Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Walitti Dhufeenyi Yihowaa Wajjin Qabdu Hammam Cimaa Dha?

Walitti Dhufeenyi Yihowaa Wajjin Qabdu Hammam Cimaa Dha?

“Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata.”YAQ. 4:8.

1. Walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabnu cimaa akka taʼu gochuu kan qabnu maaliifi?

DHUGAA BAATUU YIHOWAA of murteessitee cuuphamte dhaa? Taanaan, qabeenya gati jabeessa qabda. Qabeenyi kun walitti dhufeenya ati dhuunfaatti Yihowaa wajjin qabdu dha. Haa taʼu malee, addunyaan Seexanaa fi foon keenya inni cubbamaan walitti dhufeenya kana irratti dhiibbaa ni geessisu. Haalli rakkisaa taʼe kun Kiristiyaanota hunda mudata. Kanaafuu, walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabnu hamma dandaʼame cimaa taʼuu qaba.

2. (a)Walitti dhufeenya jechuun maal jechuu dha? (Miiljalee ilaali.) (b) Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabdu siif hammam cimaa dha? Walitti dhufeenya kana cimsachuu ni barbaaddaa? Yaaqoob 4:8, “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata” jechuudhaan kana gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ibsa. Walitti dhufeenyi kun qaamota lama kan of keessatti qabate akka taʼe hubadhu. * Waaqayyotti dhihaachuuf tarkaanfii yeroo fudhannu, innis nutti dhihaachuuf tarkaanfii ni fudhata. Tarkaanfiin akkasii yommuu daddabalamu, Yihowaan caalaatti dhugaa siif taʼa; walitti dhufeenyi isaa wajjin qabdus cimaa deema. Kun immoo, amanannaa Yesus, “Inni ana erge sun dhuguma jira; . . . Ani . . . isa beeka” jedhee yeroo dubbatetti argisiisee wajjin wal fakkaatu akka qabaattu godha. (Yoh. 7:28, 29, NW) Haa taʼu malee, Yihowaatti dhihaachuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeessa?

Waaqayyoo wajjin wal qunnamuu kan dandeessu akkamitti? (Keeyyata 3 ilaali)

3. Yihowaa wajjin wal qunnamuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Yihowaatti dhihaachuuf yeroo hunda isaa wajjin wal qunnamuun baayʼee barbaachisaa dha. Waaqayyoo wajjin wal qunnamuu kan dandeessu akkamitti? Michuu kee fagoo jiraatuu wajjin kan wal qunnamtu akkamitti? Yeroo baayʼee walii barreessuunii fi walii bilbiluun keessan hin oolu. Yihowaatti kan dubbattu immoo kadhannaa yeroo hunda isatti dhiheessituuni dha. (Faarfannaa 142:2 dubbisi.) Yommuu yeroo hunda Dubbii isaa dubbistuu fi irratti xiinxaltu immoo Waaqayyo akka sitti dubbatu gochaa jirta jechuun ni dandaʼama. (Isaayaas 30:20, 21 dubbisi.) Mee qunnamtiin akkasii, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu kan cimsuu fi inni michuu dhugaa akka siif taʼu kan godhu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

MACAAFA QULQULLUU YEROO QAYYABATTU YIHOWAAN SITTI DUBBATA

4, 5. Yihowaan karaa Dubbii isaa isa barreeffamee dhuunfaatti kan si qunnamu akkamitti? Fakkeenya kenni.

4 Macaafni Qulqulluun ilmaan namootaa hundaaf ergaa Waaqayyoo qabachuu isaa akka ati hin shakkine beekamaa dha. Haa taʼu malee, Macaafni Qulqulluun ati dhuunfaatti isatti dhihaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ni dubbataa? Eeyyee ni dubbata. Macaafa Qulqulluu yeroo hunda yommuu dubbistuu fi yommuu qayyabattu, wanta inni dubbatu ilaalchisee miira sitti dhagaʼamu irrattii fi hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe yaadi; yeroo akkas gootu Yihowaan karaa dubbii isaa akka sitti dubbatu heyyamaa jirta. Kun caalaatti akka isatti dhihaattu si taasisa.—Ibr. 4:12; Yaq. 1:23-25.

