Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amala Gad Of Deebisuu Fi Gara Laafinaa Argisiisuudhaan Yesusiin Fakkaadhaa

Amala Gad Of Deebisuu Fi Gara Laafinaa Argisiisuudhaan Yesusiin Fakkaadhaa

“Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera.”—1 PHE. 2:21.

1. Fakkeenya Yesus hordofuun Yihowaatti caalaatti kan nu dhiheessu maaliifi?

YEROO baayʼee namoota amala isaanii fi akkaataa jireenyaa isaanii dinqisiifannu fakkaachuu barbaanna.Namoota lafa irra jiraatan hunda keessaa, Yesus Kiristos caalaa namni fakkeenya isaa hordofuu qabnu hin jiru. Kan akkana jennu maaliifi? Innumti iyyuu, “Namni ana arge abbaa arge” jedheera. (Yoh. 14:9) Yesus amala Abbaa isaa guutummaatti waan calaqqisiiseef, Ilma arguu jechuun Abbaa arguu jechuu dha. Kanaafuu, Yesusiin yeroo fakkaannu, Yihowaa isa uumama cufa keessatti hundaa ol taʼetti caalaatti dhihaanna. Kun buʼaa guddaa nuti amalaa fi akkaataa jireenyaa Ilma isaa hordofuudhaan argannu dha!

2,3. (a) Yihowaan seenaa waaʼee Ilma isaa dubbatu kan nuu barreessise maaliifi? Yihowaan maal akka goonu nu irraa eega? (b) Mata duree kanaa fi isa itti aanu keessatti waaʼee maalii qorra?

2 Haa taʼu malee, Yesus amala akkamii akka qabu beekuu kan dandeenyu akkamitti? Seenaan Yesus, geggeessaa hafuura qulqulluutiin nuu barreeffameera. Yihowaan Ilma isaa akka beeknuu fi fakkeenya Ilma isaa akka hordofnu waan barbaaduuf, seenaa kana  Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Giriikii keessatti nuu barreessiseera. (1 Phexros 2:21 dubbisi.) Macaafa Qulqulluu keessatti, fakkeenyi Yesus kaaʼe ‘faanatti’ fakkeeffameera. Karaa biraatiin, Yihowaan Yesus duuba akka deemnuu fi bakka inni ejjete akka ejjennu nutti himaa jira jechuu dha. Yesus fakkeenya mudaa hin qabne kan nuu taʼe taʼus, nuti garuu mudaa qabna. Kanaafuu, Yihowaan faana Yesus karaa mudaa hin qabneen akka hordofnu nu irraa hin eegu. Kanaa mannaa, Yihowaan akka nama mudaa hin qabne tokkootti hamma dandeenye Ilma isaa akka fakkaannu nu irraa eega.

3 Kanaaf, mee amaloota Yesus garaa namaa tuqan tokko tokko haa ilaallu. Mata duree kana keessatti, amala gad of deebisuu fi gara laafinaa inni argisiise ilaalla; mata duree itti aanu keessatti immoo ija jabinaa fi hubannaa isaa ilaalla. Tokkoon tokkoon amaloota kanaa ilaalchisee gaaffilee sadii deebisna: Hiikni isaa maali dha? Yesus amala kana argisiisuu irratti fakkeenya kan nuu taʼu akkamitti? Fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

YESUS GAD OF DEEBISAA DHA

4. Gad of deebisuu jechuun maal jechuu dha?

4 Gad of deebisuu jechuun maal jechuu dha? Addunyaa of tuulummaan itti babalʼate kana keessatti, namoonni tokko tokko gad of deebisuun dadhabina ykn ofitti amanannaa dhabuu kan argisiisu akka taʼetti yaadu taʼa. Dhugaan isaa garuu faallaa kanaa ti. Gad of deebisuun ciminaa fi ija jabina gaafata. Gad of deebisuun, “amala faallaa kooraa fi of tuulummaa taʼe” jedhamee hiikameera. Gad of deebisuun ilaalcha ofiif qabnu irraa jalqaba. Galmeen jechootaa Macaafa Qulqulluu tokko, “Gad of deebisuun Waaqayyo duratti hammam xinnoo akka taane hubachuu dha” jedheera. Waaqayyo duratti dhuguma kan gad of deebisnu taanaan, namoota kaan irra akka caallutti hin yaadnu. (Rom. 12:3) Namoota mudaa qabnu waan taaneef, amala gad of deebisuu qabaachuun salphaa miti. Haa taʼu malee, iddoo Waaqayyo duratti qabnu irratti yoo xiinxallee fi faana Ilma isaa duukaa yoo buune, kan gad of deebisnu taʼuu ni dandeenya.

