Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Eebbi Yihowaa Na Badhaaseera

Eebbi Yihowaa Na Badhaaseera

MAGAALAA xinnoo Waakaaw jedhamtuu fi Saaskaachiwaan, Kaanaadaa keessatti argamtuttan bara 1927tti dhaladhe. Abbaan koo fi haati koo dhiira afurii fi durba sadii, walumatti ijoollee torba qabu turan; kanaafuu, namootaa wajjin jiraachuun maal akka fakkaatu ijoollummaa kootii kaaseen beeka.

Kufaatiin dinagdee baroota 1930mman keessa turee fi Dhiphina Guddaa jedhamee waamamu, maatii keenya irrattis dhiibbaa geessisee ture. Dureeyyii taʼuu baannus waan nyaannu hin dhabne. Indaaqqota dhaltuu fi saʼa tokko waan qabnuuf, buuphaan, aannan, kireemiin, baaduunii fi dhadhaan mana keenyaa hin dhabamu ture. Miseensonni maatii keenyaa hundi, mana keessatti hojii adda addaa qabu turan.

Urgaa poomii mana guutu dabalatee, yeroo sanaa wajjin haala wal qabateen wantoota gammachiisaa hedduun yaadadha. Abbaan koo tibba makaraatti oomisha isaa gurguruuf gara magaalaa yeroo deemu hundatti poomii reefuu kutame saanduqatti guutee nuu fida. Hundi keenya guyyaa guyyaadhaan poomii bishaan qabu nyaachuun baayʼee nu gammachiisa ture!

MAATIIN KEENYA DHUGAA DHAGAʼE

Yeroo warri koo dhugaa dhagaʼan intala waggaa jaʼaan ture. Mucaan isaanii inni jalqabaa Joonii jedhamu dhalatee baayʼee utuu hin turin duʼee ture. Warri koo gaddaan baayʼee miidhamanii turan, “Jooniin eessa jira?” jedhanii qeesii naannichaa gaafatan. Qeesichi, mucichi kiristinnaa waan hin kaaneef samii akka hin dhaqne isaanitti hime. Kana malees, qeesichi warri koo yoo isaaf kaffalan Jooniin gara samii akka dhaqu kadhannaa akka godhu dubbate. Utuu isin taatanii maaltu isinitti dhagaʼama ture? Abbaan koo fi haati koo sana booda qeesii sana haasofsiisuu akka hin qabne hubatan. Haa taʼu malee, amma iyyuu Jooniin eessa akka dhaqe gaaffii isaanitti taʼa ture.

Gaaf tokko haati koo buukleetii, Namoonni Duʼan Eessa Jiru? (Ingiliffa) jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe argattee fedhii guddaadhaan dubbiste. Abbaan koo yeroo dhufu gammachuudhaan, “Jooniin eessa akka jiru beekeera! Amma rafeera; gaaf tokko garuu ni kaʼa” jetteen. Innis galgaluma sana guutummaa buukleetichaa dubbise. Haati koo fi abbaan koo Macaafni Qulqulluun namoonni duʼan hirriiba keessa akka jiranii fi gara fuulduraatti immoo akka kaʼan akka dubbatu beekuu isaaniitiin jajjabaataniiru.—Lal. 9:5, 10; HoE. 24:15.

Wanti isaan argatan kun jajjabinaa fi gammachuu nuuf argamsiisuudhaan jireenya keenya jijjiireera. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu fi walgaʼii gumii xinnoo Waakaaw keessatti argamu irratti hirmaachuu jalqaban; namoonni gumii sanaa baayʼeen isaanii Yuukreenota irraa kan dhalatani dha. Utuu baayʼee hin turin haati koo fi abbaan koo hojii lallabaa irratti hirmaachuu jalqaban.

