Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Hojii Caalaatti Nama Kiisu Arganne

Hojii Caalaatti Nama Kiisu Arganne

GIWEENII fi ani umriin keenya waggaa shan yeroo turetti daansii barachuu jalqabne. Yeroo kanatti wal hin beeknu turre. Yeroo guddannu garuu, lamaan keenya iyyuu daansiin baaleet jedhamu hojii keenya akka taʼu murteessine. Haa taʼu malee, daansii kanaan sadarkaa guddaa irra yeroo geenyetti hojii kana ni dhiisne. Murtoo akkasii irra akka geenyu kan godhe maali dha?

Deevid: Bara 1945tti Ingilaanditti bulchiinsa Shiroopshiir keessattan dhaladhe. Abbaan koo naannoo baadiyyaa tasgabbaaʼaatti lafa qonnaa qaba ture. Saʼaatii barumsaa booda, indaaqqoon nyaachisa, buuphaa isaaniin sassaaba, akkasumas sangootaa fi hoolotan kunuunsan ture. Yeroo barumsi hin jirretti, yeroo tokko tokko tiraaktaroota keenya oofuudhaan midhaan sassaabuu irratti warra koo nan gargaaran ture.

Haa taʼu malee, fedhiin biraan na keessatti uumamuu jalqabe. Abbaan koo xinnummaa kootti yeroon muuziqaa dhagaʼu hundatti dannasuu akkan barbaadu hubate. Kanaafuu, umrii koo waggaa shaniitti haati koo gosa daansii miilaan lafa dhiitaa dannasan akkan baradhu mana barumsaa daansiitti akka na geessitu yaada dhiheesse. Barsiisaan koo dandeettii daansii baaleet dannasuuf na gargaaru akkan qabu waan hubateef, daansii kanas na barsiise. Umurii koo waggaa 15tti dorgommii moʼeen Landanitti mana barumsaa daansii baaleet beekamaa taʼee fi Za Rooyaal Baaleet Iskuul jedhamu galee barachuuf carraan argadhe. Achitti Giweenii wajjin kan wal barre siʼa taʼu, lamaan keenya waliin akka dannasnu ramadamne.

Giween: Bara 1944tti magaalaa Landan ishee sochiin itti baayʼatu keessattan dhaladhe. Ijoollummaa kootti Waaqayyo irratti amantii cimaa qaban ture. Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yaalus, hubachuuf natti ulfaata ture. Sana dura umurii koo waggaa shaniitti, mana barumsaa daansii galeen ture. Waggaa jaʼa booda dorgommiin dannastoonni guutummaa Biritaaniyaatii dhufan irratti hirmaatan godhamee ture; namni moʼe mana barumsaa daansii baaleet Za Rooyaal Baaleet Iskuul jedhamutti carraa barumsaa argata ture; dorgommii kana nan moʼe. Manni barumsaa kun Waayit Looj isa mana bareedaa kan warra Joorjiyaa taʼee fi Paarkii Rikomoondi isa qarqara Landanitti argamu keessa jirutti argama ture. Achitti barumsa kan na barsiises taʼe leenjii daansii baaleet kan naa kenne barsiisota beekamoo taʼani dha. Umurii koo waggaa 16tti, barattuu waggaa dhumaa kanan ture yommuu taʼu, Deevidii wajjin kanan wal bares achitti. Jiʼoota muraasa booda, qophii oppeeraa mana Rooyaal Oppeeraa Haawus jedhamuu fi Kooveenti Gaardan, Landanitti argamutti dhihaachaa ture irratti waliin taanee daansii baaleet argisiisuu jalqabne.

Sababa hojii daansii baaleetiin gara biyyoota garaa garaa ni deemna turre

Deevid: Eeyyee, akkuma Giween jette, hojiin keenya mana beekamaa Rooyaal Oppeeraa Haawus jedhamutti garee Landan Feestivaal Baaleet (yeroo ammaatti Ingiliish Naashinaal Baaleet jedhama) jedhamuu wajjin dannasuuf nu dandeessiseera. Ogeessi sochii daansii Rooyaal Baaleet tokko, Wuppartaal, Jarmanii keessatti dhaabbata biyyoolessaa kan hundeesse siʼa taʼu, lamaan keenya achitti akka dannasnu nu filate. Yeroo hojii kana hojjennutti manneen tiyaatiraa addunyaa maratti argamanitti dannasneerra; akkasumas, namoota beekamoo kan akka Daam Maargoo Fonteyin fi Ruudoolfi Nariiyav wajjin argisiisa daansii dhiheessuuf carraa arganneerra. Jireenyi dorgommiidhaan guutame akkasii namni tokko akka kooru godha; kanaaf, hojii keenyaaf of murteessine.

