Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaarsoliin Warri Kaan Gaʼumsa Akka Qabaatan Leenjisuu Kan Dandaʼan Akkamitti?

Jaarsoliin Warri Kaan Gaʼumsa Akka Qabaatan Leenjisuu Kan Dandaʼan Akkamitti?

“Waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo . . . taʼanitti hadaraa kenni!”2 XIM. 2:2.

1. (a)Tajaajiltoonni Yihowaa leenjii ilaalchisee durii kaasee maal hubatanii turan? Kun yeroo harʼaatiif kan hojjetu akkamitti? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

TAJAAJILTOONNI Yihowaa milkaaʼina argachuuf leenjiin barbaachisaa taʼuu isaa durii kaasee ni hubatu turan. Abraam Looxiin oolchuuf ‘dhiirota isaa leenjiʼan kan erge’ siʼa taʼu, isaanis milkaaʼaniiru. (Uma. 14:14-16, NW) Bara Daawit Mootichaatti, warri mana qulqullummaa keessatti faarfatan ‘Waaqayyoon faarfachuu barsiifamanii [ykn leenjiʼanii] kan turan’ siʼa taʼu, Yihowaadhaaf ulfina fidaniiru. (1 Sen. 25:7) Yeroo harʼaa, Seexanaa fi duuka buutota isaa wajjin waraana hafuuraa irra jirra. (Efe. 6:11-13) Kana malees, carraaqqii Yihowaadhaaf ulfina fiduuf goonu ittuma cimsaa jirra. (Ibr. 13:15, 16) Kanaafuu, akkuma tajaajiltoota Yihowaa dur turanii milkaaʼina argachuuf leenjiʼuu qabna. Gumii keessatti, Yihowaan itti gaafatamummaa warra kaan leenjisuu jaarsoliitti hadaraa kenneera. (2 Xim. 2:2) Gumiidhaaf kunuunsa gochuuf gaʼumsa akka qabaatan obboloota leenjisuuf, jaarsoliin muuxannoo qaban malawwan akkamiitti fayyadamaa jiru?

BARATTOOTA KEESSAN KARAA HAFUURAA JABEESSAA

2. Jaarsi tokko barataa tokko leenjisuu isaa dura maal gochuu dandaʼa? Maaliif?

2 Jaarsa tokko nama biqiltuu kunuunsutti fakkeessuu ni dandeenya. Namni biqiltuu kunuunsu tokko, sanyii facaasuu isaa dura biyyichi oomisha gaarii akka argamsiisuuf xaaʼoo itti gochuu barbaada taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, obboleessa muuxannoo baayʼee hin qabne tokko leenjisuu keessan dura, baratichi leenjii isaaf kennamu caalaatti akka fudhatu isa qopheessuuf, yaadawwan gaggaarii Caaffata Qulqullaaʼoo irratti hundaaʼan kennuufiin barbaachisaa akka taʼe hubattu taʼa.—1 Xim. 4:6.

3. (a)Barataa tokkoo wajjin mariʼachuuf yaada Yesus Maarqos 12:29, 30 irratti dubbatetti fayyadamuun kan dandaʼamu akkamitti? (b) Kadhannaan jaarsi tokko dhiheessu barataa tokko irratti dhiibbaa akkamii geessisuu dandaʼa?

3 Dhugaan Mootummichaa yaadaa fi gocha barataa tokkoo irratti hammam jijjiirama akka fide beekuuf, ‘Yihowaadhaaf of murteessuun kee akkaataa jireenya keetti itti fayyadamtu irratti jijjiirama akkamii fide?’ jettanii isa gaafachuu dandeessu. Gaaffiin kun, wanta tajaajila keenya garaa guutuudhaan dhiheessuuf nu gargaaru ilaalchisee marii gaarii gochuuf isin dandeessisa. (Maarqos 12:29, 30 dubbisi.) Tarii marii keessan yeroo xumurtan, Yihowaan hafuura qulqulluu leenjii isaatiif isa barbaachisu akka isaa kennu kadhannaa dhiheessuu ni dandeessu. Isaaf garaadhaa yommuu kadhattan yeroo dhagaʼu obboleessi kun baayʼee akka jajjabaatu hin shakkisiisu!

