Dhimmoota Hafuuraa Irratti Xiinxaluu Keessan Itti Fufaa
“Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti akka mulʼatuuf, wantoota kana irratti xiinxali; akkasumas xiyyeeffannaa guddaa kenniif.”—1 XIM. 4:15, NW.
FAARFANNAA: 22, 52
1, 2. Sammuun ilmaan namootaa adda kan taʼe karaawwan gurguddaa kamiini?
QOOQNI namoonni dubbisuu, barreessuu, dubbachuu, wanta dubbatamu hubachuu, Yihowaa kadhachuu fi faarfachuu akka dandaʼan godheera. Sochiiwwan kun hundi kan nama dinqisiisan siʼa taʼu, kutaan sammuu, akkasumas sirni niiwuroonii saayintiistonni guutummaatti hubachuu hin dandeenye wantoota kana raawwachuuf nu dandeessisa. Sammuun keenya adda waan taʼeef, qooqa barachuu ni dandeenya. Piroofeesarri qooqaa tokko, “Dandeettiin ijoolleen qooqa barachuuf qaban wantoota [ilmaan namootaa] adda godhan keessaa tokko dha” jedheera.
2 Namoonni qooqaan walii galuu kan dandaʼan, kennaa addaa kana Waaqayyo waan isaaniif kenneefi dha. (Far. 139:14; Mul. 4:11) Karaa guddaa kan biraan sammuun Waaqayyo nuuf kenne adda itti taʼus jira. Bineensota irraa haala adda taʼeen, ilmaan namootaa akka “bifa Waaqayyootti” uumaman. Mirga filannaa waan qabaniif, dandeettii dubbachuuf qabanitti fayyadamuudhaan Waaqayyoof ulfina kennuu filachuu ni dandaʼu.—Uma. 1:27.
3. Yihowaan ogummaa akka argannuuf kennaa addaa akkamii nuu kenne?
3 Waaqayyo inni qooqa uume, namoota isaaf ulfina kennuu barbaadan hundaaf kennaa gaarii, jechuunis Macaafa Qulqulluu Far. 40:5; 92:5; 139:17) Kana yoo goote wanta “akka fayyitutti ogummaa siif kennuu dandaʼu” irratti xiinxaluu dandeessa.—2 Ximotewos 3:14-17 dubbisi.
kenneera. Macaafni Qulqulluun guutummaan ykn gartokkoon isaa afaanota 2,800 oliin argama. Macaafa kana yeroo dubbistu sammuun kee yaada Waaqayyootiin guutama. (4. Xiinxaluu jechuun maal jechuu dha? Gaaffiiwwan kam irratti mariʼanna?
4 Xiinxaluu jechuun, wanta gaariis taʼe gadhee yaadni kee wanta tokko irratti akka xiyyeeffatu gochuu fi irratti yaaduu jechuu dha. (Far. 77:12; Fak. 24:1, 2) Wanti irratti xiinxaluu dandeenyu inni guddaan wanta waaʼee Yihowaa fi waaʼee Ilma isaa Yesus Kiristos baranne dha. (Yoh. 17:3) Haa taʼu malee gaaffiiwwan armaan gadii gaafanna taʼa: Dubbisuu fi xiinxaluun walitti dhufeenya akkamii qaba? Carraawwan xiinxaluuf nu gargaaran kam faʼi? Xiinxaluun akka nu gammachiisu gochuu kan dandeenyu akkamitti?
QAYYABANNAAN KEESSAN BUʼA QABEESSA AKKA TAʼU GODHAA
5, 6. Yeroo dubbistu hubannaa kee fi dandeettii wanta dubbistu yaadachuuf qabdu fooyyeffachuuf wanti si gargaaru maali dha?