5,6. (a) Mikaaʼel inni angafa ergamootaa taʼe eenyu? (b) Mikaaʼel amala gad of deebisuu kan argisiise akkamitti?

5 Yesus amala gad of deebisuu kan argisiise akkamitti? Ilmi Waaqayyoo samii irratti yeroo uumama hafuuraa turetti, akkasumas yeroo nama mudaa hin qabne taʼee lafa irra jiraatetti amala kana argisiiseera. Mee fakkeenya tokko tokko haa ilaallu.

6 Ilaalcha isaa. Yihudaan inni kutaa Macaafa Qulqulluu barreesse, wanta Yesus nama taʼee gara lafaa dhufuu isaa dura godhe nuu barreesseera. (Yihudaa 9 dubbisi.) Mikaaʼel inni angafa ergamootaa taʼee [Yesus] fi Seexanni “walitti falmanii,” akkasumas ‘wal qoccolanii’ turan. Kan isaan wal falman “reeffa Musee” irratti ture. Museen erga duʼee booda Yihowaan bakka hin beekamnetti isa awwaalee akka ture yaadadhaa. (Kes. 34:5, 6) Tarii Seexanni reeffa Museetti fayyadamee waaqeffannaa sobaa babalʼisuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Wanti hamaan Seexanni yaade maal iyyuu yoo taʼe, Mikaaʼel ija jabinaan ejjennoo isaa ibseera. Kitaabni tokko akka ibsetti, jechoonni afaan Giriikii “walitti falman,” akkasumas “wal qoccolan” jedhamanii hiikaman, “wal falmii seeraa argisiisuufis hojii irra ni oolu”; “Mikaaʼel, ‘Seexanni reeffa Musee akka hin fudhanneef isa mormuu isaa’ kan argisiisan taʼuu dandaʼu.” Taʼus, Angafni Ergamootaa kun murtoo kennuun aangoo isaa akka hin taane hubatee ture. Kanaaf, dhimmicha Yihowaa isa abbaa seeraa hunda caalu taʼetti dabarseera. Karaa kanaan, Mikaaʼel haala isa aarsuu dandaʼu keessatti illee aangoo isaa irra darbee deemuu irraa of qusateera. Kun baayʼee akka gad of deebisu kan argisiisu dha!

7. Yesus kan gad of deebisu taʼuu isaa dubbii fi gocha isaatiin kan argisiise akkamitti?

7 Yesus lafa irratti yeroo tajaajilaa turetti, akkaataan dubbii isaa fi gochi isaa garaadhaa akka gad of deebisu kan argisiisu ture. Dubbii isaa. Xiyyeeffannaa isaaf hin malle argachuuf yaalee hin beeku. Kanaa mannaa, ulfinni hundi Abbaa isaatiif taʼuu akka qabu dubbata ture. (Mar. 10:17, 18; Yoh. 7:16) Bartoota isaa hin tuffanne ykn isaa gadi akka taʼan akka isaanitti dhagaʼamu hin goone. Kanaa mannaa, wanta gaarii isaan keessatti argeef isaan jajuudhaan, akkasumas isaan irratti amantii akka qabu isaanitti himuudhaan kabaja isaaniif kenneera. (Luq. 22:31, 32; Yoh. 1:47) Gocha isaa. Qabeenya hedduu horachuudhaaf carraaqqii gochuu dhiisuudhaan, jireenya salphaa taʼe jiraachuu filateera. (Mat. 8:20) Hojii baayʼee gad aanaa taʼe illee fedhiidhaan hojjeteera. (Yoh. 13:3-15) Keessumaa immoo ajajamuudhaan amala gad of deebisuu argisiiseera. (Filiphisiiyus 2:5-8 dubbisi.) Namoota of tuuloo ajajamuu hin barbaadne irraa haala adda taʼeen, Yesus ‘hamma duʼaatti abboomamuudhaan’ gad of deebisee wanta Waaqayyo isa irraa barbaadu raawwateera. Yesus inni Ilma namaa taʼe, kan ‘gad of deebisu’ taʼuu isaa hin argisiisnee ree?—Mat. 11:29.