5 Fakkeenyaaf, yaada Yesus, “Badhaadhummaa ofii keessaniif lafa irratti . . . walitti hin qabatinaa!” jechuudhaan dubbate dubbisiitii irratti xiinxali. Jireenya kee keessatti Mootummichaaf dursa kennaa jirta taanaan, Yihowaan akka sitti gammadu sitti dhagaʼama. Karaa biraatiin immoo, jireenya kee salphisuu akka qabduu fi Mootummicha irratti caalaatti xiyyeeffachuu akka qabdu yoo sitti dhagaʼame, Yihowaan isatti dhihaachuuf wanta gochuu qabdu tokko si hubachiisaa jira jechuu dha.—Mat. 6:19, 20.

6, 7. (a)Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu jaalala nuti Yihowaadhaaf qabnuu fi jaalala inni nuuf qabu irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? (b) Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yeroo goonu kaayyoon keenya maal taʼuu qaba?

6 Caaffata Qulqullaaʼoo qayyabachuun karaa hafuuraa wanta fooyyeffachuu qabnu nu hubachiisuudhaan alattis faayidaa biraa qaba. Hubannaan wantoota inni jaalalaan kakaʼee raawwate irratti qabnu akka dabalu kan godhu siʼa taʼu, kun immoo caalaatti akka isa jaallannu godha. Jaalalli isaaf qabnu yeroo guddatu, jaalalli inni nuuf qabus ni dabala; kunis walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu cimsa.—1 Qorontos 8:3 dubbisi.

7 Haa taʼu malee Yihowaatti caalaatti dhihaachuudhaaf, Macaafa Qulqulluu yeroo qayyabannu kaayyoo sirrii qabaachuu qabna. Yohannis 17:3 akkana jedha: “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.” Kanaafuu, kaayyoon keenya beekumsa argachuu qofa utuu hin taʼin, Yihowaa akka Qaama tokkootti sirriitti ‘beekuu’ taʼuu qaba.—Baʼuu 33:13 dubbisi; Far. 25:4.

8. (a)Mootota Isa Lammaffaa 15:1-5 irratti akka caqasametti Yihowaan Azaariyaa adabuun isaa gaaffii akkamii kaasuu dandaʼa? (b) Yihowaa beekuun keenya gocha isaa irratti shakkii tokko iyyuu akka hin qabaanne kan nu godhu akkamitti?

8 Yihowaatti baayʼee yeroo dhihaannu, seenaawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko keessatti gocha taʼe tokko kan raawwate maaliif akka taʼe yoo nuu galuu baate illee baayʼee hin jeeqamnu. Fakkeenyaaf, wanta Yihowaan Azaariyaa isa Mootii Yihudaa irratti raawwate ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? (2 Mot. 15:1-5) ‘Namoonni amma iyyuu iddoowwan sana irratti qalma qalaa fi aarsaa dhiʼeessaa kan turan’ taʼus, Azaariyaan ‘Waaqayyo duratti wanta qajeelaa taʼe kan hojjete’ taʼuu isaa hubadhu. Haa taʼu malee, “Waaqayyo dhukkuba lamxiitiin mooticha in rukute; innis kanaan qabamee hamma guyyaa duʼa isaatiitti . . . in jiraate.” Maaliif? Kana ilaalchisee seenaan kun wanta jedhu hin qabu. Haalli kun nu jeequu ykn Yihowaan Azaariyaa kan adabe sababa quubsaa malee akka taʼe akka nutti dhagaʼamu gochuu qabaa? Karaa Yihowaan wanta tokko itti raawwatu ilaalchisee beekumsa gaʼaa qabna taanaan akkas nutti hin dhagaʼamu. Kun Yihowaan yeroo hunda ‘qajeelummaadhaan kan adabu’ taʼuu isaa beekuus ni dabalata. (Er. 30:11) Yihowaan Azaariyaa irratti gocha akkasii kan raawwate maaliif akka taʼe beekuu baannus, beekumsi akkasii murtoon isaa yeroo hunda qajeelaa taʼuu isaa akka amannu godha.

