaan hojiin misiraachicha lallabuufi barsiisuu addunyaa mararratti akka babalʼatu godhaniiru. Yeroo harʼaatti Dhugaa Baatonni hinaaffaa qabaniifi gara miliyoona saddeetii taʼan, afaanota 600 ol taʼaniin ergaa Kiristos lallabuuf humnasaanii guutuutti fayyadamaa jiru. Gara fuulduraattimmoo lakkoofsi kun ni dabala! Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaattiifi karaarratti ni lallabu. Yeroo lallabanitti yeroo tokko tokko barreeffamoota afaan garaa garaatiin qophaaʼan minjaalarra ykn gaarii harkaan oofamurra kaaʼanii raabsu. Hojii kana kan hojjetu isaan qofa waan taʼeef, namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa adda baasanii beeku.

8 Hiiktonni 2,900 ol taʼan, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan hiikuuf leenjii fudhataniiru. Hojiin isaan hojjetan afaanota beekamoo taʼan qofarratti kan xiyyeeffate miti. Afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniifi beekamoo hin taane, garuummoo namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniin dubbatamanis ni dabalata. Fakkeenyaaf, Ispeen keessatti namoonni Kaataaloon miliyoonaan lakkaaʼaman afaan Kaataalaan dubbatu. Keessumaa yeroo dhihoodhaa asitti, afaan Kaataalaaniifi gosoonni afaan kanaa Andooraa, Alikaantii, Odoolota Baaliyaarikiifi Vaalanshiyaa keessatti guddachuu jalqabaniiru. Yeroo harʼaa Dhugaa Baatonni Yihowaa, barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan afaan Kaataalaaniin kan qopheessan siʼa taʼu, gumiinis afaan kanaan ni geggeeffama; kunimmoo namoonni Kaataaloon garaansaanii akka tuqamu godheera.

9, 10. Jaarmiyaan Waaqayyoo fedhii hafuuraa namoota hundaatiif xiyyeeffannaa kennaa akka jiru kan argisiisu maalidha?

9 Hojiin hiikkaafi barsiisuu wajjin walqabate akkasii afaanota biraatiinis raawwatamaa jira. Meeksikoo keessatti kan dubbatamu afaan Ispeen taʼus, namoonni afaan kan biraa dubbatan baayʼeen jiru. Afaanota kana keessaa tokko afaan Maayaadha. Waajjirri damee Meeksikoo, gareen hiikkaa afaan Maayaa bakka guyyaa guyyaatti afaan kana dubbachuufi dhagaʼuu itti dandaʼu akka dhaqu godheera. Fakkeenyi kan biraanimmoo, afaan Neeppaalii isa biyya Neeppaal ishee baayʼina uummataa miliyoona 29 qabdu keessatti dubbatamudha. Biyyattii keessatti afaanonni 120 taʼan kan dubbataman taʼus, namoonni miliyoona kudhanii ol taʼan Neeppaalii kan dubbatan siʼa taʼu, warri kaanimmoo akka afaan lammaffaatti itti fayyadamu. Barreeffamoonni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan afaan kanaanis qophaaʼaa jiru.

10 Hojiin hiikkaa afaanota garaagaraatiin hojjetamaa jiru, jaarmiyaan Yihowaa itti gaafatamummaa misiraachoo Mootummichaa addunyaa mararratti akka lallabuuf isaaf kennameef xiyyeeffannaa akka kennu kan argisiisudha. Tiraaktonni, birooshuroonniifi barruuleen miliyoona hedduudhaan lakkaaʼaman, kaffaltii malee addunyaa mararratti duulaan raabsamaniiru. Hojiin kun, Dhugaa Baatonni Yihowaa gorsa Yesus isa, “Gatii utuu itti hin baasin fudhattan, isinis gatii utuu itti hin baasisin kennaa” jedhu hordofuudhaan buusii fedhiidhaan godhaniin hojjetama.—Mat. 10:8.

Garee hiiktotaa afaan Loow Jarmaniin barreeffama qopheessaa jiru (Keeyyata 10 ilaali)

Barreeffamoonni Loow Jarmaniin qophaaʼan Paaraaguwaay keessatti ni fayyadu (Fakkii jalqabarra jirus ilaali)

11, 12. Hojiin lallabaa Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti hojjechaa jiran namootarratti dhiibbaa gaarii kan geessise akkamitti?

11 Dhugaa Baatonni Yihowaa wanti itti amanan dhugaa taʼuusaa waan mirkaneeffataniif, ergaa kana namoota biyya garaagaraa keessa jiraniifi sanyii addaddaa taʼaniin gaʼuuf aarsaa hedduu kaffalu. Obboloonni hedduun hojii barbaachisaa taʼe kanarratti hirmaachuuf jedhanii jireenyasaanii salphifataniiru, afaan kan biraa barataniiru, akkasumas aadaa kanaan dura hin beekne baruuf dirqamaniiru. Hojiin lallabaafi barsiisuu addunyaa maratti hojjetamaa jiru, Dhugaa Baatonni Yihowaa duuka buutota Kiristos Yesus warra dhugaa taʼuusaanii namootaaf mirkaneesseera.

