Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qulqulluu Taʼuu Kan Qabnu Maaliifi?

Qulqulluu Taʼuu Kan Qabnu Maaliifi?

“Qulqulloota taʼaa.”—LEW. 11:45.

1. Seerri Lewwootaa kan nu fayyadu akkamitti?

QULQULLUMMAAN, kutaa Macaafa Qulqulluu kamiyyuu caalaa Seera Lewwootaa keessatti balʼinaan ibsameera. Qulqulluu taʼuun wanta waaqeffattoota Yihowaa hundarraa eegamudha; Seera Lewwootaa hubachuun keenyammoo qulqulloota taʼuuf nu gargaara.

2. Qabiyyee Seera Lewwootaa keessaa tokko tokko maalidha?

2 Seerri Lewwootaa inni Musee raajichi barreesse, kutaa ‘caaffata qulqullaaʼoo’ isa barsiisuuf fayyaduuti. (2 Xim. 3:16) Maqaan Yihowaa (hiika addunyaa haaraa keessatti) tokkoon tokkoon boqonnaawwan kitaabichaa keessatti giddu galeessaan siʼa kudhan argama. Seera Lewwootaa hubachuun keenya, wanta maqaa Yihowaa arrabsiisu akkamiiyyuu gochuurraa akka fagaannu jabina nuu kenna. (Lew. 22:32) Macaafichi yaada “Ani Waaqayyo” jedhu irra deddeebiʼee fayyadamuunsaa, Waaqayyoof akka ajajamnu nu yaadachiisuu qaba. Seerri Lewwootaa, kennaa waaqeffannaa qulqulluurratti akka hirmaannu nu gargaaruuf Waaqayyo biraa nuu kennamedha. Mataduree kanaafi isa itti aanu keessatti, barumsawwan gati jabeessa macaafa kana keessatti argaman tokko tokko ilaalla.

WAAQAYYO QULQULLUMMAA BARBAADA

3, 4. Aaroniifi ilmaansaa dhiqachuunsaanii maal argisiisa? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

3 Lewwoota 8:5, 6 dubbisi. Yihowaan, Aaron angafa lubootaa Israaʼel taʼee akka tajaajilu kan isa filate siʼa taʼu, ilmaansaammoo sabicha bakka buʼanii lubummaadhaan tajaajilu turan. Aaron Yesus Kiristosiin, ilmaansaammoo duuka buutota Yesus dibamoo taʼan bakka buʼu. Kana jechuun garuu, Aaron dhiqachuunsaa Yesus qulqulleeffamuusaa kan argisiisu ture jechuudhaa? Lakki; Yesus kan cubbuufi “ mudaa hin qabne” waan taʼeef qulqulleeffamuun isa hin barbaachisu. (Ibr. 7:26; 9:14) Haataʼu malee, haalli Aaron dhiqachuusaa booda ture, Yesus qulqulluufi qajeelaa taʼuusaa kan argisiisudha. Ilmaan Aaron dhiqachuunsaaniihoo maal argisiisa?

4 Ilmaan Aaron dhiqachuunsaanii, namoonni samiirratti luboota akka taʼaniif filataman qulqulleeffamuusaanii kan argisiisu ture. Cuuphaan dibamtootaa, qulqulleeffamuu ilmaan Aaronii wajjin wal qabataa? Lakki. Cuuphaan, cubbuu namarraa hin dhiqu; kanaa mannaa namni tokko guutummaatti Yihowaadhaaf of murteessuusaa kan argisiisudha. Dibamtoonni kan dhiqaman ‘karaa dubbiisaa’ siʼa taʼu, kunimmoo garaa guutuu barumsa Kiristos hojiirra oolchuu kan isaan gaafatudha. (Efe. 5:25-27) Kanaaf, dibamtoonni karaa kanaan qulqulleeffamaniiru jechuun ni dandaʼama. Waaʼee “hoolota kan biraa” hoo maal jechuutu dandaʼama? —Yoh. 10:16.

