Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Diinni Keenya Duuti Ni Golgoleeffama

Diinni Keenya Duuti Ni Golgoleeffama

“Hundumaa booddee diina keenya duʼatu golgoleeffama.”—1 QOR. 15:26.

1, 2. Addaamiifi Hewwaan jalqabarratti haala akkamii keessa turan? Gaaffilee akkamiitu kaʼa?

ADDAAMIIFI Hewwaan yeroo uumamanitti diina tokkoyyuu hin qaban turan. Namoota mudaa hin qabneefi jannata keessa jiraatan turan. Akka ilmaafi intalaatti Yihowaa isa Uumaasaanii taʼee wajjin walitti dhufeenya cimaa taʼe qabu turan. (Uma. 2:7-9; Luq. 3:38) Hojiin Waaqayyo isaaniif kenne jireenyisaanii yeroo hammamiif akka taʼe kan argisiisudha. (Uumama 1:28 dubbisi.) ‘Lafa guutuufi harka jala galfachuuf’ yeroon murtaaʼe isaan gaʼuu dandaʼa ture. Haataʼu malee, ‘uumama lafa irra munyuuqan hundumaa irratti mootummaa qabaachuuf’ Addaamiifi Hewwaan barabaraaf jiraachuu qabu turan; hojii kanattis barabaraaf gammaduu ni dandaʼu turan.

2 Erga akkas taʼee, yeroo harʼaa haallisaa kan jijjiirame maaliifi? Diina keenya isa guddaa kan taʼe duʼa dabalatee, diinonni gammachuu nu dhabsiisan hedduun kan jiraatan akkamitti? Waaqayyo diinota kana golgoleessuuf maal godha? Deebiin gaaffilee kanaafi kanaa wajjin walqabatanii Macaafa Qulqulluu keessatti argama. Mee deebiiwwan kana keessaa baayʼee barbaachisoo kan taʼan muraasa haa ilaallu.

AKEEKKACHIISA JAALALARRATTI HUNDAAʼE

3, 4. (a) Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniif ajaja akkamii kenne? (b) Ajaja kanaaf abboomamuunsaanii hammam barbaachisaa ture?

3 Addaamiifi Hewwaan barabaraaf jiraachuu kan dandaʼan taʼus, duʼuu hin dandaʼan jechuu miti. Jiraachuusaanii itti fufuudhaaf hafuura baafachuu, dhuguu, rafuufi nyaachuu qabu turan. Hunda caalaammoo, jireenyisaanii walitti dhufeenya Uumaasaanii wajjin qabanirratti kan hundaaʼe ture. (Kes. 8:3) Jireenyatti gammaduusaanii akka itti fufaniif qajeelfama Waaqayyoo fudhachuunsaanii baayʼee barbaachisaa ture. Yihowaan Hewwaan uumamuushee dura haala kana Addaamiif sirriitti ibseera. Akkamitti? “Waaqayyo gooftaan namicha abboomee, ‘Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta; ija mukicha nyaatanii hamaafi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta’ jedhe.”—Uma. 2:16, 17.

4 ‘Iji mukaa hamaafi gaarii ittiin beekan,’ wanti tokko hamaafi gaarii taʼuusaa murteessuuf mirga kan qabu Waaqayyo qofa taʼuusaa kan argisiisudha. Addaam bifa Waaqayyootiin waan uumameef, akkasumas yaada garaa ykn qalbii waan qabuuf hamaafi gaarii gargar baasuu ni dandaʼa ture. Mukichi yeroo hundumaa qajeelfamni Yihowaa akka isaan barbaachisu Addaamiifi Hewwaaniin kan yaadachiisu ture. Mukicharraa nyaachuun ofiin of bulchuu akka barbaadan kan argisiisu siʼa taʼu, kunimmoo isaanirrattis taʼe namoota isaanirraa dhalatanirratti badii guddaa geessisa. Ajajni Waaqayyo kenneefi adabbiin badiisa sanaaf kaaʼame, karaa akkasii filachuun rakkina guddaa akka qabu kan argisiisudha.

