Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hiriyummaa Guyyoota Dhumaa Kanatti Namootaa Wajjin Qabdan Irratti Of Eeggadhaa

Hiriyummaa Guyyoota Dhumaa Kanatti Namootaa Wajjin Qabdan Irratti Of Eeggadhaa

“Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa.”—1 QOR. 15:33.

FAARFANNAA: 25, 20

1. Yeroo akkamii keessa jiraachaa jirra?

YEROO rakkisaa taʼe keessa jiraanna. Macaafni Qulqulluun yeroo bara 1914 jalqabee jiru “guyyoota gara dhumaa” jedhee waama. ‘Yeroo sodaachisaa’ waggaa adda taʼe kanaa asitti jirutti haalawwan seenaa ilmaan namootaa keessatti taʼanii hin beeknetu taʼe. (2 Xim. 3:1-5) Macaafni Qulqulluun, “Namoonni hamoonni, warri ija namaa gowwoomsanis isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad in adeemu” jechuudhaan raajii waan dubbateef, haalli addunyaa ittuma hammaachaa deema.—2 Xim. 3:13.

2. Namoonni hedduun wantoota akkamiitiin bashannanu? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

2 Namoonni baayʼeen bashannanaaf jecha wantoota gadhee taʼan, halalummaa argisiisan ykn gocha hafuura xuraaʼummaa wajjin wal qabatan ni ilaalu ykn ni raawwatu. Fakkeenyaaf, Intarneetiin, sagantaawwan televijiinii, fiilmiiwwan, asoosamawwan, akkasumas mata dureewwan barruu irratti baʼan, gochi gadheenii fi halalummaan wanta miidhaa hin qabne akka taʼe godhanii dhiheessu. Gochawwan duraan akka waan fudhatama hin qabnetti ilaalamaa turan, biyyoota tokko tokkotti seeraan heyyamamaniiru. Taʼus, kun taʼuun isaa gochawwan kun Waaqayyo biratti fudhatama akka qabaatan hin godhu.—Roomaa 1:28-32 dubbisi.

3. Namoonni ulaagaalee Caaffata Qulqullaaʼoo eeganii jiraatan yeroo baayʼee akkamitti ilaalamu?

3 Duuka buutonni Yesus jaarraa jalqabaatti turan bashannanawwan qulqulluu hin taane irraa fagaataniiru. Sababii kanaan, akkasumas walumaa galatti amala Waaqayyoon gammachiisu argisiisuu isaaniitiin maqaan isaanii balleeffameera; ariʼatamnis isaan irra gaʼeera. Phexros ergamaan, “Isa isin [Kiristiyaanonni] amma isaanitti dabalamtanii lolaa jireenya ittisa hin qabneetiin fudhatamuu dhiiftan in dinqifatu, maqaa keessanis in balleessu” jedhee barreessera. (1 Phe. 4:4) Yeroo harʼaas, addunyaan namoota ulaagaalee Waaqayyoo eeganii jiraatan akka waan addaatti ilaala. Kana malees, “karaa Kristos Yesus nama Waaqayyoo taʼee jiraachuu kan hawwu hundinuu ariʼatamuuf jira.”—2 Xim. 3:12.

“HIRIYAAN GADHEEN AMALA GAARII IN MANCAASA”

4. Caaffanni Qulqullaaʼoon addunyaa kanaa wajjin haala wal qabateen maal akka hin goone nu gorsu?

4 Caaffanni Qulqullaaʼoon namoonni fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadan addunyaa kanaa fi gochawwan isaa akka hin jaallanne gorsu. (1 Yohannis 2:15, 16 dubbisi.) Amantiin, siyaasnii fi daldalli addunyaa kanaa, akkasumas odeeffannoowwan isaanii karaa sabqunnamtii darban, dhiibbaa Seexana isa “waaqayyicha bara siʼanaa” taʼee jala jiru. (2 Qor. 4:4; 1 Yoh. 5:19) Haa taʼu malee, Kiristiyaanota waan taaneef, hiriyoota keenya of eeggannoodhaan filachuu qabna. Dubbiin Waaqayyoo, “Hin gowwoominaa! ‘Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa’” jechuudhaan akeekkachiisa ifa taʼe nuu kenna.—1 Qor. 15:33.

