Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qulqulluu Taanee Jiraachuu Ni Dandeenya

Qulqulluu Taanee Jiraachuu Ni Dandeenya

“Harka keessan qulleeffadhaa. . . . garaa keessan qulqulleeffadhaa.” —YAQ. 4:8.

1. Biyyi lafaa qulqullummaadhaaf ilaalcha akkamii qaba?

KEESSUMAA yeroo harʼaatti namoonni hedduun qulqullummaadhaaf iddoo guddaa hin kennan. Biyyoota hedduutti, saalqunnamtiin saala wal fakkaatu gidduuttii fi gaaʼelaan ala raawwatamu rakkina akka hin qabnetti ilaalama. Haalli jireenyaa akkasii beeksisaa fi qophiiwwan bashannanaa irratti illee ni jajjabeeffama. (Far. 12:8) Jireenyi gadhiisii waan babalʼateef, ‘Dhuguma qulqulluu taʼanii jiraachuun ni dandaʼamaa?’ jettanii yaaddu taʼa. Deebiin amanannaadhaan kenninu, ‘Eeyyee, Kiristiyaanonni dhugaan gargaarsa Yihowaatiin qulqulluu taʼanii jiraachuu ni dandaʼu’ kan jedhu dha.—1 Tasaloniiqee 4:3-5 dubbisi.

2, 3. (a) Fedhii qulqulluu hin taane irraa of eeguun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

2 Haa taʼu malee, qulqullinaan jiraachuuf dura fedhiiwwan halalummaa irratti hundaaʼan irraa fagaachuu akka qabnu hubachuu qabna. Akkuma nyaanni kiyyoo irra kaaʼame qurxummii tokko harkisuu dandaʼu, yaadni halalummaas dafee hin toʼatamu taanaan Kiristiyaana tokko karaa irraa maqsuu fi gowwoomsuu dandaʼa. Yaadni akkanaa foon keenya isa dadhabaa hawwachuu fi gocha addaggummaatti nu geessuu dandaʼa. Fedhiin sirrii hin taane nu keessatti yoo guddate, yeroo booda cubbuu hojjechuutti nu geessuu dandaʼa. Fedhii guddaan akkasii namni Yihowaa tajaajilu tokko illee carraa yeroo argatu fedhii isaa sana guuttachuuf akka kakaʼu gochuu dandaʼa. Eeyyee, “Kajeellaan . . . cubbuu in dhala.”—Yaaqoob 1:14, 15 dubbisi.

3 Fedhiin dogoggoraa akka tasaa uumamu akkamitti cubbuu guddaa raawwachuutti akka nama geessu yaaduun barbaachisaa dha. Haa taʼu malee, fedhiin sirrii hin taane nu keessatti akka hin dagaagne yoo goone, gocha addaggummaa irraa fi buʼaa isaa isa hamaa irraa ooluu akka dandeenyu beekuun kan nama jajjabeessu dha! (Gal. 5:16) Mee wantoota fedhii qulqulluu hin taane mooʼuuf nu gargaaran sadii, jechuunis walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu, gorsa Dubbii isaa irraa argannuu fi gargaarsa obboloota keenya irraa argannu haa ilaallu.

“WAAQAYYOTTI DHIʼAADHAA”

4. Yihowaatti dhihaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

4 Macaafni Qulqulluun, “Harka keessan qulleeffadhaa. . . . garaa keessan qulqulleeffadhaa” jechuudhaan namoota ‘Waaqayyotti dhihaachuu’ barbaadan gorsa. (Yaq. 4:8) Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnuuf bakka guddaa kan kenninu yoo taʼe, yaada keenya dabalatee guutummaa jireenya keenyaatiin isa gammachiisuuf carraaqna. Sammuun keenya wanta qulqulluu, gaarii fi galata qabu irratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan ‘garaa qulqulluu’ qabaachuu barbaadna. (Far. 24:3, 4; 51:6; Filp. 4:8) Kan nama gammachiisu, Yihowaan cubbuu kan dhaalle taʼuu keenya beeka. Fedhii sirrii hin taane akka qabnus beeka. Taʼu iyyuu, Yihowaan fedhii sirrii hin taane sana toʼachuu mannaa yoo guddisne baayʼee akka gaddu beekna. (Uma. 6:5, 6) Yaada kana irratti xiinxaluun keenya, yeroo kam iyyuu caalaa yaada qulqulluu qabaachuuf akka murteessinu nu gargaara.

