Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaadni Garaa Kee Itti Amanamuu Kan Dandeessu Dhaa?

Yaadni Garaa Kee Itti Amanamuu Kan Dandeessu Dhaa?

“Jaalala garaa qullaaʼaa keessaa, yaada garaa hin booraʼin keessaa . . . baʼu dammaqsuudhaaf in barsiifna.” —1 XIM. 1:5.

FAARFANNAA: 22, 48

1, 2. Yaada garaa keenya eenyu biraa arganne? Dandeettii kana qabaachuu keenyatti galateeffachuu kan qabnu maaliifi

YIHOWAAN namoota kan uume mirga filannaa, jechuunis wanta barbaadan filachuuf bilisummaa akka qabaatan godhee ti. Waaqayyo dhiiraa fi dubartiin jalqabaa, akkasumas sanyiin isaanii yaada garaa, jechuunis dandeettii wanta sirrii fi gadhee taʼe adda baasuuf isaan gargaaru akka qabaatan godheera. Yaada garaa keenya karaa sirrii taʼeen yoo itti fayyadamne, wanta gaarii taʼe hojjechuu fi dogoggora irraa fagaachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kanaafuu, yaadni garaa keenya Waaqayyo akka nu jaallatuu fi namoonni wanta gaarii taʼe hojjechuudhaan tokko akka taʼan akka barbaadu kan argisiisu dha.

2 Yeroo harʼaas, namoonni yaada garaa isaaniitti ni fayyadamu. (Roomaa 2:14, 15 dubbisi.) Namoonni hedduun qajeelfama Macaafni Qulqulluun amala ilaalchisee kennu kan hin hordofne taʼus, namoonni tokko tokko yeroo baayʼee wanta gaarii taʼe ni raawwatu, wanta gadhee taʼe irraa immoo ni fagaatu. Namoonni hedduun yaadni garaa isaanii hammina cimaa akka hin raawwanne isaan dhowwa. Namni kam iyyuu yaada garaa hin qabu utuu taʼee haalli addunyaa hangam akka hammaatu yaadi! Isa ammaa caalaa gochi hamminaa hedduun raawwatamuu isaa ni dhageenya turre. Waaqayyo namoonni yaada garaa akka qabaatan godhee uumuu isaatti baayʼee isa galateeffanna.

3. Yaadni garaa gumii Kiristiyaanaa keessatti dhiibbaa gaarii akkamii qabaachuu dandaʼa?

3 Namoota kaan irraa haala adda taʼeen, tajaajiltoonni Yihowaa yaada garaa isaanii leenjisuu barbaadu. Akeekkachiisni yaadni garaa isaanii isaaniif kennu wanta sirrii fi dogoggora, akkasumas gaarii fi gadhee taʼee ilaalchisee ulaagaa Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsamee wajjin kan wal simu akka taʼu gochuu barbaadu. Yaadni garaa akka gaariitti leenjiʼe gumii Kiristiyaanaa keessatti dhiibbaa gaarii geessisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yaada garaa leenjisuu fi itti fayyadamuun dandeettii sammuu qofa kan argisiisu miti. Macaafni Qulqulluun yaada garaa gaarii taʼe amantii fi jaalalaa wajjin wal qabsiisa. Phaawulos, “Jaalala garaa qullaaʼaa keessaa, yaada garaa hin booraʼin keessaa fi amantii gowwoomsaa hin qabne keessaa baʼu dammaqsuudhaaf in barsiifna” jechuudhaan barreesseera. (1 Xim. 1:5) Yommuu yaada garaa keenya leenjisnuu fi dhaggeeffannu, jaalalli Yihowaadhaaf qabnu ni guddata, amantiin keenyas ni jabaata. Akkaataan yaada garaa keenyatti itti fayyadamnu karaa hafuuraa hammam cimoo akka taane, garaa akkamii akka qabuu fi Yihowaa gammachiisuuf fedhii hammamii akka qabnu argisiisa. Dhuguma iyyuu, yaadni garaa keenya nama akkamii akka taane kan argisiisu dha.

