Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Biyyi Lafaa Moofaa Taʼe Kun Badutti Tokkummaa Qabaachuu

Yeroo Biyyi Lafaa Moofaa Taʼe Kun Badutti Tokkummaa Qabaachuu

“Nuti kutaa dhagna tokkooti.”—EFE. 4:25, NW.

1, 2. Dargaggootas taʼan maanguddoota, Yihowaan sabnisaa akkamitti akka isa waaqeffatan barbaada?

UMURII dargaggummaarra jirtaa? * Taanaan, gumii Yihowaa isa addunyaa mararra jiru keessatti iddoo guddaa akka qabdu mirkanaaʼaa taʼi. Biyyoota hedduu keessatti namoota cuuphaman keessaa baayʼeensaanii dargaggootadha. Dargaggoonni hedduun Yihowaadhaaf yeroo of murteessan arguun baayʼee kan nama jajjabeessudha!

2 Dargaggoota kaanii wajjin yeroo dabarsuun akka si gammachiisu beekamaadha. Namoota umurii keenyarratti argamanii wajjin yeroo gaarii dabarsuun nama gammachiisa. Haataʼu malee, dargaggootas taane maanguddoota akkaataan guddinaa keenya maaliyyuu yoo taʼe, Yihowaan tokkummaadhaan akka isa waaqeffannu barbaada. Phaawulos ergamaan, Waaqayyo “namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka gaʼu” kan barbaadu taʼuusaa barreesseera. (1 Xim. 2:3, 4) Mulʼanni 7:9 waaʼee waaqeffattoota Yihowaa “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa” keessaa dhufanii dubbata.

3, 4. (a) Ilaalchi dargaggoota yeroo harʼaa jiran biratti baramaa taʼe kami? (b) Ilaalchi Efesoon 4:25 wajjin wal simu kami?

3 Dargaggoota Yihowaa tajaajilaniifi dargaggoota addunyaa kanaa gidduu garaagarummaa guddaatu jira! Dargaggoonni Yihowaa hin tajaajille hedduun, ofiisaaniirrattiifi wanta barbaadanirratti qofa xiyyeeffatu. Qorattoonni tokko tokko ‘Dhaloota Ofittoo’ jedhanii isaan waamu. Akkaataa uffannaafi dubbiisaaniitiin namoota kaaniif keessumaammoo maanguddootaaf ulfina akka hin qabne, akkasumas boodatti hafoo akka taʼanitti akka isaan ilaalan argisiisu.

4 Addunyaan kun ilaalcha akkasiitiin guutameera. Kanaaf, tajaajiltoonni Yihowaa dargaggoota taʼan, haala akkasiirraa fagaachuuniifi ilaalcha Yihowaa qabaachuun carraaqqii cimaa gochuu isaan gaafata. Jaarraa jalqabaattillee, Phaawulos ‘hafuura hamaa amma namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jiruufi’ kanaan dura ‘duukaa buʼanii deddeebiʼaa’ turanirraa fagaachuu akka qaban amantoota hidhatasaa taʼan hubachiisuun barbaachisaa akka taʼe isatti dhagaʼamee ture. (Efesoon 2:1-3 dubbisi.) Dargaggoota ilaalcha akkasiirraa fagaataniifi obbolootasaanii wajjin tokkummaadhaan hojjetan galateeffachuu qabna. Ilaalchi akkasii yaada Phaawulos “nuti kutaa dhagna tokkooti” jechuudhaan barreessee wajjin kan wal simudha. (Efe. 4:25, NW) Dhuma biyya lafaa moofaa taʼe kanaatti yeroo dhihaachaa deemnutti, tokkummaadhaan waliin hojjechuun keenyas caalaatti barbaachisaadha. Fakkeenyota Macaafa Qulqulluu keessatti argamaniifi walitti dhihaachuufi tokkummaa qabaachuun barbaachisaa taʼuusaa nu hubachiisan tokko tokko haa ilaallu.

TOKKUMMAA QABU TURAN

5, 6. Seenaa Looxiifi ijoolleesaarraa waaʼee tokkummaa qabaachuu barumsa akkamii arganna?

5 Bara duriitti Yihowaan sabnisaa rakkina isaan mudatu moʼuudhaaf yeroo tokkummaadhaan wal gargaaranitti isaaniif eegumsa ni godha ture. Dargaggootas taʼan maanguddoota tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiran, fakkeenyota Macaafa Qulqulluurraa barumsa argachuu ni dandaʼu. Fakkeenyi inni tokko seenaa Looxidha.