Giween: Sammuu fi qaamni koo guutummaatti daansii irratti xiyyeeffatee ture. Deevidis taʼe ani hojii kanaan sadarkaa ol aanaa irra gaʼuuf baayʼee hawwina turre. Namootaaf mallatteessuun, abaaboo fudhachuun, akkasumas yeroo namoonni harka walitti naa rukutan dhagaʼuun baayʼee na gammachiisa ture. Hojii tiyaatiraa yeroon hojjechaa turetti, namoota gocha gadhiisii raawwataniin, tamboo xuuxanii fi gar malee dhuganiin marfameen ture; akkuma namoota hojii kana hojjetan kaanii, anis kudhaama carraa gaarii argamsiisa jedhamutti nan amanan ture.

JIREENYI KEENYA GUUTUMMAATTI JIJJIIRAME

Guyyaa cidha keenyaa

Deevid: Waggoota hedduudhaaf hojii daansii ergan hojjedhee booda, yeroo hunda karaa deemuun na nuffisiise. Kanan guddadhe naannoo baadiyyaatti waan taʼeef, jireenya baadiyyaa isa salphaa taʼe hawwuun jalqabe. Kanaafuu, bara 1967tti, hojii koo dhiiseen bakka horsiisaa balʼaa qeʼee warra kootti dhihoo jiru tokko irratti hojjechuu jalqabe. Abbaan lafichaas mana citaa xinnoo tokko naa kireesse. Giweeniif bilbileen akka natti heerumtu ishee gaafadhe. Guddina argattee kophaa ishee dannasuu jalqabdee kan turte taʼuu isaa irra iyyuu, hojii isheetiin milkaaʼina argachaa waan turteef murtoo kana gochuun itti ulfaatee ture. Taʼus gaaffii koo fudhattee, anaa wajjin jireenya baadiyyaa kanaan dura baayʼee hin beekne jiraachuu jalqabde.

Giween: Dhugaa dha, jireenya baadiyyaa baruun ulfaataa ture. Haala qilleensaa garaa garaa keessatti aannan elmuun, booyyee fi indaaqqoodhaaf nyaata kennuun, haalan kanaan dura beeku irraa baayʼee adda ture. Deevid hojii horsiisaa ammayyaa wajjin wal baruuf koolleejii qonnaatti leenjii jiʼa sagalii fudhachuu waan jalqabeef, galgala hamma inni galutti kophummaan natti dhagaʼama ture. Yeroo kanatti intalli keenya isheen jalqabaa Giilii jedhamtu dhalattee turte. Yaada Deevid naa kenneen konkolaataa oofuu kanan baradhe siʼa taʼu, gaaf tokko mandara nutti dhihoo jirtu tokko yeroon dhaqetti Geelii wajjinan wal arge. Kanan ishee beeku suuqii naannoo keenya jiru keessatti yeroo hojjettutti ture.

Akkuma wal fuuneen jireenya nuti bakka horsiisaatti dabarsaa turre

Geel shaayii akkan dhugu mana isheetti na afeerte. Suuraa cidhaa kan natti argisiiste siʼa taʼu, suuraan tokko namoota iddoo Galma Mootummaa jedhamu biratti kaʼan kan argisiisu dha. Galmichi kan waldaa isa kamii akka taʼen ishee gaafadhe. Isheenii fi abbaan manaa ishee Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan yeroo natti himtu baayʼeen gammade. Adaadaan koo tokko Dhugaa Baatuu akka turte nan yaadadhe. Taʼus, abbaan koo baayʼee isheetti aaraa, ishee jibbaa fi barreeffamoota ishee qodaa kosii keessatti gataa akka tures nan yaadadhe. Abbaan koo inni jaalala qabeessa taʼe, adaadaa koo ishee nama gaarii taatetti hamma sana kan aaru maaliif akka taʼe naaf hin galu ture.

Dhuma irratti, amantiin adaadaa kootii barsiisa waldaalee kaanii irraa maaliif adda akka taʼe hubachuuf carraan argadhe. Geel barumsa Macaafa Qulqulluu isa sirrii natti argisiiste. Barumsawwan hedduun kan akka barumsa Sillaasee fi lubbuun hin duutu jedhanii, Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin akka wal faallessan yeroon beeku na ajaaʼibe. (Lal. 9:5, 10; Yoh. 14:28; 17:3) Maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhus yeroo jalqabaatiif Macaafa Qulqulluu irraan arge.—Bau. 6:3, NW.

