Yihowaa Akka Jaallannu Akkamitti Argisiisuu Dandeenya?
“Inni duraan dursee waan nu jaallateef, nuyis kottaa in jaallannaa!”—1 YOH. 4:19.
FAARFANNAA: 6, 138
1, 2. Yohaannis ergamaan akka ibsetti, Waaqayyo akka isa jaallannu kan nu barsiise akkamitti?
KARAA gaariin abbaan tokko ijoollee isaa barsiisuu itti dandaʼu fakkeenya taʼuudhaan akka taʼe ni amanama. Yohannis ergamaan, “[Waaqayyo] duraan dursee waan nu jaallateef, nuyis kottaa in jaallannaa!” jedhee barreesseera. (1 Yoh. 4:19) Kanaafuu, Yihowaan akka abbaatti jaalala nutti argisiisuudhaan akka isa jaallannu fakkeenya guddaa nuu taʼeera.
2 Waaqayyo ‘duraan dursee akka nu jaallate’ kan argisiise akkamitti? Phaawulos ergamaan, “Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf duʼuu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa” jedheera. (Rom. 5:8) Yihowaan, aarsaa guddaa nuuf kaffaluudhaan, jechuunis namoota amananiif Ilma isaa tokkicha furii godhee kennuudhaan jaalala jechuun maal jechuu akka taʼe argisiiseera. Jaalalli kennuudhaan, gocha ofittummaa irraa walaba taʼe raawwachuudhaan ykn aarsaa kaffaluudhaan argisiifama. Arjummaan Waaqayyoo jaalala isaa irraa akka fayyadamnuu fi nutis jaalala isaaf qabnu akka argisiisnu nu dandeessiseera.—1 Yoh. 4:10.
3, 4. Jaalala Waaqayyoof qabnu akkamitti argisiisuu qabna?
3 Jaalalli amala Yihowaa isa hunda caalu dha; kanaafuu, Yesus ajajni inni guddaan isa armaan gadii taʼuu isaa kan dubbate maaliif Mar. 12:30) Wanta Yesus dubbate irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Waaqayyoon garaadhaa jaallachuu qabna. Yihowaan garaa hirametti hin gammadu. Haa taʼu malee, Waaqayyoon jaallachuun, jireenya guutuu, yaada guutuu fi humna guutuudhaan isa jaallachuu kan dabalatu dha. Waaqayyoon dhuguma jaallachuu jechuun miira jaalalaa qabaachuu qofa miti. Jaalalli nuti Waaqayyoof qabnu garaadhaa kan madde qofa utuu hin taʼin, dandeettii hafuuraas taʼe dandeettii qaamaatti fayyadamuus kan dabalatu taʼuu qaba. Miikiyaas raajichi akka jedhetti Yihowaan kana nu irraa barbaada.—Miikiyaas 6:8 dubbisi.
akka taʼe hubachuu dandeenya. Akkana jedheera: “Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa!” (4 Abbaa keenya isa samii dhugumaan akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Utuu of hin qusatin isa jaallachuu qabna. Akkuma Yesus jedhe dandeettii qaamaa, miiraa fi hafuuraa keenyatti guutummaatti fayyadamuu qabna. Mata duree darbe irratti, karaawwan Yihowaan ijoollee isaatiif jaalala guddaa akka qabu itti argisiise afur ilaalleerra. Amma immoo jaalala Yihowaadhaaf qabnu karaa isa duratti fudhatama qabuun argisiisuu fi guddifachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
WANTOOTA YIHOWAAN NUU KENNUUF GALATEEFFACHUU
5. Wantoota Yihowaan nuu godheef jaalalaan kakaanee maal gochuu dandeenya?
5 Kennaan yeroo siif kennamu maal goota? Tarii karaa taʼe tokkoon dinqisiifannaa qabdu ni argisiista taʼa. Akkasumas, kennaa sanaaf bakka guddaa waan kennituuf akka gaariitti itti fayyadamta taʼa. Yaaqoob bartichi, “Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus abbaa ifaa biraa ol waaqa gubbaadhaa in dhufa; abbaa ifaa bira gegeddaramuun, yookiis gaaddisi gara galuun iyyuu hin jiru” jedheera. (Yaq. 1:17) Yihowaan utuu wal irraa hin kutin wanta jiraachuu fi gammachuu argachuuf nu barbaachisu nuu kenna. Kun nutis akka isa jaallannu nu hin kakaasuu?
