Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Dammaqinaan’ Ni Eegduu?

‘Dammaqinaan’ Ni Eegduu?

“Egaa, guyyicha, yerichas hin beektaniitii dammaqaa!”—MAT. 25:13.

1, 2. (a) Yesus guyyoota dhumaa ilaalchisee maal dubbate? (b) Gaaffilee kamfaa qorra?

YESUSII wajjin Gaara Ejersaa irra taʼanii mana qulqullummaa Yerusaalem keessa jiru gadi ilaalaa, raajiiwwan isaa ajaaʼibsiisoo taʼan keessaa isa tokko yeroo dubbatu dhaggeeffachuun mirga guddaa dha. Yesus raajii wanta yeroo dheeraa booda raawwatamu irratti xiyyeeffatu kana yeroo dubbatutti, Phexros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannis xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffatu turan. Guyyoota gara dhumaa addunyaa hamaa kanaa, yeroo inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee itti bulchu ilaalchisee wanta hiika guddaa qabu isaanitti hime. Yeroo dhumaa sanatti, “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” nyaata hafuuraa isaan barbaachisu yeroo isaatti tajaajiltoota isaatiif kennuudhaan, lafa irratti akka isa bakka buʼu isaanitti hime.—Mat. 24:45-47.

2 Yesus utuma raajii sana dubbatuu itti fufee fakkeenya waaʼee durboota kurnanii ibsu dubbate. (Maatewos 25:1-13 dubbisi.) Mee gaaffiiwwan armaan gadii irratti haa xiyyeeffannu: (1) Ergaan fakkeenyi kun dabarsu inni guddaan maali dha? (2) Kiristiyaanonni dibamoon amanamoo taʼan gorsa fakkeenyi kun qabate hojii irra kan oolchan akkamitti? Kunoo buʼaa maalii argamsiisa? (3) Yeroo harʼaatti tokkoon tokkoon keenya fakkeenya Yesus dubbate irraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

ERGAAN FAKKEENYA KANAA MAALI DHA?

3. Duraan barreeffamoonni keenya fakkeenya waaʼee durboota kurnanii dubbatu haala kamiin ibsaa turan? Kunoo maal akka taʼu godhe?

3 Mata duree darbe irratti, hojjetaan amanamaan yeroo dhihoodhaa asitti yaada Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo ibsutti gaaddidduu taʼuuf dhiisuu isaa irratti utuu hin taʼin, barumsa irraa argamu irratti caalaatti xiyyeeffachuu akka jalqabe ilaallee turre. Duraan darbee darbee barreeffamoota keenya irratti wantoonni xixiqqoon fakkeenya Yesus kana keessatti ibsaman kan akka ibsaa, cuunfaa ejersaa, qodaa fi wantoonni kaan illee wanta kan biraatiif fakkeenya akka taʼan ibsamaa ture. Haa taʼu malee, ibsi akkasii xiyyeeffannaan keenya ergaa fakkeenyichaa baayʼee salphaa fi ariifachiisaa taʼe irratti akka hin taane godheeraa laata? Akkuma mata duree kana keessatti ilaallu deebiin gaaffii kanaa baayʼee barbaachisaa dha.

4. (a) Eenyummaa dhirsa misirroo fakkeenya kana keessatti ibsamee beekuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Eenyummaa durboota fakkeenya kana keessatti ibsamanii beekuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Mee ergaa guddaa Yesus fakkeenya kanatti fayyadamee dabarse haa ilaallu. Jalqaba, namoota caqasaman ilaalaa. Dhirsi misirroo fakkeenya kana keessatti ibsame eenyu? Yesus waaʼee ofii isaa dubbachaa akka ture ifa dha. Akkas kan jennu, Yesus iddoo garaa garaatti dhirsa misirroo akka taʼetti waan of ibseefi dha! (Luq. 5:34, 35) Durboonni caqasaman hoo eenyu? Fakkeenyicha keessatti Yesus durboonni kun yeroo dhirsi misirroo dhufutti ibsaa qabatanii eeguuf itti gaafatamummaa akka qaban dubbateera. Qajeelfama kanaa wajjin wal fakkaatuu fi Yesus “karra xinnayyoo” duuka buutota isaa dibamoo of keessatti qabateef kenne hubadhaa: “Mudhiin keessan hidhatamaa, ibsaan keessanis ifaa haa taʼu! Mana eegduu gooftaan isaanii hamaamota dhaqnaan yommuu dhufu . . . isa eegan fakkaadhaa.” (Luq. 12:32, 35, 36) Kana malees, Phaawulos ergamaanii fi Yohaannis ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii duuka buutota Kiristos warra dibamoo durba amanamtuu fi qeerrootti fakkeessaniiru. (2 Qor. 11:2; Mul. 14:4) Kanaaf, Yesus fakkeenya Maatewos 25:1-13 irra jiru kan dubbate, duuka buutota isaa dibamoo taʼaniif gorsaa fi akeekkachiisa kennuu barbaadee akka taʼe ifa dha.

