Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

“Biyyi Bishaan Keessaa Warri Baayʼeen Haa Gammadan!”

“Biyyi Bishaan Keessaa Warri Baayʼeen Haa Gammadan!”

Wanta yeroo dheeraa dura taʼe tokko nan yaadadha. Obboloota biyyoota garaa garaa irraa dhufanii wajjin kutaa walgaʼii Qaama Ol Aanaa teenyee eegaa kan turre siʼa taʼu, hundi keenya iyyuu sodaanneerra. Koreen Barreeffamaa ol galuuf jedha; nuyis kutaa akka dhiheessinu ramadamneerra. Torbeewwan sana dura turanitti, rakkoowwan hiiktota mudatan kaasnee kan turre siʼa taʼu, yeroo kanatti immoo furmaata isaa dhiheessuuf jenna. Yeroon isaa Caamsaa 22, 2000 ture. Haa taʼu malee, walgaʼiin kun baayʼee barbaachisaa kan ture maaliifi? Waaʼee kanaa ibsuu koo dura, seenaa koo keessaa wanta muraasa isinitti himuun barbaada.

Kuwiinsilaandi keessattan cuuphame, Taasmaaniyaa keessatti qajeelchaa taʼee tajaajileera; akkasumas Tuvaaluu, Saamooʼaa fi Fiijii keessatti misiyoonii taʼee tajaajileera

BARA 1955tti Awustiraaliyaatti magaalaa Kuwiinsilaandittan dhaladhe. Sana booda baayʼee utuu hin turin haati koo Esteel Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabde. Isheen waggaa itti aanutti kan cuuphamte siʼa taʼu, abbaan koo Raan immoo isheen cuuphamtee waggaa 13 booda gara dhugaatti dhufe. Ani immoo bara 1968tti naannoo baadiyyaa Kuwiinsilaanditti argamtu tokkottan cuuphame.

Dargaggummaa kootii jalqabee dubbisuu nan jaalladha; akkasumas qooqa nan jaalladha. Maatiidhaan taanee konkolaataadhaan yeroo deemnu, warri koo naannoo isaa ilaaluu mannaa duuba taaʼee yeroon dubbisu aaranii taʼuu qaba. Haa taʼu malee, dubbisuu jaallachuun koo barumsa irratti na gargaareera. Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa magaalaa Gilenorkii ishee odoola Taasmaaniyaatti argamtu keessa jirutti, barumsa koo irratti milkaaʼina waanan argadheef yeroo baayʼee badhaafameera.

Booda garuu yeroon murtoo cimaa itti gochuu qabu ni dhufe. Carraa barumsaa naa banametti fayyadamee yunivarsiitii galuun qabaa? Hammuman kitaaba dubbisuu fi barumsa jaalladhu, haati koo Yihowaadhaaf jaalala cimaa akkan qabaadhu na gargaarteetti. (1 Qor. 3:18, 19) Kanaafuu, warra koo wajjin walii galeen barumsa koo itti fufuu dhiisee barumsa sadarkaa lammaffaa akkuman xumureen Amajjii 1971tti umurii koo waggaa 15tti qajeelchaa taʼe.

Achiis waggoota itti aanan saddeetiif Taasmaaniyaa keessatti qajeelchaa taʼee tajaajiluufan mirga argadhe. Yeroo sanatti, intala Taasmaaniyaa bareedduu taatee fi Jeenii Aalkook jedhamtu kanan fuudhe siʼa taʼu, qajeelchaa addaa taanee waggaa afuriif naannoowwan fagoo Ismiitanii fi Kuwiinsitaawun keessatti argamanitti waliin tajaajilleerra.

GARA ODOOLAWWAN PAASIFIIK DEEMUU

Bara 1978tti walgaʼii biyyoolessaa Poorti Moorzibii ishee Paappuwaa Niiwu Giinii keessatti argamtutti geggeeffamu irratti argamuuf yeroo jalqabaatiif biyya alaa deemne. Haasaa misiyooniin tokko Afaan Hiirii Mootuutiin kenne amma iyyuu nan yaadadha. Wanti inni jedhe tokko iyyuu kan naaf hin galle taʼus, haasaan inni dhiheesse misiyoonii taʼuuf, afaan kan biraa barachuu fi haasaa akkasii kennuuf fedhii akkan qabaadhu na godheera. Dhuma irratti, jaalalan Yihowaadhaaf qabuu fi qooqaaf qabu waliin deemsisuuf karaan argadhe.