5 Sammuun keenya yeroo tokko tokko utuu itti hin yaadin wantoota dinqisiisoo taʼan hojjeta. Fakkeenyaaf, hafuura baafachuu, deemuu, biskileetii oofuu ykn taayippii gochuun wantoota baayʼee utuu itti hin yaadin raawwannu keessaa tokko tokko dha. Dubbisuu wajjinis haalli isaa hamma tokko wal fakkaata. Kanaafuu hiika wanti dubbisnu qabu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha. Keeyyata tokko dubbistee yeroo xumurtu ykn mata duree xiqqaa tokko jalqabuu kee dura, wanta dubbiste sirriitti hubachuu kee beekuudhaaf takka dhaabachuudhaan xiinxaluu dandeessa. Dhugaa dha, wantoonni si jeeqan yoo jiraatanii fi xiyyeeffannaadhaan dubbisuu yoo dadhabde, sammuun kee waan biraa yaaduu dandaʼa; kun immoo dubbisni kee buʼaa akka hin qabaanne godha. Haala akkasii irraa fagaachuun kan dandaʼamu akkamitti?
6 Qorannaan saayinsii akka argisiisutti, yeroo qayyabannaatti sagalee baasanii dubbisuun salphaatti yaadachuuf gargaara. Uumaan sammuu keenyaa kana waan beekuuf, Iyaasuun waaʼee macaafa Seerichaa ‘akka yaadu’ ykn akka jechi Afaan Ibrootaa argisiisuu dandaʼutti ‘sagalee isaa gadi qabee’ akka dubbisu ajajeera. (Iyaasuu 1:8 dubbisi.) Macaafa Qulqulluu suuta jettee dubbisuun ykn sagalee kee gadi qabdee dubbisuun wanta dubbistu hubachuuf si gargaara. Kun immoo yaadni kee akka hin hihhiramne gochuus ni dandaʼa.
7. Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluuf yeroon gaarii taʼe yoomi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
7 Dubbisuun carraaqqii hedduu kan hin gaafanne siʼa taʼu, xiinxaluun garuu xiyyeeffannaa barbaada. Sammuun ilmaan namootaa cubbamoo taʼanii wantoota salphaa taʼan irratti yaaduu kan filatu kanaafi. Kanaafuu, yeroo hin dadhabnetti, wanti si jeequu fi xiyyeeffannaa kee hihhiru utuu hin jiraatin xiinxaluun gaarii dha. Faarfatichi halkan siree isaa irra utuu jiruu xiinxaluun gaarii akka taʼe hubatee ture. (Far. 63:6) Yesus inni sammuun isaa mudaa hin qabne iddoo jeequmsi hin jirretti xiinxaluu fi kadhachuun faayidaa akka qabu beeka ture.—Luq. 6:12.
WANTOOTA GAGGAARII IRRATTI XIINXALUU DANDEENYU
8. (a) Dubbii Waaqayyootiin alas maal irratti xiinxaluu dandeenya? (b) Yihowaan waaʼee isaa yeroo dubbannu maaltu itti dhagaʼama?
8 Wanta Macaafa Qulqulluu irraa dubbistu qofa utuu hin taʼin, wantoota kan biraa irrattis xiinxaluu ni dandeessa. Fakkeenyaaf, uumamawwan dinqisiisoo taʼan yeroo argitu xinnoo dhaabadhuutii irratti yaadi. Kana gochuun, gaarummaa isaatiif Yihowaa jajachuuf, namaa wajjin yoo taate immoo dinqisiifannaa wantoota kanaaf qabdu dubbachuuf akka si kakaasu hin shakkisiisu. (Far. 104:24; HoE. 14:17) Yihowaan haala kanaan yeroo waaʼee isaa xiinxallu, yeroo isa jajannuu fi waaʼee isaa dubbannu xiyyeeffannaa nuu kennaa? Dubbii isaa isa gati jabeessa taʼe irraa deebii arganna. Guyyoota dhumaa rakkisaa taʼan kana ilaalchisee waadaan akkana jedhu nuuf galameera: “Amma immoo warri Waaqayyoon sodaatan walii wajjin utuu dudubbatanii Waaqayyo isaan dhaggeeffatee, waan isaan dubbatan in dhagaʼe; macaafni seenaa waaʼee warra isa sodaatanii fi warra maqaa isaatiif ulfina kennanii [“warra maqaa isaa irratti xiinxalanii,” NW], fuula isaa duratti caafameera.”—Mil. 3:16.