4. Yaada garaa keenya leenjisuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Haa taʼu malee, yaada garaa keenya leenjisuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuu kan dandeenyu, yeroo hunda kadhannaadhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan, wanta dubbisne irratti xiinxaluudhaan, wanta barannes hojii irra oolchuudhaani. Kun odeeffannoo walitti qabachuu fi seerawwan barachuu caalaa wanta dabalatu akka qabu ifa dha. Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu keenya Yihowaa, eenyummaa isaa, amalawwan isaa, akkasumas wanta inni jaallatuu fi jibbu caalaatti akka beeknu kan nu gargaaru taʼuu qaba. Waaʼee Yihowaa caalaatti barachaa yommuu deemnu, yaadni garaa keenya karaawwan Yihowaa wajjin kan wal simu taʼaa deema. Kun immoo hamma dandeenye isa fakkaachuuf fedhii akka qabaannu gochuudhaan garaa keenya kakaasuu qaba.

5. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

5 Haa taʼu malee, akkana jennee gaafanna taʼa: Yaadni garaa akka gaariitti leenjiʼe, yeroo murtoo gochuun nu barbaachisutti nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Murtoo hidhattoonni amantii keenya yaada garaa isaanii irratti hundaaʼanii godhan kabajuu kan dandeenyu akkamitti? Yaadni garaa keenya wanta gaarii taʼe raawwachuuf kan nu kakaasu akkamitti? Gaaffiiwwan kana sammuutti qabachuudhaan, karaawwan yaada garaa keenya itti leenjisuu dandeenyu sadii haa ilaallu. Isaanis, (1) yaalii fayyaa, (2) bashannana, akkasumas (3) tajaajila dha.

TOLE KAN JETTAN TAʼAA

6. Dhimmi gaaffii kaasuu fi murtoon irratti godhamuu qabu maali dha?

6 Macaafni Qulqulluun gochawwan nama miidhan irraa akka fagaannu, akkasumas nyaachuu fi dhuguu wajjin haala wal qabateen barsiifata gaarii taʼe akka qabaannu nu jajjabeessa. (Fak. 23:20; 2 Qor. 7:1) Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu yoo hojii irra oolchine, dulloomuu fi dhukkubsachuun keenya kan hin oolle taʼus, hamma tokko fayyaa keenya eeguu dandeenya. Biyyoota tokko tokko keessatti, yaaliin fayyaa ammayyaa taʼee fi yaaliin fayyaa filannoo garaa garaa qabu jira. Xalayaan gaaffii obboloonni yaalii fayyaa garaa garaa ilaalchisee gaafatan qabate yeroo baayʼee gara waajjiroota dameetti ni ergama. Obboloonni hedduun, “Tajaajilaan Yihowaa tokko yaalii fayyaa akkanaa fudhachuu ni dandaʼaa?” jedhanii gaafatu.

7. Yaalii fayyaa wajjin haala wal qabateen murtoo gochuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Obboleessi tokko maal gochuu akka qabu yoo gaafate illee, waajjirri damees taʼe jaarsoliin gumii isaa yaalii fayyaa wajjin haala wal qabateen murtoo isaaf gochuu hin dandaʼan. (Gal. 6:5) Haa taʼu malee, yaada Yihowaa murtoo gaarii gochuuf isa gargaaru itti himuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko ajaja Macaafa Qulqulluu isa “Dhiiga irraa . . . fagaadhaa” jedhu yaadachuu qaba. (HoE. 15:29, NW) Kunis yaalii fayyaa guutummaa dhiigaa ykn kutaalee dhiigaa gurguddoo arfan fudhachuu gaafatu irraa fagaachuu dabalata. Kiristiyaanni tokko kana beekuun isaa yaadni garaa isaa yaalii fayyaa qoqqoodama dhiigaa xixinnoo kutaalee dhiigaa arfan keessaa isa tokko irraa fudhatamanitti fayyadamuu gaafatu ilaalchisee murtoo dhuunfaa gochuuf isa dandeessisa. * Haa taʼu malee, gorsi Macaafa Qulqulluu yaalii fayyaa filannu irratti nu gargaaru kan biraan jiraa?

