Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra Tajaajila Yeroo Guutuu Keessa Jiran Yaadadhaa

Warra Tajaajila Yeroo Guutuu Keessa Jiran Yaadadhaa

A“Hojii amantii keessanii, jaalalaaf dadhabuu keessan, [“hojii jaalalaan kakaatanii hojjettan,” NW] . . . in yaadanna.”—1 TAS. 1:3.

1. Warra Yihowaa ciminaan tajaajilan ilaalchisee Phaawulositti maaltu dhagaʼame?

PHAAWULOS ERGAMAAN warra misiraachichaaf jedhanii ciminaan hojjetan yaadateera. Akkas jedheera: “Fuula Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenyaa duratti hojii amantii keessanii, jaalalaaf dadhabuu keessan, [“hojii jaalalaan kakaatanii hojjettan,” NW] gooftaa keenya Yesus Kristosin abdachuutti jabaachuu keessanis in yaadanna.” (1 Tas. 1:3) Haalli isaan keessa jiran wanta hedduu raawwachuuf kan isaan dandeessisu taʼus taʼuu baatus, Yihowaanis hojii tajaajiltoonnisaa amanamoon jaalalaan kakaʼanii hojjetan ni yaadata.—Ibr. 6:10.

2. Mataduree kana keessatti maal qorra?

2 Tajaajiltoonni hidhata keenya taʼan hedduun bara durii turaniifi yeroo harʼaa jiran, yeroosaanii guutuu Yihowaa tajaajiluuf aarsaa guddaa kaffalaniiru. Tokko tokko jaarraa tokkoffaatti akkamitti akka tajaajilan haa ilaallu. Gosawwan tajaajila yeroo guutuu yeroo harʼaa jiran tokko tokkos ni qorra. Akkasumas, obboloota haala adda taʼeen tajaajiluuf of dhiheessan yaadachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ni ilaalla.

KIRISTIYAANOTA JAARRAA TOKKOFFAA

3, 4. (a) Obboloonni tokko tokko jaarraa tokkoffaatti haala kamiin tajaajilaa turan? (b) Karaa foonii gargaarsa akkamii argatanii turan?

3 Yesus cuuphamee utuu baayʼee hin turin, hojii addunyaa mararratti hojjetamuu qabu tokko jalqabe. (Luq. 3:21-23; 4:14, 15, 43) Erga inni duʼee booda, ergamoonnisaa hojii lallabaa kana babalʼisuurratti dursa fudhataniiru. (HoE. 5:42; 6:7) Kiristiyaanonni tokko tokko kan akka Filiphos, lallabdoota wangeelaafi misiyoonota taʼanii Phaalasxiinaa keessatti bakka garaagaraatti tajaajilaniiru. (HoE. 8:5, 40; 21:8) Phaawulosiifi warri kaan bakka jireenyaasaaniirraa fagaatanii deemaniiru. (HoE. 13:2-4; 14:26; 2 Qor. 1:19) Tokko tokkommoo fakkeenyaaf kan akka Silwaanos (Siilaas), Maarqosiifi Luqaas kutaa Macaafa Qulqulluu barreessaniiru ykn warra barreessaniif barreessitoota taʼanii tajaajilaniiru. (1 Phe. 5:12) Obboleettonni Kiristiyaanota taʼan, obboloota amanamoo taʼan kanaa wajjin hojjechaa turan. (HoE. 18:26; Rom. 16:1, 2) Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti muuxannoowwan obboloota kanaa dubbisna. Seenaawwan kun Yihowaan hojii tajaajiltootasaatiif iddoo guddaa akka kennuufi wanta isaan barbaachisu akka guutuuf nu yaadachiisu.

4 Tajaajiltoonni yeroo guutuu dur turan karaa foonii gargaarsa kan argatan akkamitti? Yeroo tokko tokko Kiristiyaanonni hidhatasaanii taʼan kan isaan simataniifi gargaarsa garaagaraa kan godhaniif taʼus, gargaarsi akkasii akka isaaniif godhamu hin eegan turan. (1 Qor. 9:11-15) Obboloonniifi gumiiwwan, fedhiisaaniitiin gargaarsa gochaa turan. (Hojii Ergamootaa 16:14, 15; Filiphisiiyus 4:15-18 dubbisi.) Phaawulosis taʼe obboloonni isaa wajjin turan, baasii mataasaanii dandaʼuuf yeroo boqonnaasaaniitti hojjechaa turan.

TAJAAJILTOOTA YEROO GUUTUU YEROO HARʼAA JIRAN

5. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko jireenya tajaajila yeroo guutuu keessatti dabarsan ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼame?