Sana booda utuu hin turin, gara Biritish Kolombiyaa kan deemne siʼa taʼu, gumiin achiis miira hoʼaadhaan nu simate. Qophii Masaraa Eegumsaa maatiin keenya walgaʼii Dilbata godhamuuf godhu yommuun yaadadhu gammachuutu natti dhagaʼama. Hundi keenya iyyuu jaalala Yihowaa fi dhugaa Macaafa Qulqulluutiif qabnu guddifachaa turre. Jireenyi keenya hammam gammachiisaa akka turee fi Yihowaan hammam nu eebbisaa akka ture hubadheera.

Ijoollee waan turreef waaʼee amantii keenyaa namootatti himuun nuuf salphaa hin turre. Taʼus, anii fi quxisuun koo Iivaan yeroo baayʼee akkaataa dhiheenyaa jiʼichaa qophoofnee Walgaʼii Tajaajilaa irratti hojiin argisiisaan dhiheessuun keenya nu gargaareera. Kana gochuun keenya ija laafeyyii kan turre taʼus, namoota kaanitti waaʼee Macaafa Qulqulluu himuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe beekuuf nu gargaareera. Akkaataa tajaajilaaf leenjii itti arganneef baayʼeen galateeffadha!

Wantootan yeroo ijoollummaa keenyaa wajjin haala wal qabateen yaadadhu keessaa tokko, tajaajiltoota yeroo guutuu wajjin yeroo dabarsuu keenya dha. Fakkeenyaaf, daawwataan ol aanaan keenya Jaak Naataan gumii keenya daawwachuun isaa fi mana keenya boqochuun isaa baayʼee nu gammachiisa ture. * Muuxannoowwan hedduun nutti himaa ture baayʼee kan nu gammachiisan taʼuu isaa irra iyyuu, garaadhaan nu galateeffachuun isaa amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf fedhii akka qabaannu nu godheera.

“Yeroon guddadhu akka obboleessa keenya Naataan taʼuun barbaada” jedhee yaadaan ture. Fakkeenyummaan isaa tajaajila yeroo guutuutiif na qopheessaa akka ture kanan hubadhe garuu yeroo booda dha. Yeroo umuriin koo waggaa 15 taʼu, Yihowaa tajaajiluufan murteesse. Bara 1942tti anii fi Iivaan ni cuuphamne.

QORUMSA AMANTII

Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti yommuu jaalalli biyyaa babalʼatee turetti, barsiistuun Iskoot jedhamtuu fi mankaraarsituu taate tokko, obbolaa koo sadii mana barumsaatii ariite. Maaliif? Alaabaadhaaf ulfina addaa kennuu waan didaniifi. Achiis barsiistuu koo bira dhuftee akka na ariitu itti himte. Barsiistuun koo garuu, “Biyya mirgi namaa itti kabajamu keessa jiraanna; sirnawwan jaalala biyyaa wajjin wal qabatan irratti hirmaachuu dhiisuuf mirga qabna” jetteen. Iskoot dhiibbaa guddaa kan ishee irratti goote taʼus barsiistuun koo ija jabinaan, “Kun murtoo koo ti” jetteen.

Iskoot immoo, “Lakki, kun murtoo kee miti. Meliitaa hin ariitu taanaan dhimma kana nan gabaasa” isheedhaan jette. Barsiistuun koo kana gochuun ishee dogoggora akka taʼe kan amantu taʼus, hojii ishee irraa akka hin ariʼamne yoo barbaadde na ariʼuudhaan ala filannaa akka hin qabne warra kootti himte. Taʼus, kitaabota mana barumsaa manatti qayyabachuu dandeenyu argannee turre. Utuu baayʼee hin turin, gara naannoo kiiloo meetira 32 fagaatuu kan deemne siʼa taʼu, manni barumsaa achitti argamus nu simateera.

Yeroo waraanichaatti barreeffamoonni keenya dhorkamanii turan; taʼus, manaa gara manaatti ennaa tajaajillu Macaafa Qulqulluutti ni fayyadamna turre. Kun, yeroo misiraachoo Mootummichaa namootatti himnu kallattiidhaan Macaafa Qulqulluu fayyadamuu irratti dandeettii akka qabaannu nu gargaareera. Kun immoo, karaa hafuuraa guddina akka goonuu fi deggersa Yihowaa akka argannu godheera.