Kan nama ajaaʼibu, deebinee gara Awustiraaliyaa yeroo dhaqnu, odoola Funaafuutii Tuvaaluu keessatti argamtuu fi sanaan dura Odoolawwan Eeliis jedhamtee waamamtutti misiyoonota taanee ramadamne. Bara 1979 jiʼa Amajjiitti iddoo ramaddii keenya geenye. Guutummaa Tuvaaluu keessa babalʼistoota cuuphaman sadii qofatu ture.

Tuvaaluu keessaatti Jeenii wajjin

Afaan Tuvaaluu barachuun salphaa hin turre. Kitaabni afaan kanaan jiru, “Kakuu Haaraa” qofa ture. Galmeen jechootaa ykn barumsi afaanii waan hin turreef, guyyaa guyyaatti jecha haaraa 10 hanga 20 taʼu barachuuf murteessine. Haa taʼu malee, utuu baayʼee hin turin jechoota barachaa turre keessaa hiikni baayʼee isaanii sirriitti nuu galaa akka hin turre hubanne. Fakkeenyaaf, gochi hafuura xuraaʼummaa sirrii akka hin taane namootatti himuu mannaa, safartuuwwanii fi kazaraa fayyadamuu akka hin qabne isaanitti himna turre! Haa taʼu malee namoota qayyabsiisuu jalqabne hedduudhaaf qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf afaanicha barachuun waan nu barbaachisuuf, carraaqqii gochuu keenya itti fufne. Namoota qayyabsiisaa turre keessaa tokko waggoota muraasa booda akkana nuun jette: “Amma afaan keenya dubbachuu dandaʼuu keessanitti baayʼee gammadneerra. Jalqaba irratti garuu maal jechuu akka barbaaddan nuuf hin galu ture!”

Gama biraatiin garuu, haalli keessa turre afaan haaraa barachuuf mijaaʼaa ture. Manni kireeffamu waan hin jirreef, maatii Dhugaa Baatuu taʼanii fi mandara sana keessatti argamanii wajjin jiraachuu jalqabne. Kun immoo afaanicha dubbachuuf akka dirqamnuu fi jireenya baadiyyaa keessa akka gallu godheera. Waggoota hedduudhaaf Afaan Ingiliffaa dubbachuu waan dhiisneef, Tuvaaluun afaan adda durummaadhaan itti fayyadamnu taʼe.

Yeroo gabaabaa keessatti, namoonni hedduun dhugaadhaaf fedhii argisiisaniiru. Garuu maaliin isaan qayyabsiisna? Barreeffama afaan isaaniitiin qophaaʼe hin qabnu turre. Qayyabannaa dhuunfaa godhachuu kan dandaʼan akkamitti? Yommuu gara walgaʼii dhufuu jalqaban, faarfannaa kam faarfatu? Barreeffama kamitti fayyadamanii kutaa dhiheessu? Walgaʼii gumiitiif akkamitti qophaaʼu? Akkamitti guddina argisiisanii cuuphamuu dandaʼu? Namoonni garaa nama nyaatan kun afaan isaaniitiin nyaata hafuuraa argachuun isaan barbaachisa. (1 Qor. 14:9) ‘Afaan Tuvaaluu namoota 15,000 gadi taʼaniin dubbatamuun barreeffamoonni ni qophaaʼuu laata?’ jennee yaadnee turre. Yihowaan wantoota lama nuu mirkaneessuudhaan gaaffilee kanaaf deebii kenne: (1) Dubbiin isaa namoota “biyya galaana gidduu keessa jiran, warra fagoottis” akka lallabamu barbaada; akkasumas (2) namoonni addunyaan kun “deegaadhaa fi gad deebiʼaa” akka taʼanitti ilaalu maqaa isaatti akka kooluu galan barbaada.—Er. 31:10; Sef. 3:12.