5. Hoolonni kan biraan karaa Dubbii Waaqayyoo qulqulleeffamaniiru jechuun kan dandaʼamu maaliifi?

5 Ilmaan Aaron, “tuuta sonaan baayʼee” warra kutaa hoolota kan biraa taʼan bakka hin buʼan. (Mul. 7:9) Maarree, namoonni cuuphaman kunis Dubbii Waaqayyootiin qulqulleeffamaniiruu? Eeyyee! Namoonni lafarra jiraachuuf abdii qabaniifi dhiigni Yesus inni dhangalaʼe barbaachisaa taʼuusaa ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu dubbisan, dubbichatti amanuudhaan “halkanii fi guyyaa . . . isaaf in hojjetu.” (Mul. 7:13-15) Dibamtoonniifi hoolonni kan biraan kan qulqulleeffaman itti fufiinsaanidha. Kanaan kan kaʼes akkaataan itti jiraatan yeroo hundayyuu qulqulluudha. (1 Phe. 2:12) Yihowaan qulqullummaafi tokkummaa dibamtoonniifi hoolonni kan biraan Tikseesaanii Yesusiin dhaggeeffataniifi hordofan qabanitti baayʼee gammada!

6. Yeroo hunda of qoruun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

6 Luboonni Israaʼel keessa turan qaamaan qulqulluu akka taʼan kan irraa eegamu taʼuunsaa, saba Yihowaa yeroo harʼaa jiraniif hiika guddaa qaba. Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu, yeroo baayʼee bakki waaqeffannaa keenya qulqulluu taʼuusaafi nuyis qulqulluufi seeraan kan uffannu taʼuu keenya ni hubatu. Haataʼu malee, qulqullummaan lubootaa, namni tulluu Yihowaa isa ol kaʼaatti ol baʼu hundinuu ‘garaa qullaaʼaa’ qabaachuu akka qabu nu hubachiisa. (Faarfannaa 24:3, 4 dubbisi; Isa. 2:2, 3.) Tajaajilli qulqulluun Waaqayyoof dhiheessinu, sammuu, garaafi qaama qulqulluudhaan dhihaachuu qaba. Kunimmoo yeroo yeroodhaan of qoruu kan gaafatu siʼa taʼu, namoonni tokko tokko erga akkas godhanii booda qulqulluu taʼuuf jijjiirama gochuun akka isaan barbaachisu hubatu. (2 Qor. 13:5) Fakkeenyaaf, namni cuuphame tokko taʼe jedhee poornoogiraafii kan ilaalu yoo taʼe, ‘Qulqulluu taʼuukoo argisiisaan jiraa?’ jedhee of gaafachuu qaba. Achii, gochasaa isa gadhee kana dhiisuuf gargaarsa gaafachuu qaba.—Yaq. 5:14.

AJAJAMUUDHAAN QULQULLUU TAʼUU KEESSAN ARGISIISAA

7. Yesus Lewwoota 8:22-24 wajjin haala wal simuun fakkeenya akkamii taʼe?

7 Israaʼel keessatti qophiin lubummaa yeroo hundeeffametti, dhiigni korbeessa hoolaa Aaron isa Angafa Lubootaattiifi ilmaansaatti dibamee ture; dhiigni kun kan dibame gurra mirgaa, akkasumas abgudduu harkaafi miilla mirgaatti ture. (Lewwoota 8:22-24 dubbisi.) Dhiigni karaa kanaan faayidaarra ooluunsaa, luboonni hojiisaaniirratti ajajamoo akka taʼan kan argisiisudha. Haaluma wal fakkaatuun, angafa lubootaa kan taʼe Yesus, Kiristiyaanota dibamoofi hoolota kan biraatiif fakkeenya gaarii taʼeera. Gurri Yesus qajeelfama Waaqayyoo dhagaʼuuf qophaaʼaa ture. Yesus harkasaatti fayyadamee fedha Yihowaa kan raawwate siʼa taʼu, miillisaas daandii qulqulluu taʼerraa jalʼatee hin beeku.—Yoh. 4:31-34.

8. Waaqeffattoonni Yihowaa hundi maal gochuu qabu?

8 Kiristiyaanonni dibamooniifi hoolonni kan biraan, amanamummaa Angafa Lubootaasaanii hordofuu qabu. Waaqeffattoonni Yihowaa hundumtuu qajeelfama Dubbiisaa keessa jiruuf ajajamuudhaan hafuura qulqulluu gaddisiisuurraa fagaachuu qabu. (Efe. 4:30) ‘Miillasaaniitiif daandii qajeelaa godhachuu’ qabu.—Ibr. 12:13.