TAJAAJILA YEROO GUUTUU JALQABUU

Rifeensa hojjechuu irratti dandeettii kanan qabu siʼa taʼu, badhaasa muraasa argadheera

Anii fi Iivaan akkuma barumsa xumurreen qajeelchaa taanee tajaajiluu jalqabne. Bakka nyaanni qophaaʼe itti gurguramutti qacaramuudhaanan hojii jalqabe. Yeroo booda, rifeensa hojjechuu isan mana keessatti hojjechuu jaalladhun jiʼa jaʼaaf leenjiʼe. Mana rifeensaatti hojii argadhee torbanitti guyyaa lama kanan hojjedhu siʼa taʼu, jiʼatti guyyaa lama immoo warra kaan nan leenjisan ture. Karaa kanaan of gargaaruudhaan tajaajila yeroo guutuu itti fufuu dandaʼeera.

Bara 1955tti walgaʼii guddaa “Mootummaa Injifatu” jedhamuu fi magaalaa Niiwu Yoorki ishee Yuunaayitid Isteetisitti argamtuu fi magaalaa Nuurambarg ishee Jarmaniitti argamtutti godhamu irratti argamuun barbaade. Gara Niiwu Yoorki deemuu koo dura obboleessa keenya Naataan Noor isa waajjira muummee irraa dhufee wajjinan wal arge. Inni fi haati manaa isaa walgaʼii guddaa magaalaa Vaankoovar ishee Kaanaadaatti argamtu keessatti godhame irratti argamanii turan. Yeroo kanatti rifeensa haadha manaa Naataan Noor akkan hojjedhun gaafatame. Naataan Noor hojii kootti waan gammadeef naa wajjin wal arguu barbaade. Utuu waliin haasofnuu gara Jarmanii deemuu koo dura Niiwu Yoorki deemuuf karoora akkan qabun itti hime. Innis Betʼel Biruukliinitti guyyaa sagaliif akkan hojjedhu na afeere.

Gara Niiwu Yoorki deemuun koo jireenya koo jijjiireera. Achitti dargaggeessa Tewoodor (Teed) Jaaraaz jedhamuu wajjinan wal bare. Isaa wajjin wal argee utuu hin turin, “Ati qajeelchituu dhaa?” jedhee na gaafachuun isaa na dinqisiise. Anis, “Lakki” jedheen deebiseef. Hiriyaan koo Lavoon isheen haasaa keenya dhaggeeffachaa turte, “Eeyyee, qajeelchituu dha” jettee deebisteef. Teed haalli isaa bitaa itti taʼee Lavooniin, “Si moo isheetu beeka?” jedheen. Anis qajeelchaa taʼee tajaajilaa akkan turee fi akkuman walgaʼichaa deebiʼeen tajaajila kanatti akkan deebiʼun isaaf ibse.

NAMA KARAA HAFUURAA CIMAA TAʼETTAN HEERUME

Teed magaalaa Keentaakii ishee Yuunaayitid Isteetisitti argamtutti bara 1925tti kan dhalate siʼa taʼu, Yihowaadhaaf of murteessee umurii isaa waggaa 15tti cuuphame. Maatii isaa keessaa namni gara dhugaatti dhufe kan hin jirre taʼus, waggaa lama booda qajeelchaa yeroo hundaa taʼe. Tajaajila yeroo guutuu waggaa 67f keessa ture kan jalqabe yeroo kanatti dha.

Teed Adoolessa 1946tti umurii isaa waggaa 20tti kutaa torbaffaa Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad irraa eebbifame. Sana booda, Kiliivlaandi, Ohaayootti daawwataa ol aanaa taʼee tajaajileera. Gara waggaa afurii booda immoo, Awustiraaliyaatti ilaaltuu ol aanaa waajjira damee taʼee akka tajaajilu ramadame.