8. Filiphisiiyus 4:5 yaalii fayyaa wajjin haala wal qabateen nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

8 Fakkeenyi 14:15, “Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata” jedha. Dhukkubni tokko tokko qoricha beekamu hin qabu taʼa. Kanaafuu, yaaliin fayyaa tokko dhukkuba akka fayyisu kan odeeffamu taʼus, dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼaa miti taanaan of eeggannoo gochuu qabna. Phaawulos hafuura qulqulluudhaan gaggeeffamee, “Tole kan jettan taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu” jedheera. (Filp. 4:5) Tole kan jennu taʼuun keenya jireenyi keenya dhimmawwan yaalii fayyaa wajjin wal qabatan irratti utuu hin taʼin, dhimmawwan hafuuraa irratti akka xiyyeeffatu gochuuf nu gargaara. Jireenyi keenya fayyaa keenya eeguu irratti akka xiyyeeffatu yoo goone, ofittoo taʼuu dandeenya. (Filp. 2:4) Wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe dhimma hafuuraa ti; fayyaa keenyaa wajjin haala wal qabateen wanti nuti eegnu madaallii isaa kan eege taʼuu qaba.—Filiphisiiyus 1:10, NW dubbisi. *

Namoonni kaan yaada kee akka fudhatan dhiibbaa isaan irratti ni gootaa? (Keeyyata 9 ilaali)

9. Roomaan 14:13, 19 murtoo fayyaa wajjin haala wal qabateen goonu kan tuqu akkamitti? Tokkummaan keenya balaa irra buʼuu kan dandaʼu akkamitti?

9 Kiristiyaanni tole jedhu, namoonni kaan ilaalcha isaa akka fudhatan dhiibbaa isaan irratti hin godhu. Hiriyoonni gaaʼelaa Awurooppaa keessa jiraatan tokko nyaata bifa kiniiniitiin qophaaʼee fi soorata taʼe tokko akka fudhatan namoota kaan jajjabeessu turan. Kiniinii sana akka fayyadaman obboloota tokko tokko kan amansiisan taʼus, obboloonni kaan garuu akkas gochuu hin filanne. Yeroo booda obboloonni sun buʼaa eegan waan hin arganneef ni aaran. Hiriyoonni gaaʼelaa sun ofii isaaniitiif nyaata bifa kiniiniitiin qophaaʼee fi soorata taʼe tokko filachuuf ykn dhiisuuf mirga kan qaban taʼus, dhimma yaalii fayyaa wajjin wal qabateen tokkummaa gumichaa balaadhaaf saaxiluun isaanii sirrii dhaa? Kiristiyaanonni Roomaa ishee durii keessa turan tokko tokko, nyaata tokko tokko irrattii fi ayyaana garaa garaa kabajuu ilaalchisee ilaalcha garaa gara taʼe qabu turan. Phaawulos gorsa akkamii isaanii kenne ree? “Namni guyyaa tokko guyyoota warra kaan irra caalchifatu jira; inni kaan immoo guyyoota hundumaa wal qixxeetti ilaala. Kana irratti namni adduma addaan akkuma fudhatetti yaada isaa gar tokkotti haa kutatu!” isaaniin jedheera. Namoota kaan gufachiisuu irraa fagaachuun isaanii barbaachisaa ture.—Roomaa 14:5, 13, 15, 19, 20 dubbisi.

10. Murtoo dhuunfaa warri kaan godhan kabajuu kan qabnu maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

10 Murtoo obboleessi tokko yaada garaa isaa irratti hundaaʼee godhu yoo hubachuu baanne, itti murteessuuf jarjaruu hin qabnu; yookiin yaada isaa akka jijjiiru gochuu akka qabnu nutti dhagaʼamuu hin qabu. Yaadni garaa isaa amma iyyuu “dadhabaa” fi leenjii argachuun kan isa barbaachisu ykn dhimmawwan tokko tokkoo wajjin haala wal qabateen dafee kan hubamu taʼuu dandaʼa. (1 Qor. 8:11, 12) Karaa biraatiin immoo, yaadni gaaraa keenya seerawwan buʼuuraa Waaqayyoo wajjin akka wal simu gochuuf leenjii dabalataa argachuun isa barbaachisuu waan dandaʼuuf yaada garaa keenya qoruun nu barbaachisa taʼa. Dhimmaawwan yaalii fayyaa wajjin wal qabatan irratti hundi keenya murtoo dhuunfaa gochuu fi itti gaafatamummaa isaa fudhachuu qabna.

