Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Jaalala Kan Nutti Argisiise Karaawwan Kamiini?

Yihowaan Jaalala Kan Nutti Argisiise Karaawwan Kamiini?

“Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa!”—1 YOH. 3:1.

FAARFANNAA: 51, 13

1. Yohannis ergamaan Kiristiyaanonni maal irratti akka yaadan isaan jajjabeesse? Maaliif?

WANTA Yohannis ergamaan 1 Yohannis 3:1 irratti dubbate gadi fageenyaa fi dinqisiifannaadhaan irratti yaaduu qabna. Yohannis, “Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa!” yeroo jedhu, Kiristiyaanonni jaalalli Waaqayyo isaaniif qabu kan akkamii akka taʼee fi hammam guddaa akka taʼe akka yaadan isaan jajjabeessaa ture. Yihowaan hammam akka nu jaallatu yeroo xiinxallu, jaalalli isaaf qabnu ni cima, akkasumas walitti dhufeenyi isaa wajjin qabnu ni jabaata.

2. Namoonni tokko tokko Waaqayyo akka isaan jaallatu amanuun kan isaan rakkisu maaliifi?

2 Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko Waaqayyo namootaaf jaalala akka qabu amanuun isaan rakkisa. Waaqayyoon sodaachuunii fi isaaf ajajamuun akka barbaachisu qofa beeku. Tarii immoo barumsawwan sobaatiin kan kaʼe, Waaqayyo jaalala kan hin qabnee fi jaallatamuu kan hin dandeenye akka taʼe isaanitti dhagaʼama taʼa. Karaa biraatiin immoo, namoonni maal iyyuu yoo godhan ykn gochuu yoo dadhaban Waaqayyo akka isaan jaallatu amanan jiru. Yeroo Macaafa Qulqulluu qayyabattetti, jaalalli amala Yihowaa isa guddaa akka taʼee fi jaalalli kun Ilma isaa aarsaa godhee akka nuu kennu kan isa kakaase taʼuu isaa baratteetta. (Yoh. 3:16; 1 Yoh. 4:8) Taʼu iyyuu, akkaataan guddinaa kee fi haalli kanaan dura keessa turte, ilaalcha jaalala Waaqayyootiif qabdu irratti dhiibbaa geessisee taʼuu dandaʼa.

3. Dhugaa isa kamtu jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubachuuf nu gargaara?

3 Yihowaan jaalala kan nutti argisiisu karaawwan kamiini? Deebiin gaaffii kanaa walitti dhufeenya Yihowaa fi nu gidduu jiru hubachuu keenya irratti kan hundaaʼe dha. Yihowaan Uumaa ilmaan namootaa hundaa akka taʼe beekamaa dha. (Faarfannaa 100:3-5 dubbisi.) Macaafni Qulqulluun Addaam “ilma Waaqayyoo” akka taʼe kan dubbatuu fi Yesus duuka buutonni isaa Waaqayyoon “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa” jedhanii akka waaman kan isaan barsiise kanaafi. (Luq. 3:38; Mat. 6:9) Yihowaan jireenya waan nuu kenneef Abbaa keenya dha; walitti dhufeenyi isaa fi nu gidduu jirus, walitti dhufeenya abbaa tokkoo fi ijoollee isaa gidduu jiruu wajjin wal fakkaata. Yihowaan akkuma abbaan gaariin tokko ijoollee isaa jaallatutti nu jaallata.

4. (a) Yihowaan abbootii namoota taʼan irraa adda kan taʼe akkamitti? (b) Mata duree kanaa fi isa itti aanu irratti maal ilaalla?

