Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Carraaqqii’ Gochaa Jirtaa?

‘Carraaqqii’ Gochaa Jirtaa?

FARNAANDOON * sodaatee ture. Jaarsoliin lama dhuunfaatti isa haasofsiisuu akka barbaadan itti himanii turan. Daawwannaawwan ilaaltuu olaanaa aanaa yeroo dhihootti godhaman booda, gaʼumsa gumii keessatti mirga dabalataa argachuuf isa dandeessisu qabaachuuf maal gochuu akka qabu jaarsoliin ibsaafii turan. Yeroon darbaa yeroo adeemu Farnaandoon yoomiyyuu jaarsa taʼee akka hin muudamne isatti dhagaʼamuu jalqabee ture. Daawwataan olaanaa aanaa ammas dhihootti gumiisaanii daawwateera. Jaarsoliin kun ammahoo maal isaan jedhu laata?

Farnaandoon jaarsolii lamaan keessaa inni tokko yeroo isa haasofsiisu dhaggeeffachaa ture. Obboleessi 1 Ximotewos 3:1 erga caqasee booda, xalayaan jaarsa taʼee muudamuusaa mirkaneessu jaarsolii gumii akka gaʼe itti hime. Farnaandoon amanuu dadhabee, “Maal jette?” jedhee isa gaafate. Obboleessi wanta itti hime irra deebiʼeef; Farnaandoonis ni gammade. Achii booda, muudamuunsaa gumiirratti yeroo beeksifamu, hundumtuu ni gammadan.

Gumii keessatti mirga argachuuf hawwuun dogoggoradhaa? Gonkumaa dogoggora miti. Ximotewos Inni Duraa 3:1 akka dubbatutti, “Namni ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa taʼuu fedhu, [“taʼuuf carraaqu,” NW] hojii baʼeessa hawwa.” Dhiironni Kiristiyaanota taʼan hedduun gorsa kana hojiirra oolchuudhaan, gaʼumsa gumii keessatti mirga argachuuf isaan dandeessisu qabaachuuf karaa hafuuraa guddina argisiisaniiru. Kanarraan kan kaʼes, sabni waaqayyoo jaarsoliifi tajaajiltoota gumii gaʼumsa qabaniifi kuma kudhaniin lakkaaʼaman argataniiru. Haataʼu malee, gumiiwwan keessatti guddinni argamaa waan jiruuf, obboloonni kaanis carraaqqii gochuunsaanii barbaachisaadha. Karaa sirrii taʼeen carraaqqii gochuun kan dandaʼamu akkamitti? Warri ilaaltuu taʼuuf hawwan, yeroo hunda yoom jaarsa taana jedhanii yaaduu qabuu?

‘CARRAAQQII’ GOCHUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

Jechi Macaafa Qulqulluu “carraaqu” jedhu, jecha afaan Giriikii garaadhaa hawwuu ykn hiixachuu argisiisurraa dhufe. Kun nama ija mukaa namatti tolu mukasaarraa kutuuf hiixatu si yaadachiisa taʼa. Carraaquu jechuun garuu, mirga “ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa” taʼuu argachuuf ofittummaadhaan hiixachuu jechuu miti. Maaliif? Galmi namoota jaarsa taʼanii tajaajiluuf fedhanii, aangoo argachuuf utuu hin taʼin “hojii baʼeessa” hojjechuuf taʼuu waan qabuufidha.

Ulaagaalee hojii baʼeessa taʼe kanaa wajjin wal qabatan keessaa hedduunsaanii, 1 Ximotewos 3:2-7⁠fi Tiitoos 1:5-9⁠rratti tarreeffamaniiru. Ulaagaalee kana ilaalchisee Reemand inni yeroo dheeraadhaaf jaarsa taʼee tajaajile akkas jedheera: “Anaaf wanti caalaatti barbaachisaa taʼe eenyummaa keenyadha. Dandeettiin dubbachuufi barsiisuu barbaachisaa taʼus, namni tokko waan ittiin jedhan kan hin qabne, nama dhugaatiitti of hin ganne, nama of qabu, nama ulfinaa, nama keessummoota jaallatuufi nama garraamii taʼuunsaa barbaachisaadha.”