6. Israaʼeloonni eebba Yihowaa argachuu isaanii itti fufuuf maal gochuu qabu turan?
6 Israaʼeloonni waggoota hedduudhaaf eegumsa Yihowaa kan argatan siʼa taʼu, innis karaa hafuuraas taʼe karaa foonii baayʼee isaan eebbiseera. (Kes. 4:7, 8) Eebbawwan kana argachuu isaanii itti fufuuf garuu, Seera Waaqayyoo isa yeroo hunda oomisha isaanii keessaa “angafa midhaanii isa caalaa” aarsaa godhanii dhiheessuu dabalatuuf ajajamuu qabu turan. (Bau. 23:19) Israaʼeloonni kana gochuudhaan jaalalaa fi eebba Yihowaatiif iddoo guddaa akka kennan argisiisu turan.—Keessa Deebii 8:7-11 dubbisi.
7. “Qabeenya” keenyatti fayyadamnee jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
7 Nutis yeroo harʼaatti aarsaa dhiheessuun kan nu hin barbaachisne taʼus, “qabeenya” keenyaan ulfina isaaf kennuudhaan Waaqayyoon akka jaallannu argisiisuun keenya sirrii dha. (Fak. 3:9) Karaawwan kana gochuu itti dandeenyu tokko tokko kam faʼi? Karaan inni tokko, hojii Mootummichaa naannoo keenyattis taʼe addunyaa maratti raawwatamu deggeruuf qabeenya keenyatti fayyadamuu akka taʼe ifa dha. Qabeenyi qabnu hammam iyyuu yoo taʼe kun karaa gaarii jaalala Yihowaadhaaf qabnu itti argisiisnu dha. (2 Qor. 8:12) Haa taʼu malee, karaawwan kan biraan jaalala Yihowaadhaaf qabnu itti argisiisnu jiru.
8, 9. Waadaa Yihowaan galetti amanamuun jaalala isaaf qabnuu wajjin kan wal qabatu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.
8 Gorsa Yesus duuka buutonni isaa waaʼee nyaataa fi uffata isaanii akka hin yaaddofne, kanaa mannaa Mootummicha dursuu isaanii akka itti fufan isaan gorse yaadadhaa. Yesus, Abbaan keenya Yihowaan wanta nu barbaachisu akka beeku dubbateera. (Mat. 6:31-33) Jaalallii fi amantiin waan wal qabataniif, amantiin waadaa kana irratti qabnu hammam Yihowaa akka jaallannu argisiisa. Nama amantii irratti hin qabne tokkoof jaalala dhugaa qabaachuu hin dandeenyu. (Far. 143:8, NW) Kanaafuu akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Galmi ani hordofuu fi akkaataan jireenyaa koo dhugumaan Yihowaa akkan jaalladhu kan argisiisu dhaa? Wantin guyyaa guyyaadhaan godhu Yihowaan wanta na barbaachisu naaf guutuuf dandeettii akka qabu akkan amanu kan argisiisu dhaa?’
9 Obboleessi Maayik jedhamu tokko, jaalalaa fi amanannaa akkasii akka qabu argisiiseera. Yeroo dargaggeessa turetti, biyya alaa deemuudhaan Waaqayyoon tajaajiluuf fedhii qaba ture. Maayik fuudhee ijoollee lama kan godhate taʼus, fedhiin isaa kun jalaa hin hirʼanne. Maayikii fi maatiin isaa barreeffamootaa fi gabaasawwan waaʼee iddoo caalaatti gargaarsi barbaachisu deemanii tajaajiluu ibsan erga dubbisanii booda, jireenya isaanii salphisuuf murteessan. Achiis mana isaanii gurguruudhaan mana xinnoo tokkotti galan. Maayik hojii isaa hirʼisuuf murteesse. Maatiin sun biyya biraa kan deeman siʼa taʼu, waggaa lama erga tajaajilanii booda Maayik akkana jedheera: “Wanti Yesus Maatewos 6:33 irratti dubbate dhugaa taʼuu isaa jireenya keenya keessatti argineerra.”
