Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Gidiraa Baayʼeen’ Isinirra Gaʼus Amanamummaadhaan Waaqayyoon Tajaajilaa

‘Gidiraa Baayʼeen’ Isinirra Gaʼus Amanamummaadhaan Waaqayyoon Tajaajilaa

“Gidiraa baayʼee keessa darbuudhaan mootummaa Waaqayyootti galuun nuuf in taʼa.”—HOE. 14:22.

1. Tajaajiltoonni Waaqayyoo gidiraan isaanirra gaʼuunsaa kan isaan hin dinqisiisne maaliifi?

BADHAASA jireenya barabaraa argachuukee dura ‘gidiraa baayʼeen’ sirra gaʼuu akka dandaʼu beekuunkee si sodaachisaa? Si sodaachisuu dhiisuu dandaʼa. Dhihootti dhugaa kan dhageesse ykn yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilaa kan turte yoo taates, addunyaa Seexana jala jiru kana keessatti rakkinni kan nama mudatu taʼuusaa beekta.—Mul. 12:12.

2. (a) Rakkina namoota mudaa qaban hundarra gaʼuun alatti Kiristiyaanotarra gidiraa akkamiitu gaʼa? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Gidiraa kan nurraan gaʼu eenyu? Kana akkamitti beekuu dandeenya?

2 Namoota mudaa qaban hundarra rakkinni ni gaʼa. Haataʼu malee, Kiristiyaanotarra gidiraan dabalataa ni gaʼa. (1 Qor. 10:13) Gidiraan dabalataa kun maalidha? Ariʼatama guddaa seera Waaqayyootiif ajajamuusaaniitiin isaanirra gaʼudha. Yesus duuka buutotasaatiin, “Hojjetaan isa hojjechiifatu irra hin caalu . . . Kanaaf na ariʼatanii yoo jiraatan isinis in ariʼatu” jedhee ture. (Yoh. 15:20) Ariʼatama kan nurraan gaʼu eenyudha? Seexana isa Macaafni Qulqulluun ‘leenca beelaʼee aaduufi’ saba Waaqayyoo ‘liqimsuu barbaadu’ akka taʼetti ibsudha. (1 Phe. 5:8) Seexanni amanamummaa bartoota Yesus balleessuuf, wanta dandaʼe hunda godha. Wanta Phaawulos ergamaa mudatee ture ilaalaa.

GIDIRAA MAGAALAA LISXIRAATTI ISARRA GAʼE

3-5. (a) Lisxiraatti Phaawulosirra gidiraa akkamiitu gaʼe? (b) Wanti inni gidiraa ilaalchisee dubbate kan nama jajjabeessu akkamitti?

3 Sababa amantiisaatiin yeroo garaagaraatti Phaawulosirra ariʼatamni gaʼeera. (2 Qor. 11:23-27) Yeroo tokko haalli akkasii Lisxiraatti isa mudatee ture. Phaawulosiifi Baarnaabaas namicha yeroo dhalatee jalqabee naafa ture erga fayyisanii booda, namoonni naannoo sanaa akka waaqayyoliitti ulfina isaaniif kennan. Phaawulosiifi Baarnaabaas garuu namoonni gammachuudhaan of wallaalan sun akka isaan hin waaqeffanneef isaan kadhatan! Haataʼu malee, yeruma sana mormitoonni Yihudii taʼan dhufanii oduu sobaatiin namoota achi turan sossoban. Yeroo gabaabaa keessatti wanti hundi ni jijjiirame! Namoonni sun Phaawulosiin dhagaadhaan rukutanii waan duʼe itti fakkaatee dhiisanii deeman.—HoE. 14:8-19.

4 Phaawulosiifi Baarnaabaas Derbee erga daawwatanii booda, “mandaroota Lisxiraatii fi Iqoniiyumitti, Anxokiyaa isa biyya Phisiidiyaattis deebiʼan. Isaan yaada amantootaa jajjabeessanii, amantii isaaniitti akka cimaniif gorsan; ‘Gidiraa baayʼee keessa darbuudhaan mootummaa Waaqayyootti galuun nuuf in taʼa’ jedhaniin.” (HoE. 14:21, 22) Jalqabarratti yaadni kun bitaa namatti taʼuu dandaʼa. ‘Gidiraa baayʼee’ keessa akka darban beekuun kan nama jajjabeessu utuu hin taʼin, kan nama dhiphisu fakkaachuu dandaʼa. Erga akkas taʼee, Phaawulosiifi Baarnaabaas gidiraa baayʼeen akka isaanirra gaʼuu dandaʼu itti himuudhaan, ‘amantoota kan jajjabeessan’ akkamitti?