5. Yesus fakkeenyichi yeroo kamitti akka raawwatamu kan ibse akkamitti?

5 Amma immoo, gorsi Yesus yeroo kamiif akka hojjetu ilaalaa. Yesus gara dhuma fakkeenyichaa irratti “dhirsi misirroo in dhufe” jechuudhaan wanta yerichi yoom akka taʼe nuu ibsu dubbateera. (Mat. 25:10) Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2013 irratti akkuma ibsame, raajii Yesus Maatewos boqonnaa 24 fi 25 irratti dubbate keessatti waaʼeen ‘dhufaatii’ isaa al saddeet caqasameera; bakka saddeettan irratti iyyuu jecha Afaan Giriikii wal fakkaatutu hojii irra oole. Bakka hundatti iyyuu, Yesus dubbachaa kan ture waaʼee yeroo rakkina guddaatti murtoo kennuudhaaf itti dhufuu fi sirni addunyaa kun itti baduu ture. Kanaaf, fakkeenyi kun kan raawwatamu guyyoota dhumaatti siʼa taʼu, yeroo rakkina guddaatti guutummaatti raawwatama.

6. Yaada naannoo fakkeenyichaa jiru irraa hubachuu akka dandeenyutti, ergaan fakkeenyichaa inni guddaan maali dha?

6 Ergaan fakkeenyi kun dabarsu inni guddaan maali dha? Yaada naannoo fakkeenya kanaa jiru yaadadhaa. Yesus waaʼee ‘hojjetaa isaa isa amanamaa fi ogeessa taʼee’ dubbatee kaʼuu isaa ture. Hojjetaan kun, tuuta xinnoo dhiirota dibamanii fi guyyoota dhumaatti duuka buutota Kiristos geggeessan of keessatti qabate dha. Yesus hanga dhumaatti amanamoo taʼuu akka qaban dhiirota kana akeekkachiiseera. Yesus itti aansuudhaan, xiyyeeffannaa isaa namoota baayʼee irratti kan godhe siʼa taʼu, fakkeenyicha kan dubbate badhaasa isaanii isa gati jabeessa taʼe akka hin dhabneef ‘dammaqoo’ taʼuu akka qaban duuka buutota isaa dibamoo guyyoota dhumaa keessa jiraatan hunda hubachiisuu barbaadee ti. (Mat. 25:13) Mee amma fakkeenyicha guutummaatti ilaaluudhaan warri dibamoon kun gorsa fakkeenyicha keessa jiru akkamitti hojii irra akka oolchan haa ilaallu.

DIBAMTOONNI GORSA FAKKEENYA KANA KEESSA JIRU HOJII IRRA KAN OOLCHAN AKKAMITTI?

7, 8. (a) Amaloonni lamaan durboonni abshaala taʼan qophaaʼoo akka taʼan isaan gargaaran kam faʼi? (b) Dibamtoonni qophaaʼoo taʼuu isaanii kan argisiisan akkamitti?