9. Obboloonni miseensota Qaama Olaanaa wajjin hojjetan sadii maal jedhan? Wanti isaan dubbatan qulqulluu taʼuukee argisiisuu akka itti fuftu kan si gargaaru akkamitti?

9 Obboloonni lafarra jiraachuuf abdii qabaniifi waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif miseensota Qaama Olaanaa wajjin hojjetan sadii maal akka jedhan haa ilaallu. Inni tokko akkas jedheera: “Kun mirga tajaajilaa adda taʼe taʼus, isaanii wajjin walitti dhihaachuunkoo, obboloonni kun hafuuraan kan dibaman taʼanis mudaa akka qaban na hubachiiseera. Taʼuyyuu, waggoota kana keessatti galmakoo keessaa inni tokko obboloota itti gaafatamummaa qaban kanaaf ajajamuu ture.” Obboleessi lammaffaanimmoo, “Caqasawwan kan akka 2 Qorontos 10:5 waaʼee ‘Kiristosiif abboomamuu’ dubbatan, akkan ajajamuufi obboloota itti gaafatamummaa qabanii wajjin walii galteedhaan akkan hojjedhu na gargaaraniiru. Kanan isaaniif ajajamus garaakootii ture” jedheera. Obboleessi inni sadaffaan akkas jedheera: “Waan Yihowaan jaallatu jaallachuufi waan inni jibbu jibbuun, akkasumas qajeelfamasaa barbaaduufi wanta isa gammachiisu gochuun, jaarmiyaasaatiifi namoota inni kaayyoo lafaaf qabu raawwachuuf itti fayyadamuuf ajajamuu keenya kan argisiisudha.” Masaraa Eegumsaa bara 1925 irratti matadureen “Dhalachuu Sabichaa” jedhu yeroo baʼetti, obboloonni baayʼeen yaada mataduree kanarratti baʼe shakkanii kan turan taʼus, Naataan Noor mamii tokko malee yaada sana fudhatee akka ture obboleessi kun ni yaadata. Naataan Noor haala akkasiitiin ajajamuunsaa obboleessa kana baayʼee dinqisiise. Wanta obboloonni sadan kun dubbatanirratti xiinxaluun keessan, ajajamoo taʼuudhaan qulqullummaa keessan akka argisiistan isin gargaaruu dandaʼa.

SEERA WAAQAYYO DHIIGA ILAALCHISEE BAASEEF QULQULLUMMAADHAAN AJAJAMUU

10. Seera Waaqayyo dhiiga ilaalchisee baaseef ajajamuun keenya hammam barbaachisaadha?

10 Lewwoota 17:10 dubbisi. Yihowaan Israaʼeloonni “dhiiga” akka hin nyaanne isaan ajajee ture. Dhiiga horii ykn dhiiga namaarraa fagaachuun Kiristiyaanotarraas ni eegama. (HoE. 15:28, 29, NW) Waaqayyo ‘akka nurraa garagalu’ akkasumas gumiisaa keessaa akka nu baasu yaaduuniyyuu baayʼee nu sodaachisa. Isa waan jaallannuuf isaaf ajajamuu barbaanna. Haala lubbuudhaaf sodaachisaa taʼe keessattillee, yaada namoonni Yihowaa hin beekneefi isaaf ajajamuudhaaf dhimma hin qabne nuu dhiheessaniif akka hin moʼamne murteessineerra. Eeyyee, dhiigarraa fagaachuu keenyaan kan kaʼe namoonni akka nutti gaʼisan kan beeknu taʼus, Waaqayyoof ajajamuu filanna. (Yih. 17, 18) Dhiiga akka hin nyaanne ykn yaalii fayyaatiif akka hin fudhanneef ‘jabeessinee akka of eeggannu’ kan nu gargaaru maalidha?—Kes. 12:23, hiika bara 1899.