6 Magaalaan isaan keessa jiraatan, jechuunis Sodoom balleeffamuuf waan turteef Looxiifi maatiinsaa haala rakkisaa keessa turan. Ergamoonni Waaqayyoo, “Lafa lubbuu kee oolfattutti baqadhu,” isaan jechuudhaan, Loox magaalattiidhaa akka baʼuufi gara tullootaatti ol baʼee akka of oolchu isa gorsan. (Uma. 19:12-22) Loox wanta ajajame raawwateera; ijoolleensaa lamaanis isaa wajjin magaalattiidhaa baʼaniiru. Kan nama gaddisiisu firoonnisaanii isaanii wajjin hin baane. Dargaggoonni ijoollee Loox kaadhimatanii turan, Loox ‘waan taphaaf isaanitti dubbate itti fakkaatee’ ture. Kun lubbuusaanii isaan dhabsiiseera. (Uma. 19:14) Looxiifi ijoolleesaa warra isarraa adda hin baane qofatu oole.

7. Yihowaan saba tokkummaadhaan Gibxiidhaa baʼe kan gargaare akkamitti?

7 Ammammoo fakkeenya kan biraa haa ilaallu. Israaʼeloonni Gibxiidhaa yeroo baʼanitti, gareedhaan wal qoqqoodanii hundumtuu karaa barbaade hin deemne. Akkasumas, Museen yeroo ‘harkasaa galaanicharratti diriirsee’ Yihowaan galaanicha iddoo lamatti qoodetti, galaanicha kan ceʼe kophaasaa ykn Israaʼeloota muraasaa wajjin hin turre. Kanaa mannaa, gargaarsa Yihowaatiin guutummaan sabichaa lagicha ceʼeera. (Bau. 14:21, 22, 29, 30) Namoonni Israaʼeloota hin taane hedduunillee Yihowaa tajaajiluudhaaf Gibxiidhaa baʼanii turan. Namoonni galaanicha ceʼan hundumtuu tokkummaa qabu turan. (Bau. 12:38) Dargaggoonni muraasni saba kanarraa adda baʼanii karaa gaarii isaanitti fakkaateen utuu deemaniiru taʼee ni milkaaʼu jedhanii yaaduun waan hin fakkaannedha. Wanta akkasii raawwachuudhaan eegumsa Yihowaa dhabuun gowwummaa mitii?—1 Qor. 10:1.

8. Bara Yoshaafaaxitti sabni Waaqayyoo tokkummaa akka qaban kan argisiisan akkamitti?

8 Bara Yoshaafaax Mootichaatti sabni waaqayyoo, diinni cimaan, jechuunis “loltoonni baayʼeen” naannoosaanii turan isaan loluuf dhufanii turan. (2 Sen. 20:1, 2) Tajaajiltoonni Waaqayyoo, humna ofiisaaniitiin diinasaanii kana moʼuuf hin yaalle. Kanaa mannaa, Yihowaa gargaarsa gaafataniiru. (2 Seenaa 20:3, 4 dubbisi.) Akkas kan godhanis kopha kophaasaanii karaa sirrii isaanitti fakkaateen hin turre. Macaafni Qulqulluun, “Yihudoonni hundinuu niitota isaanii fi ijoollota isaanii akkasumas mucoolii isaanii wajjin balbala mana qulqullummaa, fuula Waaqayyo dura in ijaajju turan” jedha. (2 Sen. 20:13) Ijoolleenis taʼan maanguddoonni, amantiidhaan qajeelfama Yihowaa hordofuuf carraaqqii kan godhan siʼa taʼu, Yihowaanis diinotasaaniirraa isaan eegeera. (2 Sen. 20:20-27) Kun, sabni Waaqayyoo yeroo rakkinaatti tokkummaa qabaachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe nu hubachiisa.

9. Gochaafi ilaalcha Kiristiyaanota jaarraa jalqabaarraa tokkummaa ilaalchisee maal baranna?

9 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turanis tokkummaadhaan hojjechuudhaan beekamu turan. Fakkeenyaaf, Yihudoonniifi namoonni gara amantii Yihudiitti jijjiiraman hedduun Kiristiyaanota erga taʼanii booda, “barsiisa ergamootaatti, tokkummaa isaanii cimsachuutti, buddeena cabsachuutti, kadhata godhachuuttis” qabamanii turan. (HoE. 2:42) Tokkummaansaanii keessumaa yeroo ariʼatamaattiifi yeroo waliisaaniitiif gargaarsa gochuun isaan barbaachisutti mulʼata ture. (HoE. 4:23, 24) Yeroo rakkinaatti tokkummaadhaan hojjechuun barbaachisaa akka taʼe sitti hin dhagaʼamuu?

