Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Eeggachuu Keessan Itti Fufaa!

Eeggachuu Keessan Itti Fufaa!

Yoo lafa irra harkifame iyyuu isa eeggadhu!”—AN. 2:3.

FAARFANNAA: 32, 45

1, 2. Tajaajiltoonni Yihowaa bara duriitii kaasee maal gochuudhaan beekamu?

TAJAAJILTOONNI Yihowaa raawwii raajiiwwan geggeessaa hafuuraatiin dubbatamanii obsaan eegaa turaniiru. Fakkeenyaaf, Ermiyaas Yihudaan akka balleeffamtu raajii dubbatee kan ture siʼa taʼu, Dh.K.D. bara 607tti Baabilononni ishee balleessaniiru. (Er. 25:8-11) Isaayaas inni hafuuraan geggeeffamee Yihowaan haaromsa akka fidu dubbate, “Warri isa eeggatan haa gammadan!” jedheera. (Isa. 30:18) Miikiyaasis abdiin Yihowaan kenne akka raawwatamu eeggachaa kan ture siʼa taʼu, “Abdiidhaan gara Waaqayyoo nan ilaala” jedheera. (Mik. 7:7) Akkasumas, tajaajiltoonni Waaqayyoo waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif, raawwii raajiiwwan waaʼee Masiihichaa ykn Kiristos dubbatamanii eeggachaa turaniiru.—Luq. 3:15; 1 Phe. 1:10-12. *

2 Raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman raawwatamanii waan hin dhumneef, tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiranis raawwii isaanii eeggachaa jiru. Dhiheenyatti Yihowaan Mootummaa Masiihichaatti fayyadamee hamoota balleessuudhaan, akkasumas saba isaa addunyaa jeeqamaa aangoo Seexanaa jala jiru kana jalaa oolchuudhaan rakkina ilmaan namootaa ni balleessa. (1 Yoh. 5:19) Kanaafuu dammaqoo haa taanu; akkasumas dhumni sirna kanaa baayʼee dhihaachaa akka jiru haa hubannu.

3. Dhuma sirna kanaa waggoota dheeraadhaaf eeggachaa erga turree booda gaaffii akkamii kaasuu dandeenya?

3 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, ‘jaalalli Waaqayyoo waaqa irratti akkuma taʼe lafa irrattis taʼee’ arguuf hawwii guddaa qabna. (Mat. 6:10) Namoonni dhuma sirna kanaa yeroo dheeraadhaaf eeggachaa akka turan isaanitti dhagaʼamu tokko tokko, ‘Ammas eeggachuu keenya itti fufuu qabnaa?’ jedhanii yaadu taʼa. Mee haa ilaallu.

EEGGACHUU KEENYA ITTI FUFUU KAN QABNU MAALIIFI?

4. Dammaqinaan eeguu keenya itti fufuuf sababiin keenya inni guddaan maali dha?

4 Macaafni Qulqulluun badiisa sirna kana eeggatuu wajjin haala wal qabateen ilaalchi keenya maal taʼuu akka qabu ifatti dubbata. Yesus duuka buutonni isaa ‘akka dammaqan’ isaanitti himee ture. (Mat. 24:42; Luq. 21:34-36) Yesus ajaja kana kennuun isaa iyyuu, eeggachuu keenya itti fufuuf sababii gaʼaa dha! Jaarmiyaan Yihowaa gama kanaan fakkeenya gaarii nuu taʼa. Barreeffamoonni jaarmiyichi qopheessu, ‘akka eeggannuu fi ariifannee akka hojjennu [‘guyyicha akka ariifachiisnu,’ NW],’ akkasumas yeroo hunda addunyaa haaraa Waaqayyo abdachiise irratti akka xiyyeeffannu nu jajjabeessu.—2 Phexros 3:11-13 dubbisi.

5. Keessumaa yeroo ammaatti dammaqoo taʼuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

5 Kiristiyaanonni jaarraawwan hedduu dura jiraatan dammaqinaan eeguun isaanii barbaachisaa kan ture taʼus, nuyi dammaqinaan eeguun keenya caalaatti barbaachisaa dha. Maaliif? Nuyi kan jiraannu yeroo Kiristos itti bulchaa jiru keessa dha. Mallattoon bulchuu jalqabuu isaa argisiisu bara 1914 kaasee mulʼachaa tureera. Mallattoon kun haalawwan addunyaa caalaatti mancaʼaa deemanii fi hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamu kan dabalatu yommuu taʼu, “dhuma barichaa” keessa akka jiraannu argisiisa. (Mat. 24:3, 7-14) Yesus, dhumni dhufuu isaa dura yeroon kun hammam akka turu waan hin dubbanneef, dammaqoo taʼuun keenya barbaachisaa dha.