BASHANNANA ISIN IJAARU FILADHAA

11, 12. Bashannana ennaa filannu gorsa Macaafa Qulqulluu isa kam sammuutti qabachuu qabna?

11 Yihowaan namoota kan uume bashannana irraa gammachuu fi faayidaa argachuu akka dandaʼan godhee ti. Solomoon, “Kolfuunis yeroo qaba, . . . sirbuunis yeroo qaba” jechuudhaan barreesseera. (Lal. 3:4) Haa taʼu malee, kan nu fayyadan, kan nu gammachiisanii fi miira keenya kan nuu haaromsan bashannanawwan hunda miti; bashannana baayʼisuunis taʼe yeroo dheeraa irratti dabarsuun gaarii miti. Yaadni garaa keenya bashannana nu ijaarutti gammaduu fi faayidaa irraa argachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

12 Macaafni Qulqulluun amaloota ‘hojii foonii’ taʼan irraa akka fagaannu nu akeekkachiisa. Hojiin kun “halalummaa, xuraaʼummaa, jireenya gad-dhiisii, waaqayyolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar baʼuu, barsiisaan gargar cabuu, weennoo, machii, albaadhummaa, wanta kana fakkaatus” kan dabalatu dha. Phaawulos “warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye” barreesseera. (Gal. 5:19-21) Kanaafuu, akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Yaadni garaa koo ispoortii dheekkamsa, wal dorgommii, sabboonummaa ykn goolii argisiisu irraa akkan fagaadhu na kakaasaa? Yaadni garaa koo fiilmii pornoograafii argisiisu ykn halalummaa, machii ykn gocha hafuura xuraaʼummaa jajjabeessu ilaaluuf yeroon qoramu akeekkachiisa naa kennaa?’

13. Gorsi 1 Ximotewos 4:8 fi Fakkeenya 13:20 irra jiru yommuu bashannana filannu kan nu gargaaru akkamitti?

13 Macaafni Qulqulluun seerawwan buʼuuraa bashannanaa wajjin haala wal qabateen yaada garaa keenya nuu leenjisuu dandaʼanis qabateera. Inni tokko, “Namummaa foonii cimsuuf of qoqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara” kan jedhu dha. (1 Xim. 4:8) Namoonni baayʼeen yeroo hunda hamma taʼe sochii qaamaa gochuun fayyaa gaarii qabaachuuf, akkasumas qaamaa fi sammuu haaromsuuf akka gargaaru yaadu. Namoota kaanii wajjin taanee sochii qaamaa hojjechuun kan nutti tolu yoo taʼe, namuma argannee wajjin hojjennaa? Fakkeenyi 13:20, “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa; miiltoon gowwootaa garuu in bada” jedha. Bashannana yommuu filannu yaada garaa keenya isa Macaafa Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamuu akka qabnu ifa dha.

14. Shamarreen tokko yaada Roomaa 14:2-4 irra jiru hojii irra kan oolchite akkamitti?

14 Kiristiyaanii fi Daaniyeelaan ijoollee umurii waggoota kurnanii keessa jiran lama qabu. Kiristiyaan akkana jedheera: “Yeroo Waaqeffannaa Maatii keenyaatti waaʼee bashannanaa mariʼannee turre. Taphawwan tokko tokko fudhatama kan qaban taʼus, kaan garuu fudhatama kan hin qabne akka taʼan irratti walii gallee turre. Hiriyummaa gaarii kan jedhamu kan akkamii ti? Intalli keenya yeroo boqonnaatti dargaggoonni Dhugaa Baatota taʼan tokko tokko amala isheen sirrii akka hin taane yaaddu akka argisiisan dubbatte. Isheenis akka isaanii gochuu akka qabdu itti dhagaʼamee ture. Nuyis, hundi keenya yaada garaa akka qabnu, akkasumas wanta raawwannuu fi namoota wajjin raawwannu yommuu filannu isaan geggeeffamuu akka qabnu itti himne.”—Roomaa 14:2-4 dubbisi.