7 Fakkeenyi Yesus, durboonni warri abshaalli warra gowwaa taʼan irraa haala adda taʼeen dhufaatii dhirsa misirroo qophaaʼanii eegaa akka turan addeessa. Kana gochuuf kan isaan gargaare maali dha? Amaloota isaan qaban lama dha; qophaaʼoo fi dammaqoo taʼuu isaanii ti. Durboonni halkan kanatti dammaqinaan dhufaatii dhirsa misirroo akka eegan ramadaman, ibsaa isaanii ibsuu fi hamma wanti gammachiisaa taʼe sun raawwatamutti saʼaatii dheeraadhaaf dammaqinaan eeguu qabu turan. Durboonni shanan sun warra gowwaa taʼan irraa haala adda taʼeen, ibsaa isaanii wajjin cuunfaa ejersaa dabalataa qodaatti qabachuudhaan sirriitti of qopheessanii turan. Dibamtoonni amanamoo taʼan akkuma durboota kanaa qophaaʼoo taʼuu isaanii argisiisaniiruu?

8 Eyyee argisiisaniiru! Guyyoota dhumaa keessatti Kiristiyaanonni dibamoon hojii isaanii hanga dhumaatti raawwachuuf qophaaʼuudhaan, akkuma durboota abshaala sanaa godhaniiru. Jalqabumaa, hojiin isaanii wantoota addunyaa Seexanaa keessaa argachuu dandaʼan dhiisuu akka gaafatu waan beekaniif, aarsaa tajaajilli amanamummaadhaan raawwatamu kaffalchiisu hubataniiru. Guyyaa murtaaʼe tokko sammuutti qabachuudhaan utuu hin taʼin, jaalalaa fi amanamummaa Yihowaa fi Ilma isaatiif qabaniin kakaʼanii, guutummaatti Yihowaa fi tajaajila isaatiif of kennaniiru. Hafuura addunyaa hamaa kanaa fi ilaalcha inni qabeenya, amalaa fi ofittummaa ilaalchisee qabu irraa fagaachuudhaan amanamummaa isaanii eegu. Kanaaf, dhufaatiin Dhirsa Misirroo kan ture yoo fakkaate illee abdii utuu hin kutatin, qophaaʼoo taʼanii akka ibsaa ibsuudhaan eegu.—Filp. 2:15.

9. (a) Yesus dadhabina foon keenyaa ilaalchisee akeekkachiisa akkamii kenne? (b) Dibamtoonni sagalee “Dhirsi misirroo dhufaa jira!” jedhu yeroo dhagaʼanitti tarkaanfii akkamitti fudhatan? (Miiljalees ilaali.)

9 Amalli inni lammaffaan durboonni sun qophaaʼanii akka eegan isaan gargaare dammaqina dha. Kiristiyaanni dibamaan tokko halkan dheeraa dammaqinaan eeguu gaafatu sanatti muguu ni dandaʼaa? Eeyyee. Yesus, durboonni kurnan dhirsi misirroo waan ture yeroo isaanitti fakkaatetti ‘hundumti isaanii muganii rafanii’ akka turan dubbachuu isaa hubadhaa. Yesus namni fedhii fi hawwii qabu illee, dadhabina fooniitiin moʼamuu akka dandaʼu beeka ture. Dibamtoonni amanamoo taʼan hubachiisa kana hordofuudhaan, dammaqoo taʼanii eeguudhaaf yeroo kam iyyuu caalaa cimanii hojjechaa turaniiru. Fakkeenyicha irratti akkuma ibsame sagalee guddaa halkan sanatti dhagaʼamee fi “Dhirsi misirroo kunoo ti [“dhufaa jira,” NW]!” jedhu yeroo dhagaʼanitti hundi isaanii iyyuu tarkaanfii fudhataniiru. Haa taʼu malee, hanga dhumaatti jabaatanii kan dhaabatan warra dammaqoo qofa dha. (Mat. 25:5, 6; 26:41) Waaʼee dibamtoota amanamoo yeroo harʼaa jiranii hoo maal jechuu dandeenya? Guyyoota dhumaa keessatti ragaa qabatamaa, akkuma sagalee, “Dhirsi misirroo dhufaa jira” jedhuu taʼee fi Dhirsi Misirroo baayʼee akka dhihaate argisiisu hubachuudhaan tarkaanfii fudhataniiru. Dhufaatii Dhirsa Misirroo yeroo hunda qophaaʼanii eeguudhaanis, jabaatanii dhaabataniiru. * Haa taʼu malee, dhumni fakkeenyichaa yeroo murtaaʼe tokko irratti xiyyeeffata. Akkas kan jennu maaliifi?