NYAATA HAFUURAA HIIKUU

Bara 1980tti waajjirri damee hojii hiikkaa akka hojjennu kan nu ramade taʼus, nuti garuu gaʼumsa akka qabnu nutti hin dhagaʼamne. (1 Qor. 1:28, 29) Jalqaba irratti, meeshaa dulloomaa barreeffama baayʼisu tokko mootummaa irraa bitannee barreeffamoota walgaʼiidhaaf nu barbaachisan maxxansuu jalqabne. Kitaaba Dhugaa Jireenya Bara Baraatti Geessu (Afaan Oromootiin hin argamu) jedhamu illee gara Afaan Tuvaaluutti hiiknee meeshaa kanatti fayyadamuudhaan maxxansineerra. Foolii cimaa qalamni sun qabuu fi hoʼa cimaa dandamachuudhaan barreeffama qopheessuun carraaqqii hammamii akka gaafatu amma iyyuu nan yaadadha. Yeroo sanatti elektiriikii hin qabnu turre!

Wantoota qorannaadhaaf gargaaran muraasa qofa waan qabnuuf Afaan Tuvaaluutti hiikuun rakkisaa ture. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko iddoo hin eegamnee gargaarsa arganna turre. Gaaf tokko ganama dogoggoraanan mana nama nu mormu tokkoo deeme. Namichi barsiisaa turee fi maanguddoo taʼe sun, mana isaa akka hin dhufne nutti himee akka ture yeruma sana dubbate. Achiis, “Waan tokko garuu dubbachuun barbaada. Hiikkaan keessan akkaataa dubbii Afaan Tuvaaluu wajjin tokko miti” jedhe. Anis namoota kan biraa yeroon gaafadhu, namichi sun sirrii akka turen hubadhe. Kanaafuu, sirreeffama barbaachisu goone. Haa taʼu malee, Yihowaan nama nu mormuu fi barreeffama keenya dubbisetti fayyadamee gargaarsa nuu kennuun isaa baayʼee na dinqisiise!

Oduu Mootummichaa Lakk. 30 Afaan Tuvaaluutiin

Barreeffamni jalqabaa Afaan Tuvaaluutiin maxxanfamee raabsame, waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannoo ture. Isatti aansuudhaan kan baʼe immoo Oduu Mootummichaa Lakk. 30 isa Ingiliffaa wajjin wal faana baʼe dha. Namootaaf barreeffama afaan isaaniitiin qophaaʼe kennuun gammachuu guddaa kan argamsiisu ture! Yeroo booda Afaan Tuvaaluutiin birooshuroonnii fi kitaabonni tokko tokko qophaaʼuu dandaʼaniiru. Bara 1983tti, waajjirri damee Awustiraaliyaa Masaraa Eegumsaa fuula 24 qabuu fi jiʼa sadii sadiin baʼu maxxansuu kan jalqabe siʼa taʼu, barreeffamni kun giddu galeessaan torban torbaniin keeyyatoota torba torba qayyabachuuf nu gargaaree ture. Uummatichatti maaltu dhagaʼame? Uummatni Tuvaaluu dubbisuu waan jaallatuuf, barreeffamoonni keenya balʼinaan beekamanii turan. Barreeffamni haaraan tokko yeroo baʼu hundatti, buufata raadiyoo mootummaatiin beeksifama ture; al tokko tokko immoo oduu angafaa taʼee dhihaata ture! *

Hojiin hiikkaa waraqaa fi qalamaan jalqabame. Achii, barreeffamoonni harkaan barreeffaman maxxansaaf gara waajjira damee Awustiraaliyaatti ergamuu isaanii dura siʼa baayʼee taayippiidhaan barreeffamu turan. Yeroo tokko waajjirri damee obboleettonni lama Afaan Tuvaaluu kan hin beekne taʼanis barreeffama harkaan barreeffame hunda gara kompiitaraatti akka garagalchan godhee ture. Kompiitara irratti siʼa lama barreessuunii fi garaa garummaa jiru wal bira qabanii ilaaluun, dogoggorri baayʼeen akka hin jiraanne gochuu dandaʼeera. Barreeffamni qindeeffame irra deebiʼamee akka ilaalamu poostaadhaan kan nuu ergamu yommuu taʼu, achii maxxansaaf gara waajjira damee Awustiraaliyaatti ergama ture.