5, 6. Namoota akkamii hiriyaa godhachuu irraa fagaachuu qabna? Maaliif?

5 Amalawwan gaarii qabnu akka nu jalaa hin badnetti, namoota gocha gadhee raawwatanii wajjin michooma uumuu irraa fagaachuu qabna. Kun namoota Yihowaa hin waaqeffanne michoota godhachuu dhiisuu qofa utuu hin taʼin, namoota Yihowaa akka waaqeffatan utuu dubbatanii, taʼe jedhanii seerawwan isaa cabsanii wajjin michooma uumuu irraa fagaachuus kan dabalatu dha. Namoonni Kiristiyaanota akka taʼan dubbatan akkasii cubbuu cimaa kan raawwatanii fi yaada garaa isaanii kan hin geddaranne yoo taʼe, michooma isaanii wajjin qabnu dhiisuu qabna.—Rom. 16:17, 18.

6 Namoota seerawwan Waaqayyootiif hin ajajamnee wajjin hiriyummaa yoo qabaanne, isaan biratti fudhatama argachuuf jecha wanta isaan godhan gochuuf qoramuu dandeenya. Fakkeenyaaf, namoota gocha halalummaa raawwatanii wajjin hiriyummaa yoo qabaanne, nutis gocha halalummaa raawwachuuf qoramuu dandeenya. Haalli akkasii Kiristiyaanota tokko tokko kan mudate siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko yaada garaa isaanii waan hin geddaranneef gumiidhaa baafamaniiru. (1 Qor. 5:11-13) Yaada garaa isaanii yoo geddarachuu baatan, akka namoota Phexros waaʼee isaanii dubbatee taʼu.—2 Phexros 2:20-22 dubbisi.

7. Hiriyaa kan godhannuu namoota akkamii taʼuu qaba?

7 Namoota seerawwan Waaqayyoo hin eegnettis gaarummaa argisiisuu kan barbaadnu taʼus, hiriyoota keenya isaan godhachuu hin qabnu. Kanaafuu, Dhugaa Baatuun Yihowaa qeenxee taʼe tokko, nama Yihowaadhaaf of hin murteessine ykn isaaf amanamaa hin taanee fi ulaagaalee isaatiif kabaja hin qabnee wajjin gaaʼelaaf wal qorachuu hin qabu. Amanamummaa keenya eeguun, namoota seerawwan Yihowaa hin eegne biratti beekamummaa argachuu irra baayʼee kan wayyu dha. Namoota fedhii Waaqayyoo raawwatan hiriyaa godhachuu qabna. Yesus, “Jaalala Waaqayyoo kan godhu eenyu iyyuu obboleessa koo ti, obboleettii koo ti, haadha koo tis” jedheera.—Mar. 3:35.

8. Hiriyummaa gadheen Israaʼeloota durii irratti dhiibbaa kan geessise akkamitti?

8 Hiriyummaa gadheen dhiibbaa akkamii akka qabu haala Israaʼelootaa irraa hubachuu dandeenya. Yihowaan ennaa garbummaa Gibxii jalaa isaan baasee gara Biyyattii Abdachiifamteetti isaan geessetti, walitti dhufeenya jiraattota biyyattii wajjin qaban ilaalchisee akkana isaaniin jedhee ture: “Ati waaqayyolii isaaniif hin qoommaʼin! Isaaniif hin sagadin! Hojii isaanii duukaas hin buʼin, bifa waaqayyolii isaanii balleessi, utuboota dhagaa isaaniis caccabsi! Ana Waaqayyoo gooftaa keef hojjedhu.” (Bau. 23:24, 25) Haa taʼu malee, Israaʼeloonni hedduun qajeelfama Waaqayyootiif hin ajajamne. (Far. 106:35-39) Waaqayyoof amanamoo utuu hin taʼin waan hafaniif yeroo booda Yesus, “Ilaa, manni keessan onee in hafa” isaaniin jedheera. (Mat. 23:38) Yihowaan Israaʼeloota kan dhiise siʼa taʼu, eebba isaa isaan irraa kaasee gumii Kiristiyaanaa dhiheenyatti hundaaʼeef kenneera.—HoE. 2:1-4.