GUYYAAN YIHOWAA YEROO DHIHAATE KANATTI TOKKUMMAA QABAADHAA

10. Tokkummaan caalaatti kan nu barbaachisu yoomi?

10 Seenaa ilmaan namootaa keessatti guyyaan dukkanaaʼaa taʼe dhihaachaa jira. Yoʼel raajichi guyyaa kana “guyyaa dukkanaa fi guyyaa ifa hin qabne” jechuudhaan ibseera. (Yoe. 2:1, 2; Sef. 1:14) Yeroo sanatti sabni Waaqayyoo tokkummaa qabaachuun isaan barbaachisa. Yaada Yesus, “Biyya kam illee taanaan tokkummaan isaa yoo gargar cabe, mootummaan isaa dhaabatee hin turu” jechuudhaan dubbate yaadadhaa.—Mat. 12:25.

11. Sabni Waaqayyoo tokkummaa wajjin haala wal qabateen Faarfannaa 122:3, 4⁠rraa maal barachuu dandaʼu? (Suuraa jalqabarra jiru ilaali.)

11 Sirna kanatti rakkinni yeroo dhufutti caalaatti tokkummaa qabaachuu qabna. Tokkummaa yeroo sanatti karaa hafuuraa qabaachuu qabnu, akkaataa Yerusaalem durii keessatti manneen walitti dhihaatanii itti ijaaramanii wajjin wal fakkeessuu dandeenya. Manneen kun baayʼee walitti dhihaatanii waan ijaaramaniif faarfatichi, Yerusaalem “mandara . . . tokkummaadhaan walitti hidhamte” taʼuushee ibseera. Kunis jiraattonni magaalatti akka wal gargaaraniifi akka eegumsa waliif godhan isaan dandeessiseera. Kana malees, walitti dhihaatanii jiraachuunsaanii, ‘gosoonni Waaqayyoo’ waaqeffannaadhaaf yeroo walitti qabamanitti tokkummaa guutummaan sabichaa karaa hafuuraa qabu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. (Faarfannaa 122:3, 4 dubbisi.) Nutis ammas taʼe yeroo rakkina guddaatti ‘tokkummaadhaan walitti hidhamuu’ qabna.

12. Waraana saba Waaqayyoorratti banamurraa ooluuf wanti nu gargaaru maalidha?

12 Yeroo sanatti ‘walitti hidhamuun’ keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Hisqiʼel boqonnaa 38⁠rratti, ‘Goog inni biyya Maagoog’ saba Waaqayyoorratti waraana akka banu raajiin dubbatameera. Yeroo sanatti wanti tokkollee akka nu qoqqoodu heyyamuu hin qabnu. Addunyaa kanarraa gargaarsa argachuu akka hin barbaanne beekamaadha. Kanaa mannaa, obboloota keenyatti maxxanuu barbaanna. Kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuun keenya qofti akka nu hin oolchine beekamaadha. Yihowaaniifi Ilmisaa, warra maqaa Yihowaa waammatan rakkina sana keessaa ni oolchu. (Yoe. 2:32; Mat. 28:20) Haataʼu malee, warri hoolota Yihowaa wajjin tokkummaadhaan itti hin fufneefi karaa ofiisaaniitiin deemuu filatan ni oolu jennee yaaduun waan hin fakkaannedha.—Mik. 2:12.

13. Dargaggoonni Waaqayyoon sodaatan wanta hanga yoonaatti ilaallerraa barumsa akkamii argatu?

13 Dargaggoota obbolootarraa adda baʼanii karaa ofiisaaniitiin deemuuf murteessan hordofuun gowwummaadha jechuu hin dandeenyuuree? Yeroo dargaggoonnis taane maanguddoonni, hundi keenyayyuu wal gargaaruun itti nu barbaachisutti dhihaachaa jirra! Eeyyee, tokkummaa gara fuulduraatti nu barbaachisu horachuu akka dandeenyuuf, waliin hojjechuu yeroon itti barachuu qabnu amma.

“KUTAA DHAGNA TOKKOO”

14, 15. (a) Yihowaan yeroo harʼaatti dargaggootas taʼe maanguddoota leenjisaa kan jiru maaliifi? (b) Yihowaan tokkummaa akka qabaannu nu jajjabeessuuf gorsa akkamii nuu kenna?