4. (a)Seenaawwan Macaafa Qulqulluu barataan tokko karaa hafuuraa akka guddatu kakaasan tokko tokko caqasi. (b) Jaarsoliin warra kaan yeroo leenjisan galmi isaanii maali dha?

4 Jalqaba leenjichaa irratti, seenaawwan Macaafa Qulqulluu barataan keessan fedhii qabaachuun, amanamaa taʼuunii fi gad of deebisuun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatu isa gargaaran waliin ilaalaa. (1 Mot. 19:19-21; Nah. 7:2; 13:13; HoE. 18:24-26) Akkuma xaaʼoon biyyoodhaaf baayʼee barbaachisaa taʼe, amaloonni kunis barataa tokkoof baayʼee barbaachisu. Karaa hafuuraa dafee akka guddatu godhu. Jaarsi gumii Shaan Kilood jedhamuu fi Faransaayi jiraatu akkas jedheera: “Leenjii yeroon kennu galmi koo inni guddaan barataan koo nama hafuuraa akka taʼu gargaaruu dha. ‘Wanta dinqisiisaa’ dubbii Waaqayyoo keessa jiruuf ‘ija’ barataa koo ‘banuuf,’ carraa caqasa murtaaʼe waliin dubbisuu itti dandeenyun barbaada.” (Far. 119:18) Karaawwan kan biroon barataa tokko karaa hafuuraa jabeessuuf gargaaran kam faʼi?

GALMA AKKA BAAFATAN YAADA KENNAAFII, AKKASUMAS SABABII IBSAAFII

5. (a)Barataa tokkoo wajjin waaʼee galmawwan hafuuraa dubbachuun hammam barbaachisaa dha? (b) Jaarsoliin ijoollee leenjisuu kan qaban maaliifi? (Miiljalee ilaali.)

5 Barataa tokko, ‘Galmawwan hafuuraa akkamii qabda?’ jedhaa gaafadhaa. Galma hin qabu taanaan, galma haala isaa wajjin deemuu fi bira gaʼuu dandaʼu akka baafatu isa gargaaraa. Waaʼee galma kanaan dura baafattanii turtan tokkoo adda baasaatii isatti himaa; akkasumas galma sana bira yeroo geessan gammachuu akkamii akka argattan miira hoʼaadhaan isatti himaa. Akkas gochuun mala salphaa fakkaatus, buʼa qabeessa dha. Jaarsi gumii fi qajeelchaan Viiktar jedhamuu fi Afriikaa keessa jiraatu akkana jedheera: “Ijoollee yeroon turetti, jaarsi tokko galma koo ilaalchisee gaaffiiwwan itti yaadaman muraasa na gaafate. Gaaffiiwwan sun waaʼee tajaajila koo xiyyeeffannaadhaan akkan yaadu na gargaaraniiru.” Jaarsoliin gumii muuxannoo qaban, obboloota dhiiraatiif gumii keessatti hojii umurii isaanii wajjin deemu kennuudhaan ijoollummaa isaaniitii, jechuunis jalqaba umurii waggoota kurnaniitii kaasanii leenjisuun barbaachisaa akka taʼes cimsanii dubbatu. Leenjiin yeroo kanatti kennamu akkasii, ijoolleen dhuma umurii waggoota kurnanii irra yeroo gaʼanii fi wantoonni xiyyeeffannaa isaanii hihhiran hedduun yeroo isaan mudatanitti galmawwan hafuuraa irratti akka xiyyeeffatan isaan gargaara.—Faarfannaa 71:5, 17 dubbisi. *

Hojiin tokko hojjetamuu kan qabu maaliif akka taʼe ibsaa, akkasumas carraaqqii hojii sana raawwachuuf godhamuuf galateeffadhaa (Keeyyata 5-8 ilaali)