9. (a) Phaawulos Ximotewos maal irratti akka xiinxalu isatti hime? (b) Tajaajilaaf yeroo qophoofnu gorsa Phaawulos hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Phaawulos ergamaan, Ximotewos dhiibbaa dubbiin isaa, amalli isaa fi barumsi isaa qabu irratti akka “yaadu” isa jajjabeesseera. (1 Ximotewos 4:12-16 dubbisi. *) Akkuma Ximotewos nuyis sochiiwwan hafuuraa irratti yaadnu hedduu qabna. Fakkeenyaaf, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf yeroo qophoofnu xiinxaluu qabna. Tokkoon tokkoon barattoota keenyaa sammuutti qabachuudhaan, baratichi guddina akka godhu gargaaruuf gaaffii ilaalchaa isa gaafannu ykn fakkeenya itti himnu yaaduu dandeenya. Wantoota kana irratti xiinxaluun amantii keenya waan cimsuuf, akkasumas qayyabannicha karaa buʼa qabeessa taʼee fi miira hoʼaadhaan geggeessuuf waan nu dandeessisuuf yeroon xiinxaluudhaan dabarsinu gammachiisaa taʼa. Yeroo tajaajilaaf garaa keenya qopheeffannus haalli isaa akkasuma dha. (Izraa 7:10, hiika bara 1899 dubbisi. *) Macaafa Hojii Ergamootaa irraa boqonnaa tokko dubbisuun, miirri hoʼaan nuti tajaajilaaf qabnu ‘akka ibiddaatti akka qabsiifamu’ godha. Caqasoota Macaafa Qulqulluu fi barreeffama itti fayyadamuuf yaadne irratti xiinxaluun, tajaajila keenya akka gaariitti akka raawwannu nu gargaara. (2 Xim. 1:6) Waaʼee namoota naannoo kee keessatti argamanii fi wanta xiyyeeffannaa isaanii harkisuu dandaʼuu yaadi. Haala kanaan qophaaʼuun, “hafuuraa fi humna” Dubbii Waaqayyoo keessa jiru “mulʼisuudhaan” karaa buʼa qabeessa taʼeen dhugaa baʼuuf nu kakaasa.—1 Qor. 2:4, NW.
10. Dhimmoota hafuuraa irratti xiinxaluuf carraawwan dabalataa akkamii qabna?
10 Haasaan sabaa yeroo dhihaatu, akkasumas walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo irratti yaadannoo ni qabattaa? Yaadannoowwan qabatte kana irra deebitee ilaaluun kee, wanta Dubbii Waaqayyoo fi jaarmiyaa isaa irraa baratte irratti xiinxaluuf carraa gaarii sna. Kana malees, barruuleen Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! yeroo yerootti baʼan, akkasumas barreeffamoonni haaraan walgaʼii irratti baʼan, odeeffannoo haaraa dubbisnee irratti xiinxaluu dandeenyu kan qabani dha. Kitaaba Waggaa yeroo dubbistu muuxannoo tokko irraa gara isa kan biraatti ceʼuu kee dura takka dhaabachuun kee si gargaaruu dandaʼa. Kana gochuun kee wanta dubbiste irratti yaaduuf yeroo akka argattuu fi muuxannoon dubbiste garaa kee akka tuqu godha. Barreeffama tokko yeroo dubbistu yaada ijoo jala sararachuu ykn barreeffamicha irratti yaadannoo qabachuu dandeessa. Kana gochuun kee yeroo deddeebii gaaffiitiif, hojii tikaatiif ykn haasaadhaaf qophooftu si gargaaruu dandaʼa. Hunda caalaa immoo, yeroo barreeffamoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbistu darbee darbee takka dhaabachuudhaan xiinxaluun kee, wanta dubbiste sana yaadatti qabachuu fi wanta gaarii barachaa jirtuuf Yihowaa galateeffachuuf carraa siif bana.
DUBBII WAAQAYYOO IRRATTI GUYYAA GUYYAADHAAN XIINXALI
11. Wanti guddaan irratti xiinxaluu qabnu maali dha? Maaliif? (Miiljalees ilaali.)
11 Wanti guddaan irratti xiinxaluu qabnu Dubbii Waaqayyoo akka taʼe beekamaa dha. Fakkeenyaaf, haala Macaafa Qulqulluu itti hin arganne keessa akka jirtu godhii yaadi. * Wanta sammuutti qabatte fakkeenyaaf caqasoota Macaafa Qulqulluu fi faarfannaawwan Mootummichaa jaallattu irratti akka hin xiinxalle kan si dhorku garuu hin jiru. (HoE. 16:25) Hafuurri Waaqayyoos wantoota gaarii duraan baratte akka yaadattu si gargaaruu dandaʼa.—Yoh. 14:26.