5 Wanta Phaawulos dubbate xiyyeeffannaadhaan yoo ilaalle gaaffii kanaaf deebii argachuu ni dandeenya. Phaawulos, “Gidiraa baayʼee nurra gaʼu dandaʼuu qabna” hin jenne. Kanaa mannaa, “Gidiraa baayʼee keessa darbuudhaan mootummaa Waaqayyootti galuun nuuf in taʼa” jedhe. Kanaaf, Phaawulos amantoota kan jajjabeesse buʼaa amanamummaan argamsiisu akka hubatan gochuudhaan ture. Buʼaan isaan argatan kun abjuu hin turre. Yesus, “Namni hamma dhumaatti rakkina obsu garuu in fayya” jedheera.—Mat. 10:22.

6. Warri hamma dhumaatti obsan badhaasa akkamii argatu?

6 Hamma dhumaatti yoo obsine badhaasa arganna. Kiristiyaanonni dibamoon badhaasni isaan argatan, samiirratti jireenya hin duune argachuudhaan Yesusii wajjin bulchitoota taʼuudha. ‘Hoolonni kan biraanimmoo’ lafa “qajeelummaan keessa buufatu” keessatti jireenya barabaraa argatu. (Yoh. 10:16; 2 Phe. 3:13) Haataʼu malee, akkuma Phaawulos jedhe, hammasitti gidiraa hedduutu nurra gaʼa. Mee rakkina nurra gaʼuu dandaʼu lama haa ilaallu.

DHIIBBAA KALLATTIIDHAAN NURRA GAʼU

7. Ariʼatama kallattii kan jedhamu gidiraa akkamiiti?

7 Yesus, “Isaanoo yaaʼii garaa garaatti dabarsanii isin in kennu, manneen sagadaa keessattis in reebamtu, . . . fuula abboota biyyaa, fuula moototaa duras in dhaabattu” jechuudhaan raajii dubbateera. (Mar. 13:9) Jechoota kanarraa akkuma hubannu, ariʼatamni kallattii kan akka miidhaa qaamaa, Kiristiyaanota tokko tokkorra gaʼuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko ariʼatama akkasii kan geessisan geggeessitoota amantii ykn siyaasaa taʼuu dandaʼu. (HoE. 5:27, 28) Ammas fakkeenya Phaawulos haa ilaallu. Ariʼatamni akkasii akka isarra gaʼu beekuunsaa, sodaachuudhaan duubatti akka jedhu isa godheeraa? Gonkumaa.—Hojii Ergamootaa 20:22, 23 dubbisi.

8, 9. Phaawulos gidiraa isarra gaʼu dandaʼuuf murteessuusaa kan argisiise akkamitti? Yeroo harʼaahoo tokko tokko murtoo akkasii gochuusaanii kan argisiisan akkamitti?

8 Phaawulos ariʼatama Seexanni kallattiidhaan isarraan gaʼe kan dandaʼe siʼa taʼu, “Hojiin wangeela ayyaana Waaqayyoof dhugaa baʼuu, gooftaa Yesus biraa anatti kennameera. Ani immoo ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii naaf qabuutti hin lakkaaʼu” jedheera. (HoE. 20:24) Phaawulos ariʼatamni akka isarra gaʼu beekuusaatti hin sodaanne. Kanaa mannaa, wanta isa mudatu kamiyyuu dandaʼuuf murteessee ture. Gidiraan isarra gaʼus, kaayyoonsaa inni guddaan “dhugaa baʼuu” ture.

9 Yeroo harʼaas obboloonni keenya hedduun murtoo akkasii akka godhan argisiisaniiru. Fakkeenyaaf, biyya tokko keessatti Dhugaa Baatonni tokko tokko siyaasa keessa galuu diduusaaniitiin gara waggaa 20tiif hidhamaniiru. Seerri biyyattii namoota sababa amantiisaaniitiin waraanarratti hirmaachuu didan ilaalchisee qajeelfama waan hin qabneef, dhimmisaanii mana murtiitti dhihaatee hin beeku. Mana hidhaa keessatti maatiinsaaniillee akka isaan hin gaafanne kan dhorkame siʼa taʼu, hidhamtoonni tokko tokko reebamaniiru akkasumas karaa garaagaraatiin gidiraan akka isaanirra gaʼu godhameera.