4 Abbootiin nama taʼan mudaa akka qaban beekamaa dha. Hammam iyyuu yoo carraaqan, jaalala Yihowaan ijoollee isaatti argisiisu guutummaatti argisiisuu hin dandaʼan. Namoonni tokko tokko haala maatii miira isaanii miidhe keessatti waan guddataniif yaadannoo gadhee qabu. Kun baayʼee kan nama gaddisiisu dha. Yihowaan garuu abbaa akkasii akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 27:10) Yihowaan hammam akka nu jaallatuu fi akka nuuf yaadu beekuun keenya, isatti akka nu dhiheessu beekamaa dha. (Yaq. 4:8) Mata duree kana keessatti, karaawwan Yihowaan jaalala nuuf qabu itti argisiise afur ilaalla. Mata duree itti aanu irratti immoo, karaawwan jaalala isaaf qabnu argisiisuu itti dandeenyu afur ilaalla.

YIHOWAAN WAAN NU BARBAACHISU JAALALAAN NUU DHIHEESSA

5. Phaawulos ergamaan waaʼee Waaqayyoo namoota Ateenaatiin maal jedhe?

5 Phaawulos ergamaan magaalaa Ateenaa ishee Giriikitti argamtu keessa yeroo turetti, magaalattiin waaqolii tolfamoo namoonni jireenyaa fi wanta jireenyaaf barbaachisu nuu kennu jedhanii itti amananiin akka guutamte hubatee ture. Phaawulos akkana jechuuf kakaʼee ture: ‘Waaqayyo inni biyya lafaa, kan isa keessa jiru hundumaas uume, sanyii namaa hundumaaf, jireenyaa fi qilleensa, kan isa barbaachisu hundumaas in kenna; nuyi isatti in jiraanna, in sochoona, in argamnas.’ (HoE. 17:24, 25, 28) Eeyyee, Yihowaan lubbuu keenya jiraachisuuf jaalalaan kakaʼee ‘wantoota nu barbaachisan hundumaa’ nuu kenna. Kana jechuun maal jechuu akka taʼe yaadaa.

6. Lafti jaalala Yihowaan nuuf qabu kan argisiistu akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

6 Mee waaʼee lafa ishee Yihowaan uumee fi “ilmaan namaatiif [kennee]” yaadaa. (Far. 115:15, 16) Qorattoonni pilaaneetota akka lafaa argachuuf hawaa qorachuu irratti maallaqa hedduu baasaniiru. Pilaaneetonni hedduun kan argaman taʼus, qorattoonni saayinsii pilaaneetota sana keessaa tokko illee akka lafaa wantoota jireenya namootaatiif barbaachisan qabaachuu dhiisuu isaaniitti gaddaniiru. Lafti uumamawwan Waaqayyo uume hunda irraa adda taʼuu hin ooltu. Mee yaadaa, Yihowaan pilaaneetota hedduu Milkii Weey keessattii fi isaan alatti argaman irraa haala adda taʼeen, lafa kana akka irra jiraannuuf qofa utuu hin taʼin jireenyaaf mijooftuu fi bareedduu godhee uume! (Isa. 45:18) Kun Yihowaan hammam akka nu jaallatu argisiisa.—Iyoob 38:4, 7; Faarfannaa 8:3-5 dubbisi.

7. Akkaataan Waaqayyo itti nu uume, inni dhuguma akka nu jaallatu kan argisiisu akkamitti?

7 Yihowaan bakka jireenyaa dinqisiisaa taʼe kan nuu uume taʼus, gammadoo taʼuuf wantoota akkasii caalaa wanti nu barbaachisu akka jiru beeka. Mucaa xinnoon tokko, warri isaa akka isa jaallatanii fi xiyyeeffannaa akka isaaf kennan yeroo beeku eegumsa jala akka jiru itti dhagaʼama. Yihowaan, namoonni jaalalaa fi kunuunsa isaa hubachuu akka dandaʼan gochuudhaan akka bifa isaatti isaan uume. (Uma. 1:27) Kana malees Yesus, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan” jedheera. (Mat. 5:3) Yihowaan Abbaa nu jaallatu waan taʼeef, karaa fooniis taʼe karaa hafuuraa ‘waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baayʼisee nuuf kenna.’—1 Xim. 6:17; Far. 145:16.

