KUUSAA KEENYA KEESSAA
Iddoo Nyaataa Sana Kan Geggeessu Jaalala
NYAATA hafuuraa Yihowaan qopheessu soorachuuf walgaʼuun, gammachuu guddaa argamsiisa. Yeroo kanatti nyaata waliin nyaachuunis gammachuu namaaf dabala.
Bara 1919 jiʼa Fulbaanaatti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu Seedaar Pooyinti, Ohaayoo, Yuunaayitid Isteetisitti walgaʼii guddaa guyyaa saddeetiif ture godhatanii turan. Hoteelonni keessummootaaf bakka bulmaataa fi nyaata qopheessanii turan; taʼus keessummoonni hin eegamnee fi kumaan lakkaaʼaman dabalataa ni dhufan. Keessummoonni itti baayʼachuun isaanii waan isaan dhiphiseef, keessumsiistonni hundi hojii dhaaban. Toʼataan mana nyaataa dhiphatee ture tokko, keessummoota keessaa dargaggoota gargaarsa gaafate; dargaggoonni hedduunis gargaarsa gochuuf of dhiheessan. Saadii Giriin isaan keessaa tokko turte. “Keessumsiistuu kanan taʼe yeroo jalqabaatiif taʼus, yeroo gaarii dabarsine” jetteetti.
Waggoota sana booda turanitti, qophiin walgaʼii guddaa irratti nyaata dhiheessuuf godhamee ture Kiristiyaanonni of dhiheessan hedduun obboloota isaanii akka tajaajilan carraa baneeraaf. Dargaggoonni hedduun obbolootaa wajjin hojjechuun isaanii galmawwan hafuuraa baafachuuf isaan gargaareera. Gilaadas Booltan walgaʼii guddaa bara 1937tti godhame irratti bakka nyaanni itti qopheeffamutti tajaajilteetti. “Namoota iddoo kan biraatii dhufanii wajjin wal bareera; rakkina isaanii akkamitti akka moʼanis dhagaʼeera. Qajeelchituu taʼuu akkan dandaʼu natti dhagaʼamuu kan jalqabe yeroo kanatti” jetteetti.
Dubartiin Biyuulaa Koovii jedhamtu immoo, “Hojjettoonni garaa guutuudhaan hojjechuun isaanii, wanti hundi rakkoo tokko malee saffisaan akka hojjetamu godheera” jetteetti. Taʼus, hojichi wanta ulfaataa taʼe qaba ture. Bara 1969tti Aanjeluu Maneeraan kutaa nyaataa keessa akka tajaajilu ramadamuu isaa kan beeke, Istaadiyomii Doojar isa Loos Aanjalas, Kaalifoorniyaatti argamu erga gaʼee booda dha. “Jireenya koo keessatti akka guyyaa sanaa naʼee hin beeku!” jedheera. Qophiin walgaʼichaaf godhamu boʼoo meetira 400 dheeratuu fi gara kutaa nyaata itti bilcheessanitti gaazii geessu qotuus kan dabalatu ture!
Bara 1982 Seeraa Liyonitti obboloonni of dhiheessanii fi ciminaan hojjetan dirree tokko ciranii erga qulqulleessanii booda, meeshaa of harkaa qabaniin kutaa nyaataa ijaaruu qabu turan. Bara 1951tti Firaankifarti, Jarmaniitti obboloonni mala qabeeyyii taʼan harkistuu baaburaa hurkaan hojjetu kireeffatanii hurka inni maddisiisuun distii 40tti nyaata bilcheessuu dandaʼaniiru. Obboloonni keessumsiisan saʼaatii tokko keessatti namoota 30,000f
nyaata dhiheessaniiru. Obboloota hojii sahaanii dhiquu irratti ramadaman 576f hojii salphisuuf, hirmaattonni albee fi falʼaana ofii fidatu turan. Yaangoon, Miyaanmaaritti obboloonni nyaata bilcheessanii fi warra kaaniif yaadan, obboloota biyya biraatii dhufaniif nyaata yeroo qopheessan haala yeroo kaan irraa adda taʼeen mimmixa xiqqoo qofa fayyadamu turan.“KAN NYAATAN DHAABATANII TI”
Walgaʼii bara 1950tti Yuunaayitid Isteetisitti godhame irratti, Aanii Poogansiin iddoo nyaata itti dhiheessanitti aduu keessa hiriira dheeraa irra dhaabachuun ishee eebba argamsiiseeraaf. Akkana jetteetti: “Haasaan garaa namaa tuquu fi obboleettonni Awurooppaadhaa bidiruudhaan dhufan lama waliin haasaʼaa turan baayʼee na hawwatee ture.” Lamaanuu Yihowaan walgaʼicha irratti akka argaman akkamitti akka isaan gargaare dubbachaa turan. Aaniin, ‘Bakka sana namni obboleettota sana caalaa gammachuu qabu hin jiru ture. Yeroon dheeraan hiriira irratti dabarsanii fi hoʼi aduu sun homaa isaanitti hin fakkaanne’ jetteetti.
