Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Obsaan Dandaʼuun Isin In Barbaachisa”

“Obsaan Dandaʼuun Isin In Barbaachisa”

AANIITAAN * cuuphamtee yeroo Dhugaa Baatuu Yihowaa taatetti abbaan manaa ishee gar malee ishee morme. Akkana jetteetti: “Gumii akkan hin deemne kan na dhowwu taʼuu isaa irra iyyuu, maqaa Waaqayyoo illee akkan dhahu hin barbaadu ture. Maqaa Yihowaa dhahuun koo qofti illee abbaa manaa koo baayʼee aarsa ture.”

Aaniitaan waaʼee Yihowaa ijoollee ishee barsiisuun ishee immoo rakkina cimaa gara biraa itti fide. “Yihowaa akka hin waaqeffanne manuma koo keessatti dhorkaa jalan ture. Ijoollee koo wajjin bilisaan qayyabachuus taʼe, isaan qabadhee gumii deemuu hin dandaʼun ture” jetteetti.

Muuxannoon Aaniitaa akka argisiisutti, mormiin miseensota maatii amanamummaa Kiristiyaana tokkoo qoruu dandaʼa. Kana malees dhukkubni cimaan, duuti ijoollee ykn duuti hiriyaa gaaʼelaa, yookiin immoo miseensi maatii tokko Yihowaa dhiisuun isaa amanamummaa Kiristiyaana tokkoo qoruu dandaʼa. Haa taʼu malee, Kiristiyaanni tokko Yihowaadhaaf amanamaa taʼee akka itti fufu maaltu isa gargaaruu dandaʼa?

Rakkinni akkasii yoo si mudate maal goota? Phaawulos ergamaan, “Obsaan dandaʼuun isin in barbaachisa” jedheera. (Ibr. 10:36) Obsaan dandaʼuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa ree?

GARGAARSA ARGACHUUF YIHOWAA KADHADHU

Karaawwan gurguddaa yeroo rakkinni nu mudatu jabina itti argachuu dandeenyu keessa inni tokko kadhannaadhaan gargaarsa Yihowaa gaafachuu dha. Fakkeenya tokko ilaali. Gaaf tokko Wiixata waaree booda maatii Aanaa irra wanta nama gaddisiisutu gaʼe. Abbaan manaa ishee waggaa 30f ishee wajjin jiraate akka tasaa ni duʼe. Aanaan, “Hojiidhaa manatti hin deebine; umuriin isaa waggaa 52 qofa ture” jetteetti.

Aanaan haala ishee mudate kana kan dandeesse akkamitti? Gargaarsa argachuuf hojii isheetti kan deebitee fi hojiin ishee xiyyeeffannaa guutuu kan gaafatu taʼus, gadda ishee hambisuufii hin dandeenye. Akkana jetteetti: “Wanta natti dhagaʼamu Yihowaatti himachuudhaan miira gaddaa natti dhagaʼamu akkan dandaʼu akka na gargaarun isa kadhadhe.” Yihowaan kadhanna isheetiif deebii kenneeraa? Aanaan, akka deebii isheedhaaf kenne itti dhagaʼama. Akkana jetteetti: “Nagaan Waaqayyo biraa qofa argamu na tasgabbeesseera; akkasumas, sammuu koo naaf eegeera. Yihowaan abbaa manaa koo duʼaa akka kaasu shakkii tokko illee hin qabu.”—Filp. 4:6, 7.

Waaqni ‘kadhata namaa dhagaʼu,’ wanta sabni isaa amanamoo akka isaaf taʼan isaan barbaachisu kam iyyuu akka isaaniif guutu waadaa galeera. (Far. 65:2) Yaadni kun amantii kan namaaf cimsu akka taʼe sitti hin dhagaʼamuu? Atis obsaan dandaʼuu akka dandeessu siif hin mirkaneessinee?

WALGAʼIIWWAN GUMII MADDA JAJJABINAA TI

Yihowaan karaa gumii Kiristiyaanaa saba isaa gargaaraa tureera. Fakkeenyaaf, yeroo gumii Tasaloniiqeetti argamu irratti ariʼatamni cimaan gaʼetti, Phaawulos ergamaan ‘akkuma sana dura gochaa turan, akka wal jajjabeessanii fi wal cimsan’ Kiristiyaanota gumichaa jajjabeessee ture. (1 Tas. 2:14; 5:11) Kiristiyaanonni Tasaloniiqee keessa turan jaalalaan walitti dhihaachuun isaanii fi wal gargaaruun isaanii, qorumsa amantii isaan irra gaʼe sana moʼuuf isaan dandeessiseera. Seenaan waaʼee obsaan dandaʼuu isaanii dubbatu, fakkeenya gaarii kan nuuf taʼu siʼa taʼu, wanti akka obsaan dandeenyu nu gargaru maal akka taʼes nuuf ibsa.

Miseensota gumii wajjin sirritti walitti dhihaachuun keenya, “waan ittiin jireenya tokkummaa waliif ijaarru” waliin haasaʼuuf nu gargaara. (Rom. 14:19) Keessumaa kun yeroo rakkinaatti baayʼee barbaachisaa dha. Phaawulos irras rakkinni hedduun kan gaʼe siʼa taʼu, Yihowaan obsaan akka dandaʼuuf humna isaaf kenneera. Yeroo tokko tokko Waaqayyo karaa amantoota hidhata isaa taʼanii jajjabina guddaa isaaf ni kenna ture. Fakkeenyaaf, yeroo Phaawulos gumii Qolosaayisitti argamutti nagaa dhaametti, “Isaan immoo guddaa na jajjabeessan” jechuudhaan waaʼee isaanii dubbateera. (Qol. 4:10, 11) Eeyyee, Jaalalli isaan Phaawulosiif qaban, yeroo barbaachisaa taʼetti isa jajjabeessuu fi isa cimsuuf isaan kakaaseera. Atis obboloota gumii kee keessatti argaman irraa jajjabinaa fi gargaarsa akkasii argatteetta taʼa.