Teed walgaʼii Nuurambarg, Jarmaniitti godhame irratti hirmaatee kan ture siʼa taʼu, achitti yeroo muraasa waliin dabarsineerra. Yeroo kanatti wal jaallanne. Galmawwan isaa Yihowaa tajaajiluu irratti kan xiyyeeffatan taʼuu isaaniitti baayʼeen gammade. Yihowaadhaaf kan of kennee fi amantii isaatti cimaa, garuu immoo gaarummaa kan qabuu fi namoonni salphaatti kan itti dhihaatan ture. Fedhii isaa caalaa kan warra kaaniitiif dursa akka kennu natti dhagaʼame. Walgaʼii sana booda, Teed gara Awustiraaliyaa, ani immoo gara Vaankoovaritti kan deebine taʼus, xalayaadhaan wal qunnamuu keenya itti fufnee turre.

Teed Awustiraaliyaatti gara waggaa shaniitiif erga tajaajilee booda gara Yuunaayitid Isteetis deebiʼee, Vaankoovaritti qajeelchaa taʼee tajaajiluu jalqabe. Maatiin koo baayʼee isa jaallachuu isaaniitti nan gammade. Obboleessi koo inni hangafaa Maayikil eegumsa naa gochuu waan barbaaduuf, yommuu obboleessi tokko miira jaalalaa natti argisiisu haalli koo akka isa yaaddessu natti hima ture. Haa taʼu malee Maayikil, Teediin baayʼee jaallate. “Meliitaa, nama gaarii argatteetta. Akka gaariitti isa qabuu fi akka si harkaa hin baane of eeggachuu qabda” naan jedhe.

Bara 1956tti erga gaaʼela godhannee booda tajaajila yeroo guutuu keessatti waggoota gammachiisaa hedduu dabarsineerra

Anis Teediin baayʼee jaalladheen ture. Muddee 10, 1956tti gaaʼela godhanne. Jalqaba Vaankoovaritti achii Kaaliifoorniyaatti qajeelchitoota taanee erga tajaajillee booda, Miizuurii fi Arkansootti hojii daawwannaa irratti akka hirmaannu ramadamne. Gara waggaa 18tiif Yuunaayitid Isteetis keessatti hojii daawwannaa irratti yeroo hirmaannu, torban torbaniin mana garaa garaa keessa boqonna turre. Tajaajila irratti muuxannoowwan gaggaarii taʼan arganneerra; obbolootaa wajjinis yeroo gammachiisaa dabarsineerra. Torban torbaniin iddoo tokkoo gara iddoo kaanii deemuun salphaa taʼuu baatus, hojii daawwannaa baayʼee jaallanna turre.

Teed keessumaa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu akka salphaatti kan hin ilaalle taʼuun isaa akkan isa dinqisiifadhu na godha. Tajaajila qulqulluu qaama uumama cufa keessatti hunda caaluuf dhiheessuuf iddoo guddaa kenna ture. Macaafa Qulqulluu waliin dubbisuu fi qayyabachuu ni jaallanna turre. Galgala rafuu keenya dura siree keenya biratti jilbeenfannee waliin kadhanna turre. Achiis kopha kophaatti kadhannaa dhuunfaa keenyaa dhiheessina turre. Yeroo dhimmi cimaan tokko Teediin yaaddessu beekan ture. Yeroo akkasiitti siree irraa buʼee deebiʼee jilbeenfachuudhaan sagalee isaa utuu hin dhageessisin kadhannaa dheeraa dhiheessa. Dhimmawwan guguddaa irrattis taʼe xixinnaa irratti gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu kan barbaadu taʼuu isaa baayʼeen dinqisiifadha.

Gaaʼela godhannee waggoota muraasa booda, Teed maxinoo fi waynii yeroo Ayyaana Yaadannootti dhihaatu irraa hirmaachuuf akka jedhu natti hime. “Wanti Yihowaan akkan godhu barbaadu maal akka taʼe mirkanaaʼaa taʼuuf dhimma kana irratti garaadhaa kadhannaa dhiheesseera” naan jedhe. Gara fuulduraatti samii irratti akka tajaajilu hafuura Waaqayyootiin dibamuun isaa homaa na hin dinqisiisne. Obboloota Kiristos keessaa isa tokko deggeruuf mirga akkan argadhe natti dhagaʼame.—Mat. 25:35-40.