WARRA ABSHAALOTAAF BADHAASA, WARRA GOWWOOTAAF IMMOO ADABA

10. Yaadni durboonni abshaala taʼanii fi gowwoota taʼan wal jijjiiran gaaffiin bitaa namatti taʼu akkamii akka kaʼu godha?

10 Tarii kutaan dhumaa fakkeenya kanaa inni waaʼee yaada durboonni abshaala taʼanii fi gowwoota taʼan wal jijjiiranii dubbatu, bitaa namatti taʼuu dandaʼa. (Maatewos 25:8, 9 dubbisi.) Yaadni isaan wal jijjiiran gaaffiin armaan gadii akka kaʼu godha: “Seenaa saba Waaqayyoo keessatti warri amanamoo taʼan warra gargaarsa gaafataniif gargaarsa gochuu kan didan yoomi?” Yeroo wantoonni kun itti raawwataman ilaaluun keenya yaada bitaa namatti taʼu kanaaf furmaata argachuuf nu gargaara. Jijjiirama hubannaa kanaan dura qabnu irratti godhamee fi Dhirsi Misirroo, jechuunis Yesus murtoo dabarsuudhaaf kan dhufu naannoo dhuma rakkina guddaatti akka taʼe ibsu yaadadhaa. Kanaaf, kutaan fakkeenyichaa kun kan xiyyeeffatu wanta murtoo isa dhumaa dura raawwatamu irratti dha jechuu hin dandeenyuu? Murtoo dhumaa kana dura dibamtootatti mallattoon dhumaa godhameera waan taʼeef, akkas jechuu waan dandeenyu fakkaata.

11. (a) Rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura maaltu taʼa? (b) Durboonni abshaala taʼan, warri gowwoonni cuunfaa ejersaa warra gurguran irraa akka bitatan isaanitti himuun isaanii maal argisiisa?

11 Dibamoota amanamoo lafa irra jiran hunda irratti mallattoon dhumaa kan godhamu rakkinni guddaan jalqabu isaa dura dha. (Mul. 7:1-4) Sana booda waamamuun isaanii mirkanaaʼaa taʼa. Haa taʼu malee, waaʼee waggoota rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura jiranii yaadaa. Dibamtoota dammaqoo fi amanamoo utuu hin taʼin hafan irra maaltu gaʼa? Mirga gara samiitti waamamuuf argatanii turan ni dhabu. Rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura mallattoon dhumaa yeroo godhamutti isaan irratti mallattoon akka hin godhamne ifa dha. Yeroo kanatti, namoonni amanamoo taʼan kan biroon ni dibamu. Yeroo rakkinni guddaan jalqabutti, warri gowwaan Baabilon Guddittiin baduu ishee yommuu argan ni naʼu taʼa. Tarii dhufaatii Dhirsa Misirrootiif qophaaʼoo akka hin taane kan hubatan yeroo sanatti taʼuu dandaʼa. Yeroo sanatti naʼanii gargaarsa yoo gaafatan maaltu taʼa? Deebiin fakkeenya Yesus dubbate irraa argannu kan nama gaddisiisu dha. Durboonni abshaala taʼan warra gurguran bira dhaqanii akka bitatan itti himuudhaan, cuunfaa ejersaa isaanii warra gowwootaaf kennuu didan. Haa taʼu malee, dhaqanii akka bitatan kan isaanitti himan, “halkan walakkaa” taʼuu isaa yaadadhaa. Saʼaatii kanatti nama cuunfaa ejersaa gurguru ni argatuu laata? Lakki. Gabaabaadhumatti yeroon isaan akkas gochuu itti dandaʼan darbeera.

12. (a) Warra dibamoo turanii fi mallattoon inni dhumaa godhamuu isaa dura amanamummaa isaanii dhaban yeroo rakkina guddaatti maaltu isaan mudata? (b) Warra akka durboota gowwaa taʼan irra maaltu gaʼa?