6. Yesus warra kaan leenjisuuf mala barbaachisaa taʼe akkamiitti fayyadame?

6 Kana malees, maal gochuu akka qabu itti himuudhaan qofa utuu hin taʼin, wanta sana gochuu kan qabu maaliif akka taʼe isaa ibsuudhaan fedhii barataan tokko tajaajiluuf qabu kakaasuu ni dandeessu. Sababa isaa isaaf ibsuudhaan, fakkeenya Yesus isa barsiisaa guddicha taʼee hordofuu ni dandeessu. Fakkeenyaaf, Yesus duuka buutota akka godhan ergamoota isaatiif hojii kennuu isaa dura, sababa itti ajajamuu qaban isaaniif ibseera. “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera” jedhee ture. Achii itti dabaluudhaan, “Egaa dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jedhe. (Mat. 28:18, 19) Karaa Yesus itti leenjise hordofuu kan dandeessan akkamitti?

7, 8. (a)Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran karaa itti Yesus leenjise hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Barataa tokko galateeffachuun hammam barbaachisaa dha? (c) Yaadawwan warra kaan leenjisuu irratti jaarsolii gargaaruu dandaʼan kam faʼi? (Saanduqa, “ Warra Kaan Leenjisuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu ilaali.)

7 Barataan tokko wanta tokko akka hojjetu kan gaafatame maaliif akka taʼe, Caaffata Qulqullaaʼoo irraa sababa isaaf dhiheessaa. Karaa kanaan dhimma tokko seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal bira qabee akka yaadu isa barsiisuu dandeessu. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko naannoo balbala Galma Mootummaa akka qulqulleessuu fi irra deemuuf mijataa akka godhu isa gaafattan haa jennu. Tiitoos 2:10 caqasuudhaan, hojiin inni Galma Mootummaa keessatti hojjetu, “barsiisichi waaʼee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mulʼatu” kan godhu akkamitti akka taʼe ibsuufii dandeessu. Akkasumas, barataan sun waaʼee manguddoota gumii keessa jiranii fi hojii isaaf kenname raawwachuun isaa kan isaan fayyadu akkamitti akka taʼe akka yaadu isa jajjabeessaa. Barataa kana yeroo leenjistanitti isaa wajjin marii akkasii gochuun keessan, seerawwan irratti utuu hin taʼin namoota irratti caalaatti akka xiyyeeffatu isa godha. Obboloonnii fi obboleettonni gumii keessa jiran hojii inni hojjete irraa yeroo fayyadaman yommuu argu gammachuu guddaatu isatti dhagaʼama.

8 Kana malees, barataan kun yaada isin isaaf kennitan hojii irra oolchuuf carraaqqii inni godhuuf isa galateeffadhaa. Akkas gochuun hammam barbaachisaa dha? Faayidaan galateeffachuun barataa tokkoof qabu, faayidaa bishaan biqiltuudhaaf argamsiisuu wajjin wal fakkaata; guddina akka argisiisu isa gargaara.—Maatewos 3:17 wajjin wal bira qabii ilaali.

QORUMSA DABALATAA

9. (a)Leenjii kennuu wajjin haala wal qabateen biyyoota sooreyyii taʼan tokko tokko keessatti qorumsa akkamiitu jaarsolii mudata? (b) Obboloonni dargaggoota taʼan tokko tokko jireenya isaanii keessatti dhugaadhaaf dursa kan hin kennine maaliifi?

9 Jaarsoliin biyyoota sooressa taʼan keessa jiraatan qorumsi dabalataa isaan mudachuu dandaʼa. Obboloota umurii waggoota 20mmanii ykn 30mmanii keessa jiran hojii gumii keessatti hojjetamu irratti akka hirmaatan kakaasuun ulfaataa isaanitti taʼuu dandaʼa. Obboloonni dargaggoota taʼan tokko tokko gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuu irraa duubatti kan jedhan maaliif akka taʼe akka nutti himan, jaarsolii muuxannoo qabanii fi biyyoota dhihaa 20 keessa jiraatan gaafannee turre. Baayʼeen isaanii dargaggoonni tokko tokko galmawwan hafuuraa akka baafatan ijoollummaa isaaniitti akka hin jajjabeeffamne dubbataniiru. Ijoolleen galmawwan akkasii baafachuuf fedhaa turan tokko tokko immoo, warri isaanii barumsa ol aanaa akka baratan ykn hojii biyya lafaa akka hojjetan isaan jajjabeessanii turan! Kanaaf, dargaggoonni akkasii jireenya isaanii keessatti dhugaadhaaf dursa kennuu hin dandeenye.—Mat. 10:24.