5, 6. Kadhannaan fedhii addaggummaa moʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

5 Karaan Yihowaatti guutummaatti akka amanamnu itti argisiisnu inni guddaan, yaada xuraaʼaa moʼuuf akka nu gargaaru isa kadhachuu dha. Yihowaan kadhannaadhaan gara isaatti ennaa dhihaannu innis nutti dhihaata. Arjummaadhaan kakaʼee hafuura isaa waan nuu kennuuf, murtoon yaadawwan addaggummaa irraa fagaachuu fi qulqulluu taanee jiraachuuf goonu ni cima. Kanaafuu, wanta garaa keenya keessatti yaadnuun isa gammachiisuuf fedhii akka qabnu isatti haa himnu. (Far. 19:14) “Karaa nama miidhu,” jechuunis fedhii sirrii hin taanee fi gara cubbuutti nu geessu kam iyyuu adda baasnee akka beeknuuf akka nu qoru gad of qabnee isa ni gaafannaa? (Far. 139:23, 24) Qorumsi yeroo nu mudatu amanamummaa keenya eeguuf akka nu gargaaru yeroo hunda isa ni kadhannaa?—Mat. 6:13.

6 Akkaataan guddinaa keenya ykn amalli kanaan dura qabnu, amalawwan Yihowaan balaaleffatu akka jaallannu dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼa. Yeroo akkasiittis taanaan, Yihowaan karaa fudhatama qabuun isa tajaajiluu keenya akka itti fufnu jijjiirama barbaachisaa gochuuf nu gargaaruu dandaʼa. Daawit Mootichi kana hubatee ture. Baat-Sheebaa wajjin ejja erga raawwatee booda, “Garaa qullaaʼaa anaaf uumi, . . . Hafuura dhaabataas ana keessatti haaressi!” jechuudhaan Yihowaa kadhateera. (Far. 51:10, 12) Cubbuun, foon keenya isa dadhabaa gar malee hawwachuu kan dandaʼu taʼus, Yihowaan isaaf ajajamuuf fedhii akka qabaannu gochuu ni dandaʼa. Yaadni dogoggoraa nu keessatti yoo guddatee fi yaada keenya isa qulqulluu toʼachuu yoo barbaade illee, ajaja isaa akka fudhannuu fi ittiin jiraachuudhaan milkaaʼina akka argannu Yihowaan adeemsa keenya nuu qajeelchuu dandaʼa. Yihowaan wanti miidhaa geessisu kam iyyuu akka nu hin toʼanne gochuu ni dandaʼa.—Far. 119:133.

Fedhiin dogoggoraa akka tasaa uumamu nu keessatti guddachuu yoo jalqabe, of keessaa baasuu qabna (Keeyyata 6 ilaali)

“WARRA DUBBICHA HOJII IRRA OOLCHAN TAʼAA”

7. Dubbiin Waaqayyoo, yaada xuraaʼaa irraa nu eeguu kan dandaʼu akkamitti?

7 Yihowaan kadhannaa gargaarsa argachuuf dhiheessinuuf karaa Dubbii isaa, jechuunis karaa Macaafa Qulqulluu deebii nuu kenna. Ogummaan Dubbii Waaqayyoo keessa jiru “hundumaa dura qullaaʼaa dha.” (Yaq. 3:17) Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu fi wanta dubbisne irratti xiinxaluun keenya, sammuu keenya yaada addaggummaa irraa eeguuf nu gargaaruu dandaʼa. (Far. 19:7, 11; 119:9, 11) Kana malees, Macaafni Qulqulluun fakkeenyotaa fi gorsawwan fedhii dogoggoraatiin moʼamuu irraa nu eeguu dandaʼan qabateera.

