Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanta Argattaniif Dinqisiifannaa Qabduu?

Wanta Argattaniif Dinqisiifannaa Qabduu?

“Nuyi kennaa isa Waaqayyo biraa nuuf kenname beekuudhaaf, hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe fudhanne.” —1 QOR. 2:12.

1. Yaadni baramaa taʼe kami?

YAADNI ‘Miʼaa wanta tokkoo kan bartu yeroo si harkaa baʼudha’ jedhu baramaadha. Akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Namni wanta tokko ijoollummaasaatii jalqabee qabu, wanta sana guutummaatti dinqisiifachuu dhiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namni maatii sooressa keessatti guddate tokko, wanta qabu hedduudhaaf iddoo guddaa kennuu dhiisuu dandaʼa. Haaluma walfakkaatuun, dargaggoonni muuxannoo waan hin qabneef, wanti jireenya keessatti iddoo guddaa qabu maal akka taʼe hubachuu dhiisuu dandaʼu.

2, 3. (a) Kiristiyaanonni dargaggoota taʼan maal gochuurraa of eeggachuu qabu? (b) Wanta qabnu dinqisiifachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

2 Dargaggeessa umurii waggoota kurnanii ykn jalqaba waggoota 20mmanii keessatti argamtu yoo taate, wanta akkamiitiif iddoo guddaa kennita? Dargaggoonni addunyaa keessa jiran hedduun qabeenyaaf, jechuunis miindaa gaarii, mana gaarii ykn meeshaalee teknoolojii haaraa baʼan qabaachuuf iddoo guddaa kennu. Haataʼu malee, wantoota kanarratti qofa kan xiyyeeffannu yoo taʼe wanta baayʼee barbaachisaa taʼe, jechuunis qabeenya hafuuraa qabaachuu hin dandeenyu. Kan nama gaddisiisu, namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi yeroo harʼaa jiran, qabeenya akkasii barbaaduyyuu hin jalqabne. Dargaggoonni maatii Kiristiyaana taʼe keessatti guddattan, qabeenya hafuuraa dhaaltan akka laayyootti akka hin ilaalle of eeggachuu qabdu. (Mat. 5:3) Dinqisiifannaa dhabuun wantoonni guutummaa jireenya keessanirratti miidhaa geessisan akka isin mudatan gochuu dandaʼa.

3 Haataʼu malee, ati haalli akkasii akka si hin mudanne gochuu ni dandeessa. Dhaala hafuuraa argatteef iddoo guddaa kennuuf maaltu si gargaara? Fakkeenyota Macaafa Qulqulluu dhaala hafuuraa arganneef iddoo guddaa kennuu kan qabnu maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaaran muraasa haa ilaallu. Fakkeenyonni kun dargaggoota qofa utuu hin taʼin, Kiristiyaanonni hundi karaa hafuuraa wanta qabaniif iddoo guddaa akka kennan gargaaru.

DINQISIIFANNAA AKKA QABAN HIN ARGISIISNE

4. Saamuʼel 8:1-5 waaʼee ijoollee Saamuʼel maal nu hubachiisa?

4 Macaafa Qulqulluu keessatti, seenaa namoota dhaala hafuuraa argataniifi qabeenya kanaaf dinqisiifannaa hin argisiisnee dubbisna. Haalli akkasii maatii Saamuʼel raajichaa isa ijoollummaasaatii kaasee Yihowaa tajaajileefi Waaqayyo biratti maqaa gaarii argatee keessatti uumamee ture. (1 Sam. 12:1-5) Saamuʼel ijoolleesaa kan taʼan Yoʼeliifi Abiiyaadhaaf fakkeenya gaarii isaan hordofuu dandaʼan taʼee ture. Isaan garuu, dhaala argatan kanaaf dinqisiifannaa kan hin argisiisne siʼa taʼu, namoota gadhee taʼaniiru. Macaafni Qulqulluun abbaasaaniirraa haala adda taʼeen, ‘firdii akka jalʼisan’ dubbata.—1 Saamuʼel 8:1-5 dubbisi.

5, 6. Haalli ilmaan Yosiyaasiifi ilma ilmasaa maal fakkaata ture?