AMALA GAD OF DEEBISUU YESUS HORDOFAA

8,9. Amala gad of deebisuu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Amala gad of deebisuu argisiisuu irratti fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Ilaalcha keenya. Amalli gad of deebisuu, aangoo keenya irra dabarree akka hin deemne nu eega. Murtoo kennuudhaaf aangoo akka hin qabne yoo hubanne, namoota kaan ceephaʼuuf ykn kakaʼumsa isaanii shakkuuf hin ariifannu. (Luq. 6:37; Yaq. 4:12) Amalli gad of deebisuu, namoota dandeettii fi mirga nuti qabnu hin qabne tuffachuudhaan ‘qajeelaa keessa baʼaa’ akka hin taane nu gargaara. (Lal. 7:16) Jaarsoliin gumii gad of deebisan, obboloota hidhata amantii isaanii taʼan akka caalanitti of hin ilaalan. Kanaa mannaa, tiksitoonni akkasii ‘warra kaan of irra caalchisanii’ waan ilaalaniif isaan irra akka xinnaatan itti dhagaʼama.—Filp. 2:3; Luq. 9:48.

9 Haala Wooltar Toorn isa bara 1894 jalqabee piilgiriimii ykn daawwataa olaanaa taʼee tajaajilaa turee haa ilaallu. Waggoota hedduudhaaf hojii kana irra erga turee booda, gara lafa qonnaa jaarmiyichaa kaaba Niiwu Yoorki keessatti argamuutti kan waamame siʼa taʼu, bakka indaanqoo itti horsiisan keessa hojjeteera. Akkana jedheera: “Keessa kootti yeroon of gurguddisuu jalqabu hundatti, akkan waan moggaatti of geessee of gorsuutti, ‘Biyyee hamma injiijjii nana. Waan ittiin of jajju maal qabda?’ ofiinan jedha.” (Isaayaas 40:12-15 dubbisi.) Dhuguma iyyuu nama baayʼee gad of deebisu ture!

10. Dubbii fi gocha keenyaan amala gad of deebisuu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Dubbii keenya. Garaadhaa kan gad of deebisnu taanaan, dubbii keenya irraa amala kana hubachuun ni dandaʼama. (Luq. 6:45) Namoota duukaa yeroo haasofnutti milkaaʼina argannee fi mirga qabnu irratti hin xiyyeeffannu. (Fak. 27:2) Kanaa mannaa, wanta gaarii obboloonni keenya qaban irratti xiyyeeffanna; amala gaarii fi dandeettii qabaniif, akkasumas hojii isaan raawwataniif isaan galateeffanna. (Fak. 15:23) Gocha keenya. Kiristiyaanonni gad of deebisan sirna kana keessatti beekkamtii argachuu hin barbaadan. Kanaa mannaa, jireenya salphaa jiraachuuf hojii addunyaan kun akka gad aanaatti ilaalu illee ni hojjetu. (1 Xim. 6:6, 8) Hunda caalaa immoo, ajajamuudhaan amala gad of deebisuu argisiisuu ni dandeenya. Warra gumii keessatti ‘geggeessaniif abboomamuun,’ akkasumas qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa nuu kennu fudhachuu fi hojii irra oolchuun gad of deebisuu gaafata.—Ibr. 13:17.

YESUS GARA LAAFESSA DHA

11. Gara laafina jechuun maal jechuu akka taʼe ibsi.

11 Gara laafina jechuun maal jechuu dha? Gara laafinni, “rakkina namoota irra gaʼu akka nu irra gaʼetti ilaaluu fi rakkina sana keessaa isaan baasuuf fedha qabaachuu” jedhamee hiikameera. Gorsa Caaffanni Qulqullaaʼoon gara laafessa akka taanuuf nuu kennan ilaalchisee, kitaabni tokko akkana jedha: “Gorsi kun namoota rakkataniif akka gaddinu kan gaafatu qofa miti. Jireenya namootaa jijjiiruu fi isaan gargaaruuf tarkaanfii fudhachuu kan gaafatu dha.” Gara laafinni miira gochaaf nama kakaasu dha. Namni gara laafessa taʼe jireenya namootaa irratti jijjiirama fiduuf kakaʼa.