Gumii keessatti sochii garaagaraa gochuudhaan ‘carraaqqii’ godhi

Obboleessi dhuguma carraaqqii gochaa jiru tokko, amanamaa taʼuudhaan, akkasumas xuraaʼummaa akkamiirrayyuu fagaachuudhaan waan ittiin jedhan kan hin qabne taʼuusaa argisiisa. Nama dhugaatiitti of hin ganne, nama of qabu, nama ulfinaafi nama garraamiidha; kanaaf, obboloonni kaan gumii keessatti geggeessuufi rakkinasaaniirratti isaan gargaaruu akka dandaʼu itti amanamu. Nama keessummaa simatu waan taʼeef, dargaggootaafi warra dhiheenyatti gara dhugaatti dhufaniif madda jajjabinaa taʼuu ni dandaʼa. Nama waan gaarii jaallatu waan taʼeef, warra dhukkubsataniifi maanguddoota ni jajjabeessa, akkasumas ni gargaara. Amaloota kana kan guddifatu, dafee mirga kana argachuuf utuu hin taʼin, warra kaan fayyaduuf jedheeti. *

Qaamni jaarsolii gorsaafi jajjabina kennuun kan isa gammachiisu taʼus, ulaagaalee Macaafa Qulqulluurratti argaman guutuun itti gaafatamummaa nama carraaqqii gochaa jiru sanaati. Heenrii inni ilaaltuu olaanaa taʼuudhaan muuxannoo qabu, “Carraaqqii gochaa jirta taanaan, gaʼumsa akka qabdu argisiisuuf jabaadhuu hojjedhu” jedheera. Lallaba 9:10 caqasuudhaan akkas jedhe: “‘Wanta harki kee hojjechuu beeku hundumaa humna kee guutuudhaan hojjedhu!’ Jaarsoliin hojii akkamiyyuu yoo sii kennan akka gaariitti hojjedhu. Mana qulqulleessuu dabalatee, hojii gumii keessatti akka hojjettuuf sii kennamu hunda jaalalaan hojjedhu. Yeroo booda, hojii gaariin ati hojjettuufi carraaqqiin gootu hubatamuunsaa hin oolu.” Gaaf tokko jaarsa taʼuuf fedhii qabda taanaan, hojii tajaajila qulqulluu wajjin wal qabate hunda jabinaafi amanamummaadhaan hojjedhu. Gad of deebisuudhaan malee of tuulummaadhaan beekamu hin qabdu.—Mat. 23:8-12.

YAADAAFI GOCHA SIRRII HIN TAANERRAA FAGAADHU

Obboloonni gumii keessatti mirga argachuuf hawwan tokko tokko alkallattiidhaan fedhiisaanii kana ibsuuf qoramuu ykn qaama jaarsoliirratti dhiibbaa geessisuu dandaʼu taʼa. Warri kaanimmoo jaarsoliin gorsa yeroo isaaniif kennan hin gammadan. Obboloonni akkasii, ‘Hawwiinkoo fedhiikoo guuttachuudhamoo, gad of deebisuudhaan hoolota Yihowaa kunuunsuudha?’ jedhanii of gaafachuu qabu.