5 Haalli ijoollee Yosiyaas Mootichaas kanaa wajjin wal fakkaata. Yosiyaas Yihowaa waaqeffachuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya gaarii ture. Macaafni Seera Waaqayyoo argamee yeroo isaaf dubbifametti, qajeelfama Yihowaa hojiirra oolchuuf carraaqqii cimaa godheera. Waaqolii sobaafi gocha hafuura xuraaʼaa biyyattii keessaa dhabamsiisuuf ciminaan kan hojjete siʼa taʼu, sabichi Yihowaadhaaf akka ajajamus jajjabeesseera. (2 Mot. 22:8; 23:2, 3, 12-15, 24, 25) Ilmaansaa dhaala hafuuraa guddaa argatanii turan! Ilmaansaa keessaa sadii, akkasumas ilmi ilmasaa tokko mootii taʼanii turan; taʼus dhaala argataniif dinqisiifannaa akka qaban hin argisiisne.

6 Yehoʼahaaz mootummaa abbaasaa kan dhaale taʼus, ‘Waaqayyo duratti waan hamaa hojjeteera.’ Jiʼa sadiif qofa erga bulchee booda mootiin Gibxii kan isa hidhe siʼa taʼu, mana hidhaa keessatti duʼe. (2 Mot. 23:31-34) Achii, obboleessisaa Yehoyaaqiim waggaa 11f bulche. Innis wanta abbaasaarraa argateef dinqisiifannaa hin argisiisne. Yehoyaaqiim karaa hammeenyaarra waan deemeef, Ermiyaas “Harree akka awwaalanitti isa in awwaalu” (hiika bara 1899) jechuudhaan waaʼeesaa raajii dubbatee ture. (Er. 22:17-19) Ilma Yosiyaas kan taʼe Zedeqiiyaafi ilma ilma Yosiyaas kan taʼe Yehoyaakiinis mootummaasaa kan dhaalan taʼus, isaanis karaa Yosiyaas isa qajeelaa taʼe hin hordofne.—2 Mot. 24:8, 9, 18, 19.

7, 8. (a) Solomoon dhaala hafuuraasaa akka laayyootti kan ilaalle akkamitti? (b) Fakkeenyota Macaafa Qulqulluu, dhaala hafuuraasaanii akka laayyootti ilaalanirraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

7 Solomoon Mootichi abbaasaa Daawitirraa wanta baayʼee argatee ture. Solomoon maatii karaa hafuuraa cimaa taʼe keessaa kan dhufeefi jalqabarratti wanta gaarii kan hojjete taʼus, dhumarratti dinqisiifannaa karaa isa qajeelaadhaaf qabu dhabeera. “Solomoon yeroo dulloometti dubartoonni isaa yaada isaa gara waaqayyolii kan biraatti in jalʼisan; kana irraa kan kaʼe Solomoon akka abbaa isaa Daawit garaa isaa guutummaatti Waaqayyo gooftaa isaaf hin kennine.” (1 Mot. 11:4) Sababii kanaan, Solomoon Yihowaa duratti fudhatama dhabeera.

8 Namoonni haala hafuuraa gaarii keessatti guddatan kun, carraa wanta gaarii raawwachuuf argatanitti fayyadamuu dhiisuunsaanii baayʼee nama gaddisiisa! Haataʼu malee, akkuma Yeroo harʼaa bara duriittis karaa isa sirriirraa kan maqan dargaggoota hunda miti. Mee ammammoo dargaggoota fakkeenya gaarii taʼaniifi dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan fakkeenyasaanii hordofuu dandaʼan tokko tokko haa ilaallu.

WANTA ARGATANIIF DINQISIIFANNAA AKKA QABAN ARGISIISANIIRU

9. Ilmaan Nohi fakkeenya gaarii kan nuu taʼan karaa kamiini? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

9 Gama kanaan ilmaan Nohi fakkeenya gaarii nuu taʼu. Abbaansaanii markaba akka ijaaruufi maatiisaa markabichatti akka galchu ajajamee ture. Ilmaan Nohi ajaja Yihowaa raawwachuun barbaachisaa taʼuusaa hubatanii turan. Abbaasaanii deggeruu qabu turan. Markabicha ijaaruurratti abbaasaanii gargaaraniiru; gara markabichaas seenaniiru. (Uma. 7:1, 7) Kaayyoonsaanii maal ture? Uumamni 7:3, “sanyiin isaanii lafa irratti hafee akka jiraatuuf” bineensota gara markabichaatti akka galchan dubbata. Ilmaan namootaas oolaniiru. Ilmaan Nohi wanta abbaasaaniirraa argataniif iddoo guddaa waan kennaniif, sanyiin dhala namaa akka itti fufu gochuufi lafa qulqulleeffamterratti waaqeffannaa dhugaa deebisanii hundeessuuf mirga argataniiru.—Uma. 8:20; 9:18, 19.