WANTA YIHOWAAN ISIN BARSIISU IRRATTI XIINXALAA
10. Fakkeenya Daawit Mootichaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, dhugaa waaʼee Yihowaa ibsu irratti xiinxaluun faayidaa akkamii qaba?
10 Gara waggoota 3,000 dura Daawit Mootichi wanta samii irratti argeen garaan isaa tuqamee ture. “Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mulʼatus hojii harka isaa in labsa” jedhee barreesseera. Achiis, Seera Waaqayyoo dinqisiifachuudhaan akkana jedheera: “Seerri Waaqayyoo guutuu dha, lubbuu namatti in deebisa; wanti seerri Waaqayyoo dhugaa baʼu amanamaa dha, inni wallaalota iyyuu beektota in godha.” Dinqisiifannaadhaan xiinxaluun isaa buʼaa akkamii argamsiise? Daawit itti fufuudhaan: “Yaa Waaqayyo kattaa koo fi furii ko, wanti ani si duratti afaan kootiin dubbadhu, garaa koottis yaadu fudhatamaa anaaf haa taʼu!” jedheera. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Daawitii fi Waaqa isaa gidduu walitti dhufeenya cimaatu jira ture.—Far. 19:1, 7, 14.
11. Jaalalli Waaqayyoof qabnu beekumsa hafuuraa hedduu yeroo harʼaatti argannetti fayyadamnee maal akka goonu nu kakaasuu qaba? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
11 Yeroo harʼaatti, waaʼee uumamawwan Yihowaa fi akkaataa kaayyoon isaa itti raawwatamu irratti beekumsa hedduu argachuu keenyatti eebbifamneerra. Addunyaan kun barumsa ol aanaa barachuu jajjabeessa. Taʼus, muuxannoo namoota hedduu irraa akka hubannutti, wantoota kana hordofuun yeroo baayʼee amantii fi jaalala Waaqayyoof qabnu nu dhabsiisa. Macaafni Qulqulluun garuu, beekumsa akka jaallannu qofa utuu hin taʼin ogummaa fi hubannaas akka qabaannu nu jajjabeessa. Kana jechuun ofii keenyas taʼe warra kaan gargaaruu akka dandeenyutti, beekumsa Waaqayyo nuu kenne akkamitti hojii irra akka oolchinu barachuu jechuu dha. (Fak. 4:5-7) “Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka gaʼu in fedha.” (1 Xim. 2:4) Namoota hundumaatti misiraachoo Mootummichaa yeroo himnuu fi kaayyoo guddaa Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu akka hubatan yeroo isaan gargaarru jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisna.—Faarfannaa 66:16, 17 dubbisi.
12. Shamarreen tokko dinqisiifannaa qophii hafuuraa Yihowaan godheef qabdu kan argisiiste akkamitti?
12 Dargaggoonni illee taanaan, qophiiwwan hafuuraa inni godhe dinqisiifachuudhaan jaalala Yihowaadhaaf qaban argisiisuu dandaʼu. Shaanan yeroo umuriin ishee waggaa 11 ture obboleettii ishee waggaa 10 taatee wajjin Walgaʼii Koonyaa mata dureen isaa “Waaqayyoof Buluu” jedhu irratti warra isaanii wajjin argamanii akka turan dubbatteetti. Sagantaa walgaʼichaa tokko irratti dargaggoonni warra kaan irraa adda baʼanii akka taaʼan gaafataman. Shaanan hamma tokko sodaattus, wanta jedhame gooteetti. Achiis, Gaaffiiwwan Dargaggootaa Fi Deebiiwwan Hojii Irra Ooluu Dandaʼan (Amaariffa) jedhamu dargaggoota hundaaf akka kennaatti yeroo kennamu baayʼee gammadde. Kun taʼuun isaa waaʼee Yihowaa maaltu akka isheetti dhagaʼamu godhe? “Yihowaan kan naaf dhugoomee fi dhuunfaatti baayʼee akka na jaallatu kanan hubadhe yeroo kanatti ture” jetteetti. Shaanan itti dabaluudhaan, “Waaqa keenya isa guddaa kan taʼe Yihowaan kennaa gaarii hirʼina hin qabne akkasii tola nuuf kennuu isaatti baayʼee gammanna” jetteetti.