Warri carraaqqii gochaa jiran, ‘hoolota karra sanaaf fakkeenya taʼuunis’ ulaagaa jaarsa taʼuuf barbaachisu akka taʼe dagachuu hin qaban. (1 Phe. 5:1-3) Namni gumiidhaaf fakkeenya taʼe tokko yaadaafi gocha fakkeessitummaarraa ni fagaata. Yeroo dhihootti muudamus muudamuu baatus obsa qabaachuuf yaalii godha. Jaarsa taʼuun, namni tokko mudaa nama taʼuusaatiin qaburraa dinqiidhaan walaba akka taʼu isa hin godhu. (Lak. 12:3; Far. 106:32, 33) Obboleessi tokko ‘waan tokkooniyyuu kan of hin qeeqne’ taʼus, warri kaan sababa itti isa qeeqan qabu taʼa. (1 Qor. 4:4) Kanaaf, jaarsoliin gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe garaadhaa yoo sii kennan, utuu hin aariin dhaggeeffachuuf carraaqi. Achii gorsasaanii hojiirra oolchi.

YEROO DHEERAA YOO FUDHATEHOO?

Obboloonni hedduun utuu hin muudamin yeroo dheeraan waan darbe isaanitti fakkaata. Waggoota hedduudhaaf ‘ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa taʼuuf carraaqaa’ jirta taanaan, al tokko tokko abdii kutattaa? Taanaan, yaada geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kana hubadhu: “Abdiin lafa irra harkifamu garaa nama dhukkubsa, hawwiin namaaf raawwatamu garuu muka jireenyaa ti.”—Fak. 13:12.

Namni tokko galma hawwu tokko bira gaʼuu akka hin dandeenye yoo isatti dhagaʼame gadduu dandaʼa. Abrahaam akkas isatti dhagaʼamee ture. Yihowaan ilma isaaf kennuuf kan waadaa galeef taʼus, utuu inniifi Saaraan ijoollee hin godhatin waggoonni hedduun darbanii turan. (Uma. 12:1-3, 7) Abrahaam erga dulloomee booda akkas jedhee kadhatee ture: “Yaa Waaqayyo gooftaa, utuu ani dhala dhabee jiruu, maal anaaf kennuuf jirta?  . . . Kunoo, ati dhala naaf hin laanne.” Yihowaan waadaan inni ilma isaaf kennuuf gale akka raawwatamu irra deebiʼee mirkaneesseef. Haataʼu malee, Waaqayyo waadaa kana raawwachuusaa dura dabalataan waggaan 14 darbeera.—Uma. 15:2-4; 16:16; 21:5.

Abrahaam yeroo abdii kana eeggachaa turetti, gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argatu dhabee turee? Lakki. Waadaan Yihowaan gale raawwatamuusaa gonkumaa shakkee hin beeku. Wanta gara fuulduraatti argatu hawwiidhaan eeggachuusaa itti fufee ture. Phaawulos ergamaan, “Abrahaamis akka kanaatti obsee waan Waaqayyo isa abdachiise argate” jedhee barreesseera. (Ibr. 6:15) Dhumarratti Waaqayyo Inni Hundumaa Dandaʼu nama amanamaa taʼe kana hamma inni eegee olitti isa eebbiseera. Abrahaamirraa maal barachuu dandeessa?

Jaarsa taatee tajaajiluu kan barbaaddu taʼullee, mirga kana utuu hin argatin waggoonni hedduun darbanis, Yihowaatti amanamuukee itti fufi. Gammachuu isa tajaajiluudhaan argattu hin dhabin. Waaran inni obboloonni hedduun karaa hafuuraa guddina akka argisiisan gargaare akkas jedheera: “Obboleessi tokko muudamuuf gaʼumsa kan qabu taʼuusaa adda baafachuun yeroo fudhata. Yeroon darbaa gaafa deemu dandeettiifi ilaalchi obboleessa tokkoo, suuta suuta amalasaafi akkaataa inni hojii isaaf kennamu itti hojjeturraa ifa taʼuu ni dandaʼa. Namoonni tokko tokko milkaaʼaniiru kan jedhaman mirga ykn muudama yoo argatan qofa akka taʼe amanu. Yaanni akkasii dogoggora siʼa taʼu, hawwii sirrii hin taanetti nama geessuu dandaʼa. Bakka kamiyyuu yoo jiraatteefi maaliyyuu yoo hojjette, Yihowaa amanamummaadhaan tajaajillaan milkoofteetta jechuudha.”