WANTA DUBBISTANII FI ILAALTAN OF EEGGANNOODHAAN FILADHAA

9. Sabqunnamtiin addunyaa kanaa balaa qabaachuu kan dandaʼu akkamitti?

9 Wantoonni sabqunnamtiin addunyaa kanaa qopheessu baayʼeen isaanii jireenya hafuuraa Kiristiyaanotaa kan miidhan taʼuu dandaʼu. Wantoonni kun kan qophaaʼan amantii Yihowaa irrattii fi abdiiwwan inni kenne irratti qabnu nuu cimsuuf miti. Kanaa mannaa, ilaalcha addunyaa Seexanaa isa hamaa fi kaayyoo isaa kan calaqqisiisani dha. Kanaafuu, wanta “kajeellaa biyya lafaa” nu keessatti kakaasu akka hin filanne of eeggannoo guddaa gochuu qabna.—Tit. 2:12.

10. Wantoonni addunyaa kanaa dubbifamanii fi ilaalaman maal taʼu?

10 Yeroo dhihoo booda, wantoonni gadheen dubbifamanii fi dhagaʼaman hin jiraatan. Hundi isaanii ennaa addunyaan Seexanaa balleeffamutti ni badu. Dubbiin Waaqayyoo, “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jedha. (1 Yoh. 2:17) Haaluma wal fakkaatuun faarfatichi akkana jedhee faarfateera: “Warri jalʼoonni lafa irraa in balleeffamu, warri Waaqayyoon eeggatan garuu lafa in qabaatu [“in dhaalu,” NW]. Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu [“in dhaalu,” NW], isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.” Yeroo hammamiitiif? “Warri qajeelonni biyya in qabaatu [“lafa in dhaalu,” NW], yeroo hundumaafis keessa in taaʼu.”—Far. 37:9, 11, 29.

11. Waaqayyo saba isaatiif nyaata hafuuraa gaarii kan dhiheessu akkamitti?

11 Wantoota addunyaan kun qopheessu irraa haala adda taʼeen, wantoonni jaarmiyaan Yihowaa bara dhumaa kanatti qopheessu amalawwan jireenya bara baraa argamsiisan akka qabaannu nu gargaaru. Yesus kadhannaa Yihowaatti dhiheesse irratti, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedheera. (Yoh. 17:3) Abbaan keenya inni samii, karaa jaarmiyaa isaa nyaata hafuuraa nu fayyadu hedduu nuu qopheessa. Barruulee, birooshuroota, kitaabota, viidiyoowwanii fi Weeb saayitii amantii dhugaa jajjabeessan qabaachuun keenya eebba guddaa dha! Jaarmiyaan Waaqayyoo addunyaa maratti gumiiwwan 110,000 ol taʼan keessatti walgaʼiiwwan yeroo hunda geggeeffamanis ni qopheessa. Walgaʼiiwwan kanaa fi walgaʼiiwwan guguddaa irratti, barumsawwan amantii Waaqayyo irrattii fi abdii inni kenne irratti qabnu nuu cimsan ni dhihaatu.—Ibr. 10:24, 25.

“NAMA AMANE” QOFA HIRIYAA GAAʼELAA GODHADHAA

12. Gorsa Macaafa Qulqulluu “nama amane” qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhannu dubbatu irratti ibsa kenni.

12 Keessumaa Kiristiyaanonni qeenxeen gaaʼela godhachuu barbaadan hiriyummaa irratti of eeggannoo gochuun isaanii barbaachisaa dha. Dubbiin Waaqayyoo, “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jalʼinni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree?” jechuudhaan gorsa ifa taʼe kenna. (2 Qor. 6:14) Macaafni Qulqulluun, tajaajiltoonni Waaqayyoo gaaʼela godhachuu barbaadan “nama amane,” jechuunis tajaajilaa Yihowaa of murteessee cuuphamee fi akka barumsa Caaffata Qulqullaaʼootti jiraatu qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhatan gorsa. (1 Qor. 7:39) Kiristiyaanonni namoota hidhattoota amantii isaanii taʼan hiriyaa gaaʼelaa godhachuudhaan, hiriyoota Yihowaadhaaf of murteessanii fi amanamummaa isaaf qaban eeganii akka jiraatan isaan gargaaran argachuu ni dandaʼu.

