Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ajajni “Nama Amane” Qofa Hiriyaa Gaaʼelaa Akka Godhannu Kenname Yeroo Ammaattis Ni Hojjetaa?

Ajajni “Nama Amane” Qofa Hiriyaa Gaaʼelaa Akka Godhannu Kenname Yeroo Ammaattis Ni Hojjetaa?

“Gumii keessaa hiriyaa gaaʼelaa argachuu hin dandeenye; utuun gaaʼela hin godhatin akkan hin dulloomnen sodaadha.”

“Dhiironni biyya lafaa tokko tokko gaarummaa fi jaalala kan qaban, akkasumas kan namaaf yaadani dha. Amantii koo kan hin mormine taʼuu isaa irra iyyuu, obboloota tokko tokko caalaa kan namatti tolan fakkaatu.”

Tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko, hiriyaa gaaʼelaa barbaaddachuu wajjin haala wal qabateen yaada akkasii dubbataniiru. Haa taʼu malee, gorsa Phaawulos ergamaa “nama amane” qofa hiriyaa gaaʼelaa godhachuu akka qabnu dubbatuu fi Kiristiyaanota hundaaf hojjetu beeku. (1 Qor. 7:39) Erga akkas taʼee, maaliif akkas jedhanii dubbatu ree?

SHAKKIIN KAN ISAANITTI UUMAMU MAALIIFI?

Obboloonni kun yaada akkasii kan kennan lakkoofsi obbolootaa fi obboleettotaa akka wal hin gitne waan itti dhagaʼamuuf taʼuu dandaʼa. Biyyoota hedduu keessatti haalli kun dhugaa dha. Fakkeenya lama ilaali: Kooriyaa keessatti Dhugaa Baatota qeentee 100 keessaa 57 obboleettota siʼa taʼan, 43 immoo obboloota dha. Kolombiyaa keessatti Dhugaa Baatota keessaa dhibbeentaan 66 obboleettota siʼa taʼan, dhibbeentaan 34 immoo obboloota akka taʼan gabaafameera.

Biyyoota tokko tokko keessatti, maatiin obboleettotaa Dhugaa Baatota hin taane gabbarsuu gaaʼelaa guddaa kan gaafan taʼuun isaa, gaaʼela godhachuun obboloota galii xinnoo qabaniif rakkisaa akka taʼu godheera. Haalawwan kun, obboleettiin tokko “nama amane” keessaa hiriyaa gaaʼelaa argachuun rakkisaa akka taʼe akka isheetti dhagaʼamu gochuu dandaʼu. Kanaafuu, “Obboloota keessaa nama hiriyaa gaaʼelaa naa taʼu argachuu nan dandaʼa jedhee yaaduun sirrii dhaa?” jettee gaafatti taʼa. *

YIHOWAATTI AMANAMUUN BARBAACHISAA DHA

Wanta akkasii yaaddee beeka taanaan, Yihowaan haala kee akka beeku mirkanaaʼaa taʼi. Inni dhimmicha ilaalchisee wanta sitti dhagaʼamu beeka.—2 Sen. 6:29, 30.

Taʼu iyyuu Yihowaan Dubbii isaa keessatti nama amane qofa hiriyaa gaaʼelaa godhachuu akka qabnu qajeelfama kenneera. Maaliif? Wanta saba isaatiif gaarii taʼe waan beekuufi dha. Yihowaan saba isaa rakkina karaa sirrii hin taane hordofuun geessisu irraa eeguu qofa utuu hin taʼin, akka isaan gammadoo taʼanis ni barbaada. Bara Nahimiyaatti yeroo Yihudoonni hedduun namoota biyya biraa Yihowaa hin waaqeffannee wajjin gaaʼela godhatanitti, Nahimiyaan fakkeenya Solomoon isa gaarii hin taane caqasee ture. Solomoon “Waaqayyo isa jaallatee” kan ture taʼus, “intaloonni ormaa warri inni fuudhe isuma iyyuu cubbuu in hojjechiisan.” (Nah. 13:23-26) Kanaafuu, Waaqayyo nama dhugumaan isa waaqeffatu qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhannu qajeelfama kan nuu kenne faayidaa keenyaaf jedhee ti. (Far. 19:7-10; Isa. 48:17, 18) Kiristiyaanonni dhugaan kunuunsa Waaqayyoo isa jaalala irratti hundaaʼe ni dinqisiifatu; qajeelfama isaattis ni amanamu. Karaa kanaan, akka Bulchaa isaaniitti isaaf bitamuudhaan uumama cufa irratti olaantummaa akka qabu hubachuu isaanii argisiisu.—Fak. 1:5.

Nama Yihowaa irraa si fageessuu dandaʼuu wajjin ‘walitti hidhamuu’ akka hin barbaanne ifa dha. (2 Qor. 6:14) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran hedduun, qajeelfama Waaqayyoo isa yoom iyyuu eegumsa namaaf argamsiisu hojii irra kan oolchan siʼa taʼu, qajeelfama kana hordofuun isaanii sirrii akka taʼes hubataniiru. Obboloonni tokko tokko garuu qajeelfama kana hojii irra hin oolchine.