10. Gidiraa akka tasaa nurra gaʼu sodaachuu kan hin qabne maaliifi?

10 Obboloonni keenya kaanimmoo gidiraa akka tasaa isaan mudate dandaʼuuf dirqamaniiru. Haalli akkasii yoo si mudate hin sodaatin. Mee waaʼee Yoseef yaadi. Garba taʼee kan gurgurame taʼus, Yihowaan ‘rakkina isaa hundumaa keessaa isa oolcheera.’ (HoE. 7:9, 10) Yihowaan siifis akkas gochuu ni dandaʼa. ‘Gooftichi, namoota Waaqayyoof bulan qorama keessaa baasuu akka beeku’ gonkumaa hin dagatin. (2 Phe. 2:9) Sirna hamaa kana keessaa akka si oolchuufi bulchiinsa Mootummaasaa jalatti barabaraaf akka si jiraachisu yaadachuudhaan Yihowaatti amanamuukee itti fufi! Isatti amanamuufi ariʼatama dandaʼuuf sababa gaʼaa qabda.—1 Phe. 5:8, 9.

DHIIBBAA DHOKSAADHAAN NURRA GAʼU

11. Dhiibbaa Seexanni dhoksaadhaan nurraan gaʼuufi kallattiidhaan nurraan gaʼu gidduu garaagarummaan jiru maalidha?

11 Gidiraan nurra gaʼu inni kan biraan dhiibbaa dhoksaadhaan nurra gaʼudha. Dhiibbaan kun dhiibbaa kallattii isa miidhaa qaamaa nurraan geessisurraa adda kan taʼe akkamitti? Dhiibbaan kallattii, akka obomboleettii manakee akka tasaa si jalaa diiguuti. Dhiibbaan dhoksaammoo, akka tuuta rirmaa hamma mannikee jigutti muka inni ittiin ijaarame suuta suuta nyaatuuti. Namni tokko hamma inni balaa isarraan gaʼutti dhiibbaan dhoksaa isa mudachuusaa hubachuu dhiisuu dandaʼa.

12. (a) Dhiibbaa dhoksaa Seexanni geessisu keessaa tokko kami? Buʼa qabeessa kan taʼehoo maaliifi? (b) Phaawulos abdii kutachuunsaa dhiibbaa akkamii isarra geessisee ture?

12 Seexanni dhiibbaa kallattiitti fayyadamee miidhaa qaamaa sirra geessisuudhaanis taʼe, dhiibbaa dhoksaatti fayyadamee suuta suuta amantiikee si jalaa laaffisuudhaan walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu balleessuu barbaada. Dhiibbaan dhoksaa Seexanni itti fayyadamuufi buʼa qabeessa taʼe tokko abdii kutachiisuudha. Phaawulos ergamaan yeroo abdii itti kutate qaba ture. (Roomaa 7:21-24 dubbisi.) Phaawulos inni karaa hafuuraa cimaa tureefi tarii jaarraa jalqabaatti miseensa qaama olaanaa taʼuu hin oolle, “nama gadadamaa” kan ofiin jedhe maaliifi? Phaawulos kan akkas isatti dhagaʼame cubbamaa taʼuusaatiin akka taʼe dubbateera. Wanta sirrii taʼe gochuu kan barbaadu taʼus, humni isa mormu akka jiru isatti dhagaʼamee ture. Darbee darbee miirri akkasii kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, Phaawulos ergamaas rakkinni akkasii mudatee akka ture beekuunkee si hin jajjabeessuu?

13, 14. (a) Saba Waaqayyoo keessaa tokko tokko abdii akka kutatan kan godhu maalidha? (b) Amantiin keenya akka badu kan barbaadu eenyu? Maaliif?

13 Yeroo tokko tokko obboloonni baayʼeen abdii kutatu, ni dhiphatu, akkasumas gatii akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Fakkeenyaaf, qajeelchituun hinaaffaadhaan tajaajiltu tokko akkas jetteetti: “Dogoggoran hojjedhe irra deddeebiʼee kanan yaadu siʼa taʼu, yeroon waaʼeesaa yaadu hundatti gaddatu natti dhagaʼama. Wantan dogoggore hunda yeroon yaadu, namni kamiyyuu, Yihowaanillee taanaan matumaa na jaallachuu akka hin dandeenye natti dhagaʼama.”