10. Dargaggoonni Ibroota taʼaniifi Baabilon keessa turan arfan dhugaa barataniif dinqisiifannaa akka qaban kan argisiisan akkamitti?

10 Jaarraawwan hedduu booda, dargaggoonni Ibroota taʼan afur wanta barataniif iddoo guddaa akka kennan argisiisaniiru. Hanaaniiyaa, Miishaaʼel, Azaariyaafi Daaniʼel Dh.K.D. bara 617⁠tti gara Baabilon geeffaman. Dargaggoonni kun babbareedoofi namoota baratan waan turaniif, Baabilon keessatti milkaaʼina argachuu ni dandaʼu turan. Isaan garuu kana argachuuf carraaqqii hin goone. Dhaalasaanii, jechuunis wanta baratan akka isaan hin irraanfanne gochasaaniirraa hubachuun ni dandaʼama. Barumsa hafuuraa ijoollummaasaaniitti argatanitti maxxananii jiraachuusaaniitiin arfansaaniiyyuu eebba hedduu argataniiru.—Daaniʼel 1:8, 11-15, 20 dubbisi.

11. Namoonni kaan wanta Yesus Abbaasaarraa baraterraa faayidaa kan argatan akkamitti ture?

11 Fakkeenyi gaariin nuti ilaaluu qabnu kan biraan fakkeenya Yesus isa Ilma Waaqayyoo taʼeeti. Yesus Abbaasaarraa wantoota hedduu kan argate siʼa taʼu, wantoota kanaafis iddoo guddaa kenna ture. Dinqisiifannaa inni barumsa argateef qabu, yaada inni ‘Isa abbaan na barsiisen dubbadha’ jechuudhaan dubbaterraa hubachuun ni dandaʼama. (Yoh. 8:28) Akkasumas, warri kaan wanta inni argaterraa akka fayyadaman ni barbaada ture. “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jedhee ture. (Luq. 4:18, 43) Biyyi lafaa dhugaa Waaqayyo biraa dhufeef iddoo waan hin kennineef, Yesus bartoonnisaa ‘kan biyya lafaa akka hin taane’ isaan barsiiseera.—Yoh. 15:19.

WANTA ARGATTANIIF DINQISIIFANNAA QABAADHAA

12. (a) Ximotewos Inni Lammaffaa 3:14-17 dargaggoota yeroo harʼaa jiraniif kan hojjetu akkamitti? (b) Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan gaaffii akkamii of gaafachuu qabu?

12 Akkuma dargaggoota armaan olitti ilaallee, tarii atis maatii Yihowaadhaaf bulu keessatti guddatte taʼa. Taanaan, yaanni Macaafni Qulqulluun Ximotewosiin ilaalchisee dubbatu haala kees ni ibsa taʼa. (2 Ximotewos 3:14-17 dubbisi.) Waaʼee Waaqa isa dhugaafi akkamitti isa gammachiisuu akka dandeessu warra keerraa “barte.” Tarii warri kee si barsiisuu kan jalqaban xinnummaa keetti taʼa. Kun “Kristos Yesusitti amanuudhaan akka fayyitutti ogummaa” akka sii kenne, akkasumas Waaqayyoon tajaajiluuf ‘qophaaʼaa’ akka taatu akka si gargaare beekamaadha. Haataʼu malee gaaffiin barbaachisaan, ‘Wanta argatteef dinqisiifannaa ni argisiistaa?’ jedhu ni kaʼa. Deebii gaaffii kanaa argachuufimmoo of qoruu qabda. Gaaffilee kanneen armaan gadii of gaafadhu: ‘Dhugaa baatota amanamoo hamma yoonaatti lafarra jiraatan keessaa tokko taʼuukootti maaltu natti dhagaʼama? Namoota muraasa Yihowaa biratti beekamaniifi yeroo harʼaa jiran keessaa tokko taʼuukootti maaltu natti dhagaʼama? Dhugaa beekuun mirga guddaa akka taʼettin ilaalaa?’

Dhugaa baatota amanamoo hamma yoonaatti lafarra jiraatan keessaa tokko taʼuukeetti maaltu sitti dhagaʼama? (Keeyyata 9, 10fi 12 ilaali)

13, 14. Dargaggoota Kiristiyaanota taʼan tokko tokko qorumsa akkamiitu mudata? Qorumsa kanaaf harka kennuun sirrii kan hin taane maaliifi? Fakkeenya kenni.