13. Waaqayyo gaaʼela ilaalchisee Israaʼelootaaf ajaja akkamii kenne?

13 Yihowaan wanta tajaajiltoota isaatiif gaarii taʼe kan beeku siʼa taʼu, ilaalchi inni gaaʼelaaf qabus hin jijijjiiramu. Gorsa salphaatti hubatamuu dandaʼuu fi karaa Musee Israaʼelootaaf kenne ilaalaa. Israaʼeloonni saboota naannoo isaanii jiranii fi tajaajiltoota Yihowaa hin taane ilaalchisee qajeelfamni akkana jedhu isaanii kennamee ture: “Isaanitti hin soddoomin, intaloota kee ilmaan isaaniitti hin heerumsiisin, ilmaan kees intaloota isaanii hin fuusisin! Kanaa achi isaan ilmaan kee waaqayyolii biraaf akka hojjetaniif Waaqayyo biraa in deebisu, dheekkamsi Waaqayyoo si irratti in bobaʼa, dafees si balleessa.”—Kes. 7:3, 4.

14, 15. Solomoon qajeelfama Yihowaa tuffachuun isaa maal isa irratti geessise?

14 Solomoon ilmi Daawit inni dargaggeessa ture akkuma mootii taʼee bulchuu jalqabeen, ogummaa argachuuf kadhatee kan ture siʼa taʼu, Waaqayyoos baayʼinaan isaaf kenneera. Kanaafuu, Solomoon Mootichi bulchaa ogeessa biyya soorettii taate bulchu taʼuudhaan ni beekame. Mootuun biyya Sheebaa yeroo Solomooniin daawwachuu dhuftetti dinqisiifattee akkana jetteetti: “Hamma ani ofii kootii dhufee ija kootiin isa argutti dubbii kana amanuu hin dandeenye; kunoo, walakkaadhumti isaa iyyuu anatti hin himamne; ati isan dhagaʼe caalaa ogummaa fi badhaadhummaa baayʼee qabda.” (1 Mot. 10:7) Haa taʼu malee, seenaan Solomoon, ajaja Waaqayyo nama hin amanne hiriyaa gaaʼelaa akka hin godhanne kenne dagachuun rakkina akkamii akka fidu kan argisiisu dha.—Lal. 4:13.

15 Solomoon Waaqayyo wanta baayʼee kan isaaf godhe taʼus, ajaja Yihowaan dubartoota saboota naannoo isaanii warra isa hin waaqeffanne akka hin fuune kenneef hin ajajamne. Solomoon “warra ormaa keessaa intaloota baayʼee in jaallate”; yeroo booda niitota 700 fi saajjatoota 300 qaba ture. Kun maal geessise? Solomoon yeroo dulloometti niitonni isaa Waaqayyoon hin waaqeffanne, “yaada isaa gara waaqayyolii kan biraatti in jalʼisan, . . . Solomoon fuula Waaqayyoo duratti wanta hamaa hojjete.” (1 Mot. 11:1-6) Hiriyummaa gadheen Solomoon uume ogummaa isaa kan jalaa balleesse taʼuu isaa irra iyyuu, waaqeffannaa dhugaa irraa akka fagaatu isa godheera. Kun Kiristiyaanota nama Yihowaadhaaf jaalala hin qabne hiriyaa gaaʼelaa godhachuuf yaadaa jiraniif akeekkachiisa baayʼee gaarii taʼe dha!