14 Tajaajiltoonni Yihowaa hinaaffaa qaban tokko tokko akka obboleettii kanaa abdii kan kutatan maaliifi? Sababni garaagaraa jiraachuu dandaʼa. Tokko tokko ofiisaaniitiifis taʼe haala keessa jiraniif ilaalcha gaarii hin qaban taʼa. (Fak. 15:15) Kaanimmoo dhibee qaamaa miirasaaniirratti dhiibbaa geessisuun kan kaʼe wanta sirrii hin taane yaadu taʼa. Sababiinsaa maaliyyuu yoo taʼe, miirri akkasii akka nutti dhagaʼamu kan barbaadu eenyu akka taʼe yaadachuu qabna. Abdii kutannee Yihowaa tajaajiluu keenya akka dhiisnu kan barbaadu eenyudha? Firdiin isatti faradame sittis akka faradametti akka sitti dhagaʼamu kan barbaadu eenyudha? (Mul. 20:10) Seexana akka taʼe beekamaadha. Dhiibbaa kan nurraan geessisu kallattiidhaanis taʼe dhoksaadhaan, kaayyoon Seexanaa nu yaaddessuu, hinaaffaa keenya hirʼisuufi Yihowaa tajaajiluu keenya akka dhaabnu gochuudha. Sabni Waaqayyoo waraana hafuuraarra akka jiran dagachuu hin qabnu!

15. Abdii kutachuu dhiisuudhaaf murteessuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Abdii kutachuu dhiisuudhaaf murtoo godhi. Badhaasa argatturratti xiyyeeffadhu. Phaawulos Kiristiyaanota Qorontos jiraniif akkas jedhee barreessee ture: “Nuyi matumaa abdii hin kutannu, namummaan keenya inni bakkeetti mulʼatu gad dhumaa yoo adeeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa harʼaa bor haaraʼaa in adeema. Rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddatu sana baachuudhaaf nu qopheessa.”—2 Qor. 4:16, 17.

GIDIRAA ISINIRRA GA’UUF AMMUMA OF QOPHEESSAA

Dargaggoonnis taʼan maanguddoonni waaʼee amantiisaanii ija jabinaan dubbachuuf ni leenjiʼu (Keeyyata 16 ilaali)

16. Gidiraadhaaf ammuma qophaaʼuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

16 Akkuma armaan olitti ilaalle, Seexanni “haxxummaa” garaagaraatti fayyadama. (Efe. 6:11) Hundi keenyayyuu gorsa 1 Phexros 5:9⁠rratti argamuufi “Warra amantiitti jabaattan taʼaa, Seexanaan mormaa” jedhu hordofuun nu barbaachisa. Amantiitti jabaachuuf, ammuma sammuufi garaa keenya qopheeffachuu qabna. Kunis, wanta gaarii taʼe hojjechuuf qophaaʼoo akka taanu nu godha. Fakkeenyaan ibsuuf: Humni waraanaa tokko utuma lolli hin jiraatinillee, itti fufiinsaan shaakala dadhabsiisaa taʼe godha. Haalli kun saba Yihowaatiifis ni hojjeta. Gara fuulduraatti lolli akkamii akka nu mudatu hin beeknu. Kanaaf, yeroo hamma tokko nagaa qabnu kanatti, shaakala barbaachisaa taʼe tokko tokko gochuun keenya gaarii mitii? Phaawulos warra Qorontosiif, “Amantiitti qabamtanii jirtu yoo taatan isinumti of ilaalaa! Of qoraa!” jechuudhaan barreesseera.—2 Qor. 13:5.

17-19. (a) Of qoruu kan dandeenyu karaawwan kamfaʼiini? (b) Dargaggoonni mana barumsaatti waaʼee amantiisaanii ija jabinaan dubbachuuf qophaaʼuu kan dandaʼan akkamitti?

17 Karaa gorsa Phaawulos hojiirra oolchuu itti dandeenyu keessaa tokko sirriitti of qoruudha. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Yeroo hunda nan kadhadhaa? Yeroo hiriyoota koorraa dhiibbaan narra gaʼu namoota caalaa Waaqayyoofan ajajamaa? Walgaʼii gumiirratti yeroo hunda nan argamaa? Waaʼee amantiikoo ija jabinaan nan dubbadhaa? Isaan dogoggora kootiif dhiifama akka naa godhan akkuman barbaadu, anoo obboloota kootiif dafee dhiifama nan godhaa? Warra gumii koo keessattis taʼe, gumii addunyaa maraarratti itti gaafatamummaa qabaniif nan ajajamaa?’