11. Guyyaan Araaraa waggaa waggaadhaan godhamu, sirna barbaachisaa hin taane miti kan jennu maaliifi?

11 Angafni lubootaa Israaʼel Guyyaa Araaraa waggaa waggaadhaan godhamurratti dhiiga horiitti fayyadamaa kan ture taʼuunsaa, ilaalcha Waaqayyo dhiigaaf qabu hubachuuf nu gargaara. Dhiigni faayidaa adda taʼeef oola ture. Namoonni cubbuu hojjetan Yihowaarraa dhiifama akka argatan gochuuf tajaajila ture. Dhiigni sangaafi reʼee, qadaada saanduqa kakuurratti, akkasumas fuuldurasaatti facaafamuu qaba ture. (Lew. 16:14, 15, 19) Kun, Yihowaan Israaʼelootaaf cubbuusaanii akka dhiisu godha ture. Kana malees, “lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf,” Yihowaan namni tokko nyaataaf jecha horii yoo qale dhiigasaa akka dhangalaasuufi biyyoo akka itti deebisu ajajee ture. (Lew. 17:11-14) Kun hundi sirna barbaachisaa hin taane turee? Lakki. Dhiigni Guyyaa Araaraatti faayidaarra ooluunsaafi ajajni dhiiga akka lafatti dhangalaasaniif kenname, ajaja Yihowaan Nohiifi ilmaansaatiif dhiiga ilaalchisee kennee wajjin kan wal simudha. (Uma. 9:3-6) Yihowaan namoonni lubbuu tursuuf jecha dhiiga akka hin nyaanne dhowweera. Kun Kiristiyaanotaaf hiika maalii qaba?

12. Xalayaan Phaawulos Kiristiyaanota Ibroota taʼaniif barreesse, dhiigaafi dhiifama cubbuu argachuu kan wal qabsiisu akkamitti?

12 Phaawulos ergamaan, humna dhiigni qulqulleessuuf qabu Kiristiyaanota Ibroota taʼaniif yeroo ibsu: “Akka seerichaatti wanti hundinuu, dhiigaan in qulleeffama jechuun in dandaʼama; dhiiga utuu hin dhangalaasin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 9:22) Phaawulos, aarsaan horii hamma tokko faayidaa kan qabu taʼus, Israaʼeloonni cubbamoota akka turaniifi cubbuusaanii guutummaatti isaanirraa balleessuuf wanti kanarra caalu akka isaan barbaachisu kan isaan yaadachiisu taʼuusaas ibseera. Eeyyee, Seerichi “gaadidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sanaa ti malee, bifa dhugaa isa isaan ittiin mulʼatan miti.” (Ibr. 10:1-4) Dhiifama cubbuu argachuun kan dandaʼamu akkamitti?

13. Yesus gatii dhiigasaa Yihowaa duratti dhiheessuusaatti maaltu sitti dhagaʼama?

13 Efesoon 1:7 dubbisi. Yesus Kiristos inni ‘ofiisaa dabarsee nuuf kenne’ aarsaa taʼee duʼuunsaa, namoota isaafi Abbaasaa jaallatan hundaaf hiika guddaa qaba. (Gal. 2:20) Haataʼu malee, dhiifama cubbuu argachuudhaan birmaduu akka baanu kan nu godhe, wanta Yesus erga duʼaa kaʼee booda raawwatedha. Wanti Seera Musee keessatti Guyyaa Araaraatti raawwatamaa ture wanta Yesus raawwateef gaaddidduu ture. Guyyaa sanatti, angafni lubootaa dhiiga horii aarsaa godhame sanaa godoo qulqullaaʼaa keessaa, yeroo boodammoo mana qulqullummaa Solomoon keessaa Iddoo Hundumaarra Qulqullaaʼaa taʼetti geessuudhaan, Waaqayyo bakka sana akka jirutti yaaduudhaan isa duratti dhiheessa ture. (Lew. 16:11-15) Haaluma wal fakkaatuun, Yesus gatii dhiigasaa qabatee samiitti ol galuudhaan Yihowaa duratti dhiheesseera. (Ibr. 9:6, 7, 11-14, 24-28) Dhiiga Yesusitti amanuu keenyaan kan kaʼe, cubbuun keenya nuu dhiifamuunsaafi yaada garaa qulqulluu qabaachuu keenyatti baayʼee galateeffanna!

14, 15. Seera Yihowaan dhiiga ilaalchisee baase hubachuufi seera kanaaf ajajamuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

14 Yihowaan “dhiiga” akka hin nyaanne kan nu ajaje maaliif akka taʼe amma caalaatti hubattee? (Lew. 17:10) Waaqayyo dhiigni qulqulluu akka taʼetti kan ilaalu maaliif akka taʼe hoo sii galee? Dhiigni lubbuu wajjin qixxee akka taʼetti ilaala. (Uma. 9:4) Ilaalcha Waaqayyo dhiigaaf qabu qabaachuufi ajaja inni dhiigarraa akka fagaannuuf nuu kenneef ajajamuu akka qabnu sitti dhagaʼamaa? Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu kan dandeenyu, aarsaa furii Yesusitti yoo amanneefi dhiignisaa Uumaa keenya biratti bakka guddaa akka qabu yoo beekne qofadha.—Qol. 1:19, 20.