9. Wanti sababa Yihowaan Azaariyaa lamxiidhaan itti rukute ifa nuu godhu maali dha?

9 Haa taʼu malee, seenaa kanaa wajjin haala wal qabateen Macaafa Qulqulluu keessatti bakka biraa irratti odeeffannoo dabalataa ni arganna. Azaariyaa Mootichi, Uziyaa Mooticha jedhamees ni waamama ture. (2 Mot. 15:7, 32) Yaada waaʼee Azaariyaa dubbatuu fi 2 Seenaa 26:3-5, 16-21 irratti argamu irraa, Uziyaan jalqaba irratti Yihowaa duratti waan gaarii kan hojjete taʼus, yeroo booda ‘of gurguddisee kufaatii akka ofitti fide’ ni hubanna. Of tuuluudhaan wanta luboonni qofti raawwachuu qabanii fi wanta mirga isaa hin taane raawwachuuf yaale. Luboonni saddeettamii tokko sirreeffama isaaf kennuuf yaalanii turan. Uziyaan garuu deebii akkamii kenne? Baayʼee of tuultuu waan taʼeef, luboota sanatti “in aare.” Kanaafuu, Yihowaan lamxiidhaan isa rukutuun isaa nama hin dinqisiisu!

10. Yeroo hunda wanta Yihowaan raawwatu irratti ibsi kan nu hin barbaachisne maaliifi? Karaan Yihowaan wanta tokko itti raawwatu qajeelaa taʼuu isaa irratti amanannaa qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Seenaa kana irraa barumsa maalii arganna? Seenaa Azaariyaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa Yihowaan maaliif akka isa adabe nu hubachiisu arganneerra. Haa taʼu malee, yeroo Macaafni Qulqulluun odeeffannoo guutuu hin kenninetti hoo maal goota? Wanti Yihowaan godhu qajeelaa taʼuu isaa ni shakkitaa? Moo Macaafni Qulqulluun Yihowaan yeroo hunda wanta sirrii taʼe kan godhu taʼuu isaa ilaalchisee odeeffannoo hedduu akka qabu sitti dhagaʼama? (Kes. 32:4) Yihowaa akka qaama tokkootti caalaatti beekaa yeroo deemnu jaalallii fi dinqisiifannaan karaa inni wanta tokko itti raawwatuuf qabnu waan dabaluuf, sana booda wanta inni godhu tokkoof ibsa gaafachuun nu hin barbaachisu. Dinqisiifannaan akkasii kan dabalu Dubbii Waaqayyoo isa inni ittiin nu qunnamu qayyabachuuf, akkasumas irratti xiinxaluuf carraaqqii yeroo gootutti akka taʼe yaadadhu. (Far. 77:12, 13) Kun immoo Yihowaan caalaatti akka sii dhugoomuu fi caalaatti akka isatti dhihaattu godha.

YEROO KADHATTU YIHOWAATTI DUBBATTA

11-13. Yihowaan kadhannaa akka dhagaʼu akkamitti beekuu dandeessa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

11 Yeroo kadhannaa dhiheessinu Yihowaatti dhihaanna. Kadhannaadhaan isa jajanna, isa galateeffanna, akkasumas qajeelfama isa gaafanna. (Far. 32:8) Haa taʼu malee, walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabdu cimaa akka taʼu yoo barbaadde, kadhannaa kan dhagaʼu taʼuu isaa amanuu qabda.

12 Namoonni tokko tokko, faayidaan kadhannaa miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu gochuu qofa akka taʼe yaadu. Kadhannaan keenya akka nuu deebiʼe kan nutti dhagaʼamu yaada keenya baasnee waan dubbanneef, rakkina keenya adda waan baafanneef, akkasumas furmaata argachuu irratti waan xiyyeeffanneef akka taʼe dubbatu. Dhugaa dha, kadhannaan faayidaa akkasii qabaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan kadhannaa garaadhaa dhiheessite akka dhagaʼe akkamitti beekuu dandeessa?

13 Mee yaadi: Yesus nama taʼuu isaa dura, Yihowaan kadhannaa tajaajiltoota isaa lafa irra jiraniitiif deebii yeroo kennu argeera. Lafa irratti yeroo tajaajilaa turetti immoo, kadhannaadhaan miira isaa Abbaa isaa isa samiitiif ibsaa ture. Yihowaan kadhannaa hin dhagaʼu utuu taʼe, Yesus halkan guutuu kadhachaa ni bula turee? (Luq. 6:12; 22:40-46) Kadhannaan wantuma miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu godhu qofa utuu taʼee, bartoonni isaa akka kadhatan ni barsiisa turee? Yesus kadhannaan karaa dhugumaan Yihowaa wajjin itti wal qunnamnu taʼuu isaa beeka ture. Yeroo tokko Abbaa isaatiin, “Anaaf dhaga’uu keetiif sin galateeffadha. Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera” jedhee ture. Nutis Yihowaan ‘kadhannaa akka dhagaʼu’ amanannaa qabaachuu ni dandeenya.—Yoh. 11:41, 42; Far. 65:2.

