Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Kanaan dura barreeffamoota keenya irratti gaaddidduu fi wanti inni dhugaan yeroo baayʼee ni ibsama ture; waggoota dhihoodhaa asitti garuu akkas kan godhamu darbee darbee ti. Maaliif?

Masaraan Eegumsaa Fulbaana 15, 1950 (Ingiliffa), “gaaddidduu” fi “wanta isa dhugaa” akkana jechuudhaan ibsee ture: “Gaaddidduun fakkii ykn bakka buutuu wanta gara fuulduraatti taʼu tokkoo ti. Wanti inni dhugaan immoo wanta gaaddidduun sun argisiisu dha. Gaaddidduun fakkeenya, wanti inni dhugaan immoo wanta fakkeenyichi argisiisu dha jedhamuu dandaʼa.”

Duraan barreeffamoonni keenya, namoonni amanamoon akka Dibooraa, Eliihuu, Yiftaa, Iyoob, Rahaab, Ribqaa fi kan biraa hedduun, dibamtootaaf ykn ‘tuuta sonaan baayʼeedhaaf’ gaaddidduu ykn fakkeenya akka taʼan ibsanii turan. (Mul. 7:9) Fakkeenyaaf, Yiftaa, Iyoobii fi Ribqaan Kiristiyaanota dibamoo, Dibooraa fi Rahaab immoo tuuta sonaan baayʼee akka argisiisan yaadama ture. Waggoota dhihoodhaa asitti garuu haala akkasiitiin wal bira qabnee ibsuu dhiisneerra. Maaliif?

GAADDIDDUU

Hoolaan Faasikaa Israaʼel durii keessatti qalamu gaaddidduu ture.—Bau. 12:21

WANTA ISA DHUGAA

Phaawulos, Kiristos ‘hoolaa faasiikaa keenya’ akka taʼe dubbateera.—1 Qor. 5:7

Caaffanni Qulqullaaʼoon, namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman tokko tokko wanta caaluuf gaaddidduu akka taʼan ni argisiisu. Galaatiyaa 4:21-31 irratti akka ibsametti, Phaawulos ergamaan waaʼee dubartoota “fakkeenya” taʼan lamaa ibseera. Garbittii Abrahaam kan taate Aggaar, Israaʼel foonii warra Seera Museetiin Yihowaadhaaf buluuf dirqama keessa galan argisiisti. Saaraan isheen “dubartii birmaduu” taate immoo, dubartii Waaqayyoo, jechuunis kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii argisiisti. Phaawulos xalayaa Ibrootaaf barreesse irratti, karaawwan itti wal fakkaatan caqasuudhaan, Malkiisedeq isa mootii fi luba ture Yesusii wajjin wal fakkeesseera. (Ibr. 6:20; 7:1-3) Kana malees, Phaawulos Isaayaasii fi ilmaan isaa, Yesusii fi duuka buutota isaa dibamoo taʼanii wajjin wal bira qabee ibseera. (Ibr. 2:13, 14) Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee waan barreesseef, wantoota gaaddidduu taʼan kana ilaalchisee wanta inni jedhe gammachuudhaan fudhanna.

Haa taʼu malee, Macaafni Qulqulluun namni tokko qaama kan biraatiif gaaddidduu akka taʼu yeroo dubbatutti illee, wanti jireenya nama gaaddidduu taʼu sanaa keessatti raawwatame hundinuu wanta caalu tokkoof fakkeenya taʼa jennee murteessuu hin qabnu. Fakkeenyaaf Phaawulos, Malkiisedeq Yesusiif gaaddidduu akka taʼu kan ibse taʼus, yeroo tokko Abrahaam mootota afur moʼee yeroo deebiʼetti Malkiisedeq buddeenaa fi daadhii waynii isaaf kennuu isaa ilaalchisee waan dubbate hin qabu. Kanaafuu, haalli kun hiika dhokataa taʼe tokko ni qabaata jedhanii yaaduuf deggersi Caaffata Qulqullaaʼoo hin jiru.—Uma. 14:1, 18.

Barreessitoonni erga Yesus duʼee booda jiraatan tokko tokko, seenaa hunda keessaa wanta gaaddidduu taʼu argachuuf yaaluun isaanii rakkina isaanitti uumeera. Insaayikilooppeediyaan tokko barsiisawwan Oriijan, Embiroosii fi Jeerom ilaalchisee akkana jedha: ‘Wantoota gaaddidduu taʼan argachuuf carraaqqii kan godhan siʼa taʼu, seenaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti barreeffamanii fi iddoo guddaa hin qabne hunda keessaa wanta gaaddidduu taʼu argataniiru. Haalawwan baayʼee salphaa taʼanii fi iddoo guddaa hin qabne illee, dhugaa gadi fagoo of keessaa akka qaban yaadama ture; qurxummiin bartoonni galgala Yesus isaanitti mulʼatetti qaban lakkoofsi isaa 153 siʼa taʼu, namoonni tokko tokko lakkoofsa kana irraa illee wanta gaaddidduu taʼu argachuuf yaalaniiru!’