YEROO AMMAATTIS NI HOJJETA

Obboleettiin Awustiraaliyaa jiraattuu fi Maagii * jedhamtu nama hin amannee wajjin wal qorachuu yeroo jalqabdetti wanta uumame akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Isaa wajjin yeroo dabarsuuf jecha walgaʼiiwwan hedduu nan hafan ture. Karaa hafuuraa garmaleen dadhabe.” Raataanaan isheen Hindii jiraattu, mucaa kutaa isheetti baratuu fi Macaafa Qulqulluu qayyabachuu eegalee turee wajjin walitti dhufeenya jaalalaa jalqabde. Yeroo booda garuu Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqabe isheetti dhihaachuuf jedhee akka taʼe ifa taʼe. Isheenis dhugaa kan dhiiste siʼa taʼu, gaaʼela godhachuuf jecha amantii ishee jijjiirteetti.

Haala Nidenkaa ishee Kaameruun jiraattuu immoo haa ilaallu. Yeroo heerumtetti umuriin ishee waggaa 19 ture. Kaadhimni ishee amantii ishee bilisummaadhaan hordofuu akka dandeessu waadaa isheedhaa galee ture. Taʼus erga cidha godhatanii torban lama booda, walgaʼiiwwan gumii irratti akka hin argamne ishee dhowwe. Akkana jetteetti: “Kophummaan kan natti dhagaʼame siʼa taʼu, yeroo hunda nan booʼan ture. Jireenyi koo toʼannaa kootii ala akka taʼen hubadhe. Yeroo hunda nan gaabban ture.”

Kana jechuun garuu hiriyoonni gaaʼelaa hin amanne hundi hamoota, akkasumas garraamii kan hin taane dha jechuu miti. Haa taʼu malee, nama hin amannee wajjin gaaʼela godhachuun kee rakkina akkasii sirra geessisuu baatus, walitti dhufeenya Abbaa kee isa samii jaalala qabeessa taʼee wajjin qabdu kan si jalaa tuqu akkamitti? Gorsa inni faayidaa keetiif jedhee sii kenne dhagaʼuu akka didde yeroo hubattu maaltu sitti dhagaʼama? Hunda caalaa immoo, waaʼee murtoo keetii Yihowaatti maaltu dhagaʼama?—Fak. 1:33.

Obboloonnii fi obboleettonni addunyaa maratti argaman qajeelfamni “nama amane” qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhannu nuu kenname faayida qabeessa taʼuu isaatiif dhugaa baʼuu ni dandaʼu. Warri qeentee taʼan, waaqeffattoota Yihowaa keessaa qofa hiriyaa gaaʼelaa filachuudhaan isa gammachiisuuf murteessaniiru. Obboleettii qeenteen Michiikoo jedhamtuu fi Jaappaan keessa jiraattu, firoonni ishee nama hin amannetti akka heerumtu ishee amansiisuuf yaalanii turan. Dhiibbaa ishee irra gaʼu kana malees, hiriyoonni ishee fi namoonni beektu tokko tokko gumii keessaa hiriyaa gaaʼelaa yeroo argatan argiteetti. Akkana jetteetti: “Yihowaan ‘Waaqa gammadaa’ waan taʼeef, gammachuu qabaachuun keenya kan hundaaʼe gaaʼela godhachuuf dhiisuu irratti akka hin taane yeroo hunda ofan yaadachiisan ture. Fedhii garaa keenyaa akka nuu guutus nan amana. Kanaafuu, gaaʼela godhachuu kan barbaannu taʼus hiriyaa gaaʼelaa argachuu hin dandeenye taanaan, hammasitti qeentee taanee jiraachuu nuu wayya.” (1 Xim. 1:11, NW) Yeroo booda, Michiikoon obboleessa gaarii taʼetti kan heerumte siʼa taʼu, obsaan eeguu isheetti gammaddeetti.

Obboloonni tokko tokkos hiriyaa gaaʼelaa isaaniif taʼu hamma argatanitti turuun isaan barbaachiseera. Biil inni Awustiraaliyaa jiraatu isaan keessaa tokko dha. Dubartoonni gumiidhaa ala jiran yeroon itti isa hawwatan akka jiru ifatti dubbateera. Taʼus, baayʼee isaaniitti dhihaachuu irraa of qusateera. Maaliif? Tarkaanfii ‘nama hin amannee wajjin walitti hidhamuutti’ isa geessu isa jalqabaa illee fudhachuu waan hin barbaanneefi. Obboleettota muraasa jaallatee kan beeku taʼus, isaan garuu miira akkasii isaaf hin qaban turan. Biil haadha manaa isaaf taatu hamma argatutti waggaa 30f eegeera. Akkana jedheera: “Homaa hin gaabbu. Waan walii wajjin tajaajila baanuuf, wajjin qayyabannuu fi wajjin waaqeffannuuf akkan eebbifame natti dhagaʼama. Michoonni haadha manaa kootii hundi Yihowaa kan waaqeffatan waan taʼaniif isaanii wajjin wal arguunii fi yeroo dabarsuun na gammachiisa. Gaaʼela keenya cimsuuf seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutti fayyadamna.”