10, 11. (a)Jaarsi tokko, obboleessi hojii gumii keessatti hojjetamu irratti hirmaachuu hin barbaadne ilaalcha isaa akka geddaru gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? (b) Jaarsi tokko obboleessa akkasii wajjin yaadawwan Macaafa Qulqulluu akkamii irratti mariʼachuu dandaʼa? Maaliif? (Miiljalee ilaali.)

10 Dargaggeessi tokko hojii gumii keessatti hojjetamu irratti hirmaachuu hin barbaadu yoo taʼe, ilaalcha isaa jijjiiruuf carraaqqii fi obsi guddaan kan barbaachisu taʼus isa gargaaruun ni dandaʼama. Namni biqiltuu kunuunsu tokko suuta suuta jirma isaa qajeelchuudhaan mukni tokko utuu hin jalʼatin akka guddatu akkuma godhu, isinis gumii keessatti mirga fudhachuu ilaalchisee ilaalcha isaanii geddaruun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatan obboloota tokko tokko suutuma suuta gargaaruu ni dandeessu. Garuu akkamitti?

11 Obboleessa sanaa wajjin michummaa uumuuf yeroo ramadaa. Gumichaaf barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatu isa gargaaraa. Sana booda, caqasawwan Yihowaadhaaf kan of murteesse taʼuu isaa irratti akka yaadu isa gargaaran irratti mariʼadhaa. (Lal. 5:4; Isa. 6:8; Mat. 6:24, 33; Luq. 9:57-62; 1 Qor. 15:58; 2 Qor. 5:15; 13:5) ‘Yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti waadaa akkamii isaaf galte?’ jettanii isa gaaffachuu dandeessu. Akkasumas, garaa isaa kakaasuuf akkana jettanii isa gaafachuu dandeessu: ‘Gaafa cuuphamte Yihowaatti miirri akkamii kan dhagaʼame sitti fakkaata?’ (Fak. 27:11) ‘Seexanatti hoo maaltu dhagaʼame?’ (1 Phe. 5:8) Caqasawwan Macaafa Qulqulluu itti yaadamanii filataman, obboleessa tokko baayʼee tuquu akka dandaʼan hin dagatinaa.—Ibroota 4:12 dubbisaa. *

BARATTOONNI, AMANAMOO TAʼUU KEESSAN ARGISIISAA

12, 13. (a)Elsaaʼi akka barataa tokkootti amala akkamii argisiiseera? (b) Yihowaan amanamummaa argisiiseef Elsaaʼiin kan eebbise akkamitti?

12 Waaʼee dargaggoota gargaarsi keessan gumiidhaaf barbaachisuu hoo maal jechuu dandeenya? Milkaaʼina argachuudhaaf amala akkamiitu isin barbaachisa? Gaaffii kanaaf deebii kennuuf, mee seenaa barataa bara duriitti ture tokkoo haa ilaallu.

13 Gara waggaa 3,000 dura Eliyaas raajichi Elsaaʼi inni dargaggeessa taʼe hojjetaa isaa akka taʼu isa afeeree ture. Elsaaʼi afeerraa kana yeruma sana kan fudhate siʼa taʼu, hojiiwwan gad of deebisuu gaafatan hojjechuudhaan Eliyaas isa manguddoo ture amanamummaadhaan tajaajileera. (2 Mot. 3:11) Sana booda, Elsaaʼi gara waggaa jaʼaatiif erga leenjiʼee booda, hojii Eliyaas Israaʼel keessatti hojjetu xumuramuuf akka jedhu hubate. Yeroo kanatti Eliyaas hidhanni isaa akka gaariitti leenjiʼe kun isa duukaa buʼuu isaa akka dhiisu kan isatti hime taʼus, Elsaaʼi Eliyaasiin siʼa sadii, “Ani si biraa hin hafu!” jedheera. Hamma dandaʼametti barsiisaa isaa wajjin turuuf murteessee ture. Yihowaan, Elsaaʼi yommuu Eliyaas haala dinqisiisaa taʼeen fudhatamu akka argu gochuudhaan, amanamummaa isaatiif isa eebbiseera.—2 Mot. 2:1-12.