Oogastiin inni magaalaa Hiippoo, seenaa Yesus buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama dhiirota naannoo 5,000 akka nyaachise dubbatu irratti balʼinaan yaada kenneera. Garbuun qamadiidhaa gadi akka taʼe yaadamaa waan tureef, Oogastiin (“garbuun” inni gad aanaa taʼe “Kakuu Moofaa” isa iddoo guddaa akka hin qabnetti ilaalamaa ture akka argisiisu yaaduudhaan) buddeenni shanan kitaabota Musee shanan kan argisiisan taʼuu akka qaban yaada ture. Waaʼee qurxummii lamaanii hoo maal jedhe? Sababii garaa garaatiin, mootii tokkoo fi luba tokkotti isaan fakkeesseera. Hayyuun gaaddidduu fi wanta isa dhugaa barbaaduu jaallatu kan biraan immoo, Yaaqoob ittoo diimaadhaan mirga angafummaa Esaawu bitachuun isaa, Yesus dhiiga isaa isa diimaadhaan ilmaan namootaa samii dhaaluu akka dandaʼan gochuu isaa akka argisiisu amana ture!

Yaadawwan kun kan walitti hin dhufne fakkaatu taanaan, rakkinni isaa maal akka taʼe hubachuu dandeessa. Ilmaan namootaa, seenaan Macaafa Qulqulluu inni kam wanta gara fuulduraatiif gaaddidduu akka taʼuu fi inni kam akka hin taane beekuu hin dandaʼan. Wanti inni sirriin, yeroo Caaffanni Qulqullaaʼoon namni, haalli ykn wanti tokko isa kaaniif gaaddidduu akka taʼu ibsanitti yaadicha fudhachuu dha. Caaffata Qulqullaaʼoo irraa ragaa utuu hin argatin wanti tokko nama ykn seenaa tokkoof gaaddidduu akka taʼu yaaduu hin qabnu.

Seenaawwanii fi fakkeenyota Caaffata Qulqullaaʼoo keessa jiran irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti ree? Phaawulos ergamaan Roomaa 15:4 irratti akkana jedheera: “Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaaʼoon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaaʼoo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman.” Phaawulos, obboloonni isaa dibamoon jaarraa jalqabaatti turan, seenaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti galmeeffaman irraa barumsa argachuu akka dandaʼan dubbachuu isaa ture. Haa taʼu malee, sabni Waaqayyoo yeroo kamitti iyyuu jiraatan, dibamtootas taʼan “hoolota kan biraa,” “guyyoota gara dhumaa keessa” kan jiraatanis taʼan kaan, ‘wanta caaffata qulqullaaʼoo keessatti caafame’ irraa faayidaa argachuu ni dandaʼu, argataniirus.—Yoh. 10:16; 2 Xim. 3:1.

Seenaawwan kun hedduun isaanii, kutaa tokkoof qofa, jechuunis dibamtootaaf ykn tuuta sonaan baayʼeedhaaf qofa, akkasumas yeroo taʼe tokkoof qofa akka hojjetanitti yaaduu hin qabnu. Kanaa mannaa, sabni Waaqayyoo kutaa kam keessatti iyyuu argamanii fi yeroo kamitti iyyuu jiraatan, barumsawwan seenaawwan kana irraa argaman baayʼeen akka isaaniif hojjetan yaaduu qabu. Kanaafuu, fakkeenyaaf seenaan Iyoob rakkina Kiristiyaanonni dibamoon yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti dabarsan qofa argisiisa jennee yaaduu hin qabnu. Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun, dhiirotas taʼan dubartoota, dibamtootas taʼan tuuta sonaan baayʼee, rakkinni wanta Iyoob irra gaʼee wajjin wal fakkaatu kan isaan irra gaʼe siʼa taʼu, ‘wanta gooftaan ittiin raawwate arganiiru. Gooftichi gara-laafessa, ooʼa-qabeessas taʼuu isaa arganiiru.’—Yaq. 5:11.

Mee yaadi: Yeroo harʼaatti dubartoonni manguddoon akka Dibooraa amanamoo taʼan, jaarsoliin gumii dargaggoon akka Eliihuu ogeeyyii taʼan, qajeelchitoonni ija jabeeyyiin akka Yiftaa hinaaffaa qabanii fi dhiironnii fi dubartoonni amanamoon akka Iyoob obsa qaban hedduun gumiiwwan keenya keessa hin jiranii? Yihowaan “jajjabina caaffanni qulqullaaʼoon nuuf kennaniin abdii akka argannutti,” “wanti caaffata Qulqullaaʼoo keessatti caafaman hundinuu” nuu eegamanii akka turan gochuu isaatti baayʼee isa galateeffanna!

Sababiiwwan ilaalle kanaan kan kaʼe, barreeffamoonni keenya dhiheenyatti bahaa jiran, gaaddidduu fi wanta isa dhugaa argachuu irratti xiyyeeffachuu mannaa, barumsa seenaawwan Macaafa Qulqulluu irraa argannu irratti xiyyeeffachaa jiru.