Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Wanti Daawit Faarfannaa 37:25 irratti dubbateefi Yesus Maatewos 6:33⁠rratti dubbate, Yihowaan Kiristiyaanni tokko nyaata gaʼaa akka dhabu matumaa akka hin heyyamne kan argisiisudhaa?

Daawit, “Namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku” jechuudhaan barreesseera. Yaada walii galaa kana kan dubbate muuxannoosaarratti hundaaʼuudhaan ture. Waaqayyo yeroo hundumaa akka isaaf yaadu beeka ture. (Far. 37:25) Haataʼu malee, Daawit namni Yihowaa waaqeffatu tokkoyyuu wanta isa barbaachisu dhabee hin beeku, hin dhabus jechuusaa hin turre.

Haalli rakkisaan Daawitirrayyuu gaʼee beeka. Fakkeenyaaf, yeroo Saaʼol jalaa baqatetti rakkinni isarra gaʼee ture. Daawit nyaanni waan jalaa dhumeef, ofiisaafi namoota isaa wajjin turaniif buddeena kadhateera. (1 Sam. 21:1-6) Kanaaf, yeroo sanatti Daawit nyaata dhabee kan ture taʼus, karaarra baʼee hin kadhanne. Yihowaan akka isa hin dhiisne beeka ture.

Yesus Maatewos 6:33⁠rratti Waaqayyo tajaajiltootasaa amanamoo Mootummichaaf dursa kennaniif wanta isaan barbaachisu akka guutu dubbateera. “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo [nyaata, dhugaatiifi uffata dabalatee] isiniif in kennama” jechuudhaan dubbateera. Haataʼu malee, Yesus ariʼatama isaanirra gaʼuun kan kaʼe, ‘obboloonnisaa’ beelaʼuu akka dandaʼanis ibseera. (Mat. 25:35, 37, 40) Haalli akkasii Phaawulos ergamaarra gaʼeera. Phaawulos yeroo itti beelaʼeefi dheebote qaba ture.—2 Qor. 11:27.

Yihowaan karaawwan addaddaatiin akka ariʼatamnu nutti himeera. Himata Seexanaatiif deebii kennuu akka dandaʼuuf Yihowaan rakkina keessa akka dabarru heyyamuu dandaʼa. (Iyo. 2:3-5) Fakkeenyaaf, warra mana hidhaa Naazii keessatti hidhamanii turan dabalatee, Kiristiyaanonni tokko tokko sababii ariʼatamaatiin gidiraa guddaan isaanirra gaʼeera. Ejjennoo Dhugaa Baatota kanaa laaffisuuf, nyaata isaan dhowwachuudhaan gochi gara jabinaa isaanirratti raawwatameera. Dhugaa Baatonni amanamoo taʼan Yihowaadhaaf ajajamuusaanii itti fufaniiru; innis isaan hin dhiisne. Yihowaan Kiristiyaanota hundarra rakkinni garaagaraa akka gaʼu akkuma heyyamu, isaanirras qorumsi akka gaʼu heyyameera. Taʼuyyuu, Yihowaan namoota sababii maqaasaatiin rakkinni isaanirra gaʼu akka gargaaru homaa hin shakkisiisu. (1 Qor. 10:13) Yaada Filiphisiiyus 1:29⁠rratti argamuufi “Kristositti amanuu keessan duwwaa utuu hin taʼin, isaaf dhiphachuu dandaʼuunis immoo isiniif kennameera” jedhu yeroo hunda yaadachuu qabna.

Yihowaan tajaajiltootasaa wajjin akka taʼu waadaa galeera. Fakkeenyaaf Isaayaas 54:17, “Si balleessuudhaaf miʼi waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin dandaʼu” jedha. Abdiin kuniifi kan kana fakkaatan, sabni Waaqayyoo akka walii galaatti eegumsa akka argatan mirkaneessu. Haataʼu malee, Kiristiyaanni tokko dhuunfaatti hamma duʼaattillee qorumsi isarra gaʼuu ni dandaʼa.