14, 15. (a)Kadhannaa keenya irratti dhimma tokko adda baasnee caqasuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? (b) Obboleettiin tokko kadhannaan dhiheessite walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabdu akka cimu kan ishee gargaare akkamitti?

14 Kadhannaa kee irratti dhimma tokko adda baastee yeroo caqastu, ifatti kan mulʼatu taʼuu baatus deebii Yihowaan sii kenne sirriitti hubachuu ni dandeessa. Kadhannaa keetiif deebii argachuun kee Yihowaan caalaatti akka sii dhugoomu godha. Kana malees, wanta si yaaddessu Yihowaadhaaf yeroo ibsitu, innis caalaatti sitti dhihaata.

15 Muuxannoo Kaatii akka fakkeenyaatti haa ilaallu. * Tajaajila irratti kan hirmaattu taʼus, itti hin gammaddu turte. Akkana jetteetti: “Tajaajila dirree irratti hirmaachuu hin jaalladhun ture. Dhuguma hin jaalladhun ture. Hojii irraa soorama yeroon baʼetti jaarsi gumii tokko qajeelchituu yeroo hundaa akkan taʼu akka abdatu natti hime; foormii qajeelchaas naa kenne. Qajeelchituu taʼuuf kanan murteesse siʼa taʼu, Yihowaan tajaajila dirree akkan jaalladhu akka na gargaaru guyyaa guyyaadhaan kadhachuun jalqabe.” Yihowaan kadhannaa ishee deebiseeraafii? Akkas jetteetti: “Amma ergan qajeelchituu taʼee waggaa sadaffaa koo ti. Tajaajila irratti yeroo dheeraa dabarsuun koo fi obboleettota kaan irraa barachuun koo, dandeettiin dhugaa baʼuuf qabu suuta suuta naa fooyyesse. Amma tajaajila jaallachuu irra iyyuu darbee, baayʼeen jaalladha. Hunda caalaa immoo, walitti dhufeenyin Yihowaa wajjin qabu isa duraa irra baayʼee cimeera.” Dhuguma iyyuu, kadhannaan Kaatii walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabdu cimaa akka taʼu ishee gargaareera.

GAHEE KEENYA RAAWWACHUU

16, 17. (a)Walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabnu akka itti fufuu fi akka guddatuuf maal gochuu qabna? (b) Mata duree itti aanu keessatti maal irratti mariʼanna?

16 Yihowaatti dhihaachuu keenya jireenya keenya guutuu itti fufna. Inni nutti dhihaachuudhaaf tarkaanfii akka fudhatu yoo barbaanne, nutis isatti dhihaachuuf tarkaanfii fudhachuu qabna. Kanaaf, karaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu fi kadhannaa, yeroo hunda Yihowaa wajjin wal qunnamuuf carraaqqii haa goonu. Akkas yeroo goonu walitti dhufeenyi isaa wajjin qabnu guddachaa waan deemuuf, qorumsa nu mudatu dandamachuu ni dandeenya.

Yihowaatti dhihaachuu keenya jireenya keenya guutuu itti fufna (Keeyyata 16 fi 17 ilaali)

17 Haa taʼu malee, utuma garaadhaa kadhannuu rakkinni nu mudate yoo itti fufe haalli isaa ulfaataa nutti taʼuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti amanannaan Yihowaa irratti qabnu laafuu dandaʼa. Tarii Yihowaan kadhannaa keenya kan dhagaʼu ykn dhuguma nuu wajjin walitti dhufeenya kan qabu taʼuu isaa ni shakkina taʼa. Miirri akkasii yoo sitti dhagaʼame maal gochuu dandeessa? Mata dureen itti aanu gaaffii kanaaf deebii kenna.

^ KEY. 2 Walitti dhufeenyi, miira namoonni lama waliif qabanii fi amala isaan walitti argisiisan jedhamee hiikameera. Kanaafuu, qaamonni lamaanuu gahee qabu.

^ KEY. 15 Maqaan ishee jijjiirameera.