14. (a)Barattoonni yeroo harʼaa jiran fakkeenya Elsaaʼi hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Barataan tokko amanamaa taʼuun isaa baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

14 Obboloonni barattoota taatan yeroo harʼaatti fakkeenya Elsaaʼi hordofuu kan dandeessan akkamitti? Hojiiwwan gad of deebisuu gaafatan dabalatee, hojiiwwan hunda dafaatii fudhadhaa. Barsiisaa keessan akka michuu keessaniitti ilaalaa; akkasumas, carraaqqii inni isin gargaaruuf godhu hammam akka dinqisiifattan akka beeku godhaa. Karaan isin leenjii isinii kennamu itti fudhattan, “Ani si biraa hin hafu” akka waan isaan jettanitti ilaalamuu dandaʼa. Hunda caalaa immoo, hojii isinii kennamu kam iyyuu amanamummaadhaan raawwadhaa. Kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yihowaan itti gaafatamummaan gumii dabalataa hadaraa akka isinitti kennamu kan barbaadu taʼuu isaa jaarsoliin mirkanaaʼoo kan taʼan, yoo isin amanamoo taʼuu keessan argisiistan qofa waan taʼeefi dha.—Far. 101:6; 2 Ximotewos 2:2 dubbisi.

KABAJA ARGISIISAA

15, 16. (a)Elsaaʼi barsiisaa isaatiif kabaja akka qabu kan argisiise karaawwan kamiini? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Elsaaʼi raajota kaan biratti fudhatama akka argatu kan godhe maali dha?

15 Seenaan waaʼee Elsaaʼi isa bakka buʼaa Eliyaas taʼee dubbatu, obboloonni jaarsolii muuxannoo qabaniif kabaja argisiisu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes nu hubachiisa. Eliyaasii fi Elsaaʼi raajota Yerikoo jiran erga daawwatanii booda, gara Laga Yordaanos miilaan deeman. Achitti, “Eliyaas wayyaa isaa of irraa fuudhee, dadachaasee ittiin bishaanicha in rukute; bishaanichis garasii fi garanatti [hirame].” Lafa gogaa irra deemanii lagicha erga ceʼanii booda, “walii wajjin haasaʼaa adeemuu” itti fufan. Elsaaʼi yeroo kanatti wanta beekuu qabu hunda akka beeke akka isatti hin dhagaʼamne ifa dha. Elsaaʼi hamma Eliyaas isa biraa deemetti, wanta barsiisaan isaa dubbatu hunda garaatti qabachaa ture. Sana booda Eliyaas qilleensaan fudhatame. Achii Elsaaʼi gara Yordaanos yeroo deebiʼetti, “Gooftichi meerre ree? Waaqayyo inni kan Eliyaas meerre ree?” jedhee wayyaa Eliyaasiin bishaanicha rukute. Yeroo kanattis bishaanichi gargar hirame.—2 Mot. 2:8-14.

16 Dinqiin Elsaaʼi raawwate inni jalqabaa, dinqii Eliyaas raawwate isa dhumaa wajjin tokko akka taʼe hubattaniittuu? Kun xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi? Elsaaʼi amma aangoo waan qabuuf, karaa dhimma tokko itti raawwatu yeruma sana jijjiiruu akka qabu akka isatti hin dhagaʼamne haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Kanaa mannaa, karaa Eliyaas tajaajila isaa itti raawwachaa ture hordofuudhaan barsiisaa isaatiif kabaja argisiiseera; kun immoo raajota kaan biratti fudhatama akka argatu isa godheera. (2 Mot. 2:15) Haa taʼu malee, yeroo booda Yihowaan waggoota 60 Elsaaʼi tajaajila irratti dabarse keessatti, dinqiiwwan Eliyaas raawwate irra baayʼatan akka raawwatu isa gargaareera. Kun barattoota yeroo harʼaa jirtaniif barumsa akkamii dabarsa?