Obboleessi tokko, jaarsa taʼee muudamuusaa dura waggaa kudhanii ol eegee ture. Ibsa Hisqiʼel boqonnaa 1⁠rra jiru caqasuudhaan, barumsa argate akkas jedhee dubbateera: “Yihowaan jaarmiyaasaa isa konkolaataatti fakkeeffame saffisa ofiisaatii barbaadeen oofa. Wanti barbaachisaa taʼe yeroo keenya utuu hin taʼin yeroo Yihowaati. Fedhiin jaarsa taʼee tajaajiluuf qabuu wajjin haala wal qabateen, wanti barbaachisaa taʼe wanta ani barbaadu ykn wantan taʼuuf hawwu miti. Wanti ani barbaadu wanta Yihowaan akka na barbaachisu beeku taʼuu dhiisuu dandaʼa.”

Gara fuulduraatti ilaaltuu olaanaa waldaa Kiristiyaanaa taʼuudhaan hojii baʼeessa hojjechuu ni hawwita taanaan, gammachuu gumiitiif gumaacha gochuudhaan carraaqqii gochuu ni dandeessa. Muudamuukee dura yeroo dheeraan akka darbe yoo sitti dhagaʼame abdii kutachuufi obsa dhabuurraa fagaadhu. Reemand inni armaan olitti caqasame akkas jedheera: “Garmalee hawwuun gammachuu akka hin qabaanne nu godha. Namoonni wanti tokko yeroo hunda isaan yaaddessu, gammachuu guddaa Yihowaa tajaajiluudhaan argamu dhabu.” Ija hojii hafuuraa hunda, keessumaammoo obsa caalaatti horadhu. Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan karaa hafuuraa caalaatti guddachuuf carraaqqii godhi. Misiraachicha lallabuufi namoota fedhii qaban Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuurratti hirmaannaakee dabali. Maatiinkee sochii hafuuraa gaarii taʼeefi waaqeffannaa maatii akka qabaatu godhi. Carraa obbolootaa wajjin yeroo dabarsuuf argattu hundatti gammadi. Galmakeerra gaʼuuf carraaqqii yeroo gootu, hammasitti Yihowaa tajaajiluudhaan ni gammada.

Gaʼumsa gumii keessatti mirga argachuuf dandeessisu qabaachuuf hojjechuun, eebba Yihowaa biraa argannedha; Yihowaanis taʼe jaarmiyaansaa, obboloonni carraaqqii godhan akka abdii kutataniifi tajaajila isaaf dhiheessanirratti gammachuu akka dhaban hin barbaadan. Waaqayyo warra kakaʼumsa gaariidhaan isa tajaajilan ni gargaara, akkasumas ni eebbisa. Akkuma eebbasaa hundarratti godhu, kanarrattis “rakkina hin dabalu.”—Fak. 10:22.

Yeroo murtaaʼeef carraaqqii gochaa kan turte yoo taatellee, yoomiyyuu taanaan walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu cimsachuuf wanti gochuu dandeessu jira. Amaloota sirraa eegaman qabaachuuf carraaqqii yeroo gootuufi maatiikees utuu hin dagatin gumii keessatti jabaattee yeroo hojjettu, Yihowaan wanta ati isa tajaajiluudhaaf raawwatte hunda yoomiyyuu hin irraanfatu. Kan sii kenname hojii akkamiyyuu yoo taʼe, Yihowaa tajaajiluun yeroo hunda gammachuu kan siif argamsiisu haataʼu.

^ key. 2 Maqaawwan mataduree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.

^ key. 8 Seerri buʼuuraa mataduree kana keessatti ibsame warra tajaajilaa gumii taʼuu hawwaniifis ni hojjeta. Ulaagaaleen isaan guutuu qaban 1 Ximotewos 3:8-10, 12, 13⁠rratti argama.