Yaadni garaa kee inni Macaafa Qulqulluudhaan leenjiʼe balaa irraa fagaachuuf si gargaara (Keeyyata 14 ilaali)

15. Yeroo bashannanaaf karoora baafannu Maatewos 6:33 irratti yaaduun nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

15 Gaaffii gara biraan bashannanaa wajjin haala wal qabateen kaʼu ‘Yoom bashannanna?’ kan jedhu dha. Karoorri bashannanaaf baafattu sochiiwwan tiʼookraasii kan akka walgaʼiiwwan, tajaajilaa fi qayyabannaa dhuunfaa kan si jalaa tuqu dhaa? Yookiin yeroo bashannana irraa si hafeen sochiiwwan tiʼookraasii irratti hirmaattaa? Wanti dursa kennituuf maali dha? Yesus, “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama” jedheera. (Mat. 6:33) Yaadni garaa kee gorsa Yesus hojii irra akka oolchitu kan si kakaasu dhaa?

AKKA LALLABNU JAJJABEEFFAMNEERRA

16. Yaadni garaa keenya tajaajila keenya irratti gaʼee akkamii qabaachuu dandaʼa?

16 Yaadni garaa gaarii taʼe dogoggora akka hin raawwanne nu akeekkachiisuudhaan qofa hin daangeffamu. Hojii gaarii akka hojjennus nu kakaasa. Hojiiwwan gaarii keessaa inni guddaan tajaajila manaa gara manaa irratti hirmaachuu fi carraa argannetti fayyadamnee karaa al idilee taʼeen dhugaa baʼuu dha. Phaawulos yaadni garaa isaa akkas akka godhu isa kakaaseera. “Kana himuun ana irraa in barbaadama; wangeela yoon lallabuu dhaabaadhe garuu, anaaf wayyoo!” jedheera. (1 Qor. 9:16) Fakkeenya isaa yoo hordofne, yaadni garaa keenya wanta sirrii gochaa akka jirru nuu mirkaneessa. Akkasumas, misiraachicha lallabuudhaan namoonni haasofsiisnu yaada garaa isaanii akka fayyadaman gargaaruu dandeenya. Phaawulos, “Nuyi mulʼifnee dhugaa dubbachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti yaada garaa namootaatti of dhiʼeessina” jedheera.—2 Qor. 4:2.

17. Obboleettiin dargaggeettii taate tokko tarkaanfii yaada garaa ishee wajjin wal simu kan fudhatte akkamitti?

17 Jakliin yeroo umuriin ishee waggaa 16 turetti mana barumsaatti barumsa baayooloojii barachaa turte. Barumsi jijjiirama tirannaa hamma tokko ibsamee ture. Akkana jetteetti: “Yaadni garaa koo akkan yeroo kaan daree keessatti hirmaadhutti maree kana irratti akkan hirmaadhu naaf hin heyyamne. Barumsa jijjiirama tirannaa deggeruu hin dandeenye. Barsiisaa koo bira deemeen ejjennoo koo ibseef. Kan nama ajaaʼibu miira hoʼaadhaan kan na simate siʼa taʼu, barattoota daree kootiif waaʼee uumamaa yaada akkan dhiheessu na afeere.” Jakliin yaada garaa ishee isa Macaafa Qulqulluudhaan leenjiʼe dhagaʼuu fi tarkaanfii isaa wajjin wal simu fudhachuu isheetti baayʼee gammaddeetti. Ati hoo yaadni garaa kee wanta sirrii taʼe gochuuf si kakaasaa?

18. Yaada garaa gaarii fi itti amanamuu dandeenyu qabaachuu kan barbaadnu maaliifi?

18 Galmi keenya seerawwan buʼuuraa fi ulaagaalee Yihowaa eegnee jiraachuu dha! Yaadni garaa keenya kana gochuu irratti gaʼee guddaa qaba. Yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo dubbisuudhaan, wanta dubbisne irratti xiinxaluudhaanii fi hojii irra oolchuudhaaf carraaqqii gochuudhaan yaada garaa keenya leenjisuu dandeenya. Kana yoo goone kennaa dinqisiisaa taʼe kanaan jireenya keenya geggeeffachuu dandeenya!

^ KEY. 8 Filiphisiiyus 1:10 (NW): “Kunis isin wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baastanii beekuudhaan, hamma guyyaa Kiristositti mudaa kan hin qabne akka taatanii fi warra kaan akka hin gufachiisneefi.”