Deevid: Giween wanta barachaa jirtu natti himte. Yeroon mucaa xinnoo turetti abbaan koo Kitaaba Isa Gaarii (Macaafa Qulqulluu) dubbisuu akkan qabu natti himuu isaa nan yaadadha. Kanaafuu, Geelii fi abbaan manaa ishee Deerik Macaafa Qulqulluu akka nu qayyabsiisan walii galle. Jiʼa jaʼa booda, bakka horsiisaa xinnoo mataa keenyaa akka kireeffannu haalli waan nuu mijeeffameef, Oswestirii ishee achuma bulchiinsa Shiroopshir keessa jirtutti galle. Achitti, Dhugaa Baatuun Diirdirii jedhamtu, obsaan Macaafa Qulqulluu nu qayyabsiisaa turte. Jalqaba irratti guddinni keenya saffisa hin qabu ture. Horii kunuunsuun hojii nutti baayʼisee ture. Taʼu iyyuu dhugaan suutuma suutaan garaa keenya tuquu jalqabe.

Giween: Wantan itti amanu tokko tokko dhiisuun baayʼee natti ulfaatee ture. Isaayaas 65:11, Yihowaan ‘warra waaqayyolii milkiitiif maaddii qopheessan’ akkamitti akka ilaalu hubachuuf na gargaareera. Kudhaamawwan koo carraa gaarii akka naaf argamsiisan amanu gatuuf yeroo kan natti fudhate taʼuu isaa irra iyyuu kadhannaa gochuun na barbaachisee ture. ‘Namni ol of qabu akka gad deebifamu, namni gad of deebisu immoo akka ol qabamu’ beekuun koo, Yihowaan nama akkamii akka barbaadu na hubachiiseera. (Mat. 23:12) Waaqa Ilma isaa jaallatamaa nuu kennuudhaan jaalala nutti argisiise tajaajiluun barbaade. Yeroo kanatti intala lammaffaa godhannee kan turre siʼa taʼu, maatiin keenya lafa jannata taatu irra bara baraaf akka jiraatu yeroo beeknu baayʼee gammanne.

Deevid: Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu kan akka Maatewos boqonnaa 24 fi macaafa Daaniʼel keessa jiranii haala dinqisiisaa taʼeen raawwatamuu isaanii yeroon hubadhu amantiin kun dhugaa taʼuu isaa nan amane. Wanti sirna kana keessa jiru kam iyyuu, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu wajjin akka wal hin gitne nan mirkaneeffadhe. Kanaafuu, yeroon darbaa yeroo deemu hawwiin bakka guddaa gaʼuuf qabu hirʼachaa dhufe. Haati manaa koo fi ijoolleen koo hammuma koo bakka guddaa akka qaban nan hubadhe. Filiphisiiyus 2:4 of irrattii fi fedhiin bakka horsiisaa guddaa qabaachuuf qabu irratti garmalee xiyyeeffachuu akkan hin qabne, kanaa mannaa jireenya koo keessatti tajaajila Yihowaatiif dursa kennuu akkan qabu na amansiise. Tamboo xuuxuu nan dhiise. Haa taʼu malee, saawwan keenya kan elmaman galgala waan taʼeef, walgaʼii Sanbadduraa galgalaa iddoo kiilomeetira 10 fagaatee jirutti godhamu irratti argamuuf haala keenya mijeessuun salphaa hin turre. Taʼus, Giween gargaarsa waan nuu gootuuf walgaʼii hafnee hin beeknu; akkasumas, Dilbata ganama yeroo hunda saawwan keenya erga elmannee booda ijoollee keenya qabannee tajaajila baana turre.

Firoonni keenya jijjiirama goonetti hin gammadne. Abbaan Giween waggaa jaʼaaf ishee oodan. Warri koos walitti dhufeenya Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qabnu akka dhaabnu gochuuf yaalanii turan.

Giween: Yihowaan haalawwan rakkisaa kana akka moonu nu gargaareera. Obboloonni keenya Gumii Oswestiriitti argamanis yeroo rakkinaatti jaalalaan kakaʼanii nu gargaaruudhaan maatii haaraa nuu taʼaniiru. (Luq. 18:29, 30) Bara 1972tti Yihowaadhaaf of murteessinee cuuphamne. Hamma dandaʼame namoonni baayʼeen dhugaa akka dhagaʼan gargaaruu waanan barbaadeef qajeelchaan taʼe.