6. Dhuma sirna kanaatti caalaatti yeroo dhihaannu, haalli addunyaa caalaatti akka mancaʼu eeguu kan dandeenyu maaliifi?

6 ‘Dhumni barichaa’ yeroo gara fuulduraa haalli addunyaa kana caalaa itti hammaatu kan argisiisu taʼuu hin dandaʼuu? jennee gaafanna taʼa. Macaafni Qulqulluun “guyyoota gara dhumaatti” hammeenyi akka baayʼatu dubbata. (2 Xim. 3:1, 13; Mat. 24:21; Mul. 12:12) Kanaafuu, haalli addunyaa kanaa caalaatti mancaʼuu isaa akka itti fufu eeguu dandeenya.

7. Maatewos 24:37-39 haala addunyaa bara dhumaatti jiraatu ilaalchisee maal jedha?

7 Haa taʼu malee, haalli addunyaa “rakkina guddaa” dura hammam akka hammaatu eegda? (Mul. 7:14) Fakkeenyaaf, biyyoota hundumaa keessa waraanni akka jiraatu, mana nama hundumaatii nyaanni akka dhabamuu fi maatii hundumaa keessa dhukkubni akka jiraatu eegdaa? Utuu akkas taʼee, namoonni Waaqayyotti hin amanne illee raajiin Macaafa Qulqulluu raawwatamaa akka jiru amanuuf ni dirqamu. Haa taʼu malee, Yesus namoonni baayʼeen inni bulchaa akka jiru ‘akka hin beekne,’ jechuunis jireenya guyyaa guyyaatiin waan qabamaniif wanta taʼaa jiruuf xiyyeeffannaa akka hin kennine dubbateera. (Maatewos 24:37-39 dubbisi.) Kanaafuu, Caaffanni Qulqullaaʼoon akka argisiisanitti hamma namoonni dhumni sirna kanaa dhihaachuu isaa amanuuf dirqamanitti haalli addunyaa kanaa garmalee hin jijjiiramu.—Luq. 17:20; 2 Phe. 3:3, 4.

8. Namoonni ajaja Yesus “Dammaqaa!” jechuudhaan kenneef ajajaman waaʼee maalii mirkanaaʼoo dha?

8 Yesus mallattoowwan sana kan dubbate, yeroo keessa jiraatan ilaalchisee duuka buutota isaa akeekkachiisuufi. Duuka buutonni Yesus dammaqoo turan. (Mat. 24:27, 42) Wanti inni dubbates bara 1914 kaasee raawwatamaa jira. Yeroo sanaa kaasee kutaawwan garaa garaa mallattoo sanaa raawwatamaa jiru. Kanaafuu, amma “dhuma barichaa” keessa kan jirru siʼa taʼu, yeroon kunis yeroo murtaaʼaa badiisa sirna hamaa kanaatti geessu dha; yeroon kun yeroo badiisichaas ni dabalata.

9. Dhuma sirna kanaa eeggachuu keenya itti fufuuf sababii maalii qabna?

9 Kiristiyaanonni yeroo harʼaa eeggachuu isaanii itti fufuu kan qaban maaliifi ree? Yesusiif waan ajajamnuuf eeggachuu keenya itti fufna. Kana malees, mallattoo bulchaa akka jiru argisiisu ni hubanna. Kan eeggannu, gowwummaadhaan waan tokko amanuu barbaannee utuu hin taʼin, ragaa amansiisaa Caaffata Qulqullaaʼoo irratti hundaaʼee fi dhuma sirna hamaa kanaa qophaaʼoo fi dammaqoo taanee akka eeggannu nu dirqisiisu irratti hundoofnee ti.

HAMMA YOOMIITTI?

10, 11. (a) Yesus bartoota isaa haala akkamiitiif qopheessee ture? (b) Yesus duuka buutonni isaa guyyichi yeroo isaan yaadan caalaa akka ture yoo isaanitti dhagaʼame maal akka godhan isaanitti hime? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

10 Baayʼeen keenya waggoota dheeraadhaaf dammaqinaan eeggachaa turreerra. Taʼu iyyuu, yeroo dheeraan darbuun isaa murtoo eeguu keenya itti fufuuf goone akka nu jalaa laaffisu heyyamuu hin qabnu. Yesus addunyaa Seexanaa balleessuuf yeroo dhufutti qophaaʼoo taʼuu qabna. Yesus duuka buutota isaa akkana jechuudhaan gorsuu isaa hin dagatinaa: “Akeekkadhaa, dammaqaas! Yerichi sun yoom akka gaʼu hin beektan. Kun akka nama mana isaa dhiisee, biyya fagoo dhaquudhaaf kaʼee ti. Inni hojjetoota isaatiif aboo kennee, tokkon tokkon isaaniitiif hojii hojii isaanii kenne; karra eegduudhaan immoo ‘Hin dagatin dammaqi!’ jedhee abboome. Egaa dammaqaa! Abbaan manaa yoom akka dhufu, galgala dhufaa fi halkan walakkaa dhufaa, iyya indaanqoo dhufaa fi ganama dhufaa hin beektan. Yeroo isin quba hin qabaatinitti yoo dhufe, utuu isin rafaa jirtanii akka isin hin argannetti, kanan isiniin jedhus nama hundumaan nan jedha, dammaqaa!”—Mar. 13:33-37.