kitaabniGORSAA FI ADABA WAAQAYYOO FUDHADHAA
13, 14. Ilaalchi nuti gorsa Yihowaatiif qabnu jaalala isaaf qabnu ilaalchisee maal argisiisa?
13 Macaafni Qulqulluun, “Abbaan ilma isaa isa jaallatu akkuma adabu, Waaqayyo nama jaallatu in adaba” jedha. (Fak. 3:12) Yeroo adabamnu maaltu nutti dhagaʼamuu qaba? Phaawulos, adabni “kan nama gaddisiisu malee, kan nama gammachiisu hin fakkaatu” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. Phaawulos yeroo kana jedhutti adabni barbaachisaa akka hin taane ykn faayidaa akka hin qabne dubbachaa hin turre; itti fufuudhaan, “Booddee garuu warra itti baraniif ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi kan qajeelinaa in taʼa” jedheera. (Ibr. 12:11) Yihowaa ni jaallanna yoo taʼe, gorsi isaa akka nu hin barbaachisne nutti dhagaʼamuu ykn nu aarsuu hin qabu. Gorsa fudhachuun namoota tokko tokkotti ulfaachuu dandaʼa taʼa. Gama kanaan jaalalli Waaqayyoof qabnu nu gargaaruu dandaʼa.
14 Bara Miilkiyaasitti Yihudoonni hedduun gorsa Waaqayyootiif dinqisiifannaa hin qaban turan. Seera aarsaa dhiheessuu ilaalchisee kenname kan beekan taʼus, dantaa kan hin qabne waan taʼaniif Yihowaanis gorsa cimaa isaaniif kenneera. (Miilkiyaas 1:12, 13 dubbisi.) Dhimmi isaa hammam ulfaataa ture? Yihowaan maal akka jedhe hubadhaa: “Ani immoo abaarsa isin irratti nan erga, eebba keessanis abaarsatti nan geddara; sababii isin ulfina anaaf kennuudhaaf itti yaaduu dhiiftaniif, dhuguma ani ammuma iyyuu abaareera.” (Mil. 2:1, 2) Dhuguma iyyuu, irra deddeebiʼanii ykn taʼe jedhanii gorsa Yihowaa fudhachuu diduun miidhaa geessisa.
15. Yeroo harʼaatti, ilaalcha baramaa addunyaa kana keessa jiru kam irraa of eeggachuu qabna?
15 Yeroo harʼaa, dhaloota ofittoo taʼe kana keessatti Rom. 12:2) Yihowaan jaarmiyaa isaatti fayyadamuudhaan, walitti dhufeenya saala faallaa wajjin qabnu, hiriyummaa fi bashannana dabalatee akkaataa jireenyaa keenya irratti yeroo isaatti gorsa nuuf kenna. Qajeelfama akkasii gammachuudhaan fudhachuu fi hojii irra oolchuudhaan, galateeffannaa qabnu ibsuu, akkasumas garaadhaa dhugumaan Yihowaa akka jaallannu argisiisuu dandeenya.—Yoh. 14:31; Rom. 6:17.
gorsaa fi adaba fudhachuun haa hafuutii waaʼee isaa dubbachuun illee salphaa miti. Namoonni gorsa ykn adaba kan fudhatan fakkaatan illee kana kan godhan gammachuudhaan miti. Kiristiyaanonni garuu, ‘fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa akka hin buune’ gorfamaniiru. ‘Jaalala Waaqayyoo’ hubachuu fi hojii irra oolchuu qabna. (EEGUMSAA FI FAYYINA ARGACHUUF YIHOWAATTI AMANAMAA
16, 17. (a) Murtoo yeroo goonu fedha Yihowaa tilmaama keessa galchuu kan qabnu maaliifi? (b) Israaʼeloonni Yihowaadhaaf jaalala akka hin qabnee fi isatti akka hin amanamne kan argisiisan akkamitti?