YEROO YIHOWAA EEGGANNUTTI MAAL GOCHUU DANDEENYA?

Dhimmicha Yihowaa isa si kunuunsu harkatti yeroo dhiistutti maal gochuu dandeessa? Fakkeenyaaf, sababii hamma ammaatti gaaʼela itti hin godhanne yaaduu dandeessa. Sababiin kee inni guddaan qajeelfama Macaafa Qulqulluu isa “nama amane” wajjin qofa gaaʼela godhachuu akka qabnu dubbatuuf ajajamuuf yoo taʼe, ajaja Waaqayyoo kabajuu keetti galateeffamuu qabda. Yihowaan Dubbii isaatiif ajajamuuf murteessuu keetti akka gammadu mirkanaaʼaa taʼi. (1 Sam. 15:22; Fak. 27:11) Kadhannaadhaan ‘wanta garaa keetti yaadde isa duratti dhangalaasuu’ kee itti fufi. (Far. 62:8) Garaadhaa, akkasumas itti fufiinsaan kadhannaa dhiheessuun kee walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu cimsa. Dhiibbaa keessaayis taʼe alaa si mudatu ciminaan dandamachuun kee caalaatti Waaqayyotti akka dhihaattu godha. Waaqni inni hunda caalu, tajaajiltoota isaa amanamoo hunda akka jaallatuu fi atis isa duratti iddoo guddaa akka qabdu mirkanaaʼaa taʼi. Inni wanti si barbaachisuu fi wanti hawwitu maal akka taʼe beeka. Eenyuuf iyyuu hiriyaa gaaʼelaa kennuuf waadaa hin seenu. Taʼus, dhuguma hiriyaa gaaʼelaa qabaachuun si barbaachisa yoo taʼe, Waaqayyo karaa fedhiiwwan kee sirrii taʼan itti sii guutu beeka.—Far. 145:16; Mat. 6:32.

Yeroo tokko tokko atis akkuma Daawit isa “Hafuurri koo wal qaqqabuu dadhabeera, ariifadhuu na jalaa owwaadhu, yaa Waaqayyo! . . . fuula kee achi ana irraa hin qabatin!” jechuudhaan barreessee sitti dhagaʼamuu dandaʼa. (Far. 143:5-7, 10) Yeroo akkasiitti Abbaan kee inni samii maal akka sii yaadu akka sitti argisiisu yeroo kenniif. Dubbii isaa dubbisuu fi wanta dubbiste irratti xiinxaluudhaan kana gochuu dandeessa. Yoo akkas goote, abboommiiwwan isaa maalfaa akka taʼan beekuu fi wanta inni kanaan dura sabasaatiif godhe hubachuu dandeessa. Kan isa dhaggeeffattu yoo taʼe, isaaf abboomamuun faayidaa kan qabu taʼuu isaa irratti amanannaa qabaatta.

Single ones are valuable in the congregation, often assisting families and young ones

Waggoota qeentee taʼuudhaan dabarsitutti gammachuu qabaachuu fi hojiidhaan qabamuuf maal gochuu dandeessa? Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu cimsachuuf, akkasumas maqaa gaarii qabaachuuf carraaqqii gochuu dandeessa. Arjaa taʼuuf, ciminaan hojjechuuf, nama itti dhihaachuun hin ulfaanne taʼuuf, akkasumas Yihowaadhaaf amanamaa taʼuuf carraaquu ni dandeessa. Amalawwan kun gaaʼela gammachiisaa qabaachuuf barbaachisoo dha. (Uma. 24:16-21; Rut. 1:16, 17; 2:6, 7, 11; Fak. 31:10-27) Hojii lallabaa fi sochiiwwan hafuuraa kaan irratti guutummaatti hirmaachuudhaan Mootummicha dursi; kana gochuun kee eegumsa sii taʼa. Biil inni olitti caqasame, waggoota hiriyaa gaaʼelaa itti barbaadaa ture ilaalchisee, “Dafanii darban! Yeroo sana qajeelchaa taʼee Yihowaa tajaajiluudhaanan dabarse” jedheera.

Eeyyee, qajeelfamni “nama amane” qofa hiriyaa gaaʼelaa godhachuu akka qabnu dubbatu yeroo ammaattis ni hojjeta. Qajeelfama kana hojii irra oolchuun kee Yihowaadhaaf ulfina kan fidu siʼa taʼu, siifis gammachuu dhuma hin qabne argamsiisa. Macaafni Qulqulluun akkana jedha: “Namni Waaqayyoon sodaatu, inni abboommiin isaa guddaa itti tolus haa gammadu! Badhaadhummaa fi soorumni mana isaa keessa jira, qajeelummaan isaas yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.” (Far. 112:1, 3) Kanaafuu, abboommii Waaqayyoo isa “nama amane” qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhannu dubbatu hojii irra oolchuu kee itti fufuuf murteessi.

^ KEY. 7 Mata duree kana keessatti, waaʼee obboleettotaa kan dubbanne taʼus, yaadawwan caqasaman obbolootaafis ni hojjetu.

^ KEY. 13 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.