12 Haaluma wal fakkaatuun, yeroo rakkina guddaatti Kiristiyaanonni dibamoon amanamoo taʼanis, warra amanamoo utuu hin taʼin hafan gargaaruu hin dandaʼan. Yeroon isaan gargaarsa argachuu itti dandaʼan darbeera. Warra akkasii irra dhuma irratti maaltu gaʼa? Yesus durboonni warri gowwaan bitachuu yeroo dhaqanitti wanta uumame yeroo dubbatu akkas jedheera: “Dhirsi misirroo in dhufe; warri qophaaʼan isaa wajjin mana cidhichaatti ol galan, balballis in cufame.” Kiristos naannoo dhuma rakkina guddaatti ulfina isaatiin yeroo dhufu, dibamtoota amanamoo taʼan samiitti walitti qaba. (Mat. 24:31; 25:10; Yoh. 14:1-3; 1 Tas. 4:17) Eeyyee, dibamtoota amanamoo utuu hin taʼin hafanii fi akkuma durboota gowwaa sanaa taʼanitti balballi ni cufama. Tarii akka fakkeenyaatti, “Yaa gooftaa, yaa gooftaa nuuf bani!” jedhanii iyyu taʼa. Haa taʼu malee, deebii yeroo murtootti namoota reʼeetti fakkeeffamaniif kennamuu wajjin wal fakkaatuu fi “Dhuguman isiniin jedha, ani isin hin beeku” jedhutu isaaniif kennama. Baayʼee kan nama gaddisiisu dha!—Mat. 7:21-23; 25:11, 12.

13. (a) Duuka buutonni Kiristos dibamoo taʼan baayʼeen isaanii amanamoo utuu hin taʼin hafu jennee yaaduu kan hin qabne maaliifi? (b) Akeekkachiisni Yesus kenne amanannaa inni Kiristiyaanota dibamoo irratti qabu kan argisiisu dha kan jennu maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

13 Yaadawwan armaan olitti ilaalle irratti hundaaʼuudhaan xumura akkamii irra gaʼuu dandeenya? Yesus tajaajiltoota isaa dibaman keessaa hedduun isaanii amanamoo utuu hin taʼin akka hafanii fi akka bakka buufaman dubbachuu isaa turee? Lakki. Fakkeenya kana dubbachuu isaa dura “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” hojjetaa hamaa akka hin taane akeekkachiisee akka ture yaadadhaa. Akkas yeroo jedhu hojjetaan amanamaan hojjetaa hamaa taʼa jechuu isaa hin turre. Haaluma wal fakkaatuun, fakkeenyi kunis akeekkachiisa cimaa taʼe dabarsa. Akkuma durboonni shan gowwaa taʼanii durboonni shan abshaala taʼan, dibamtoonni hundi qophaaʼoo fi dammaqoo ykn gowwaa fi kan hin amanamne taʼuuf filachuu ni dandaʼu. Phaawulos ergamaanis hafuura qulqulluutiin geggeeffamee Kiristiyaanota dibamoo hidhata isaa taʼaniif yaada kanaa wajjin wal fakkaatu barreesseera. (Ibroota 6:4-9 dubbisi; Keessa Deebii 30:19 wajjin wal bira qabii ilaali.) Akeekkachiisni Phaawulos kenne cimaa taʼuu isaa hubadhaa; taʼus itti fufuudhaan, “wanti wayyu” obboloota isaa Kiristiyaanota taʼan akka eeggatu amanannaa akka qabu dubbateera. Haaluma wal fakkaatuun, akeekkachiisni fakkeenya Yesus dubbate keessa jiru Kiristiyaanota dibamoo irratti amanannaa akka qabu argisiisa. Kiristos tajaajiltoota isaa dibamoo taʼan, tokkoon tokkoon isaanii hanga dhumaatti amanamoo taʼuu fi badhaasa gammachiisaa taʼe argachuu akka dandaʼan beeka!

‘HOOLONNI KAN BIRAAN’ FAAYIDAA KAN ARGATAN AKKAMITTI?

14. ‘Hoolonni kan biraanis’ fakkeenya waaʼee durboota kurnanii dubbatu irraa faayida argachuu ni dandaʼu kan jennu maaliifi?