13 Dargaggoonni maatii Kiristiyaana taʼe keessatti guddatan tokko tokko, garaagarummaa guddaa jannata hafuuraa keenya isa amma keessa jirruufi addunyaa Seexanaa isa dukkanaaʼaa taʼe gidduu jiru hin hubatan. Tokko tokko jireenyi addunyaa maal akka fakkaatu ilaaluufillee qoramaniiru. Haataʼu malee, hammam akka nama miidhu ykn kan nama ajjeesu taʼuusaa ilaaluuf konkolaataa deemaa jiru jala fiigdee ni seentaa? Akkas akka hin goone beekamaadha! Haaluma walfakkaatuun, balaa akkamii akka geessisu beekuudhaaf “hojii halalummaa” biyya lafaa kanaa ilaaluun nu hin barbaachisu.—1 Phe. 4:4, hiika bara 1899.

14 Jenar inni Eeshiyaa jiraatu maatii Kiristiyaana taʼe keessatti guddate. Umuriisaa waggaa 12⁠tti cuuphame. Yeroo muraasa booda garuu, haalli addunyaa kanaa isa hawwachuu jalqabe. “‘Bilisummaa’ addunyaan kennu argachuun barbaade” jedheera. Jenar jireenya bifa lama qabu jiraachuu jalqabe. Waggaa 15 yeroo isa taʼutti, jireenya hiriyootasaa amala gadhee qabanii hordofuu jalqabe. Akkumasaanii dhugaatii alkoolii dhuguufi jechoota hin taanetti fayyadamuu jalqabe. Jenar yeroo baayʼee karambullaafi tapha viidiyoo hammeenya jajjabeessu hiriyootasaa wajjin waan taphatuuf dhiisifatee gala ture. Yeroo booda garuu, wantoonni addunyaa kana keessa jiran gammachuu kan hin argamsiisne taʼuusaanii hubachuu jalqabe. Jireenya hiika hin qabne jiraachaa akka jiru isatti dhagaʼame. Amma gara gumiitti deebiʼeera; ammayyuu wanti qorumsa isatti taʼu hedduun kan jiru taʼus, wanti jireenyasaa keessatti iddoo guddaa qabu walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu akka taʼe dubbateera.

15. Dargaggoonni maatii Kiristiyaanaa keessatti hin guddannellee maalirratti xiinxaluu qabu?

15 Dargaggoonni mana dhugaa keessatti hin guddanneefi Kiristiyaanota taʼaniis jiru. Atis isaan keessaa tokko taanaan, Uumaa keenya beekuuniifi isa tajaajiluun mirga guddaa akkamii akka taʼe yaadi! Addunyaarra namoota biliyoonaan lakkaaʼamantu jira. Kanaaf, namoota Yihowaan gaarummaadhaan ofitti harkiseefi dhugaa Macaafa Qulqulluu ibseef keessaa tokko taʼuun eebba guddaadha. (Yoh. 6:44, 45) Namoota addunyaarra jiran keessaa, barumsa dhugaa kan beeku nama 1,000 keessaa 1 qofadha; atimmoo isaan keessaa tokkodha. Dhugaa kan dhageenye akkamittiyyuu yoo taʼe, namoota kana keessaa tokko taʼuun keenya nu hin gammachiisuu? (1 Qorontos 2:12 dubbisi.) Jenar, “Yihowaa isa Uumaa uumama cufaa taʼe biratti beekamuudhaaf ani eenyu? jedhee yeroon yaadu baayʼee na dinqisiisa” jedheera. (Far. 8:4) Obboleettiin Eeshiyaa keessa jiraattu tokkos akkas jetteetti: “Barattoonni barsiisaasaanii biratti yeroo beekaman baayʼee gammadu. Yihowaa isa Barsiisaa Guddicha taʼe biratti beekamuuf mirga argachuunimmoo hammam caalaatti kan nama gammachiisudha!”

MAAL GOCHUU DANDEESSA?

16. Dargaggoota Kiristiyaanota taʼaniifi yeroo harʼaa jiraniif filannoon ogummaarratti hundaaʼe isa kami?

16 Mirga guddaa akka qabdu hubachuudhaan, namoota muraasa jireenyasaaniitti wanta gaarii hojjechuudhaaf fayyadaman keessaa tokko taʼuuf murtoo gootetti cimi. Akkas yoo goote, fakkeenya tajaajiltoota Yihowaa yeroo dheeraadhaaf amanamummaadhaan isa tajaajilanii hordofuu ni dandeessa. Dargaggoota hedduu hubannaa hin qabneefi addunyaa kanaa wajjin badiisatti deemaa jiran hordofuurraa fagaachuudhaan ogummaa akka qabdu argisiisi.—2 Qor. 4:3, 4.