17. (a) Barattoonni yeroo harʼaa jiran fakkeenya Elsaaʼi hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Yeroon darbaa yeroo deemu Yihowaan barattoota amanamootti haala akkamiitiin fayyadamuu dandaʼa?

17 Akkuma mirga tokko argattaniin, mirga keessanitti fayyadamtanii jijjiirama fiduu akka qabdan, jechuunis wanta tokko karaa kanaan dura itti hojjetamu irraa haala guutummaatti adda taʼeen raawwachuu akka qabdan isinitti dhagaʼamuu hin qabu. Jijjiiramni barbaachisaa taʼuu fi dhiisuun isaa kan murteeffamu fedha keessaniin utuu hin taʼin, wanta gumichaaf barbaachisu irrattii fi qajeelfama jaarmiyaa Yihowaa irraa argannu irratti hundaaʼee ti. Elsaaʼi malawwan Eliyaas itti fayyadamaa turetti fayyadamuu isaa itti fufuudhaan, raajonni kaan isa irratti amanannaa akka qabaatan kan godhe taʼuu isaa irra iyyuu, barsiisaa isaatiif kabaja akka qabus argisiiseera. Haaluma wal fakkaatuun, malawwan Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi barsiisonni keessan itti fayyadamaa turanitti fayyadamuu keessan yoo itti fuftan, jaarsolii muuxannoo qabaniif kabaja akka qabdan kan argisiistan siʼa taʼu, obboloonni keessanis amanannaa isin irratti ni qabaatu. (1 Qorontos 4:17 dubbisi.) Haa taʼu malee, muuxannoo argachaa yeroo deemtan jijjiiramawwan gumichi jaarmiyaa Yihowaa isa guddachaa jiruu wajjin qixxee akka deemu gargaaran hojii irra oolchuu irratti akka hirmaattan hin shakkisiisu. Tarii Yihowaan akkuma Eliyaasiif godhe, isin barattoonni amanamoonis yeroo booda wanta barsiisonni keessan hojjetan irra wanta caalu akka raawwattan gochuu dandaʼa taʼa.—Yoh. 14:12.

18. Yeroo harʼaatti obboloota gumii keessa jiran leenjisuuf dursi kennamuu qaba kan jennu maaliifi?

18 Yaadawwan mata duree kanaa fi isa darbe irratti ibsaman, warra kaan leenjisuuf yeroo ramaduuf jaarsolii hedduu akka kakaasan ni abdanna. Obboloonni gaʼumsa qaban leenjii akkasii hawwiidhaan akka fudhatanii fi hoolota Yihowaa kunuunsuuf ogummaadhaan akka itti fayyadaman hawwina. Akkas gochuun gumiiwwan addunyaa mara irra jiran kan cimsu siʼa taʼu, tokkoon tokkoon keenya gara fuulduraatti yeroon rakkisaa yommuu dhufu amanamoo taanee akka dhaabannu nu gargaara.

^ KEY. 5 Obboleessi umurii waggoota kurnanii keessatti argamu bilchina kan qabu, kan gad of deebisuu fi ulaagaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo kaan kan guutu yoo taʼe, umuriin isaa waggaa 20 guutuu baatus jaarsoliin tajaajilaa gumii akka taʼu yaada dhiheessuu ni dandaʼu.—1 Xim. 3:8-10, 12; Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 1989 (Ingiliffa) fuula 29 ilaali.

^ KEY. 11 Marii keessan irratti yaadawwan Masaraa Eegumsaa, Ebla 15, 2012, fuula 14-16, keeyyata 8-13; akkasumas kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa,” boqonnaa 16, keeyyata 1-3 irra jiranitti fayyadamuu dandeessu.