18 Gaaffii armaan olii keessaa lama, waaʼee amantii keenyaa ija jabinaan dubbachuu, akkasumas dhiibbaa hiriyaa moʼuu kan ilaallatu akka taʼe hubadhu. Dargaggoonni hedduun mana barumsaatti akkas gochuu qabu. Waaʼee amantiisaanii dubbachuuf sodaachuu ykn qaanaʼuu akka hin qabne barataniiru. Kanaa mannaa, ija jabinaan dubbachuu qabu. Yaadawwan gama kanaan isaan gargaaruu dandaʼan barruulee keenyarratti baʼaniiru. Fakkeenyaaf, Masaraan Eegumsaa Caamsaa 15, 2013, fuula 6⁠rratti, ijoollee sii wajjin barataniif ragaa dhiheessuudhaaf gaaffiiwwanitti fayyadamuudhaan, waaʼee amantii keetii ofitti amanamummaadhaan dubbachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe yaada si gargaaru qabateera. Warra kan taatan, ijoolleen keessan dhiibbaa mana barumsaatti hiriyootasaaniirraa isaanirra gaʼuuf qophaaʼoo akka taʼaniif isaan leenjisuuf yeroo ramadaa.

19 Wanta Yihowaan nurraa barbaadu dubbachuufi raawwachuun yeroo hunda salphaa akka hin taane beekamaadha. Guyyaa guutuu hojiirra oollee galgala gara walgaʼii dhaquudhaaf of dirqisiisuu qabna taʼa. Ganamaan kaanee gara tajaajilaa dhaquuf sireerraa kaʼuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, yeroo ammaatti karaa hafuuraa barsiifata gaarii qabda taanaan, gara fuulduraatti rakkinni cimaan yeroo sirra gaʼu moʼuuf akka si gargaaru yaadadhu.

20, 21. (a) Qophii furichaarratti xiinxaluun keenya miira sirrii hin taane moʼuuf kan nu gargaaru akkamitti? (b) Gidiraan nurra gaʼus murtoon keenya maal taʼuu qaba?

20 Waaʼee dhiibbaa dhoksaadhaan nurra gaʼuuhoo maal jechuu dandeenya? Fakkeenyaaf, miira abdii kutachuu nutti dhagaʼamu ofirraa ittisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan akkas itti gochuu dandeenyu inni guddaan tokko qophii furiirratti xiinxaluudha. Phaawulos ergamaan furicharratti xiinxalee ture. Darbee darbee nama gadadamaa akka taʼe isatti dhagaʼama ture. Haataʼu malee, Kiristos kan duʼe namoota mudaa hin qabneef utuu hin taʼin cubbamootaaf akka taʼes beeka ture. Phaawulosis namoota cubbamoo taʼan keessaa tokkodha. “Ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha” jedhee barreesseera. (Gal. 2:20) Eeyyee, Phaawulos furichi akka isa fayyadu amanee ture. Akkasumas, furichi dhuunfaadhaan isaaf akka hojjetu hubatee ture.

21 Ilaalcha akkasii qabaachuunkee jechuunis, furichi kennaa dhuunfaatti Yihowaarraa sii kenname akka taʼetti yaaduun kee baayʼee si gargaaruu dandaʼa. Akkas jechuun garuu, miirri abdii kutachuu nutti dhagaʼamu battalumatti ni bada jechuu miti. Nu keessaa tokko tokko hamma addunyaa haaraatti dhiibbaa dhoksaadhaan nurra gaʼu kanaa wajjin walʼaansoo gochuun nu barbaachisuu dandaʼa taʼa. Haataʼu malee, badhaasichi warra hamma dhumaatti obsaniif akka taʼe yaadadhu. Yeroo Mootummaan Waaqayyoo nagaan akka jiraatuufi namoonni amanamoo taʼan mudaa kan hin qabne akka taʼan itti godhutti yoomiyyuu caalaa dhihaanneerra. Gidiraa hedduun kan sirra gaʼu taʼus, Mootummaa sanatti galuuf murteessi.