GARGAARSA JAARSOLII IRRAA ARGAMU

Waaqayyo gumii Kiristiyaanaa keessatti wanta gargaarsa ittiin argannu kan biraa, jechuunis jaarsolii gumii nuu kenneera. Obboloonni karaa hafuuraa gaʼumsa qaban kun, “akka iddoo qilleensa jabaa jalaa itti baqatanii, akka daʼoo bubbee jalaa itti baqatanii, akka bishaan lafa gogaa keessa yaaʼuu, akka gaaddisa kattaa guddaa isa lafa dheebotaa keessa jiruu” ti. (Isa. 32:2) Yaanni kun baayʼee kan nama jajjabeessu dha! Qophii jaalalaan godhame kanatti gargaaramtee beektaa? Jajjabinnii fi gargaarsi jaarsoliin kennan obsaan dandaʼuuf si gargaaruu dandaʼa.

Jaarsoliin rakkina ati qabdu hunda siif furuu akka hin dandeenye ifa dha. Isaanis namoota cubbamoo, ‘akkuma keenya dadhabina qabani dha.’ (HoE. 14:15, NW) Taʼus, kadhannaan isaan nuuf dhiheessan waan guddaa hojjechuu dandaʼa. (Yaq. 5:14, 15) Obboleessi Xaaliyaanii keessa jiraatuu fi dhukkuba yeroodhaa yerootti hammaachaa deemu, maashaa dadhabsuu fi maskulaar diistirofii jedhamu waggoota hedduudhaaf obsaan dandaʼe tokko, “Obboloonni jaalala natti argisiisuun isaanii fi yeroo hunda dhufanii na gaafachuun isaanii obsaan dandaʼuuf na gargaareera” jedheera. Qophii Yihowaan siif godhe kana irraa, jechuunis jaarsolii irraa guutummaatti fayyadamaa jirtaa?

YEROO HUNDA SOCHII HAFUURAA IRRATTI HIRMAADHU

Obsaan dandaʼuuf wanti nuti gochuu dandeenyu kan biraanis jira. Inni tokko yeroo hunda sochii hafuuraa irratti hirmaachuu dha. Fakkeenyaaf haala Joon isa umuriin isaa waggaa 39 taʼee fi dhukkuba kaansarii darbee darbee mudatuun qabamee ilaali. Umurii isaa kanatti dhukkuba cimaa kanaan qabamuun isaa sirrii akka hin taane isatti dhagaʼamee ture. Yeroo sanatti mucaan Joon umuriin isaa waggaa sadii ture. Joon, “Kana jechuun immoo haati manaa koo mucaa keenya kunuunsuu qofa utuu hin taʼin, beellama yaalii fayyaa wajjin wal qabate irratti na gargaaruu dabalatee anaafis kunuunsa gochuu qabdi jechuu dha” jedheera. Yaaliin fayyaa Keemooteeraappii isaaf godhamu baayʼee kan isa dadhabsu siʼa taʼu, rakkina garaachaas itti fideera. Rakkinni isaa garuu kana qofa hin turre. Abbaan Joon gar malee waan dhukkubsateef, innis gargaarsi maatichaa isa barbaachisa ture.

Joonii fi maatiin isaa haala ulfaataa kana akkamitti moʼan? Joon akkana jedheera: “Dadhabbiin natti dhagaʼamus, maatiin keenya yeroo hunda sochii hafuuraa irratti akka hirmaatun godha. Haala ulfaataa taʼe keessatti illee walgaʼiiwwan hunda irratti ni argamna, torbee torbeedhaan tajaajila irratti ni hirmaanna, akkasumas yeroo hunda waaqeffannaa maatii ni godhanna turre.” Dhuguma iyyuu, Joon rakkina kam iyyuu obsaan dandaʼuuf walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu eeguun barbaachisaa taʼuu isaa hubateera. Gorsa namoota rakkina mataa isaanii qabaniif kennu qabaa? Akkana jedheera: “Sodaan jalqaba isinitti dhagaʼamu erga isin gadhiisee booda, yaanni dhiphina geessisu sun jabina Yihowaan kennuu fi jaalala isaatiin bakka buʼa. Yihowaan akkuma anaaf godhe isinis cimsuu ni dandaʼa.”

Qorumsawwan ykn haalawwan rakkisaa ammas taʼe gara fuulduraatti nu mudatan gargaarsa Waaqayyootiin moʼuu akka dandeenyu hin shakkisiisu. Kanaafuu, gargaarsa argachuuf Yihowaa haa kadhannu, obboloota gumii keenya keessatti argamanii wajjin walitti haa dhihaannu, gargaarsa jaarsolii haa fudhannu, akkasumas yeroo hunda sochii hafuuraa irratti haa hirmaannu. Akkas yoo goone yaada Phaawulos, “Obsaan dandaʼuun isin in barbaachisa” jechuudhaan dubbatee wajjin haala wal simuun jiraachuu ni dandeenya.

^ KEY. 2 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.