16 Ijoollee xixinnoon balaan tokko yeroo isaan mudatu dafanii gara warra isaaniitti fiigu. Guddachaa yeroo adeeman garuu ofitti amanamuu, akkasumas ofii isaaniitiin murtoo gochuu jalqabu. Kun guddachaa akka jiran kan argisiisu dha. Haa taʼu malee, ijoolleen warra isaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qaban murtoo gochuu isaanii dura yaadaa fi gorsa warra isaanii gaafatu. Karaa hafuuraas haalli isaa kanaa wajjin wal fakkaata. Yihowaan ‘fedha akka qabaannuu fi akka hojjennuuf’ hafuura isaa nuuf kenna. Haa taʼu malee, fedha isaa xiyyeeffannaa keessa utuu hin galchin murtoo gochuun isa irratti amantii akka hin qabnee fi jaalala akka isaaf hin qabne argisiisa.—Filp. 2:13.
17 Bara Saamuʼelitti yeroo tokko Israaʼeloonni warra Filisxeemiin moʼamanii turan. Sabni Waaqayyoo gargaarsii fi eegumsi baayʼee isaan barbaachisee ture. Maal godhan ree? “Kottaa, nu gidduutti argamee harka diinota keenyaa akka nu oolchuuf sanduuqa kakuu Waaqayyoo Shiiloodhaa as in fidnaa!” waliin jedhan. Buʼaan isaa maal ture? “Ajjeechaan guddaan waan tureef, loltoota Israaʼel keessaa lafoo kuma soddomatu dhume. Saanduqni kakuu Waaqayyoo in boojiʼame.” (1 Sam. 4:2-4, 10, 11) Israaʼeloonni saanduqa kakuu fudhachuun isaanii gargaarsa Yihowaa waan barbaadan fakkeessuu dandaʼa taʼa. Dhugaan isaa garuu, qajeelfama Yihowaa akka isaan hin barbaanne argisiisa; yaada mataa isaanii kan hordofan siʼa taʼu, kun immoo rakkina guddaa geessiseera.—Fakkeenya 14:12 dubbisi.
18. Yihowaa irraa gargaarsa argachuu ilaalchisee maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?
18 Faarfatichi akka armaan gadii jechuudhaan ilaalcha sirrii akka qabu argisiiseera: “Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu! Anoo deebiʼee gargaarsa isa biraa anaaf dhufuuf, Waaqayyo koo taʼuu isaatiifis isa jajachuufan jira! Lubbuun koo ana keessatti gadditee dhiphatteetti, kanaafis ani . . . sin yaadadha.” (Far. 42:5, 6) Kun Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabu kan argisiisu dha. Ati hoo Abbaa kee isa samii akka jaallattuu fi isa irratti amanannaa akka qabdu ni argisiistaa? Deebiin kee eeyyee kan jedhu yoo taʼe illee, wanta Macaafni Qulqulluun nutti himu irratti hundaaʼuudhaan amantii isa irratti qabdu guddifachuu dandeessa. Akkana jedha: “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.”—Fak. 3:5, 6.
19. Jaalala Yihowaadhaaf qabdu argisiisuuf karaa kamiin carraaqqii gochuu barbaadda?
19 Yihowaan dursee nu jaallachuudhaan akkamitti isa jaallachuu akka qabnu nutti argisiiseera. Yeroo hundumaa fakkeenya isaa kana haa yaadannu. ‘Garaa keenya guutuudhaan, jireenya keenya guutuudhaan, yaada keenya guutuudhaan, humna keenya guutuudhaanis akka isa jaallannu’ argisiisuu keenya itti haa fufnu.—Mar. 12:30.