12. Wanti Yesus namootaaf garaa akka laafe argisiisu maali dha? Gara laafinni isaa kun hoo maal gochuuf isa kakaase?

12 Yesus gara laafina kan argisiise akkamitti? Miiraa fi gocha isaa. Yesus namoota kaaniif garaa ni laafa ture. Michuu isaa kan taate Maariyaamii fi namoonni ishee wajjin turan obboleessi ishee Alaazaar duʼuu isaatiin yeroo booʼan ennaa argu, utuu miira isaa hin dhoksin “imimmaan isaa dhangalaase.” (Yohannis 11:32-35 dubbisi.) Akkuma yeroo ilma haadha hiyyeessaa duʼaa kaasetti itti dhagaʼamee ture, waan ooʼeef Alaazaariin duʼaa kaase. (Luq. 7:11-15; Yoh. 11:38-44) Yesus gocha gara laafinaa kana raawwachuudhaan tarii Alaazaar jireenya samii akka argatu carraa baneeraaf. Kun taʼuu isaa yeroo muraasa dura, Yesus namoota hedduu gara isaatti dhufaniif ‘ooʼee’ ture. Gara laafinaan kakaʼee, “waan baayʼees isaan barsiisuutti kaʼe.” (Mar. 6:34) Namoota barumsa isaa hojii irra oolchan hundaaf, haalli kun jireenya isaanii kan jijjiiru ture! Gara laafinni Yesus, namootaaf yaaduu irra darbee dursa fudhatee isaan gargaaruuf kan isa kakaase taʼuu isaa hubadhaa.—Mat. 15:32-38; 20:29-34; Mar. 1:40-42.

13. Yesus namootatti gara laafinaan kan dubbate karaa kamiini? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

13 Dubbii isaa. Yesus gara laafessa taʼuun isaa, namootatti keessumaa warra cunqurfamanitti gara laafinaan akka dubbatu isa kakaaseera. Maatewos ergamaan, jechoota Isaayaas, ‘Soyyama tumame hin cabsu, foʼaa ibsaa aarus hin dhaamsu’ jechuudhaan dubbate Yesusiif fayyadameera. (Isa. 42:3, hiika bara 1899; Mat. 12:20, hiika bara 1899) Akkaataan Yesus itti dubbatu, namoota akka soyyama tumamee ykn foʼaa ibsaa aaruu fi dhaamuuf jedhuu taʼan kan jajjabeessu ture. ‘Warra garaan isaanii cabe fayyisuuf’ misiraachoo abdii kennu lallabeera. (Isa. 61:1) ‘Boqonnaa akka isaaniif kennu’ isaaniif mirkaneessuudhaan, warri ‘dadhabanii fi baʼaan itti ulfaate’ gara isaa akka dhufan afeereera. (Mat. 11:28-30) Yesus, Waaqayyo warra “xixinnayyoo” addunyaan kun barbaachisoo akka hin taanetti ilaalu dabalatee waaqeffattoota isaatiif akka yaadu, duuka buutota isaatiif mirkaneesseera.—Mat. 18:12-14; Luq. 12:6, 7.

AMALA GARA LAAFINAA YESUS HORDOFAA

14. Miira gara laafinaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Gara laafina argisiisuu irratti fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Miira keenya. Uumamaan miira gara laafinaa qabaachuu dhiisuu dandeenya; Macaafni Qulqulluun amala kana qabaachuuf carraaqqii akka goonu nu jajjabeessa. ‘Araarri [‘gara laafinni,’ NW] garaa keessaa dhufu’ kutaa namummaa isa haaraa Kiristiyaanonni hundi uffachuu qabanii ti. (Qolosaayis 3:9, 10, 12 dubbisi.) Miira gara laafinaa qabaachuu kan dandeessu akkamitti? Garaa kee namootaaf balʼisi. (2 Qor. 6:11-13) Namni tokko miira isaa fi wanta isa yaaddessu yeroo sitti himu sirriitti dhaggeeffadhu. (Yaq. 1:19) Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Bakka isaa utuun taʼee, maaltu natti dhagaʼama ture? Maaltu na barbaachisa ture?’—1 Phe. 3:8.