8, 9. (a) Dargaggeessi tokko dubartii ejjituu wajjin akka wal argu wanti godhe maali dha? (b) Seenaan akeekkachiisaa Fakkeenya boqonnaa 7 irratti argamu yeroo harʼaatti kan nu fayyadu akkamitti?

8 Fakkeenyi 5:8, “Karaa kee [dubartii ejjituu] irraa fageessi, balbala mana isheetti iyyuu hin dhiʼaatin!” jedha. Gorsa kana fudhachuu dhiisuun balaa akkamii akka geessisu Fakkeenya boqonnaa 7 irraa hubachuun ni dandaʼama. Caqasni kun waaʼee dargaggeessa karaa mana dubartii ejjituu tokkoo irra asiif achi deemuu dubbata. Yeroon isaa galgalaaʼeera. Karaa irratti dubartii “uffata halalummaa uffatte” tokkotu isa mudate. Dubartittiin qabdee isa dhungatte. Dubbiin ishee inni nama gowwoomsu, fedhii inni toʼachuu hin dandeenye isa keessatti uume. Achii, ejja raawwatan. Dargaggeessi kun ejja raawwachuuf yaadee akka hin turre beekamaa dha. Muuxannoo fi hubannaa hin qabu ture. Taʼus, buʼaa gadhee gochi isaa isa irra geessise fudhachuu qaba ture. Utuu balaa isaa dursee hubateera taʼee, ishee irraa ni fagaata ture!—Fak. 7:6-27.

9 Nu hoo yeroo tokko tokko tarii haala balaa geessisuu fi fedhii dogoggoraa nu keessatti uumuu dandaʼutti galuudhaan hubannaa akka hin qabne ni argisiisnaa? Fakkeenyaaf, halkan halkan sagantaawwan televijiinii gadhiisii taʼantu dhihaata taʼa. Darbee darbee chaanaalii televijiinii hunda kan sakattaanu yoo taʼe hoo? Tarii immoo utuu barbaachisaa hin taʼin liinkiiwwan Intarneetii ni cuqaasna ykn ergaawwan barreeffamaa fi toorawwan Intarneetii poornoogiraafii ykn wantoota halalummaa wajjin wal qabatan kan biraa akka ilaallu afeeran ni banna taʼa. Wanti fedhii sirrii hin taane kakaasuu fi walʼaansoo qulqulluu taanee jiraachuuf goonu nu jalaa fashaleessu kan nu mudatu yeroo akkasiitti taʼuu dandaʼa.

10. Kolomsuun balaa akkamii qaba? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

10 Macaafni Qulqulluun akkaataa nama saala faallaa taʼe tokko itti qabnu irratti gorsa nuu kennuudhaanis nu fayyada. (1 Ximotewos 5:2 dubbisi.) Gorsi akkasii kolomsuun dogoggora taʼuu isaa ifatti argisiisa. Namoonni tokko tokko qaamaan hamma wal hin tuqnetti, nama saala faallaa qabuuf miira jaalalaa akka qaban karaa argisiisuun sochii qaamaa gochuunii fi miira akkasiitiin nama sana ilaaluun rakkina akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, nama kolomsuunis taʼe yeroo nu kolomsan fuula kennuun, yaada xuraaʼaa ejjatti geessu nama keessatti uumuu dandaʼa. Wanti akkasii kanaan dura uumameera; ammas uumamuu ni dandaʼa.