5 Yeroo harʼaas obboloonni hedduun gosa tajaajila yeroo guutuu garaagaraarratti hirmaatu. (Saanduqa, “ Gosoota Tajaajila Yeroo Guutuu” jedhu ilaali.) Hojii akkasii filachuusaaniitti maaltu isaanitti dhagaʼama? Gaaffii kana isaanuma gaafachuu dandeessu; akkas gochuu keessanitti baayʼee akka gammaddan beekamaadha. Fakkeenya kana ilaalaa: Obboleessi qajeelchaa yeroo hundaa, qajeelchaa addaa, misiyoonii, akkasumas biyyasaatii alatti miseensa maatii Betʼel taʼee tajaajile tokko akkas jedheera: “Tajaajila yeroo guutuu jalqabuunkoo murtoo gaarii ani jireenyakoo keessatti godhe akka taʼe natti dhagaʼama. Yeroon waggaa 18 turetti, afeerrii yunivarsiitiitti akkan leenjiʼuuf naa dhihaateefi hojii yeroo guutuu hojjechuu, akkasumas qajeelchaa taʼuu ilaalchisee filannaa gochuun natti ulfaatee ture. Yihowaan aarsaa isin yeroo guutuudhaan isa tajaajiluuf kaffaltan akka hin daganne muuxannoo koorraa hubachuu dandaʼeera. Utuun hojii addunyaa filadheera taʼee karaan itti fayyadamuu hin dandeenyeen, kennaa uumamaafi dandeettii Yihowaan naa kennetti fayyadamuu dandaʼeera.” Haati manaasaas akkas jetteetti: “Hojiin naa kenname hundi guddina akkan argisiisuuf na gargaareera. Utuu jireenya keenya duraaniitiin itti fufneerra taʼee karaa argachuu hin dandeenyeen, yeroo garaagaraatti eegumsaafi qajeelfama Yihowaa arganneerra. Jireenya nuti tajaajila yeroo guutuu keessatti dabarsineef yeroo hundan Yihowaa galateeffadha.” Atoo waaʼee jireenyakee akkas akka sitti dhagaʼamu ni barbaaddaa?

6. Yihowaan tajaajila nuti isaaf dhiheessinu ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama?

6 Obboloonni tokko tokko yeroo ammaatti tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuuf haallisaanii hin heyyamuuf. Yihowaan carraaqqii isaan garaa guutuudhaan godhaniif iddoo guddaa akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Warra gumii Qolosaayis keessa turan hunda dabalatee, waaʼee namoota Phaawulos Fiilmoon 1-3rratti caqasee mee yaadi. (Dubbisi.) Phaawulosis taʼe Yihowaan isaan dinqisiifataniiru. Haaluma walfakkaatuun, Abbaan keenya inni samii tajaajila keessan ni dinqisiifata. Haataʼu malee, obboloota yeroo harʼaa tajaajila yeroo guutuu keessa jiran gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

QAJEELCHITOOTA DEGGERUU

7, 8. Qajeelchaa taʼanii tajaajiluun maal kan dabalatudha? Obboloonni gumii keessa jiran kaanoo qajeelchitoota gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

7 Akkuma lallabdoota wangeelaa jaarraa tokkoffaa, qajeelchitoonni hinaaffaa qabanis gumiiwwaniif madda jajjabinaa guddaadha. Baayʼeensaanii jiʼa keessatti saʼaatii 70 tajaajilarratti dabarsu. Isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

8 Qajeelchituun Shaarii jedhamtu tokko, “Qajeelchitoonni yeroo hunda tajaajilarratti yeroo hirmaatan cimoo fakkaatu. Haataʼu malee, jajjabinni isaan barbaachisa” jetteetti. (Rom. 1:11, 12) Obboleettiin waggoota muraasaaf qajeelchituu taatee tajaajilte tokko qajeelchitoonni gumiishee keessa jiran ciminaan, akkasumas utuu addaan hin kutin akka hojjetan dubbatteetti. Kana malees, yeroo obboloonni kaan nyaata isaan afeeran, qarshii geejjibaa yeroo isaaniif kennan ykn gama qarshiitiin deggersa tokko tokko yeroo isaaniif godhan kan dinqisiifatan taʼuusaarrayyuu, warri kaan akka isaaniif yaadan akka isaanitti dhagaʼamu akka godhu ibsiteetti.

9, 10. Obboloonni tokko tokko qajeelchitoota gumiisaanii gargaaruuf maal godhaniiru?