14 Yihowaan ‘harka wal qabannee akka isaaf hojjennu’ nu gargaaraa jira. (Sef. 3:8, 9) Kaayyoosaa isa barabaraatiif nu qopheessuuf nu leenjisaa jira. Kaayyoonsaa kun maal dabalata? ‘Wanta hundumaa harka Kristos jalatti walitti qabuu’ dabalata. (Efesoon 1:9, 10 dubbisi.) Eeyyee, Yihowaan uumamawwan samiirra jiraniifi lafarra jiran hundi tokkummaa akka qabaatan gochuu barbaada; kaayyoonsaa kunis ni milkaaʼa. Akka nama umrii dargagummaarra jiru tokkootti, kana beekuunkee jaarmiyaa Yihowaa wajjin tokkummaadhaan hojjechuun hammam barbaachisaa akka taʼe si hin hubachiisnee?

15 Yihowaan barabaraaf tokkummaa akka qabaannu gochuuf, yeroo ammaatti tokko akka taanu nu barsiisaa jira. Macaafni Qulqulluun ‘walii keenyaaf akka yaadnu,’ ‘hoʼisnee akka wal jaallannu,’ ‘akka wal jajjabeessinuufi’ ‘akka wal cimsinu’ irra deddeebiʼee nutti hima. (1 Qor. 12:25; Rom. 12:10; 1 Tas. 4:18; 5:11) Yihowaan Kiristiyaanonni mudaa akka qabaniifi kunimmoo tokkummaa qabaachuun isaanitti akka ulfaatu akka godhu beeka; akka ‘waliif dhiisnu’ kan nutti himus kanaafi.—Efe. 4:32.

16, 17. (a) Kaayyoon walgaʼii Kiristiyaanaa inni tokko maalidha? (b) Ijoolleen wanta Yesus ijoollummaasaatti godherraa barumsa akkamii argatu?

16 Yihowaan tokkummaa akka qabaannu nu leenjisuuf gumii Kiristiyaanaa nuu qopheesseera. Yeroo baayʼee gorsa Ibroota 10:24, 25⁠rra jiru ni dubbisna. Kaayyoon walgaʼiiwwan kanaa inni tokko ‘jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis akka wal kakaasnu’ gochuudha. Yeroo guyyaa Yihowaatti caalaatti dhihaachaa deemnu, walgaʼiiwwan keenyas caalaatti nu barbaachisu.

17 Yesus yeroo ijoollee turetti qophii kanaaf iddoo guddaa kennuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼeera. Umuriinsaa waggaa 12 yeroo turetti, warrasaa wajjin walgaʼii hafuuraa guddaa tokkorratti argamee ture. Yeroo tokko, warrisaa kan isa dhaban taʼus, isaanirraa adda kan baʼe ijoollee kaanii wajjin taphachuuf jedhee hin turre. Yoseefiifi Maariyaam barsiisota mana qulqullummaa keessa jiranii wajjin wantoota hafuuraarratti utuu mariʼatuu isa argatan.—Luq. 2:45-47.

18. Kadhannaan tokkummaa akka qabaannu kan nu gargaaru akkamitti?

18 Waliif jaalala qabaachuufi tokkummaa keenya cimsuuf walgaʼiiwwan gumiitti fayyadamuudhaan alattis, walii keenyaaf kadhachuu ni dandeenya. Waaʼee obboloota keenyaa yeroo kadhannu dhimma tokko adda baasnee caqasuudhaan, isaaniif akka yaadnu argisiisuu ni dandeenya. Wantoonni kun wanta Kiristiyaanonni gaʼeessa taʼan qofti gochuu dandaʼan ykn gochuu qaban miti. Nama umurii dargaggummaarratti argamtu taanaan, walitti dhufeenya maatiikee hafuuraa wajjin qabdu cimsachuuf karaawwan kanatti fayyadamaa jirtaa? Yeroo addunyaan moofaa taʼe kun badutti, badiisarraa ooluuf addunyaa kanatti utuu hin taʼin obboloota keenyatti maxxanuu qabna.

Hundi keenyayyuu obboloota keenyaaf kadhachuu ni dandeenya (Keeyyata 18 ilaali)

“KUTAA DHAGNA TOKKOO” TAʼUU KEENYA ARGISIISUU

19-21. (a) “Kutaa dhagna tokkoo” taʼuu keenya karaan itti argisiisaa jirru inni guddaan kami? Fakkeenya kenni. (b) Wanta obboloonni tokko tokko yeroo balaan uumamaa mudatetti godhanirraa barumsa akkamii argatte?