DUUTI NAMOOTATTI KAN DHUFE AKKAMITTI?

5. Addaamiifi Hewwaan Yihowaadhaaf kan hin ajajamne maaliifi?

5 Hewwaan erga uumamtee booda Addaam ajaja Waaqayyo kenne isheetti himee ture. Ajajicha sirriitti waan beektuuf, jechaa jechatti irra deebitee dubbachuu dandeessetti. (Uma. 3:1-3) Ajaja kana irra deebitee kan himte, qaama bofa isa haxxee taʼeen of fakkeessee isheetti dhihaatettidha. Qaamni bofa kanatti of fakkeesse Seexana isa ergamaa Waaqayyoo tureefi fedhiin ofiin of bulchuufi aangoo qabaachuu isa keessatti akka guddatu heyyamedha. (Yaaqoob 1:14, 15 waliin ilaali.) Kaayyoosaa isa hamaa kana bakkaan gaʼachuuf, Waaqayyo akka sobe dubbate. Waaqayyoof ajajamuu yoo didde akka isheen hin duune, kanaa mannaa akka Waaqayyoo akka taatu Hewwaanitti hime. (Uma. 3:4, 5) Hewwaanis wanta Seexanni isheetti hime kana ni amante; ija mukaa sanarraa nyaachuudhaan ofiisheetiin of bulchuu kan barbaaddu taʼuushee kan argisiiste siʼa taʼu, Addaamis akka nyaatu isa sossobde. (Uma. 3:6, 17) Daabilos sobeera. (1 Ximotewos 2:14 dubbisi.) Addaam utuma beekuu, ‘dubbii haadha manaasaa dhagaʼe.’ Bofichi michuu fakkaatee kan dhihaate taʼus, Seexanni diina hamaa siʼa taʼu, wanti inni Hewwaanitti hime balaa guddaa akka geessisus beeka ture.

6, 7. Yihowaan warra cubbuu hojjetanirratti murtoo kan dabarse haala akkamiitiini?

6 Addaamiifi Hewwaan ofittummaadhaan kakaʼanii, Waaqa isa jireenya, akkasumas wanta qaban hunda isaaniif kenneef ajajamuu didaniiru. Yihowaan wanta taʼe hunda beeka ture. (1 Sen. 28:9; Fakkeenya 15:3 dubbisi.) Qaamonni gocha kanarratti hirmaatan sadan, jechuunis Addaam, Hewwaaniifi Seexanni ilaalcha isaaf qaban akka argisiisan heyyameeraaf. Akka Abbaa tokkootti, Yihowaan wanta isaan raawwatanitti baayʼee akka gadde beekamaadha. (Uumama 6:6 waliin ilaali.) Haataʼu malee, akka Abbaa Seeraa tokkootti, seeraafi adabbii baase hojiirra oolchuu qaba.

7 Waaqayyo Addaamiin, “Gaafa [ija mukaa hamaafi gaarii ittiin beekan] irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta” jedhee ture. Tarii Addaam gaafuma sana aduun dhihuushee dura waan duʼu itti fakkaatee taʼuu dandaʼa. Guyyuma sana yeroo booda Yihowaan Addaamiifi Hewwaanitti dubbate. (Uma. 3:8) Akka Abbaa Seeraa qajeelaa taʼe tokkootti, dura wanta isaan jechuu barbaadan dhaggeeffate. (Uma. 3:9-13) Achii booda cubbamoota sanarratti murtoo duʼaa dabarse. (Uma. 3:14-19) Yeruma sana bakka jiranitti isaan ajjeeseera utuu taʼee, kaayyoon inni Addaamiifi Hewwaaniif, akkasumas ilmaansaaniitiif qabu utuu hin raawwatamin hafa ture. (Isa. 55:11) Murtoo duʼaa isaanirratti dabarse kan raggaasiseefi rakkinni sababa cubbuutiin dhufe yeruma sana kan jalqabe taʼus, Addaamiifi Hewwaan ijoollee qophii inni gara fuulduraatti godhurraa fayyadamuu dandaʼan akka godhatan heyyameera. Kanaaf, akka ilaalcha Waaqayyootti guyyuma cubbuu hojjetan sanatti duʼaniiru. Akkasumas, Yihowaa duratti waggaan 1,000 akka guyyaa tokkoo waan taʼeef, “guyyaa” tokko keessatti duʼaniiru.—2 Phe. 3:8.