15. Namoota akka soyyama tumamee fi foʼaa ibsaa aaruu taʼan gargaaruuf maal gochuu dandeenya?

 15 Gocha keenya. Gara laafinni, jireenya namootaa, keessumaa kan warra akka soyyama tumamee fi foʼaa ibsaa aaruu taʼanii irratti jijjiirama fiduuf nu kakaasa. Namoota kana gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Roomaa 12:15, “Warra booʼanii wajjinis booʼaa!” jedha. Namoonni miirri isaanii miidhame yaada akka isaaniif kenninu utuu hin taʼin, miira isaanii akka hubannuuf barbaadu. Obboleettiin intalli ishee jalaa duutee fi obboloonni ishee jajjabeessan, “Obboloonni dhufanii yeroo na duukaa booʼan na gammachiisa ture” jetteetti. Wantoota gaarii namaaf gochuudhaanis gara laafina argisiisuu ni dandeenya. Dubartiin abbaan manaa ishee jalaa duʼee fi mana ishee keessatti waa suphuudhaan ishee gargaaruu dandeessu jirtii? Obboloonni manguddoon gara walgaʼii, gara tajaajila dirree ykn gara mana yaalaa deemuudhaaf gargaarsi isaan barbaachisu jiruu? Gochi gaarummaa xinnoo fakkaatu illee jireenya obboloota gargaarsi isaan barbaachisuu keessatti jijjiirama guddaa fida. (1 Yoh. 3:17, 18) Kana malees, tajaajila irratti guutummaatti hirmaachuudhaan namootaaf akka yaadnu argisiisuu ni dandeenya. Jireenya namoota garaa qajeelaa qabanii irratti jijjiirama fiduuf karaan kana irra wayyu hin jiru!

Obbolootaaf garaadhaa ni yaaddaa?(Keeyyata 15 ilaali)

16. Warra dhiphatan jajjabeessuuf maal jechuu dandeenya?

16 Dubbii keenya. Amalli gara laafinaa warra dhiphatanitti ‘karaa nama jajjabeessuun dubbachuuf’ nu kakaasa. (1 Tas. 5:14, NW) Namoota akkasii jajjabeessuuf maal jechuu dandeenya? Garaadhaa akka isaaniif yaadnu itti himuudhaan akkas gochuu ni dandeenya. Amala gaarii fi dandeettii qaban hubachuu akka dandaʼan isaan gargaaruuf, garaadhaa isaan galateeffachuu ni dandeenya. Yihowaan gara Ilma isaatti akka isaan harkisee fi kun immoo isa duratti iddoo guddaa akka qaban kan argisiisu akka taʼe isaan yaadachiisuu qabna. (Yoh. 6:44) Yihowaan tajaajiltoota isaa warra ‘garaan isaanii caccabee fi yaadni isaanii caccabee bullaaʼeef’ garaadhaa akka yaadu isaaniif mirkaneessuu dandeenya. (Far. 34:18) Dubbiin nuti gara laafinaan kakaanee dubbannu, warra jajjabinni isaan barbaachisu jajjabeessuu dandaʼa.—Fak. 16:24.

17,18. (a) Yihowaan jaarsoliin gumii hoolota isaa haala akkamiitiin akka qaban barbaada? (b) Mata duree itti aanu keessatti waaʼee maalii ilaala?

17 Warri jaarsolii gumii taatan, Yihowaan hoolota isaa gara laafinaan akka qabdan barbaada. (HoE. 20:28, 29)Hoolota isaa sooruun, jajjabeessuunii fi haaromsuun itti gaafatamummaa keessan akka taʼe yaadadhaa. (Isa. 32:1, 2; 1 Phe. 5:2-4) Kanaafuu, jaarsi gumii gara laafessa taʼe tokko, haalli isaanii kan isaaniif hin heyyamne taʼee utuu jiruu, hojiidhaaf isaan kakaasuuf jecha seera baasuudhaan ykn sammuun isaanii akka isaan ceephaʼu gochuudhaan, hoolota Yihowaa toʼachuuf hin yaalu. Kanaa mannaa, jaalalli isaan Yihowaadhaaf qaban hamma dandaʼan isa tajaajiluuf akka isaan kakaasu amantii isaan irratti qabaachuudhaan, garaa isaanii gammachiisuuf carraaqa.—Mat. 22:37.

18 Amala gad of deebisuu fi gara laafinaa Yesus irratti xiinxaluun keenya, faana isaa duukaa buʼuu keenya itti fufuuf akka nu kakaase hin shakkisiisu. Mata duree itti aanu keessatti amaloota Yesus garaa namaa tuqan kan biraa lama, jechuunis ija jabinaa fi hubannaa isaa ilaalla.