15 Hundi keenyayyuu dhimmi dhiiga fudhachuu wajjin wal qabate akka tasaa nu mudachuu dandaʼa. Yookiinimmoo haalli akkasii utuma hin yaadamin miseensa maatii keenyaa ykn michuu keenya tokko mudachuu dandaʼa. Yeroo rakkisaa akkasiitti qoqqoodama dhiigaafi gosa yaalii fayyaa ilaalchisee murtoo gochuu qabna. Kanaafuu, qorannaa gochuufi balaa akka tasaa uumamuu dandaʼuuf of qopheessuun baayʼee barbaachisaadha. Kadhannaa gochuuniifi tarkaanfiiwwan akkasii fudhachuun keenya, dhimma kanarratti ejjennoo cimaa qabaachuuf nu gargaara. Wanta Dubbiin Yihowaa balaaleffatu gochuudhaan isa gaddisiisuu akka hin barbaanne beekamaadha! Ogeeyyiin fayyaafi namoonni dhiiga fudhachuu jajjabeessan hedduun, namoonni lubbuu oolchina jedhanii yaaduudhaan dhiiga akka kennan jajjabeessu. Sabni Yihowaa warri qulqulluu taʼan garuu, dhiigatti akkamitti fayyadamuu akka qabnu nutti himuuf mirga kan qabu Uumaa keenya qofa akka taʼe amanu. ‘Dhiigni’ isa duratti qulqulluudha. Seera inni dhiiga ilaalchisee baaseef ajajamuuf murteessuu qabna. Dhiigni Yesus lubbuu oolchuudhaaf humna guddaa qabaachuusaa, jechuunis dhiifama cubbuufi jireenya barabaraa kan argamsiisu taʼuusaa akka dinqisiifannu, jireenya qulqulluu jiraachuudhaan argisiisna.—Yoh. 3:16.

Seera Yihowaan dhiiga ilaalchisee kenneef ajajamuuf murteessiteettaa? (Keeyyata 14fi 15 ilaali)

YIHOWAAN QULQULLUU AKKA TAANU KAN NURRAA EEGU MAALIIFI?

16. Sabni Yihowaa qulqulluu taʼuu kan qaban maaliifi?

16 Yihowaan saba Israaʼel garbummaa biyya Gibxii jalaa yeroo baasetti, “Ani Waaqayyo isa gooftaa isniif taʼuudhaaf biyya Gibxii isin baasee dha; kanaaf ani qulqulluu akkuman taʼe, isinis immoo qulqulloota taʼaa” isaaniin jedhee ture. (Lew. 11:45) Yihowaan qulqulluu waan taʼeef, sabni Israaʼelis qulqulluu akka taʼan isaanirraa eegama ture. Nuyis Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef qulqulluu taʼuu qabna. Seerri Lewwootaa kana nuu mirkaneessa.

17. Amma Seera Lewwootaatiif ilaalcha akkamii qabda?

17 Seera Lewwootaa keessaa kutaa murtaaʼe qoruun keenya faayidaa nuu argamsiiseera. Qorannaan kun, dinqisiifannaa kutaa Macaafa Qulqulluu geggeessa hafuuraatiin barreeffame kanaaf qabnu akka nuu dabale beekamaadha. Odeeffannoo gati jabeessa Seera Lewwootaa keessa jiru tokko tokkorratti xiinxaluun keenya, sababii qulqulluu taʼuu itti qabnu ilaalchisee hubannaa keenya akka nuu dabale hin shakkisiisu. Haataʼu malee, kutaa Dubbii Waaqayyoo geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kana keessaa barumsawwan hafuuraa gati jabeessi argachuu dandeenyu kan biroon jiruu? Yihowaadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessuu ilaalchisee, macaafa kanarraa barumsa dabalataa akkamii argachuu dandeenya? Dhimmawwan kana mataduree itti aanurratti baranna.