Amma wantoonni baayʼeen jijjiiramaniiru! Yeroo ammaatti gareewwan hiikkaa kallattiidhaan kompiitara irratti barreessu. Barreeffamni sirreeffamni irratti godhame yeroo baayʼee achumatti qindaaʼuudhaan gara waajjira damee itti maxxanfamutti Intarneetiidhaan ergama. Barreeffama harkaan qophaaʼe poostaadhaan erguuf jecha muddamuun hin barbaachisu.

HOJIIWWAN DABALATAA

Anii fi Jeeniin waggoota hedduudhaaf guutummaa Paasifiik keessatti hojiiwwan garaa garaa hojjenneerra. Bara 1985tti Tuvaaluudhaa gara waajjira damee Saamooʼaatti jijjiiramne. Achittis hojii Afaan Tuvaaluu wajjin wal qabate hojjechuu keenya kan itti fufne taʼus, hojii hiikkaa Afaan Saamooʼaa, Toongaa fi Tukilaas ni gargaarra turre. * Achiis bara 1996tti waajjira damee Fiijii keessatti hojumti akkasii kan nuu kenname siʼa taʼu, hojii hiikkaa Afaan Fiijii, Kiriibaatii, Naaʼuruu, Rootumaa fi Tuvaaluutiin hojjetamu gargaaruu dandeenyeerra.

Warra kaan gargaaruuf barreeffama Afaan Tuvaaluutiin qophaaʼetti utuun fayyadamuu

Hinaaffaa obboloonni barreeffamoota keenya hiikan qaban yoom iyyuu nan dinqisiifadha. Hojichi kan nama nuffisiisuu fi dadhabsiisu taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, obboloonni amanamoon kun akkuma Yihowaa misiraachichi “saba hundumaatti, gosa hundumaatti, afaan dubbatamu hundumaatti, nama hundumaattis” akka lallabamu barbaadu. (Mul. 14:6) Fakkeenyaaf, Masaraa Eegumsaa gara Afaan Toongaatti hiikuuf qophiin yommuu jalqabamu, namni hojii hiikkaa kana hojjechuuf leenjiʼuu dandaʼu kan jiru taʼuu isaan jaarsolii Toongaa keessatti argaman hunda gaafadhe. Jaarsolii sana keessaa inni tokko hojii gaarii kan qabu, jechuunis makaanikii kan ture siʼa taʼu, guyyaa itti aanuu kaasee hojii isaa dhiisuudhaan hojii hiikkaa jalqabe. Obboleessi kun maatii kan qabuu fi sana booda galii kan argatu akkamitti akka taʼe kan hin beekne waan taʼeef, murtoon isaa kun garaa namaa kan tuqu ture. Haa taʼu malee, Yihowaan maatii isaatiifis taʼe isaaf kunuunsa kan godhe siʼa taʼu, waggoota hedduudhaaf hojii hiikkaa hojjechuu dandaʼeera.

Qaamni Ol Aanaan namoota afaan namoota muraasaan dubbatamu fayyadamaniif wanta karaa hafuuraa barbaachisu guutuu kan barbaadu siʼa taʼu, hiiktonni guutummaatti of kennan kunis ilaalcha akkasii qabu. Fakkeenyaaf, yeroo tokko Afaan Tuvaaluutiin barreeffamoota qopheessuuf hamma kana carraaqqii gochuun barbaachisaa taʼuu isaa ilaalchisee gaaffiin kaʼee ture. Deebii Qaamni Ol Aanaan akkana jechuudhaan kenne yeroon dubbisu baayʼeen jajjabaadhe: “Afaan Tuvaaluutti hiikuu sababiin itti dhiistan tokko iyyuu akka jiru nutti hin dhagaʼamu. Namoonni Afaan Tuvaaluu dubbatan namoota kaanii wajjin wal bira qabamanii yeroo ilaalaman lakkoofsi isaanii xinnoo taʼus, afaan isaaniitiin misiraachicha dhagaʼuun isaan barbaachisa.”