9 Tajaajilarratti qajeelchitoota gargaaruu ni barbaadduu? Qajeelchituun Boobii jedhamtu tokko, “Keessumaa torban gidduutti caalaatti gargaarsi nu barbaachisa” jechuudhaan yaadashee ibsiteetti. Obboleettiin qajeelchituu taateefi gumii kana keessatti argamtu tokkos, “Waaree booda nama wajjiniin tajaajilan argachuun baayʼee rakkisaadha” jetteetti. Obboleettiin Betʼel Biruukiliinitti argamu keessa tajaajilaa jirtu tokko, yeroo qajeelchaa turtetti gargaarsa argatte ilaalchisee akkas jetteetti: “Obboleettiin konkolaataa qabdu tokko, ‘Yeroo nama sii wajjin tajaajilu dhabdu kamittiyyuu, naa bilbili, ani sii wajjin nan tajaajila’ naan jettee turte. Qajeelchaa taʼee akkan itti fufuuf gumaacha guddaa gooteetti.” Shaariinis akkas jetteetti: “Qajeelchitoonni qeentee taʼan, tajaajila booda yeroo baayʼee kophaasaanii taʼu. Yeroo tokko tokko obboloota qeentee taʼan waaqeffannaa maatii keessanirratti akka argaman afeeruu ni dandeessu taʼa. Sochiiwwan tokko tokkorratti isaan afeeruunis cimoo taʼanii akka itti fufan isaan gargaara.”

10 Obboleettiin naannoo waggoota 50tiif tajaajila yeroo guutuu keessa jirtu tokko, gargaarsa isheeniifi obboleettonni qeentee turan argatan ilaalchisee akkas jetteetti: “Jaarsoliin gumii keenyaa jiʼa lamatti al tokko qajeelchitoota ni daawwatu turan. Waaʼee fayyaa keenyaafi waaʼee hojii, akkasumas wanti nu yaaddessu jiraachuusaa nu gaafatu turan. Kana kan godhan garaasaaniitii ture. Gargaarsi kan nu barbaachisu taʼuusaafi dhiisuusaa ilaaluuf, mana dhufanii nu gaafatu turan.” Jaarsoliin kuniifi kan akka isaanii kaan fakkeenya Oneesiforos hordofu. Oneesiforos maatiisaatiif kunuunsa gochuu kan qabu taʼus, Phaawulosiifis gargaarsa isa barbaachisu godheera.—2 Xim. 1:18.

11. Qajeelchaa addaa taʼanii tajaajiluun maalfaa dabalata?

11 Gumiiwwan tokko tokko qajeelchitoota addaa isaanii wajjin tajaajilan qabaachuusaaniitti faayidaa guddaa argataniiru. Obboloota kana keessaa hedduun jiʼatti saʼaatii 130 tajaajilarratti dabarsuuf carraaqqii godhu. Tajaajilarratti akkasumas karaa biraa gargaarsa gochuurratti yeroo hedduu waan dabarsaniif, yeroo murtaaʼeef qofa hojjetu ykn tasumaa hojii hin hojjetan. Tajaajilasaanirratti xiyyeeffachuu akka dandaʼaniif, waajjirri damee jiʼa jiʼatti durgoo muraasa isaaniif ni kenna.

12. Jaarsoliiniifi obboloonni kaan qajeelchitoota addaa karaa kamiin gargaaruu dandaʼu?

12 Qajeelchitoota addaa karaa kamiin gargaaruu dandeenya? Jaarsi gumii waajjira damee keessa tajaajiluufi qajeelchitoota addaa hedduu haasofsiise tokko akkas jedheera: “Jaarsoliin isaan haasofsiisuu, haala isaan keessa jiran beekuufi karaa kamiin gargaarsa isaaniif gochuu akka qaban adda baafachuu qabu. Dhugaa Baatonni tokko tokko qajeelchitoonni addaa durgoo waan argataniif wanti hundumtuu akka isaaniif guutametti yaadu; haataʼu malee, obboloonni naannoosaaniitti argaman karaa garaagaraatiin isaan gargaaruu dandaʼu.” Akkuma qajeelchitoota yeroo hundaa, qajeelchitoonni addaas nama isaanii wajjin tajaajilu argachuu barbaadu. Gama kanaan isaan gargaaruu ni dandeessuu?

ILAALTOTA OLAANAA AANAA GARGAARUU

13, 14. (a) Waaʼee ilaaltota olaanaa aanaa maal yaadachuu qabna? (b) Warra hojii daawwannaarratti hirmaatan haala kamiin gargaaruu waan dandeessu sitti fakkaata?