11. Yoseef fakkeenya gaarii akkamii nuu taʼa?

11 Yoseef gama kanaan ogummaa akka qabu argisiiseera. Haati manaa Phoxiifaar isa dogoggorsuuf yeroo yaaltetti, isheedhaaf hin moʼamne. Isheen garuu abdii hin kutanne. Ishee wajjin akka taʼu guyyuma guyyaadhaan isa gaafatti turte. (Uma. 39:7, 8, 10) Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko akka jedhetti, haati manaa Phoxiifaar, “[Yoseef] tarkaanfii isa jalqabaa akka fudhatu abdachuudhaan, ‘Yeroo gabaabaadhaaf kophaa keenya waliin haa taanu’” isaan jechuu ishee ture. Taʼus, Yoseef gowwoomsaa isheetiin moʼamuus taʼe ishee wajjin wal kolomsuu irraa fagaachuuf murteessee ture. Kana gochuudhaan yaadni dogoggoraa garaa isaa keessatti akka hin guddanne godheera. Ishee wajjin ejja akka raawwatu isa dirqisiisuuf yeroo yaaltetti, Yoseef dafee tarkaanfii fudhateera. “Wayyaa isaa ishee harkatti dhiisee, baqatee manaa in baʼe.”—Uma. 39:12.

12. Wanti ilaallu garaa keenya irratti dhiibbaa akka geessisu akkamitti beekna?

12 Macaafni Qulqulluun, iji keenya qalbii keenya karaa irraa akka maqsu heyyamuufii akka hin qabnes nutti hima. Iji asii fi achi ilaaluu baayʼisu, fedhii ejjaa nu keessatti uumuu ykn guddisuu dandaʼa. Yesus, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jechuudhaan akeekkachiiseera. (Mat. 5:28) Haala Daawit Mootichaa yaadadhaa. ‘Bantii mana mootummaa isaa irra utuu jiruu, dubartii dhagna dhiqachaa jirtu tokko in arge.’ (2 Sam. 11:2) Ija isaa ishee irraa buqqifachuu fi waaʼee ishee yaaduu dhiisuu dadhabe. Kun immoo dubartii abbaa manaa qabdu akka hawwuu fi ishee wajjin ejja akka raawwatu isa godhe.

13. ‘Ija keenyaa wajjin kakuudhaan walii galuu’ kan qabnu maaliifi? Kun hoo maal dabalata?

13 Hawwii addaggummaa moʼuuf, akkuma Iyoob isa nama amanamaa turee ‘ija keenyaa wajjin kakuudhaan walii galuu’ qabna. (Iyo. 31:1, 7, 9) Ija keenya toʼachuuf, akkasumas fedhii saalaatiin nama kan biraa ilaaluu dhiisuuf murteessuu qabna. Kun immoo, fakkiiwwan fedhii saalaa kakaasan kompiitara irratti, gabatee beeksisaa irratti, qola barruu ykn wanta kan biraa irratti yoo argine yeruma sana irraa gara galuu kan dabalatu dha.

14. Gorsi qulqulluu taanee akka jiraannu nuu kenname kan nu fayyadu akkamitti?

14 Wanta hanga ammaatti ilaalle keessaa, yaadni fedhii dogoggoraa moʼuu wajjin haala wal qabateen gama fooyyaʼiinsa itti gootu si hubachiise yoo jiraate hatattamaan tarkaanfii fudhadhu. Gorsa Dubbii Waaqayyoo isa cubbuu irraa fagaachuudhaan qulqulluu taatee akka jiraattu si gargaaruu dandaʼuuf fedhiidhaan ajajami.—Yaaqoob 1:21-25 dubbisi.

‘JAARSOLII WAAMMADHAA’

15. Fedhii gadhee wajjin walʼaansoo gochaa jirra taanaan, gargaarsa gaafachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

15 Fedhii saalaa dogoggora taʼee wajjin walʼaansoo gochaa jirra taanaan, Kiristiyaanota hidhata keenya taʼan irraas gargaarsa argachuu ni dandeenya. Dhimma dhuunfaa akkasii irratti warra kaanii wajjin haasaʼuun salphaa akka hin taane beekamaa dha. Taʼu iyyuu, Kiristiyaanota muuxannoo qabanitti ija jabinaan haala keenya himuun keenya, fedhii dogoggoraa tokko sirrii fakkeessuuf sababii dhiheessuu irraa nu eeguu dandaʼa. (Fak. 18:1; Ibr. 3:12, 13) Kiristiyaana karaa hafuuraa gaʼumsa qabuu wajjin waaʼee dadhabina keenyaa haasaʼuun keenya, dogoggora of irratti hin argine hubachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kun immoo jaalala Yihowaa keessatti of eeguuf sirreeffama barbaachisu akka goonu nu gargaaruu dandaʼa.