8, 9. Cubbuun Addaam hojjete sanyiisaarratti dhiibbaa kan geessise akkamitti? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

8 Wanti Addaamiifi Hewwaan raawwatan ijoolleesaaniirratti dhiibbaa geessiseeraa? Eeyyee. Roomaan 5:12, “Cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal gaʼe” jechuudhaan dubbata. Jalqaba kan duʼe Abeel isa amanamaa taʼedha. (Uma. 4:8) Ilmaan Addaam sana booda turanis dulloomanii duʼaniiru. Cubbuufi duʼa dhaalaniiruu? Phaawulos ergamaan, “Abboomamuu diduu nama tokkootiin baayʼeen cubbamoota taʼan” jechuudhaan deebii nuu kenna. (Rom. 5:19) Sana booda cubbuufi duuti Addaamirraa dhaalaman, ilmaan namootaatiif diinota hamoofi namoonni cubbamoo taʼan jalaa miliquu hin dandeenye taʼaniiru. Duʼaafi cubbuun sanyii Addaamitti kan darbu akkamitti akka taʼe sirriitti beekuu baannus, buʼaasaa arguu ni dandeenya.

9 Macaafni Qulqulluun cubbuufi duʼa dhaalle “gadda nama hundumaa,” akkasumas “isa saba hundumaa irra buufate” jedhee ibsuunsaa sirriidha. (Isa. 25:7) Namni cubbuufi duʼa jalaa miliquu dandaʼu hin jiru. Macaafni Qulqulluun, “harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka duʼan” kan dubbatu kanaafidha. (1 Qor. 15:22) Gaaffiin Phaawulos, “Foon isa gara duʼaatti na geessu kana harkaa eenyutu na baasa?” jechuudhaan gaafate gaaffii yeroo baayʼee kaʼudha. Maarree Phaawulosiin oolchuu kan dandaʼu jiraa? *Rom. 7:24.

CUBBUUFI DUUTI ADDAAMIRRAA DHAALLE NI GOLGOLEEFFAMA

10. (a) Caqasoonni Macaafa Qulqulluu Yihowaan cubbuu Addaamirraa dhaalle akka golgoleessu argisiisan tokko tokko kamfaʼi? (b) Caqasoonni kun waaʼee Yihowaafi Ilmasaa maal nuu ibsu?

10 Eeyyee, Yihowaan Phaawulosiin oolchuu ni dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, “Raawwatees duʼa in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa” jedha. (Isa. 25:8) Akkuma abbaa wanta ijoolleesaa rakkise tokko dhabamsiisuufi ijasaaniirraa imimmaan haxaaʼuu, Yihowaanis duʼa sababii Addaamiin nutti dhufe balleessuutti ni gammada! Hojii kanarratti kan isa gargaaru jira. Qorontos Inni Duraa 15:22, “Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka duʼan akkasuma immoo harkisaa Kristosiin namoonni hundinuu in jiraachifamu” jechuudhaan dubbata. Phaawulosis, “Kana harkaa eenyutu na baasa?” jedhee erga gaafatee booda itti fufuudhaan, “Karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos Waaqayyoof galanni haa taʼu!” jedheera. (Rom. 7:25) Jaalalli Yihowaa inni namoota akka uumuuf isa kakaase, Addaamiifi Hewwaan ajajamuu diduusaaniitiin akka hin qabbanoofne beekamaadha. Yesus inni namoota jalqabaa jireenyatti fiduurratti Yihowaa gargaaree tures, jaalalli guddaan inni namootaaf qabu hin badne. (Fak. 8:30, 31) Haataʼu malee, ilmaan namootaa duʼaafi cubbuu jalaa baʼuu kan dandaʼan akkamitti?