13 Ilaaltonni olaanaa aanaafi haadhotiin manaasaanii, yeroo baayʼee karaa hafuuraa cimoo akka taʼaniifi rakkina dandamachuu akka dandaʼanitti ilaalamu. Kun dhugaadha; taʼus isaaniinis jajjabeessuun, isaanii wajjin tajaajiluun, akkasumas bashannana tokko tokkorratti isaan afeeruun barbaachisaadha. Ilaaltonni olaanaa ykn haadhotiin manaasaanii dhukkubsatanii hospitaala ykn mana yoo ciisan, dhaqnee isaan gaafachuufi wanta isaan barbaachisu isaaniif gochuu ni dandeenya. Luqaas, inni ‘ogeessa qorichaa jaallatamaa’ taʼeefi kitaaba Hojii Ergamootaa barreesse, Phaawulosiifi namoota isaa wajjin turan kaaniif gargaarsa akkamii godhee taʼuu akka dandaʼu mee yaadaa.—Qol. 4:14; HoE. 20:5–21:18.

14 Ilaaltonni olaanaafi haadhotiin manaasaanii hiriyaan kan isaan barbaachisu siʼa taʼu, hiriyootasaaniitiif iddoo guddaa kennu. Ilaaltuun olaanaa aanaa tokko, “Hiriyoonnikoo yeroo jajjabinni na barbaachisu waan beekan fakkaatu. Malaan gaaffii na gaafatu; kunimmoo wanta na yaaddessu dubbachuuf na gargaara. Sirriitti na dhaggeeffachuunsaanii qofti baayʼee na gargaareera.” Ilaaltonni olaanaa aanaafi haadhotiin manaasaanii jaalala obboloonni isaanitti argisiisan ni dinqisiifatu.

MISEENSOTA MAATII BETʼEL GARGAARUU

15, 16. Miseensonni maatii Betʼeliifi warri Galmawwan Walgaʼii Gurguddaa keessa tajaajilan tajaajila akkamii kennu? Isaan gargaaruu kan dandeenyuhoo akkamitti?

15 Addunyaa mararratti obboloonni Betʼeliifi Galmawwan Walgaʼii Gurguddaa keessatti tajaajilan hojii Mootummichaa waajjirri dameesaanii geggeessuuf gargaarsa guddaa godhu. Obboloonni Betʼel keessa tajaajilan gumii ykn aanaa keessan keessa jiru taanaan, akka isaan yaadattan akkamitti argisiisuu dandeessu?

16 Obboloonni yeroo Betʼel galan, maatiifi hiriyootasaaniirraa waan fagaataniif jalqabarratti baayʼee isaan yaaduu dandaʼu. Kanaaf, obboloonni Betʼeliifi gumiisaanii isa haaraa keessa jiran yeroo ofitti isaan dhiheessan baayʼee gammadu! (Mar. 10:29, 30) Hojiinsaanii inni dhaabbataan walgaʼii gumiirratti, akkasumas torban torbaniin tajaajilarratti hirmaachuuf kan isaan dandeessisudha. Haataʼu malee, darbee darbee hojii dabalataa qabaachuu dandaʼu. Gumiiwwan haala kana hubachuudhaan obboloota kanaafi hojii isaan hojjetan akka dinqisiifatan argisiisuunsaanii faayidaa hedduu qaba.—1 Tasaloniiqee 2:9 dubbisi.

TAJAAJILTOOTA YEROO GUUTUU BIYYASAANIITII ALATTI TAJAAJILAN GARGAARUU

17, 18. Tajaajiltoonni yeroo guutuu biyyasaaniitii alatti tajaajilan hojii akkamii hojjetu?

17 Obboloonni biyya biraatti akka tajaajilaniif ramadaman nyaanni, qooqni, aadaafi haalli naannoo sanaa haaraa itti taʼuu dandaʼa. Tajaajiltoonni yeroo guutuu biyya biraatti ramadaman hojiinsaanii maalidha?

18 Obboloonni tokko tokko misiyoonii taʼanii tajaajilu. Obboloonni kun hojiinsaanii inni guddaan tajaajila dirreerratti hirmaachuu siʼa taʼu, obboloonni hedduun leenjii addaa isaan fudhatanirraa faayidaa argachuu ni dandaʼu. Waajjirri damee misiyoonota kanaaf bakka jireenyaafi durgoo wanta isaan barbaachisu guuttachuuf isaan dandeessisu ni kennaaf. Obboloonni biyya biraatti tajaajilan kaanimmoo waajjira damee keessa tajaajilu. Yookiinimmoo waajjira damee, waajjira hojii hiikkaa, Galmawwan Walgaʼii Gurguddaa ykn Galmawwan Mootummaa ijaaruurratti deggersa kennu. Nyaanni, bakki jireenyaafi wantoonni garaagaraa isaaniif ni guutamu. Akkuma miseensota maatii Betʼel obboloonni kunis walgaʼii gumiirratti yeroo hunda ni argamu, akkasumas naannoo jiranitti tajaajilarratti ni hirmaatu. Kanaaf, gumii keessa jiran karaa garaagaraa fayyadu.