CARRAA TAJAAJILAA HAARAA

Bara 1974tti Teed miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼu afeeramuun isaa baayʼee nu dinqisiise. Yeroo booda, Betʼel Biruukliinitti akka tajaajillu waamamne. Teed itti gaafatamummaa miseensa Qaama Ol Aanaa taʼuudhaan qabu yommuu raawwatu, ani immoo mana qulqulleessuu ykn rifeensa hojjechuu irratti tajaajilaan ture.

Teed waajjiroota damee garaa garaa akka daawwatus ni ramadama ture. Keessumaa hojiin lallabaa biyyoota hojiin keenya itti dhorkametti raawwatamu xiyyeeffannaa isaa ni harkisa ture. Yeroo Siwiidin keessatti boqonnaa baayʼee nu barbaachisu irra turretti Teed, “Meliitaa, Poolaanditti hojiin lallabaa dhorkameera; obboloota achi jiran gargaaruun barbaada” naan jedhe. Kanaafuu, viizaa argannee gara Poolaandi deemne. Teed obboloota hojicha geggeessaa turanii wajjin wal argee, wanta isaan mariʼatan namni akka hin dhageenye fagaatanii deeman. Obboloonni kun guyyaa afuriif walgaʼii cimaa kan godhatan taʼus, Teed obboloota isaa gargaaruu isaatti baayʼee akka gammade yommuun argu natti tole.

Sana booda Poolaandiin kan daawwanne Sadaasa 1977tti ture. Fireediriik Firaanz, Daaniʼel Siidliikii fi Teed akka miseensota Qaama Ol Aanaatti ifatti biyyattii kan daawwatan yeroo kanatti ture. Hojiin keenya yeroo kanatti iyyuu dhorkamee kan ture taʼus, miseensonni Qaama Ol Aanaa sadan magaalota adda addaatti ilaaltota ol aanaa, qajeelchitootaa fi Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo dheeraa turan haasofsiisuu dandaʼaniiru.

Teedii fi obboloota kaan erga beekkamtii seeraa argannee booda Ministeera Haqaa Mooskootti argamu duratti

Waggaa itti aanutti, Miiltan Heenshalii fi Teed Poolaandiin ennaa daawwatanitti, abbootii taayitaa nuufis taʼe hojii keenyaaf ilaalcha gaarii qabanii wajjin wal arganii turan. Bara 1982tti mootummaan Poolaandi obboloonni keenya walgaʼii guddaa guyyaa tokkoo akka godhatan heyyame. Waggaa itti aanutti walgaʼiiwwan sana irra guddatan godhataniiru; walgaʼiiwwan kana keessaa baayʼee isaanii kan godhatan galmawwan kireeffaman keessatti ture. Bara 1985tti dhorkaan hojii keenya irratti godhame kan hin kaane taʼus, walgaʼiiwwan guguddaa afur istaadiyomii guddaatti akka geggeeffannu nuuf heyyamame. Achiis, Caamsaa 1989tti walgaʼiiwwan guguddaa warra kanaan duraa irra caalan geggeeffachuuf qophiin godhamaa utuu jiruu, mootummaan Poolaandi Dhugaa Baatota Yihowaatiif beekkamtii seeraa kenne. Wantoota Teediin baayʼee gammachiisan keessaa kun tokko ture.

Walgaʼii koonyaa Poolaandi keessatti godhame

RAKKINA FAYYAA WAJJIN WAL QABATE DANDAʼUU

Bara 2007tti waajjirri damee Afriikaa Kibbaa yommuu Yihowaadhaaf murteeffamu, saganticha irratti argamuuf achi dhaqaa turre. Yeroo kanatti Ingilizitti Teed dhiibbaan dhiiga isaa dabalee waan tureef, doktoorri tokko adeemsa isaa yeroo kan biraatti akka dabarsu itti hime. Teed erga itti wayyaaʼee booda gara Yuunaayitid Isteetisitti deebine. Torban muraasa booda garuu sammuu isaa keessatti dhiigni waan dhangalaʼeef qaamni isaa mirgaa sochoʼuu dide.

