Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Namoota Fedhiidhaan Kennan Ni Eebbisa

Yihowaan Namoota Fedhiidhaan Kennan Ni Eebbisa

UUMAAN keenya, ilmaan namootaatiif mirga filannaa kennuudhaan ulfina isaaniif kenneera. Kana malees, namoota waaqeffannaa dhugaatiif dursa kennuudhaan karaa ofittummaarraa walaba taʼeen mirga filannaasaaniitti fayyadaman, akkasumas maqaasaa qulqulleessuufi kaayyoosaa isa guddaa deggeruuf gaʼeesaanii raawwatan ni eebbisa. Yihowaan, sodaannee ykn dirqamnee akka isaaf ajajamnu hin barbaadu. Kanaa mannaa, jaalalaafi dinqisiifannaadhaan kakaanee fedhiidhaan akka isaaf of kenninu barbaada.

Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni lafa onaa Siinaa keessa yeroo turanitti, Yihowaan bakka waaqeffannaa akka ijaaran isaan ajajee ture. Akkas isaaniin jedhe: “Isin waan qabdan keessaa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa! Namni kennuudhaaf garaa isaa guutuu jaallatu hundinuu Waaqayyoof kennaa . . . haa dhiʼeessu!” (Bau. 35:5) Namni Israaʼel tokko wanta humnisaa dandaʼe kennuu ni dandaʼa ture; kennaansaa maaliyyuu ykn hammamiyyuu yoo taʼe, kaayyoo Waaqayyoo galmaan gaʼuuf karaa sirrii taʼeen faayidaarra oola ture. Sabichi deebii akkamii kenneree?

“Garaan isaanii kan isaan dammaqse, hafuurri isaaniis kan isaan abboome,” akkasumas “warri kennuudhaaf garaan isaanii fedha qabu hundinuu” kennaa kennaniiru. Dhiironniifi dubartoonni fedhiidhaan wanta hojii Yihowaatiif barbaachisu fidan: Dirata warqee, amartii gurraa, amartii garaa garaa, warqee, meetii, sibiila boorrajjii, boffee bifa waaqaa, boffee dhiilgee, boffee bildiimaa, quncee talbaa, rifeensa reettii, gogaa korbeessa hoolaa isa diimeffame, raroo hoolaa, muka laaftoo, dhagaa gati jabeessa, urgooftuufi cuunfaa ejersaa. ‘Wanti isaan fidan hojii hojjetamu hundumaaf gaʼee irraa in hafa ture.’—Bau. 35:21-24, 27-29; 36:7.

Wanti Yihowaa gammachiise inni guddaan wanta isaan fidan utuu hin taʼin, karaa kanaan waaqeffannaa dhugaa deggeruuf fedhii qabaachuusaaniiti. Yeroofi humnasaanii gumaachuufis kakaʼanii turan. Macaafni Qulqulluun, “Dubartoonni hojii harkaatti ogeessota taʼan hundinuu . . . harka isaaniitiin foʼan” jedha. “Dubartoonni garaan isaanii ogummaatti isaan dammaqse [“ogummaa qabaniifi garaansaanii isaan kakaase,” NW] hundinuu rifeensa reettii in foʼan.” Kana malees Yihowaan, Bazaaliʼeliif “ogummaadhaan, hubannaadhaan, beekumsa waan garaa garaa miidhagsanii hojjechuu” kenneera. Waaqayyo, Bazaaliʼeliifi Aholiiyabiif ogummaa hojii barbaachisu hunda hojjechuuf gargaaru kenneefii ture.—Bau. 35:25, 26, 30-35.

Yihowaan Israaʼeloonni buusii akka godhan yeroo isaan afeeru, “namni keennuudhaaf garaa isaa guutuu jaallatu hundinuu” waaqeffannaa dhugaa akka deggeru mirkanaaʼaa ture. Innimmoo, namoota fedhiidhaan kakaʼan sanaaf qajeelfamaafi gammachuu guddaa kennuudhaan isaan eebbiseera. Yihowaan wantootaafi ogeessota fedhasaa raawwachuuf barbaachisan dhiheessuudhaan tajaajiltootasaa fedhiidhaan of kennan ni eebbisa. (Far. 34:9) Yihowaan karaa ofittummaarraa walaba taʼeen ennaa isa tajaajiltu akka si eebbisu beekamaadha.