Walgaʼiiwwan gurguddaa hedduu irratti, dunkaanota nyaanni keessatti nyaatamu keessa minjaalli dhedheeraan jiraachuun isaa namoonni dafanii nyaatanii warra kaaniif iddoo akka gadhiisan godheera. Yeroo laaqanaatti namoota kumaan lakkaaʼamaniif nyaata dhiheessuuf kanaan ala maal gochuu dandaʼu ree? Namni Dhugaa Baatuu hin taane tokko, “Kun amantii adda taʼe dha. Kan nyaatan dhaabatanii ti” jedheera.
Abbootiin taayitaa siʼaayinaa fi qindoomina achitti argan dinqisiifataniiru. Hojjetaan Humna Waraanaa Yuunaayitid Isteetis, iddoo nyaataa Istaadiyomii Yaankii, Niiwu Yoorkitti qopheeffame erga sakattaʼee booda, innis iddoo nyaata itti qopheessinu akka sakattaʼu abbaa taayitaa Kutaa Waraanaa Biritaaniyaa Foolkinar jedhamuuf yaada dhiheesse. Foolkinarii fi haati manaa isaas bara 1955tti Walgaʼii Guddaa “Mootummaa Injifatu” jedhamuu fi Ingilaanditti godhame irratti argaman. Namichi kun iddoo nyaataa sana kan geggeessu jaalala taʼuu isaa akka hubate dubbateera.
Waggoota hedduudhaaf, hojjettoonni fedhiidhaan of dhiheessan jaalalaan kakaʼanii namoota walgaʼii irratti argamaniif nyaata madaalamaa baasii guddaa hin gaafanne qopheessaa turaniiru. Taʼus, hojii balʼaa taʼe kana raawwachuuf yeroo baayʼee saʼaatii dheeraa hojjechuu qabu turan; akkasumas sagantaan muraasni ykn guutummaan isaa isaan darba ture. Naannoo dhuma bara 1970niitti garuu, qophiin walgaʼii gurguddaa irratti nyaata dhiheessuuf godhamu ni salphifame. Bara 1995 jalqabee immoo, namoonni nyaata mataa isaanii fidatanii dhufuu jalqaban. Kunis, obboloonni nyaata qopheessaa fi dhiheessaa turan sagantaa hafuuraa fi jaalala obbolummaa irraa akka fayyadaman godheera. *
Yihowaan warra obboloota isaanii tajaajiluuf jabaatanii hojjechaa turaniif iddoo guddaa akka kennu hin shakkisiisu! Obboloonni tokko tokko, hojiin nyaata qopheessuu gammachuudhaan hojjechaa turan hafuu isaatti ni gaddu taʼa. Wanti mirkanaaʼoo taanu garuu jira: Jaalalli amma iyyuu wanta guddaa walgaʼiiwwan gurguddaa irratti mulʼatu dha.—Yoh. 13:34, 35.
^ KEY. 12 Haa taʼu malee, amma iyyuu obboloonni fedhiidhaan of dhiheessan walgaʼii gurguddaa irratti kutaawwan garaa garaa keessa tajaajiluu ni dandaʼu.