12 Dhugaa Baatonni wantoota kana hunda kan godhan, dhugaa akka argatan mirkanaaʼoo waan taʼaniifidha. Haataʼu malee, wantoonni obboloonni keenya tokko tokko dhugaa argachuusaanii akka mirkaneeffatan godhan maalfaʼi?—Roomaa 14:17, 18 dubbisi.

DHUGAA AKKA ARGATAN KAN AMANAN MAALIIFI?

13. Dhugaa Baatonni Yihowaa jaarmiyaansaanii qulqulluu akka taʼu kan godhan akkamitti?

13 Obboloonni keenya amanamoon wanti itti amanan dhugaa akka taʼe mirkaneeffatan, yaada kennanirraa faayidaa argachuu ni dandeenya. Obboleessi waggoota dheeraadhaaf Yihowaa tajaajile tokko akkas jedhuudhaan miirasaa ibseera: “Gorsi ykn sirreeffamni kan kennamu eenyuufiyyuu yoo taʼe, jaarmiyaan Yihowaa karaa amalaa qulqulluufi kan hin mancaane akka taʼuuf carraaqqiin kamiyyuu ni godhama.” Karaa amalaa hammana qulqulluu taʼuun kan dandaʼame akkamitti? Ulaagaalee Macaafa Qulqulluurra jiran, akkasumas fakkeenya Yesusiifi bartootasaa hordofuudhaanidha. Kanaaf, seenaa ammayyaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti, ulaagaa Waaqayyoo wajjin walsimanii waan hin jiraanneef namoonni murtaaʼan gumiidhaa baafamaniiru. Warra kanaan dura karaa Waaqayyo duratti fudhatama hin qabneen jiraachaa turaniifi yeroo booda jijjiiraman dabalatee, hedduunsaanii garuu jireenya qulqulluu taʼeefi warra kaaniif fakkeenya taʼu jiraachuusaanii itti fufaniiru.—1 Qorontos 6:9-11 dubbisi.

14. Namoonni gumiidhaa baafamanii turan hedduun maal godhaniiru? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise?

14 Waaʼee namoota ajaja Caaffata Qulqullaaʼootiin gumiidhaa baafamanii maal jechuu dandeenya? Kumaan kan lakkaaʼaman hojiisaanii isa gadhee dhiisuudhaan, qalbii jijjiirratanii gara gumiitti deebiʼaniiru. (2 Qorontos 2:6-8 dubbisi.) Seera amalaa Macaafa Qulqulluutti maxxanuun keenya, gumiin Kiristiyaanaa qulqulluu akka taʼu godheera. Kunis obboloonni jaarmiyichi Yihowaa duratti fudhatama argachuusaa akka mirkaneeffatan godheera. Waldaalee gadhiisiin keessatti babalʼate kaanirraa haala adda taʼeen, Dhugaa Baatonni Yihowaa ulaagaalee Waaqayyootti maxxanuunsaanii, namoonni hedduun wanti Dhugaa Baatonni itti amanan dhugaa taʼuusaa akka mirkaneeffatan godheera.

15. Wanti itti amanu dhugaa taʼuusaa obboleessa tokkoof kan mirkaneesse maalidha?

15 Dhugaa Baatonni muuxannoo qaban kaanoo wanti itti amanan dhugaa akka taʼe kan amanan maaliifi? Obboleessi umriinsaa waggaa 54 taʼe tokko akkas jedheera: “Dargaggummaakootii jalqabee amantiinkoo kan hundaaʼe wantoota sadiirratti jechuunis: (1) Waaqayyo jiraachuusaa, (2) Macaafni Qulqulluun kan barreeffame geggeessaa hafuurasaatiin taʼuusaa, akkasumas (3) gumii Kiristiyaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaa jirutti fayyadamaafi eebbisaa kan jiru taʼuusaarratti akka taʼe nan amana. Waggoota kana keessatti yeroon qoʼadhutti, wantoota kana qoruuf yaalaa, akkasumas buʼuura cimaa qabaachuufi dhiisuusaanii of gaafachaan ture. Ragaan wantoota kanaaf argadhe yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan deeme siʼa taʼu, amantiikoo naa cimseera, akkasumas wanti itti amannu dhugaa akka taʼe naa mirkaneesseera.”