19. Obboloota biyyasaaniitii alatti tajaajilan ilaalchisee maal yaadachuu qabna?

19 Tajaajiltoota yeroo guutuu kana yaadachuu kan dandeessan akkamitti? Keessumaa jalqabarratti nyaanni naannoo keessanii tokko tokko haaraa itti taʼuu akka dandaʼu yaadadhaa. Yeroo isaan afeertan kana xiyyeeffannaa keessa galchuu ni dandeessu; akkasumas wanti isaan nyaachuu barbaadan maal akka taʼe ykn nyaanni haaraan yaaluu barbaadan yoo jiraate dursitanii gaaffachuu ni dandeessu. Afaaniifi aadaa naannoo keessanii yeroo baratanitti obsa isaanitti argisiisaa. Wanta isin dubbattan hunda hubachuun yeroo isaanitti fudhachuu dandaʼa; haataʼu malee, akkaataa isaan jecha tokko itti waamanirratti gaarummaadhaan isaan gargaaruu ni dandeessu. Barachuuf fedhii guddaa qabu!

20. Tajaajiltoota yeroo guutuufi warrasaanii yaadachuu kan dandeenyu karaa kamiini?

20 Yeroon darbaa yeroo deemu, tajaajiltoonni yeroo guutuu biyya biraa jiraatan warrasaanii dullooman karaa itti gargaaran ilaalchisee murtoo gochuu qabu taʼa. Warri Dhugaa Baatota taʼan, ijoolleensaanii tajaajilasaanii akka itti fufaniif fedhii guddaa akka qaban beekamaadha. (3 Yoh. 4) Tajaajiltoonni yeroo guutuu, warrisaanii gargaarsi yoo isaan barbaachise isaan gargaaruudhaaf wanta isaanii dandaʼame hunda godhu; akkasumas hamma isaanii dandaʼametti dafanii dafanii isaan gaafatu. Haataʼu malee, warri tajaajiltoota kanaa gargaarsi yoo isaan barbaachise, obboloonni isaanitti dhihoo jiran isaan gargaaruudhaan tajaajiltoota yeroo guutuu sana deggeruu ni dandaʼu. Tajaajiltoonni yeroo guutuu hojii barbaachisaa addunyaa kanarratti hojjetamaa jiru keessatti itti gaafatamummaa guddaa akka qaban yaadadhaa. (Mat. 28:19, 20) Abbaafi haadha tajaajiltoota yeroo guutuu gargaarsi yoo barbaachise, isin ykn gumiin keessan gargaarsa gochuu ni dandeessuu?

21. Obboloonni tajaajila yeroo guutuu keessa jiran gargaarsaafi jajjabina warri kaan isaaniif kennan ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

21 Obboloonni tajaajila yeroo guutuu kan jalqaban qarshii argachuuf utuu hin taʼin, Yihowaafi namoota kaan tajaajiluuf jedhaniiti. Gargaarsa isaaniif gootan kamiyyuu garaadhaa dinqisiifatu. Obboleettiin biyyasheetii alatti tajaajiltu tokko yaada miira obboloota hedduu calaqqisiisu akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Yaadni dinqisiifannaa ibsuuf isiniif barreeffamullee, namoonni kaan waaʼee keessan akka yaadaniifi wanta isin hojjettanitti akka gammadan argisiisa.”

22. Tajaajila yeroo guutuu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

22 Yihowaa yeroo guutuu tajaajiluun wanta kamiyyuu caalaa eebba kan argamsiisudha. Haalli rakkisaan garaagaraa mudachuu kan dandaʼu taʼus, barumsaafi gammachuu ni argamsiisa. Kana malees, tajaajila barabaraa gammachiisaa taʼeefi gara fuulduraatti Mootummaa Waaqayyoo jalatti isaan eeggatuuf tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan hunda kan qopheessudha. Hundi keenyayyuu ‘hojii amantiifi jaalalaan kakaʼanii’ tajaajiltoonni yeroo guutuu hojjetan yeroo hunda haa yaadannu.—1 Tas. 1:3.