11 Duuka buutonni Yesus, inni bara 1914tti bulchuu jalqabuu isaa waan hubataniif, sana booda dhumni yeroo kamitti iyyuu dhufuu akka dandaʼu yaaduudhaan qophaaʼaa turaniiru. Kana kan godhanis hinaaffaadhaan lallabuudhaani. Yesus, ‘iyya indaanqoo dhufuu fi ganama dhufuun isaa akka hin beekamne’ dubbateera. Taanaan duuka buutonni isaa maal gochuu qabu ree? “Yeroo hundumaa dammaqaa eegaa” (NW) isaaniin jedheera. Kanaafuu, yeroo dheeraadhaaf eeggachaa kan turan taʼuun isaanii, guyyichi akka turu yaaduuf ykn eeggachuu isaanii dhiisuuf sababii hin taʼu ture.

12. Anbaaqom Waaqayyoon gaaffii akkamii gaafate? Waaqayyo hoo deebii akkamii kenneef?

12 Haala Anbaaqom raajichaa isa waaʼee badiisa Yerusaalem raajii akka dubbatu itti himamee ilaalaa. Sana dura raajonni kan biraanis ergaa kana waggoota hedduudhaaf lallabaa turaniiru. ‘Warri jalʼoonni warra qajeelota danqanii, firdii hamma jalʼisiisanitti’ haalli jiru baayʼee hammaatee ture. Kanaafuu Anbaaqom, “Yaa Waaqayyo! Hamma yoomiittan gargaarsaaf gara keetti iyya?” jedhee gaafachuun isaa nama hin dinqisiisu. Yihowaan gaaffii kanaaf kallattiidhaan deebii kennuu mannaa, badiisichi ‘akka hin turre’ raajii isaa isa amanamaa kanaaf mirkaneesse. Waaqayyo Anbaaqomiin, “Eeggadhu!” jedheen.—Anbaaqom 1:1-4; 2:3 dubbisi.

13. Anbaaqom ilaalcha akkamii qabaachuu dandaʼa ture? Ilaalcha akkanaa qabaachuun isaa rakkina maalii qabaata ture?

13 Mee Anbaaqom abdii kutatee akka armaan gadii jedhee akka yaade godhaa yaadaa: ‘Waaʼee badiisa Yerusaalem waggoota hedduudhaaf dhagaʼaan ture. Ammas kan turu yoo taʼe hoo? Akka waan magaalattiin akka tasaa balleeffamtuu, waaʼee ishee raajii dubbachuu itti fufuun koo sirrii natti hin fakkaatu. Hojii kana warra kaaniif dhiisuun qaba.’ Anbaaqom utuu akkas jedhee yaadeera taʼee, Yihowaa biratti fudhatama dhabuu fi yeroo Baabilononni Yerusaalemiin balleessanitti baduu dandaʼa taʼa!

14. Eeggachaa turuun keenya gatii kan hin qabne miti kan jennu maaliifi?

14 Addunyaa haaraa keessa akka jirtu godhii yaadi. Wantoonni guyyoota dhumaa ilaalchisee raajiidhaan dubbataman hundi akkuma Yihowaan jedhe raawwatamaniiru. Yeroo kam iyyuu caalaa Yihowaatti ni amanamta; akkasumas inni wanta abdachiise kam iyyuu akka raawwatu caalaatti isatti amanamta. (Iyaasuu 23:14 dubbisi.) Waaqayyo inni ‘yeroo fi bara gooftummaa isaatiin dhaabe,’ ‘dhumni waan hundumaa akka dhihaate’ hubachuudhaan dammaqnee akka jiraannu nu gorsuu isaatti baayʼee akka galateeffannu hin shakkisiisu.—HoE. 1:7; 1 Phe. 4:7.

EEGGACHUUN TARKAANFII FUDHACHUU DABALATA!