11. Yihowaan ilmaan namootaa gargaaruuf qophii akkamii godheera?

11 Cubbuufi duuti namootatti kan dhufe, cubbuu Addaam hojjeteefi murtoo qajeelinaa Yihowaan dabarseen kan kaʼedha. (Rom. 5:12, 16) Macaafni Qulqulluun, “Irra daddarbuun nama tokkichaa nama hundumaatti yakka mursiise” jechuudhaan dubbata. (Rom. 5:18) Yihowaan seera ofiisaatii baase utuu hin cabsin, murtoo namootarratti dabarse kana haquuf maal gochuu dandaʼa laata? Deebii gaaffii kanaa yaada Yesus, “Ilmi namaa . . . lubbuu isaa furii namoota baayʼeedhaaf kennuuf dhufe” jechuudhaan dubbaterraa arganna. (Mat. 20:28) Ilmi hafuuraa Yihowaa inni jalqabaa, nama taʼee dhalachuudhaan furii akka taʼu dubbatee ture. Qophiin furii kun haqni akka raawwatamu kan godhu akkamitti?—1 Xim. 2:5, 6.

12. Aarsaan wal gituufi haqni akka raawwatamu godhe kami?

12 Akkuma Addaam cubbuu hojjechuusaa dura ture, Yesusis nama mudaa hin qabne waan taʼeef barabaraaf jiraachuu ni dandaʼa ture. Kaayyoon Yihowaa ilmaan Addaam mudaa hin qabneen lafa guutuu ture. Kanaaf, jaalala guddaa Abbaasaafi sanyii Addaamiif qaburraan kan kaʼe, Yesus lubbuusaa aarsaa godhee kenneera. Eeyyee, Yesus jireenya mudaa hin qabneefi jireenya Addaam dhabee wajjin wal gitu aarsaa godhee kenneera. Sana booda, Yihowaan Ilmisaa qaama hafuuraa qabaatee duʼaa akka kaʼu godhe. (1 Phe. 3:18) Jireenyi mudaa hin qabne jireenya mudaa hin qabne bakka waan buʼeef, furichi haqni Yihowaa akka raawwatamu godheera. Yesus ilmaan Addaam jireenya barabaraa argachuu akka dandaʼan godheera. Phaawulos, “Caaffanni qulqullaaʼaan, ‘Addaam inni duraa foon lubbuu qabu taʼe; Addaam inni lammaffaan immoo hafuura jireenya kennu taʼe’ jedha” jedheera.—1 Qor. 15:45.

Abeel inni jalqaba duʼe furii Yesusirraa faayidaa ni argata (Keeyyata 13 ilaali)

13. “Addaam inni lammaffaan” warra duʼan kan gargaaru akkamitti?

13 Yeroon “Addaam inni lammaffaan” namoota hundaaf “hafuura jireenya kennu” itti taʼu ni dhufa. Kun namoota duʼanii turan hedduu kan dabalatudha. Namoonni kun duʼaa kaafamanii lafarra jiraatu.—Yoh. 5:28, 29.

14. Yihowaan, namoonni cubbuu Addaamirraa walaba akka taʼaniif qophii akkamii godheera?

14 Ilmaan namootaa walʼaansoo cubbuu dhaalanii wajjin taasisan jalaa bilisa baʼuu kan dandaʼan akkamitti? Yihowaan, Mootummaa “Addaam isa lammaffaa” fi namoota filatamanii isaa wajjin bulchan of keessatti qabate qopheesseera. (Mulʼata 5:9, 10 dubbisi.) Namoonni isaa wajjin akka bulchaniif filataman namoota mudaa qaban waan turaniif, haala namoota isaan jalatti bulanii hubachuu ni dandaʼu. Yesusiifi warri isaa wajjin bulchan namoonni mudaa kan hin qabne akka taʼan waggaa kuma tokkoof isaan gargaaru.—Mul. 20:6.

15, 16. (a) Duuti kan golgoleeffamu yoomi? (b) Akka 1 Qorontos 15:28⁠rratti ibsametti, Yesus yeroo booda maal godha?