17-19. Addunyaarraa adda taʼuu wajjin haala walqabateen ilaalcha sirrii qabaachuuf wanti si gargaaru maalidha?

17 Akkas jechuun garuu, addunyaa kanarraa adda taʼuun yeroo hunda salphaadha jechuu miti. Haataʼu malee, adda taʼuun keenya ogummaa akka qabnu kan argisiisudha. Mee haala atleetii Olompiikiirratti hirmaatu tokkoo akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Sadarkaa kanarra gaʼuuf warra kaan irraa adda taʼuu akka qabu hin shakkisiisu. Wantoota yeroofi xiyyeeffannaasaa fudhachuudhaan shaakala hojjeturratti dhiibbaa geessisuu dandaʼan hedduu dhiisuu qaba. Karaa biraatiin garuu, hiriyootasaarraa adda taʼuunsaa caalaatti shaakaluufi galmasaarra gaʼuuf isa dandeessisa.

18 Namoonni hedduun jireenyaa wajjin haala walqabateen fageessanii hin yaadan. Addunyaa kanarraa adda taʼuudhaan, akkasumas gochawwan addunyaa kanaa karaa amalaafi hafuuraa nama mancaasanirraa of qusachuudhaan fageessitee akka yaaddu ni argisiista taanaan, ‘jireenya isa dhugaa harkakee keessa ni galfata.’ (1 Xim. 6:19) Obboleettiin armaan olitti caqasamte akkas jetteetti; “Wanta amantaniif yoo dhaabattan, dhumarratti gammachuu guddaa argattu. Cimina dhiibbaa addunyaan Seexanaa geessisu moʼuudhaaf isin dandeessisu akka qabdanis isinii mirkaneessa. Hunda caalaammoo, Yihowaan akka isinitti boonuufi gammadu isinitti dhagaʼama! Warra kaanirraa adda taʼuu keessanitti kan gammaddan yeroo kanatti!”

19 Namni tokko wanta amma argachuu dandaʼurratti qofa xiyyeeffata taanaan jireenyi gatii hin qabaatu. (Lal. 9:2, 10) Dargaggeessa waaʼee kaayyoo jireenyaa, akkasumas yeroo hammamiitiif jiraachuu akka dandeessu yaaddu yoo taate, “akka warra saba Waaqayyoo hin taʼiniitti” jiraachuu mannaa, jireenya hiika qabu jiraachuun ogummaa akka taʼe sitti hin dhagaʼamuu?—Efe. 4:17; Mil. 3:18.

20, 21. Murtoo sirrii yoo goone gara fuulduraatti maal arganna? Haataʼu malee nurraa maaltu eegama?

20 Murtoo sirrii taʼe ni goona taanaan, yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa qabaachuu, gara fuulduraattimmoo ‘lafa dhaallee’ barabaraaf jiraachuu ni dandeenya. Eebbawwan nuti yeroo ammaatti guutummaatti tilmaamuu hin dandeenye hedduun nuu qophaaʼee jira. (Mat. 5:5, hiika bara 1899; 19:29; 25:34) Waaqayyo wantoota kana kan kennuu namoota hundaaf miti. Wanti nurraa barbaadamu jira. (1 Yohannis 5:3, 4 dubbisi.) Haataʼu malee, yeroo ammaatti amanamummaadhaan isa tajaajiluun buʼaa hedduu nuuf argamsiisa!

21 Waaqa keenyarraa waan hedduu argachuu dandaʼuun keenya mirga guddaadha! Barumsa Macaafa Qulqulluu sirrii taʼe, akkasumas dhugaa waaʼee Waaqayyoofi kaayyoosaa dubbatu hubachuu dandeenyeerra. Maqaasaatiin waamamuufi Dhugaa Baatotasaa taʼuuf mirga arganneerra. Waaqayyo akka nu gargaaru waadaa nuu galeera. (Far. 118:7) Dargaggootas taane maanguddoota, hundi keenyayyuu Yihowaadhaaf ‘bara baraan galanni akka taʼu’ akka barbaannu haala argisiisuun jiraachuudhaan, dinqisiifannaa akka qabnu haa argisiisnu.—Rom. 11:33-36; Far. 33:12.