Sirna cuuphaa haroo xiqqoo tokko keessatti raawwatamaa jiru

Bara 2003tti anii fi Jeeniin, Kutaa Hiikkaa waajjira damee Fiijiitii gara Kutaa Tajaajila Hiikkaa Paatarsan, Niiwu Yoorkitti argamutti jijjiiramne. Hawwii keenya isa matumaa ni raawwatama jennee hin yaadnetu dhugaa taʼe! Garee barreeffamoonni keenya afaanota dabalataatti akka hiikaman gargaarutti makamne. Sana booda gareewwan hiikkaa gargaaruuf gara waggaa lamaatiif biyyoota garaa garaa deemuuf mirga arganneerra.

MURTOOWWAN SEENA QABEESSA TAʼAN

Mee amma kutaan jalqaba irratti caqasettan deebiʼa. Bara 2000tti Qaamni Ol Aanaan, gareewwan hiikkaa addunyaa maratti argaman cimsuun barbaachisaa taʼuu isaa hubate. Hamma yeroo sanaatti garuu, leenjiin hiiktonni hedduun argatan baayʼee xinnoo ture. Koreen Barreeffamaatiif kutaa sana erga dhiheessinee booda, Qaamni Ol Aanaan addunyaa maratti hiiktota hundaaf leenjiin akka kennamu heyyame. Leenjiin kun, Afaan Ingiliffaa, mala hiikkaa fi gareedhaan wal taʼanii hojjechuu barsiisuu kan dabalatu ture.

Hojii hiikkaatiif xiyyeeffannaan akkasii kennamuun isaa buʼaa akkamii argamsiise? Qulqullinni hojii hiikkaa dabaleera. Kana malees afaanonni barreeffamoonni keenya itti hiikaman lakkoofsi isaanii haala ajaaʼibsiisaa taʼeen dabaleera. Bara 1979tti bakka misiyoonota taanee yeroo jalqabaatiif itti ramadamne yeroo dhaqnu, Masaraan Eegumsaa afaanota 82n qofa argama ture. Maxxansi afaanota hedduu, maxxansi Ingiliffaa baʼee jiʼoota muraasa booda baʼa ture. Yeroo ammaatti garuu, Masaraan Eegumsaa afaanota 240 oliin kan qophaaʼu yeroo taʼu, baayʼeen isaa Ingiliffaa wajjin qixxee baʼa. Nyaatni hafuuraa karaa adda addaatiin afaanota 700 oliin argama. Waggoota hedduu dura kun wanta hin yaadamne ture.

Bara 2004tti, Qaamni Ol Aanaan hiikkaa Macaafa Qulqulluu saffisiisuuf murtoo guddaa godheera. Murtoon kun godhamee jiʼoota muraasa booda, hiikkaan Macaafa Qulqulluu kutaa hiikkaa isa kaanii kan taʼe yommuu taʼu, kun immoo Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa afaanota dabalataatiin akka argamu godheera. Hanga bara 2014tti, Macaafni Qulqulluun kun guutuun isaa ykn gartokkoon isaa afaanota Paasifiik Kibbaatti dubbataman hedduu dabalatee afaanota 128 oliin maxxanfameera.

Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Giriikii Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Tuvaaluutiin qophaaʼe beeksisuu

Wantan jireenya koo keessatti bakka guddaa kennuuf keessaa tokko, bara 2011tti walgaʼii guddaa Afaan Tuvaaluutiin geggeeffamu irratti argamuuf mirga argachuu koo ti. Guutummaan biyyattii jiʼoota hedduudhaaf ongee cimaa keessa waan turteef, walgaʼichi hafuuf kan jedhu fakkaata ture. Haa taʼu malee, yeroo nuyi achi geenyu bokkaa cimaan kan roobe siʼa taʼu, walgaʼichis ni geggeeffame! Afaan Tuvaaluutiin Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Giriikii Hiika Addunyaa Haaraa beeksisuuf mirga adda taʼe argadheera! Afaan kana kan dubbatan obboloota muraasa qofa taʼanis, Yihowaa irraa kennaa gaarii kana argachuu dandaʼaniiru. Erga walgaʼichi xumuramee boodas bokkaan ni roobe. Kanaafuu, hundi isaanii bishaan hafuuraa fi bishaan bokkaa baayʼinaan argataniiru!