14 Fakkeenyi Yesus waaʼee durboota kurnanii dubbate kallattiidhaan duuka buutota isaa warra dibamoo kan ilaallatu taʼus, fakkeenyichi ‘hoolota Yesus kan biraatiif’ faayidaa hin qabu jennee murteessuu qabnaa? (Yoh. 10:16) Akkas jechuu miti! Ergaan fakkeenya kanaa gabaabaadhumatti “dammaqaa” kan jedhuu dha. Yaadni kun Kiristiyaanota dibamaniif qofa kan hojjetu dhaa? Yesus yeroo tokko, “Kanan isiniin jedhus nama hundumaan nan jedha, dammaqaa!” jedheera. (Mar. 13:37) Yesus duuka buutonni isaa hundi amanamummaadhaan tajaajiluu fi dammaqinaan eeguuf garaa isaanii akka qopheessan isaan irraa eega. Kiristiyaanonni hundi fakkeenya gaarii dibamoota tajaajilaaf dursa kennanii hordofuu ni dandaʼu. Hundi keenya iyyuu, durboonni gowwaa taʼan sun cuunfaa ejersaa isaanii irraa akka isaaniif kennan warra abshaala akka gaafatan sammuutti haa qabannu. Gaaffiin isaanii inni buʼaa hin buusne namni kam iyyuu bakka keenya buʼee nuuf amanamaa taʼuu, dhugaa keessa nuuf jiraachuu ykn nuuf dammaquu akka hin dandeenye nu yaadachiisa. Tokkoon tokkoon keenya Abbaa Seeraa qajeelaa taʼee fi Yihowaan muudeef deebii ni kennina. Kanaafuu, qophaaʼoo taʼuu qabna. Yesus dhiheenyatti ni dhufa!

Gaaffiin cuunfaan ejersaa akka isaaniif kennamuuf dhiheessan, namni kam iyyuu bakka keenya buʼee nuuf amanamaa taʼuu ykn nuuf dammaqaa taʼuu akka hin dandeenye nu yaadachiisa

15. Gaaʼelli Kiristoosii fi misirroo isaa gidduutti raawwatamu Kiristiyaanota dhugaa hundaaf gammachiisaa kan taʼu maaliifi?

15 Kiristiyaanonni hundi wanta guddaa fakkeenya kana keessatti raawwatame irraas faayidaa ni argatu. Nu keessaa gaaʼelli gara fuulduraatti raawwatamu sun kan isa hin gammachiisne eenyu? Warri dibamoon yeroo sanatti samii irra taʼu; waraana Armaagedoon booda immoo misirroo Kiristos taʼu. (Mul. 19:7-9) Gaaʼelli samii irratti raawwatamu bulchiinsa mudaa hin qabne waan argamsiisuuf, warri yeroo sanatti lafa irra jiraatan hundi faayidaa ni argatu. Abdiin keenya gara fuulduraa samii irra jiraachuus taʼe lafa irra jiraachuu, fakkeenya waaʼee durboota kurnanii dubbatu irraa barumsa argachuuf murtoo haa goonu. Abdii guddaa Yihowaan nuu qopheesse argachuu akka dandeenyutti, of qopheessuudhaan, jabaannee dhaabachuu keenya itti fufuudhaan, akkasumas yeroo hunda dammaqoo taʼuudhaan qophaaʼoo taʼuu keenya haa argisiisnu!

^ KEY. 9 Fakkeenyicha keessatti yeroo sagaleen “Dhirsi misirroo kunoo ti [“dhufaa jira,” NW]!” jedhu (lakkoofsa 6) itti dhagaʼamee fi misirrichi itti dhufe ykn bakka sana itti gaʼe (lakkoofsa 10) gidduu yeroon murtaaʼe jira. Guyyoota dhumaa keessatti Kiristiyaanonni dibamoon dammaqoo taʼan mallattoowwan argamuu Yesus argisiisan hubataniiru. Kanaaf, ‘dhufaa akka jiru,’ jechuunis Mootummaa Waaqayyoo irratti bulchaa akka jiru beeku. Kana booda hamma inni dhufutti ykn gaʼutti jabaatanii dhaabachuuf carraaqqii gochuu qabu.