YIHOWAAN JAALALAAN KAKAʼEE DHUGAA NU BARSIISA

8. Jaalala argachuuf gara ‘Waaqa dhugaatti’ gara galuu kan dandeenyu maaliifi?

8 Abbootiin ijoollee isaanii kan jaallatan taʼuu isaa irra iyyuu, akka hin gowwoomfamne isaan eeguu barbaadu. Warri baayʼeen garuu isaanumti iyyuu qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessa jiru waan hin hordofneef, ijoollee isaaniitiif qajeelfama gaarii kennuu hin dandaʼan. Kun taʼuun isaa immoo yeroo baayʼee maatii keessa burjaajaʼuu fi gammachuu dhabuun akka jiraatu godha. (Fak. 14:12) Yihowaan garuu “Waaqa dhugaa” ti. (Far. 31:5, hiika bara 1899) Ijoollee isaa ni jaallata; akkaataa jireenyaa isaanii hunda irratti, keessumaa immoo dhimmoota hafuuraa wajjin haala wal qabateen isaan geggeessuudhaaf ifni dhugaa akka ifu gochuun isa gammachiisa. (Faarfannaa 43:3 dubbisi.) Yihowaan dhugaa kam nuuf ibse? Kun hoo akka inni nu jaallatu kan argisiisu akkamitti?

Abbootiin Kiristiyaana taʼan ijoollee isaanii dhugaa barsiisuu fi Abbaa isaanii isa samii wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan gargaaruudhaan fakkeenya Yihowaa hordofu (Keeyyata 8-10 ilaali)

9, 10. Yihowaan (a) waaʼee ofii isaa? (b) waaʼee keenya, dhugaa jiru nuu ibsuun isaa jaalala isaa kan argisiisu akkamitti?

9 Tokkoffaa, Yihowaan waaʼee isaa dhugaa isaa akka beeknu godheera. Maqaa dhuunfaa isaa isa maqaa kam iyyuu caalaa Macaafa Qulqulluu keessatti baayʼinaan argamu nu beeksiseera. Karaa kanaan Yihowaan akka isa beeknu gochuudhaan nutti dhihaateera. (Yaq. 4:8) Kana malees Yihowaan, amalawwan isaa jechuunis Waaqa akkamii akka taʼe nuu ibseera. Uumamni cufti ijaan mulʼatu humnaa fi ogummaa isaa kan argisiisu taʼuu isaa irra iyyuu, Yihowaan Caaffata Qulqullaaʼootti fayyadamee haqa isaa keessumaa immoo jaalala isaa isa guddaa nuu ibseera. (Rom. 1:20) Yihowaan abbaa ogummaa fi humna qabuu wajjin qofa utuu hin taʼin, abbaa gaarii jaalala qabeessa taʼee wajjinis wal fakkaata; kun immoo ijoolleen isaa caalaatti isatti dhihaachuun akka isaaniif salphatu godha.

10 Yihowaan faayidaa keenyaaf jecha waaʼee keenya, jechuunis iddoo nuyi kaayyoo isaa keessatti qabnu nuu ibseera. Kun immoo, maatii isaa isa uumama cufaa keessatti nagaanii fi tokkummaan akka jiraatu godheera. Macaafni Qulqulluun ilmaan namootaa ofiif murteessuuf mirga akka qabaatanittii fi Waaqayyo irraa adda baʼanii ofiin akka of bulchanitti akka hin uumamne, akkasumas dhugaa kana fudhachuu diduun isaanii buʼaan isaa gadhee akka taʼe nu barsiisa. (Er. 10:23) Kana hubachuun keenya nageenya keenyaaf baayʼee barbaachisaa dha. Nagaa fi tokkummaa qabaachuu kan dandeenyu aangoo Waaqayyoo yoo beekne qofa dha. Yihowaan dhugaa kana nuu ibsuun isaa jaalala guddaa akka nuuf qabu kan argisiisu dha!