Warra koo, Raanii fi Esteeliif Awustiraaliyaatti magaalaa Taawunsiviil keessatti bara 2014tti yommuun gaafannoo godhu

Kan nama gaddisiisu, Jeeniin isheen waggoota 35iif amanamummaadhaan na deggeraa turte, guyyaa seena qabeessa taʼe kana irratti hin argamne. Waggaa kudhaniif kaansarii harmaa wajjin walʼaansoo erga gootee booda bara 2009tti duute. Yeroo duʼaa kaatee Macaafni Qulqulluun Afaan Tuvaaluutiin qophaaʼee akka ture dhageessu baayʼee akka gammaddu hin shakkisiisu.

Yihowaan haadha manaa bareedduu kan biraa Looreenii Sikiivoo jedhamtu naa kennuudhaan na eebbiseera. Looreenii fi Jeeniin Betʼel isa Fiijiitti argamu keessatti waliin tajaajilaniiru; Looreeniinis hojii hiikkaa hojjechaa turte. Kanaafuu, ammas haadha manaa amanamtuu kanan argadhe siʼa taʼu, lamaan keenya iyyuu waliin Yihowaa tajaajilaa jirra; akkasumas qooqaaf jaalala qabna!

Fiijiitti Looreenii wajjin yommuu dhugaa baanu

Waggoota darban keessatti, Abbaan keenya Yihowaan inni jaalala qabeessa taʼe, namoota afaan isaanii namoota muraasaan qofa dubbatamu dabalatee namoota afaan hundumaa dubbataniif akka yaadu beekuun koo baayʼee naa jajjabeessa. (Far. 49:1-3) Namoonni yeroo jalqabaatiif barreeffama keenya afaan isaaniitiin arganii ykn afaan dhalootaa isaaniitiin faarfatanii yommuu gammadan yeroon argu, jaalala Yihowaan isaanitti argisiisen hubadha. (HoE. 2:8, 11) Wanta obboleessi biyya Tuvaaluu maanguddoo taʼee fi Saawuloo Tiyaasii jedhamu dubbate amma iyyuu hin irraanfadhu. Yeroo jalqabaatiif afaan isaatiin faarfannaa Mootummichaa erga faarfatee booda, “Faarfannaawwan kun Afaan Ingiliffaa caalaa Afaan Tuvaaluutiin yeroo faarfataman akka namatti tolan Qaama Ol Aanaatti himuu kan qabdan natti fakkaata” jedheera.

Fulbaana 2005tti miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼee tajaajiluuf mirga kanan argadhe siʼa taʼu, kun wanta hin eegamne ture. Hojii hiikkaa irratti hirmaachuu kanan hin dandeenye taʼus, hojii hiikkaa addunyaa maratti hojjetamu deggeruu koo akkan itti fufu waan naa heyyameef Yihowaa nan galateeffadha. Yihowaan namoota odoolawwan Garba Paasifiik gidduutti argaman keessa jiraatan dabalatee, nyaata hafuuraa namoota hundumaa barbaachisuuf xiyyeeffannaa akka kennu beekuun nama gammachiisa! Akkuma faarfatichi jedhe, “Waaqayyo mootii dha! Lafti gammachuu haa qabaattu! Biyyi bishaan keessaa warri baayʼeen haa gammadan!”—Far. 97:1.

^ KEY. 18 Barreeffamoota keenya ilaalchisee uummatichatti maaltu akka dhagaʼame beekuuf, Masaraa Eegumsaa, Muddee 15, 2000 (Amaariffa), ful. 32; Hagayya 1, 1988 (Ingiliffa), ful. 22; akkasumas Dammaqaa! Muddee 22, 2000 (Ingiliffa), ful. 9 ilaali.

^ KEY. 22 Hojii hiikkaa Saamooʼaatti raawwatamaa ture ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, Kitaaba Waggaa 2009 (Ingiliffa), ful. 120-121, 123-124 ilaali.