16. Macaafni Qulqulluun warra hiriyaa gaaʼelaa hin amanne qabaniif gorsa akkamii kenna?

16 Namni tokko erga gaaʼela godhatee booda, tajaajilaa Waaqayyoo yoo taʼe hoo? Macaafni Qulqulluun akkana jedha: “Isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo taʼan iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka moʼamanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa!” (1 Phe. 3:1) Gorsi kun kan kenname haadhotii manaa Kiristiyaanota taʼaniif taʼus, abbaa manaa haadha manaa hin amanne qabuufis ni hojjeta. Gorsi Macaafa Qulqulluu ifa dha: Hiriyaa gaaʼelaa gaarii taʼi; akkasumas, ulaagaa Waaqayyo gaaʼelaaf baase eegii jiraadhu. Namoonni hin amanne hedduun, jijjiirama abbootiin manaa ykn haadhotiin manaa isaanii ulaagaalee Waaqayyoo hordofuu isaaniitiin godhan waan hubataniif dhugaa fudhataniiru.

NAMOOTA YIHOWAA JAALLATAN HIRIYAA GODHADHAA

17, 18. Nohii fi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo sirni isaan keessa jiraachaa turan badetti kan oolan maaliifi?

17 Hiriyummaa gadheen amala gaarii kan mancaasu siʼa taʼu, hiriyummaa gaariin immoo faayidaa qaba. Haala Nohi isa namoota hamoo gidduu jiraachaa kan ture taʼus isaanitti michoomuu irraa fagaatee ilaalaa. “Waaqayyo yommus, jalʼinni namaa lafa irratti baayʼachuu isaa, wanti namni guyyaa hundumaa garaa isaatti yaadee qopheessu hundinuus jalʼaa duwwaa taʼuu isaa in arge.” (Uma. 6:5) Kanaafuu, Waaqayyo lolaa bishaaniitiin sirna hamaa sanaa fi warra sirna sana deggeran balleessuuf murteesse. Haa taʼu malee, “Nohi dhaloota sana keessatti nama qajeelaa, nama balleessaa hin qabnes ture; inni karaa Waaqayyoo irra deddeebiʼuudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate.”—Uma. 6:7-9.

18 Nohi namoota Waaqayyoon hin waaqeffanne sana hiriyoota godhachuu akka hin barbaadne beekamaa dha. Innii fi miseensonni maatii isaa torban markaba ijaaruu dabalatee hojii Waaqayyo isaaniif kenne hojjechuudhaan qabamanii turan. Kana malees, Nohi ‘qajeelina ni lallaba’ ture. (2 Phe. 2:5) Hojiin lallabaa, ijaarsi markabaa fi walitti dhufeenyi maatii isaa wajjin qabu, Nohi wanta Waaqayyoon gammachiisu raawwachuudhaan akka qabamu isa godhee ture. Kanaan kan kaʼe, Nohii fi maatiin isaa Bishaan Badiisaa irraa oolaniiru. Warri amma jirru hundi tajaajiltoota Yihowaa kana irraa, jechuunis Nohi, haadha manaa isaa, ijoollee isaa fi haadhotii manaa isaanii warra amanamoo taʼan irraa waan dhufneef isaan galateeffanna. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa amanamoo fi ajajamoo turan namoota Waaqayyoon hin waaqeffanne irraa fagaataniiru; kanaafuu, yeroo Yerusaalemii fi sirni Yihudootaa Dh.K.B. bara 70tti balleeffamanitti oolaniiru.—Luq. 21:20-22.

Obbolootaa wajjin yeroo gaarii dabarsuun keenya, jireenya addunyaa haaraa dhandhamachuuf nu gargaara (Keeyyata 19 ilaali)

19. Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf maal gochuu qabna?

19 Nutis waaqeffattoota Yihowaa waan taaneef, fakkeenya Nohii fi maatii isaa, akkasumas fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa ajajamoo turanii hordofuu qaban. Sirna hamaa kana irraa fagaachuu fi obboloota amanamoo miliyoonaan lakkaaʼaman keessaa hiriyoota gaarii barbaaddachuu qabna. Obboloota ogummaa Waaqayyootiin geggeeffamanitti maxxanuun keenya, yeroo garmalee rakkisaa taʼe kanatti ‘amantiitti cimnee akka dhaabannu’ nu gargaara. (1 Qor. 16:13; Fak. 13:20) Badiisa sirna hamaa kanaa jalaa oolanii addunyaa haaraa Yihowaan fidu keessa jiraachuun hangam akka nama gammachiisu yaadaa! Ammumaa hiriyummaa gadhee irraa fagaachuun baayʼee barbaachisaa dha!