Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Karicha Beekeera’

‘Karicha Beekeera’

MISEENSA Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan ture Gaay Hoolas Piirsi, Kibxata, Bitootessa 18, 2014 jireenyasaa isa lafarraa xumureera. Abdiin obboloota Kiristos warra duʼaa kaʼan keessaa tokko taʼuuf qabu yeroo isaaf dhugoome kanatti umuriinsaa waggaa 79 ture.—Ibr. 2:10-12; 1 Phe. 3:18.

Gaay Piirsi Sadaasa 6, 1934⁠tti, Kaalifoorniyaa, Yunaayitid Isteetis magaalaa Oobarnitti kan dhalate siʼa taʼu, bara 1955⁠tti cuuphame. Bara 1977⁠tti haadha manaasaa ishee jaallatamtuu Peenii jedhamtu fuudhee ijoollee godhate. Maatii qabaachuunsaa namoota kaaniifis akka abbaa akka taʼu isa gargaareera. Bara 1982⁠tti inniifi Peeniin qajeelchaa turan; bara 1986 jalqabeemmoo inni Yunaayitid Isteetis keessatti waggoota 11f ilaaltuu olaanaa aanaa taʼee tajaajileera.

Bara 1997⁠tti, Piirsiifi Peeniin miseensa maatii Betʼel Yunaayitid Isteetisitti argamuu taʼan. Obboleessi keenya Piirsi Kutaa Tajaajilaa keessatti hojjeteera; bara 1998⁠ttimmoo gargaaraa Koree Parsoneelii Qaama Olaanaa taʼee muudamee ture. Piirsi miseensa Qaama Olaanaa taʼee muudamuunsaa, Onkoloolessa 2, 1999, walgaʼii waggaa Waach Taawar Baayibil eend Tiraakti Soosaayitii oov Pensilvaaniyaarratti beeksifame. Waggoota muraasa darbanittis koree Parsoneelii, Barreeffamaa, Maxxansaafi Qindeessitootaa keessatti tajaajileera.

Obboleessi keenya Piirsi fuula ifaa kan qabuufi tapha kan beeku waan taʼeef, namoonni akkaataa guddinaafi aadaa garaagaraa qaban isatti dhihaatu turan. Taʼus, warra kaan biratti jaallatamaa akka taʼu kan isa godhe keessumaa jaalala qabeessa, kan gad of deebisu, seeraafi seerawwan buʼuuraatiif iddoo guddaa kan kennuufi Yihowaarratti amantii cimaa kan qabu taʼuusaati. Gaay Piirsiif, abdiin Yihowaan kenne utuu hin raawwatamin hafa jedhanii yaaduurra, biiftuun hin baatu jedhanii amanuutu salphata; dhugaa kanas namoota addunyaa mararra jiran beeksisuuf fedhii qaba ture.

Obboleessi keenya Piirsi ganama barraaqaan kaʼee, yeroo baayʼeemmoo dhiisifatee hojjechuudhaan dadhabe utuu hin jedhin Yihowaa tajaajila ture. Obbolootasaa Kiristiyaanota taʼan jajjabeessuuf biyyoota hedduu kan deeme siʼa taʼu, miseensota maatii Betʼeliifi obboloota gorsaafi gargaarsasaa barbaadan kaanii wajjin dabarsuuf yeroo dhabee hin beeku. Waggoonni hedduun erga darbanii boodallee obboloonni, keessummaa kan simatu taʼuusaa, jaalala inni isaanitti argisiiseefi jajjabina hafuuraa inni isaanii kenne ni yaadatu.

Obboleessi jaallatamaan kun, haadha manaasaafi ijoollee jaʼa, akkasumas ijoollee ijoolleefi ijoollee ijoollee ijoolleesaa dhiisee duʼe. Ijoollee hafuuraa hedduus qaba ture. Sanbadduraa, Bitootessa 22, 2014, obboleessa keenya Piirsiif, Biruukiliin Betʼelitti haasaan sirna awwaalchaa kan godhame siʼa taʼu, haasicha kan dhiheesse Miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Maarki Saandarsanidha. Yeroo kanatti, waaʼee abdii obboleessi keenya Piirsi samiirra jiraachuuf qabuus kan ibse siʼa taʼu, wanta Yesus akkas jechuudhaan dubbate dubbiseera: “Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baayʼeetu jira; . . . iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema. Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif, deebiʼee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha. Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu”—Yoh. 14:2-4.

Obboleessa keenya Piirsiin dhabuu keenyatti baayʼee gaddineerra. Taʼus, ‘karicha’ “iddoo jireenyaa” isaa isa dhaabbataatti geessu beekuusaatti ni gammadna.