19 Sabni Yihowaa yaada Roomaa 12:5⁠rra (NW) jiruufi, “Nuti kutaa dhagna tokkooti” jedhuu wajjin wal simanii jiraachaa jiru. Yeroo balaan uumamaa mudatutti yaadni kun dhugaa taʼuusaa mirkaneeffachuu dandeenya. Muddee 2011⁠tti, obomboleettiin kaʼe, odoolli Mindaanaaʼoo jedhamtuufi Filippiinsi keessatti argamtu lolaa cimaadhaan akka liqimfamtu godhee ture. Halkan tokkotti, manneen obboloota keenyaa hedduu dabalatee manneen 40,000 ol taʼan diige. Waajjirri damee biyya sanaa akka gabaasetti, “koreen gargaarsaa hojii jalqabuusaa durallee, obboloonni biyya biraa jiraatan gargaarsa ergaa turan.”

20 Sochiin lafaafi lolaan sababa sochii kanaatiin uumame baha Jaappaan yeroo miidhettis, obboloota keenya hedduurra rakkinni cimaan gaʼee ture. Tokko tokko qabeenyasaanii hunda dhabaniiru. Yoshiikoon isheen mannishee jalaa diigame, Galma Mootummaarraa kiilomeetira 40 fagaattee jiraatti turte. “Sochiin lafaa uumamee borumtaasaatti, daawwataan olaanaa aanaafi obboleessi tokko nu barbaacha dhufuunsaanii baayʼee nu dinqisiise” jetteetti. Achiis seeqaa akkas jetteetti: “Gumiin wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu sirriitti nuu guutuusaatti baayʼee galateeffanna. Kana malees, jaakkeettii, kophee, boorsaafi uffanni halkanii nuu kennameera.” Obboleessi miseensa koree gargaarsaa taʼe tokko akkas jedheera: “Obboloonni guutummaa Jaappaan keessa jiran, tokkummaadhaan wal gargaaruuf yaalaa turan. Obboloonni gargaarsa gochuudhaaf Yunaayitid Isteetisii dhufanillee jiru turan. Karaa hammanaa qaxxaamuranii kan dhufan maaliif akka taʼe yeroo gaafatamanitti, ‘Obboloota keenya Jaappaan keessa jiranii wajjin tokkummaa qabna; isaanimmoo gargaarsi isaan barbaachisa’ jedhaniiru.” Kutaa jaarmiyaa miseensotasaatiif yaadu kanaa taʼuu keetti hin boontuu? Yihowaan tokkummaa akkasii yeroo argu akka gammadu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

21 Yeroo harʼaa tokkummaa akkasii qabaachuu baruun keenya, gara fuulduraatti rakkinni yeroo nu mudatutti tokkummaa qabaachuuf nu gargaara. Obboloota biyya biraa keessa jiranii wajjin qunnamtii yoo qabaachuu baannellee, obboloota naannoo keenya jiranitti maxxanna. Eeyyee, tokkummaan akkasii haala rakkisaa yeroo sirni moofaa kun badutti nu mudatuuf kan nu leenjisudha. Fuumiikoon, isheen obomboleettiin Jaappaan keessatti kaʼe miidhaa irra geessise akkas jetteetti: “Dhumni addunyaa kanaa baayʼee dhihaateera. Yeroo balaan uumamaa itti hin jirre hawwiidhaan yeroo eeggannu kanatti, obboloota hidhata keenya taʼan gargaaruu keenya itti fufuu qabna.”

22. Tokkummaan gara fuulduraatti faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

22 Dargaggoonnis taʼan maanguddoonni yeroo ammaatti obbolootaa wajjin tokkummaa qabaachuuf carraaqqii godhan, addunyaan tokkummaa hin qabne kun yeroo badutti ooluuf of qopheessaa jiru. Waaqni keenya akkuma bara duriitti gochaa ture sabasaa ni oolcha. (Isa. 52:9, 10) Kutaa saba Waaqayyoo is tokkummaa qabuutti maxxantee jiraachuuf carraaqqii yoo goote, warra oolan keessaa tokko taʼuu akka dandeessu hin dagatin. Wanti nu gargaaru inni kan biraan, wanta amma argachaa jirruuf dinqisiifannaa qabaachuudha. Matadureen itti aanu dhimma kanarratti ibsa kenna.

^ key. 1 Mata duree kanaafi isa itti aanu keessatti, jechi dargaggoota jedhu ijoolleefi warra umurii waggoota kurnanii keessatti argaman kan argisiisudha.