11. Abdii Yihowaan kenne isa kamtu inni akka nu jaallatuu fi akka nuu yaadu argisiisa?

11 Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko, waaʼee jireenya ijoollee isaa isa gara fuulduraa waan yaaddaʼuuf, kaayyoo jireenyaa dhugaa taʼe akka qabaatan barbaada. Kan nama gaddisiisu, namoonni hedduun gara fuulduraa ilaalchisee abdii kan hin qabne taʼuu isaa irra iyyuu, galmawwan faayidaa bara baraa hin argamsiisne hordofu. (Far. 90:10) Ijoollee Waaqayyoo waan taaneef, abdii dinqisiisaa qabaachuu keenyatti dhuguma akka jaallatamnu nutti dhagaʼama. Kun immoo jireenyi keenya kaayyoo dhugaa akka qabaatu godha.

YIHOWAAN IJOOLLEE ISAA NI GORSA, NI ADABAS

12. Gorsi Yihowaan Qaayinii fi Baarukiif kenne, akka isaan jaallatuu fi akka isaaniif yaadu kan argisiisu akkamitti?

12 “Maaliif aartee bobaate? Maaliifis mataa buufte? Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree? . . . [cubbuu] irratti aboo godhadhu!” (Uma. 4:6, 7) Kun gorsa yeroo barbaachisutti kennamee fi qajeelfama gaarii ture. Yihowaan yeroo Qaayin karaa sirrii hin taane irra turetti akeekkachiisa kana kenneefii ture. Kan nama gaddisiisu garuu, Qaayin gorsa kana hin fudhanne; kanaan kan kaʼes rakkinni isa irra gaʼeera. (Uma. 4:11-13) Barreessaa Ermiyaas kan ture Baaruk yeroo dadhabee fi abdii kutatetti, Yihowaan rakkina isaa akka hubatu isa gargaaruuf gorsa isaaf kennee ture. Qaayin irraa haala adda taʼeen, Baaruk gorsa Yihowaa fudhatee lubbuu isaa oolfateera.—Er. 45:2-5.

13. Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan irra qorumsi akka gaʼu kan heyyame maaliifi?

13 Phaawulos, “Gooftichi nama jaallatu barsiisuuf in adaba, nama akka ilmaatti fudhatus in reeba” jedheera. (Ibr. 12:6) Yihowaan yeroo barbaachisutti sirreeffama qofa utuu hin taʼin leenjiis nuu kenna. Macaafni Qulqulluun Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼan caalaatti gaarii akka taʼan akka isaan leenjise dubbata. Yoseef, Musee fi Daawitiin akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Seenaan isaanii Macaafa Qulqulluu keessatti balʼinaanii fi karaa ifa taʼeen ibsameera. Yeroo rakkina isaaniitti Yihowaan akkamitti akka isaan gargaaree fi akkamitti akka isaanitti fayyadame seenaa ibsu dubbisuun keenya, Yihowaan tajaajiltoota isaatiif akka yaaduu fi akka isaan jaallatu caalaatti nu hubachiisa.—Fakkeenya 3:11, 12 dubbisi.

14. Yeroo Yihowaan nu adabu jaalala isaa hubachuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Yihowaan nu adabuun isaa karaa kan biraa jaalala isaa itti argisiisu dha. Namni cubbuu hojjete Yihowaan yeroo isa adabu qalbii yoo jijjiirrate, “innis isa in maara.” (Isa. 55:7) Kana jechuun maal jechuu dha? Daawit akkaataa Yihowaan dhiifama itti namaaf godhu jecha garaa namaa tuquun yeroo ibsu akkana jedheera: “Inni yakka kee siif in dhiisa, dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa; jireenya kee awwaalamuu in oolcha, gaarummaa fi ooʼa si gonfa; baʼi-biiftuu lixa-biiftuutii akka fagaatu, innis irra-daddarbaa keenya nuttii in fageessa.” (Far. 103:3, 4, 12) Gorsii fi adabni Yihowaan nuu kennu jaalala guddaa inni nuuf qabu kan argisiisu akka taʼe hubachuudhaan yeroo hunda dafnee tarkaanfii haa fudhannu.—Far. 30:5.