16. Wanti itti amantu dhugaa taʼuusaa obboleettii tokkoof kan mirkaneesse maalidha?

16 Obboleettiin waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Niiwu Yoorkitti argamu keessa tajaajilaa jirtu tokko, wanti itti amantu dhugaa taʼuusaa akka mirkaneeffattu kan ishee godhe maal akka taʼe dubbatteetti. Maqaa Yihowaa isa Macaafa Qulqulluu (Hiika Addunyaa Haaraa) keessatti naannoo al 7,000 caqasame kan beeksisu jaarmiyaa Yihowaa qofa taʼuusaa dubbatteetti. Kana malees, yaanni 2 Seenaa 16:9⁠rratti argamuufi “Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara” jedhu ishee jajjabeesseera. Akkas jetteetti: “Dhugaan, Yihowaan akka na gargaaruuf garaa guutuudhaan isatti amanamuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe na barsiiseera. Hunda caalaa bakka guddaa kanan kennu walitti dhufeenyan Yihowaa wajjin qabuufidha. Beekumsa Waaqayyoo isa jabina naa kennu argachuu koorratti gahee Yesus qabus nan dinqisiifadha.”

17. Obboleessa kanaan dura Waaqayyo hin jiru jedhee amanaa ture tokko maal mirkaneeffate? Maaliif?

17 Obboleessi kanaan dura Waaqayyo hin jiru jedhee amanaa ture tokko akkas jedheera: “Uumamni, Waaqayyo namoonni jireenyatti akka gammadan akka barbaaduu naa mirkaneesseera; kanaaf inni rakkinni barabaraaf akka jiraatu hin heyyamu. Kana malees, addunyaan Waaqayyorraa caalaatti fagaachaa yeroo deemaa jiru kanatti, sabni Yihowaa amantii, hinaaffaafi jaalalaan guddachaa jiru. Dinqii yeroo harʼaatti mulʼachaa jiru kana, raawwachuu kan dandaʼu hafuura Yihowaa qofadha.”—1 Phexros 4:1-4 dubbisi.

18. Yaada obboloonni kan biraan lama kennan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

18 Obboleessi yeroo dheeraadhaaf Dhugaa Baatuu taʼe tokkommoo, dhugaa nuti lallabnutti maaliif akka amane akkas jechuudhaan dubbateera: “Qayyabannaan ani waggoota darbaniif godhe Dhugaa Baatonni adeemsa Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofuuf carraaqqii cimaa gochuusaanii naa mirkaneesseera. Biyyoota garaagaraa yeroon deemetti, tokkummaa Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti qaban argeera. Dhugaan Macaafa Qulqulluurra jiru gammachuu naaf argamsiiseera.” Obboleessi umriinsaa waggaa 60 ol taʼe tokko wanti itti amanu dhugaa taʼuusaa kan mirkaneeffate maaliif akka taʼe yeroo gaafatametti, Yesus Kiristosirratti xiyyeeffachuudhaan akkas jedheera: “Waaʼee jireenyaafi tajaajila Yesus of eeggannoodhaan erga qorree booda fakkeenyasaatiif iddoo guddaa kennuu jalqabne. Karaa Kiristos Yesus caalaatti Waaqayyotti dhihaachuudhaaf jireenya keenyarratti jijjiirama goone. Aarsaan furii Kiristos fayyinaaf buʼuura taʼuusaa hubanne. Akka inni duʼaa kaafames beekna. Ragaa amansiisaa namoonni ijaan argan dubbataniifi dhugaa kana nuu mirkaneessu qabna.”—1 Qorontos 15:3-8 dubbisi.

WAAʼEE DHUGAA NAMOOTA KAANITTI HIMAA

19, 20. (a) Phaawulos gumii Roomaatiif itti gaafatamummaa isa kam ibse? (b) Akka Kiristiyaana of murteesse tokkootti mirga akkamii qabna?

19 Kiristiyaanota namoota kaan jaallannu waan taaneef, beekumsa dhugaa baayʼee barbaachisaa taʼe kana namootatti himuurraa duubatti hin jennu. Phaawulos obboloota gumii Roomaa keessa turaniin akkas jedheera: “Yesus gooftaa akka taʼe afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo duʼaa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta. Namni garaa isaatti amanee qajeelaa taʼa, afaan isaatiinis beeksisee in fayya.”—Rom. 10:9, 10.

20 Akka Dhugaa Baatuu Yihowaadhaaf of murteesse tokkootti, wanti itti amannu dhugaa taʼuusaa mirkaneeffanneerra. Akkasumas, waaʼee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo namootatti himuun mirga guddaa taʼuusaa beekna. Kanaaf, namoota kaan Macaafa Qulqulluu barsiisuu qofa utuu hin taʼin, jireenya keessaniin wanti itti amantan dhugaa taʼuusaa mirkaneeffachuu keessan argisiisaa.

^ key. 3 Kitaaba Jehoovaas Wiitinasis—Pirookileemarsi oov Goodsi Kiingidam (Ingiliffa) jedhamu fuula 191-198, 448-454 ilaali.

^ key. 5 Macaafni Qulqulluun tokko tokko 70 kan jedhu yommuu taʼu, tokko tokkommoo 72 jedha.