Misiraachicha lallabuu irratti hinaaffaadhaan hirmaachaa jirtaa? (Keeyyata 15 ilaali)

15, 16. Yeroo keessa jirru kanatti hojii lallabaa hinaaffaadhaan raawwachuun keenya hunda caalaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

15 Jaarmiyaan Yihowaa miira ariifannaatiin Yihowaa akka tajaajillu nu yaadachiisuu isaa itti fufa. Yaadachiisawwan akkanaa tajaajila Waaqayyootiin akka qabamnu gochuuf qofa utuu hin taʼin, mallattoon argamuu Kiristos argisiisu raawwatamaa akka jiru nu hubachiisuufis kan kennamani dha. Yeroon keessa jiraannu haala akkamiitiin jiraachuu kan gaafatu dha? Misiraachicha lallabuudhaan Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaatiif dursa kennuu qabna!—Mat. 6:33; Mar. 13:10.

16 Obboleettiin tokko, “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuudhaan, . . . namoonni balaa addunyaa irratti dhufuun akka hin duune isaan gargaaruu dandeenya” jetteetti. Obboleettiin kun isheenii fi abbaan manaa ishee balaa guddaa bara 1945tti markaba Wiilhalmi Gastiloof jedhamtu irra gaʼe irraa waan oolaniif, ooluu jechuun maal akka taʼe beekti. Yeroo balaa sodaachisaan akkanaa gaʼutti illee, namni tokko wanta caalaatti barbaachisaa taʼe ilaalchisee yaada dogoggoraa qabaachuu dandaʼa. Obboleettiin kun dubartiin tokko, “Shaanxaa koo! Shaanxaa koo! Faaya koo! Faayaan koo hundi kutaa sana keessa jira. Harka duwwaan hafe” jettee iyyaa akka turte dubbatteetti. Faallaa kanaatiin immoo, imaltoonni tokko tokko fedhii namoota gargaaruuf qabaniin kakaʼanii, namoota galaana qorraa sana keessatti kufan oolchuuf lubbuu isaanii illee balaadhaaf saaxilaniiru. Akkuma imaltoota ofittoo hin taane sanaa, nuyis namoota gargaaruuf waan dandeenye hunda goona. Yeroon keessa jirru yeroo hinaaffaadhaan itti lallabuu qabnu taʼuu isaa yaadachuudhaan, yeroon darbuu isaa dura namoonni balaa addunyaa irratti dhufaa jiru irraa akka oolan gargaarra.

Wanti yaada namaa hihhiru kam iyyuu miira ariifannaa akka si hin dhabsiisnetti murtoo gaarii ni gootaa? (Keeyyata 17 ilaali)

17. Guyyaan dhumaa yeroo kamitti iyyuu dhufuu akka dandaʼu amanuuf sababiiwwan akkamii qabna?

17 Haalawwan addunyaa, raajiin Macaafa Qulqulluu raawwatamaa akka jiruu fi sirni hamaan kun baduun isaa akka hin oolle argisiisu. Yeroo ‘gaanfonni kurnanii’ fi “bineensichi” Baabilon guddittii ishee bulchiinsa amantii sobaa taate irratti itti kaʼan eeggachaa jirra. (Mul. 17:16) Kun taʼuu isaa dura yeroo dheeraan darbuu akka qabu nutti dhagaʼamuu hin qabu. Waaqayyo tarkaanfii kana akka fudhatan yaadicha ‘garaa isaanii keessa akka kaaʼu’ dagachuu hin qabnu; kun immoo dafee akkasumas yeroo kamitti iyyuu taʼuu dandaʼa! (Mul. 17:17) Yeroon sirni kun guutummaatti itti badu fagoo miti. Akeekkachiisa Yesus kenne fudhachuuf sababii gaʼaa qabna. Akkana jedheera: “Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti baʼaa fiddanii, akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa.” (Luq. 21:34; Mul. 16:15) Yihowaan ‘warra isa abdataniif waa akka raawwatu’ amanuudhaan, miira ariifannaatiin isa tajaajiluuf haa murteessinu.—Isa. 64:4.

18. Mata duree itti aanu irratti gaaffii kam ilaalla?

18 Dhuma sirna hamaa kanaa eeggachaa yeroo jirru kanatti gorsa Yihudaa bartichi kenne hojii irra haa oolchinu; akkana jedhe: “Michoota ko, amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu irratti dhaabamaatii cimaa! Hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaatii kadhadhaa! Jaalala Waaqayyoo keessatti of egaa; araara ittiin gooftaan keenya Yesus Kristos jireenya bara baraatti isin geessu eeggadhaa!” (Yih. 20, 21) Haa taʼu malee, addunyaa haaraa Waaqayyo abdachiise hawwiidhaan eeggachaa akka jirru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa.

^ KEY. 1 Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu waaʼee Masiihichaa dubbatanii fi raawwii isaanii ilaaluuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 200 ilaali.