HOJII HAARAA NAMA KIISU

Deevid: Waggoonni bakka horsiisaa keenya irratti hojjechuudhaan dabarsine kan nama dadhabsiisan turan; taʼus, ijoollee keenyaaf karaa hafuuraa fakkeenya gaarii taʼuuf yaalleerra. Yeroo booda deggersi mootummaan nuu godhu waan hirʼateef, bakka horsiisaa keenya dhiisuuf dirqamne. Manas taʼe hojii hin qabnu turre; intalli keenya isheen sadaffaan immoo umuriin ishee reefuu waggaa tokko ture; kanaafuu, Yihowaan gargaarsaa fi qajeelfama akka nuu kennu kadhanne. Dandeettii keenyatti fayyadamuuf murteessinee, wanta maatii keenyaaf barbaachisu guutuuf mana argisiisa daansii banne. Murtoon dhimmoota hafuuraatiif dursa kennuuf goone buʼaa gaarii argamsiise. Ijoolleen keenya sadan barumsa erga fixanii booda qajeelchitoota taʼanii tajaajiluu jalqabuun isaanii baayʼee nu gammachiise. Giweenis qajeelchituu turte; kanaaf, deggersa ijoollee keenyaaf barbaachisu gochuu dandeessee turte.

Ijoolleen keenya gurguddoon lamaan, Giilii fi Daniis erga heerumanii booda mana argisiisa daansii bannee turre ni cufne. Bakki caalaatti gargaarsa gochuu itti dandeenyu eessa akka taʼe baruuf waajjira dameetiif barreessine. Achii, mandaroota kibba baha Ingilaanditti argamanitti nu ramadan. Nu wajjin kan turte intala keenya Debii qofa dha; yeroo kanatti anis qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Waggaa shan booda, gumiiwwan gara kaabaatti fagaatanii argaman akka gargaarru gaafatamne. Debiin erga heerumtee booda immoo, waggaa kudhaniif hojii ijaarsaa biyyoolessaa Zimbaabuwee, Moldoovaa, Hangaarii fi Koot Diivuwaaritti raawwatamu irratti hirmaachuuf mirga arganneerra. Achii hojii ijaarsaa Betʼel Landanitti raawwatamaa ture irratti gargaarsa gochuuf gara Ingilaanditti deebine. Hojii horsiisaa irratti muuxannoo waanan qabuuf, bakka horsiisaa Betʼel yeroo sana ture irratti gargaarsa akkan godhu gaafatameen ture. Amma kaaba lixa Ingilaanditti qajeelchitoota taanee tajaajilaa jirra.

Hojii ijaarsaa biyyoolessaa irratti hirmaachuudhaan gammachuu guddaa arganneerra

Giween: Jalqaba daansii baaleetiif of murteessinee turre; kun gammachuu nuuf argamsiisee kan ture taʼus, gammachuu itti fufiinsa qabu hin turre. Booda garuu Yihowaadhaaf of murteessine; kana gochuun keenya gammachuu dhuma hin qabne nuuf argamsiiseera. Ammas waliin hojjechaa jirra; yeroo kanatti garuu miila keenyatti kan fayyadamnu waliin lallabuufi dha. Dhugaa gati jabeessaa fi lubbu baraarsaa taʼe akka beekan namoota hedduu gargaaruun, gammachuu hammana hin jedhamne nuuf argamsiiseera. ‘Caaffanni nuuf dubbatu’ kun beekamummaa addunyaa kana keessatti argamu hunda irra kan caalu dha. (2 Qor. 3:1, 2) Utuu dhugaa hin dhageenye taʼee, wanti nuti yeroo ammaatti qabaannu yaadannoowwan durii, suuraawwan durii fi wantoota tiyaatira dur hojjenne irraa waraabaman qofa taʼa ture.

Deevid: Hojii tajaajila Yihowaa wajjin wal qabate hojjechuun, jireenya keenya irratti jijjiirama guddaa fideera. Abbaa fi abbaa manaa gaarii taʼuuf akka na gargaare beeka. Macaafni Qulqulluun Miiryaam, Daawit Mootichii fi namoonni kan biraan gammachuu isaanii daansiidhaan (sirbaan) akka ibsan ni dubbata. Nuyis taane namoonni hedduun kaan, addunyaa haaraa keessatti Yihowaadhaaf yeroo itti sirbinu hawwiidhaan eegganna.—Bau. 15:20; 2 Sam. 6:14.