15 Dhuma bulchiinsa Mootummichaa isa waggaa kuma tokkoorratti, namoonni ajajamoo taʼan diinota Addaam ajajamuu diduusaatiin isaanitti dhufan hundarraa bilisa taʼu. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan dubbata: “Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka duʼan akkasuma immoo harkisaa Kristosiin namoonni hundinuu in jiraachifamu. Kun hundinuu akka tarree isaaf qophaaʼeetti in taʼa; Kristos jalqabatti kaʼee jiraataa akkuma taʼe, warri kan Kristos taʼanis [warri isaa wajjin bulchan] yeroo inni deebiʼee dhufutti in jiraachifamu. Kristos immoo gooftummaa hundumaa, aboo hundumaa, humna hundumaas golgoleessee, mootummicha deebisee Waaqayyo abbaatti erga kennee booddee dhumni in taʼa. Waaqayyo diinota hundumaa miillan isaa jala hamma kaaʼufitti, Kristos moʼuutu taʼa. Hundumaa booddee diina keenya duʼatu golgoleeffama.” (1 Qor. 15:22-26) Eeyyee, duuti Addaamirraa dhaalle dhumarratti ni balleeffama. “Gaddi nama hundumaa” barabaraaf ni balleeffama.—Isa. 25:7, 8.

16 Phaawulos ergamaan itti fufuudhaan, “Wanti hundinuu ilma Waaqayyoo jala yommuu galfamu, ilmi immoo ofii isaatii, Waaqayyo isa waan hundumaa miilla isaa jala galche jala in gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in taʼa” jechuudhaan dubbateera. (1 Qor. 15:28) Kaayyoon bulchiinsa Yesus fiixaan baʼa. Sana booda gammachuu guddaadhaan aangoosaa Yihowaadhaaf deebisa, akkasumas ilmaan namootaa mudaa hin qabne isaaf kenna.

17. Dhumarratti Seexanarratti tarkaanfii akkamiitu fudhatama?

17 Seexanni inni rakkina namootarra gaʼaa jiru hundaaf sababa taʼehoo maal taʼa? Deebiin gaaffii kanaa Mulʼata 20:7-15⁠rratti argama. Namoonni mudaa hin qabne yeroo dhumaatiif yeroo qoramanitti, Seexanni akka isaan gowwoomsuuf ni heyyamamaaf. Achii Seexanniifi warri isa duukaa buʼan, ‘duʼa lammaffaatiin’ barabaraaf ni balleeffamu. (Mul. 21:8) Warri “duʼa lammaffaa” duʼan deebiʼanii waan hin jiraanneef, duuti kun hin “golgoleeffamu.” Haataʼu malee, ‘duuti inni lammaffaan,’ namoota Yihowaa isa Uumaasaanii taʼe jaallataniifi tajaajilaniif diina miti.

18. Hojiin Yihowaan Addaamiif kennee ture kan raawwatamu akkamitti?

18 Yeroo sanatti namoonni hundi mudaa kan hin qabne kan taʼan siʼa taʼu, jireenya barabaraatiif kan malan taʼanii Yihowaa duratti fudhatama argatu. Wantoonni gammachuu namootaatiif diina taʼan hundi ni balleeffamu. Hojiin Addaamiif kennamee ture bakka inni hin jirretti raawwatama. Lafti, sanyii Addaam warra lafa kunuunsuudhaan, akkasumas lubbu qabeeyyii lafarra jiran garaagaraatiin gammadaniin guutamti. Yihowaan duʼa isa diina keenya taʼe dhiheenyatti kan golgoleessu taʼuusaatti baayʼee gammadna!

^ key. 9 Carraaqqii saayintistoonni sababa dullumaafi duʼaa ibsuuf godhan ilaalchisee, Kitaabni Insaayit oon za Iskiriipcharsi jedhamu akkas jedheera: “Uumaan namoota jalqabaarratti murtoo duʼaa akka dabarse hin hubatan; akkasumas murtoo kana kan raawwatu karaa namoonni guutummaatti hubachuu hin dandeenyeen taʼuusaatiif xiyyeeffannaa hin kennan.”—Jildii 2, ful. 247.