Teed kan itti wayyaaʼaa deeme suuta suuta siʼa taʼu, jalqaba irratti biiroo deemuu hin dandaʼu ture. Akka gaariitti dubbachuu kan dandaʼu taʼuun isaa nu gammachiisee ture. Haalli isaa kan daangeffame taʼus, barsiifata isaa duraanii itti fufuuf carraaqqii godha ture; mana keessa taʼee bilbilaan walgaʼii torbanii Qaamni Ol Aanaan godhu irratti illee ni hirmaata ture.

Teed yaalii fayyaa gaarii Betʼel keessatti isaaf godhamaa ture baayʼee dinqisiifata ture. Yeroo booda, sochii gochuu dandaʼeera. Itti gaafatamummaa isaa tokko tokko raawwachuu kan dandaʼe siʼa taʼu, yeroo hunda gammadaa taʼuuf yaala ture.

Waggaa sadii booda ammas sammuu isaa keessatti dhiigni kan dhangalaʼe ennaa taʼu, Roobii, Waxabajjii 9, 2010tti duʼe. Teed jireenya isaa isa lafa irraa xumuruun isaa akka hin oolle kanan beeku taʼus, isa dhabuun koo hammam akka na miidhee fi hammam akkan isa yaadu ibsuu illee hin dandaʼu. Haa taʼu malee, Teediin gargaaruuf wantan dandaʼu gochaa waanan tureef guyyaa hundumaa Yihowaa nan galateeffadha. Tajaajila yeroo guutuu keessatti waggaa 53 ol waliin dabarsineerra. Teed gara Abbaa koo isa samiitti caalaatti akkan dhihaadhu waan na gargaareef Yihowaa baayʼeen galateeffadha. Hojiin haaraan isaaf kenname gammachuu guddaa akka isaaf argamsiisu hin shakku.

HAALAWWAN RAKKISAA JIREENYA KEESSATTI NA MUDATAN

Mana bareedinaa Betʼel keessatti argamu keessatti hojjechuu fi leenjii kennuu kootti baayʼeen gammada

Abbaa manaa koo wajjin waggoota hojiidhaan guutamanii fi gammachiisaa taʼan hedduu ergan dabarsee booda, haalawwan rakkisaa yeroo ammaatti na mudatanii wajjin wal simee jiraachuun salphaa miti. Anii fi Teed Betʼelittis taʼe Galma Mootummaatti keessummoota simachuu ni jaallanna turre. Amma garuu Teed na bira waan hin jirreef, akkasumas anis akka duraanii humna waanan hin qabneef, akka duriitti namootaa wajjin yeroo dabarsuu hin dandaʼu. Taʼus, amma iyyuu Betʼel keessattis taʼe gumii keessatti obboloota koo jaallatamoo taʼanii wajjin taʼuu kootti nan gammada. Haalli jireenyaa Betʼel salphaa taʼuu baatus, karaa kanaan Waaqayyoon tajaajiluu dandaʼuun gammachuu kan argamsiisu dha. Akkasumas jaalalli ani hojii lallabaatiif qabu hin hirʼanne. Kanan dadhabuu fi yeroo dheeraadhaaf dhaabachuu kanan hin dandeenye taʼus, karaa irratti lallabuu fi Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuun na gammachiisa.

Wantoota rakkisoo addunyaa kana keessatti raawwatamaa jiran yeroon ilaalu, hiriyaa gaaʼelaa gaarii taʼee wajjin Yihowaa tajaajiluu kootti baayʼeen gammada! Dhuguma iyyuu eebbi Yihowaa na badhaaseera.—Fak. 10:22.

^ KEY. 13 Seenaan jireenyaa Jaak Naataan Masaraa Eegumsaa, Fulbaana 1, 1990 (Ingiliffa), ful. 10-14 irratti baʼeera.