YIHOWAAN NU EEGA

15. Yihowaan saba isaatiif bakka guddaa akka kennu kan argisiisu maali dha?

15 Wanta abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko dursa kennuuf keessaa tokko, wanta miidhaa fi balaa geessisu kam irraa iyyuu maatii isaa eeguu dha. Abbaa keenya isa samii kan taʼe Yihowaan wanta kana irra xinnaatu hin godhu. Faarfatichi Yihowaa ilaalchisee, “Inni lubbuu warra isaaf of kennanii in eega, harka jalʼootaas isaan in oolcha” jedheera. (Far. 97:10) Fakkeenya tokko haa ilaallu. Ija keessaniif bakka guddaa akka kennitan beekamaa dha! Yihowaanis waaʼee saba isaa akkasuma itti dhagaʼama. (Zakaariyaas 2:8 dubbisi.) Sabni Waaqayyoo isa biratti bakka guddaa qabu!

16, 17. Karaawwan Yihowaan yeroo harʼaa saba isaatiif eegumsa itti godhu ibsi.

16 Yihowaan saba isaa eeguuf ergamoota isaatti ni fayyadama. (Far. 91:11) Ergamaan tokko halkan tokkotti loltoota 185,000 ajjeesuudhaan Yerusaalemiin weerartoota Asor jalaa oolcheera. (2 Mot. 19:35) Ergamoonni Waaqayyoo, Phexrosii fi ergamoota kan biraa mana hidhaatii baasaniiru. (HoE. 5:18-20; 12:6-11) Yeroo harʼaas Yihowaan harki isaa gabaabaa miti. Bakka buʼaan waajjira muummee waajjira damee Afriikaa keessatti argamu daawwate tokko, jeequmsi karaa siyaasaa fi karaa amantii kaʼee ture biyyattii miidhee akka ture gabaaseera. Waraanni, saamichi, dirqisiisanii gudeeduunii fi ajjeechaan biyyattii keessatti kan babalʼate taʼuun isaa jeequmsii fi sodaan akka jiraatu godhee ture. Obboloonni hedduun qabeenya isaanii hundaa fi hojii isaanii kan dhaban taʼus, isaan keessaa haala kanaan kan duʼe hin jiru. Haala akkamii keessa akka turan yeroo gaafataman hundi isaanii fuula ifaadhaan, “Wanti hundinuu gaarii dha, galatni Yihowaa hin badin!” jedhaniiru. Waaqayyo akka isaan jaallatu isaanitti dhagaʼama ture.

17 Yihowaan yeroo tokko tokko diinonni namoota amanamoo akka Isxifaanos jiran akka ajjeesan heyyameera. Taʼus, malawwan Seexanaa ilaalchisee akeekkachiisa yeroo isaatiif barbaachisu kennuudhaan akka walii galaatti saba isaa ni eega. (Efe. 6:10-12) Yihowaan Dubbii isaa fi barreeffamoota jaarmiyaan isaa qopheessutti fayyadamee, qabeenya nama gowwoomsu, amala addaggummaa, bohaartii gadhee, itti fayyadama Intarneetii fi kan kana fakkaatan ilaalchisee dhugaa isaa nu hubachiisa. Dhuguma iyyuu, Yihowaan akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkootti saba isaatiif eegumsa ni godha.

MIRGA GUDDAA

18. Jaalala Yihowaan siif qabu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

18 Karaawwan muraasa Yihowaan jaalala guddaa nuuf qabu itti argisiise qoruun keenya, akkuma Musee akka nutti dhagaʼamu godha. Museen waggoota dheeraa Yihowaa itti tajaajile irratti yaaduudhaan, “Bara keenya guutuu gammannee akka ililchinutti, ati ganama gaarummaa keetiin [“jaalala kee isa amanamaadhaan,” NW] nu quufsi!” jedheera. (Far. 90:14) Jaalala Yihowaan nuuf qabu beekuu fi argachuun, mirgaa fi eebba yeroo harʼaatti argachuu dandeenyu isa guddaa dha. Akkuma Yohannis ergamaa, nuyis, “Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa!” jechuuf kakaana.—1 Yoh. 3:1.