16, 17. (a) Jaarsoliin warra fedhii qulqulluu hin taanee wajjin walʼaansoo gochaa jiran gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenya kenni. (b) Namni poornoogiraafii ilaalu dafee gargaarsa gaafachuun isaa gaarii kan taʼe maaliifi?

16 Keessumaa jaarsoliin gumii nu gargaaruuf gaʼumsa qabu. (Yaaqoob 5:13-15 dubbisi.) Dargaggeessi Biraaziil keessa jiraatu tokko, waggoota baayʼeedhaaf fedhii dogoggoraa wajjin walʼaansoo gochaa tureera. Akkana jedheera: “Wantin yaadu Yihowaa akka hin gammachiisne beeka; garuu wanta natti dhagaʼamu namoota kaanitti himuun baayʼee na qaanesse.” Kan nama gammachiisu, jaarsi gumii isaaf yaade tokko dursa fudhatee, gargaarsa akka argatu isa jajjabeesse. Dargaggeessi kun akkana jedheera: “Gaarummaan jaarsoliin natti argisiisan baayʼee na dinqisiise; hamman naaf mala jedhee yaade caalaa gaarummaa natti argisiisaniiru, haala koos naaf hubataniiru. Rakkina koo yeroon itti himadhu sirriitti na dhaggeeffatan. Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii Yihowaan akka na jaallatu naa mirkaneessan; akkasumas naa wajjin kadhatan. Kana gochuun isaanii, gorsa Macaafa Qulqulluu naa kennan fudhachuun akka naaf salphatu godheera.” Obboleessi kun karaa hafuuraa guddina gaarii erga godhee booda, “Baʼaa keenya kophaa baachuu mannaa gargaarsa gaafachuun hammam barbaachisaa akka taʼe amma hubadheera” jedheera.

17 Namni tokko yaada xuraaʼaa kan qabaate poornoogiraafii ilaaluu amaleeffachuu isaatiin yoo taʼe, gargaarsa gaafachuun isaa baayʼee barbaachisaa dha. Dafee gargaarsa gaafachuu baannaan, fedhiin xuraaʼaan ‘erga iddoo gaʼee cubbuu dhala;’ kun immoo namoota kaan kan miidhu taʼuu isaa irra iyyuu maqaa Yihowaa irratti arrabsoo fida. Tajaajiltoonni Yihowaa hedduun isa gammachiisuu fi gumii Kiristiyaanaa keessa jiraachuu isaanii itti fufuuf fedhii kan qaban taʼuun isaanii, gargaarsa jaalalaan isaaniif godhamu fudhachuuf isaan kakaaseera.—Yaq. 1:15; Far. 141:5; Ibr. 12:5, 6.

QULQULLUU TAATANII JIRAACHUUF MURTEESSAA!

18. Maal gochuuf murteessiteetta?

18 Yeroo addunyaan Seexanaa gama amalaatiin mancaʼaa deeme kanatti, Yihowaan tajaajiltoonni isaa isaaf of kennan yaada qulqulluu qabaachuuf, akkasumas seerawwan inni amalaaf baase eeguuf carraaqqii guddaa yeroo godhan arguun baayʼee isa gammachiisa! Kanaafuu, tokkoon tokkoon keenya, caalaatti Yihowaatti dhihaachuu keenya itti fufuuf, akkasumas qajeelfama inni karaa Dubbii isaa fi karaa gumii Kiristiyaanaa nuu qopheessu hojii irra oolchuuf haa murteessinu. Qulqulluu taanee jiraachuun keenya yeroo ammaatti gammachuu fi nagaa sammuu nuuf argamsiisa. (Far. 119:5, 6) Gara fulduraatti immoo Seexanni erga balleeffamee booda, addunyaa qulqulluu dhiibbaa gadhee inni geessisu irraa walaba taʼe keessatti bara baraaf jiraachuuf mirga arganna.