12. Barsiifata dubbisa Macaafa Qulqulluu akkamiitu faayidaa qabaachuu dandaʼa?
12 Dubbisa Macaafa Qulqulluu Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookiraasii irratti dhihaatu dubbisuu fi irratti xiinxaluuf torban keessaa guyyoota muraasa ramaduu dandeessa. Guyyoota kaan immoo wanta Yesus dubbatee fi raawwate irratti xiinxaluuf itti fayyadamuu dandeessa. Kitaabonni Macaafa Qulqulluu akka gaariitti beekaman Wangeelota seenaa Yesusii fi tajaajila isaa qabatan akka taʼe ifa dha. (Rom. 10:17; Ibr. 12:2; 1 Phe. 2:21) Dabalataanis sabni Waaqayyoo barreeffama muuxannoo Yesusii fi yeroo inni lafa irratti dabarse duraa duubaan ibsu argataniiru. Keessumaa yaadawwan Wangeelaa tokkoon tokkoon boqonnaa kitaabichaa keessatti duraa duubaan ibsaman dubbisuudhaan irratti yoo xiinxalle faayidaa guddaa irraa argachuu dandeenya.—Yoh. 14:6.
XIINXALUUN BAAYʼEE BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
13, 14. Dhimmoota hafuuraa irratti xiinxaluun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kun hoo maal gochuuf nu kakaasa?
13 Dhimmoota hafuuraa irratti xiinxaluun namni tokko karaa hafuuraa akka guddatu isa gargaara. (Ibr. 5:14; 6:1) Namni waaʼee Yihowaa fi Yesus yeroo muraasaaf qofa xiinxalu amantii cimaa qabaachuu hin dandaʼu. Namni akkasii karaa irraa goruu ykn dhugaa irraa garagaluu dandaʼa. (Ibr. 2:1; 3:12) Yesus, Dubbii Waaqayyoo “garaa gaariidhaa fi abboomamaadhaan” hin dhageenyu taanaan, dubbicha ‘fudhachuu’ akka hin dandeenye akeekkachiiseera. Kanaa mannaa ‘yaaddoon, soorumnii fi qannoon jireenyaa ija utuu hin godhatin akka hafnu’ gochuu dandaʼa.—Luq. 8:14, 15.
14 Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo irratti yaaduu keenya itti haa fufnu. Kun immoo ulfina, amalaa fi 2 Qor. 3:18) Waaʼee Abbaa keenya isa samii barachuu keenya itti fufuu fi bara baraaf isa fakkaachuu ni dandeenya. Kun immoo mirga hunda irra caalu dha.—Lal. 3:11.
eenyummaa Yihowaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame irratti xiinxaluuf nu kakaasa. (15, 16. (a) Dhimmoota hafuuraa irratti xiinxaluudhaan dhuunfaatti buʼaa akkamii argachuu dandeenya? (b) Yeroo tokko tokko xiinxaluun ulfaataa kan taʼu maaliifi? Taʼus, carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifi?
15 Dhimmoota hafuuraa irratti yaaduu itti fufuun keenya, dhugaa miira hoʼaadhaan lallabuuf nu dandeessisa. Haala kanaan obboloota keenya, akkasumas namoota fedhii qabanii fi tajaajila irratti argannuuf madda jajjabinaa taʼuu dandeenya. Kennaa Waaqayyoo isa guddaa, jechuunis aarsaa furii Yesus irratti gadi fageenyaan xiinxaluun keenya, mirga Abbaa keenya isa qulqulluu kan taʼe Yihowaa wajjin michoomuuf arganneef iddoo guddaa kennuuf nu gargaara. (Rom. 3:24; Yaq. 4:8) Maark inni lammii Afriikaa Kibbaa taʼee fi siyaasa keessa galuu diduu isaatiin waggaa sadiif hidhame akkana jedheera: “Xiinxaluun adeemsa nama gammachiisuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Dhimmoota hafuuraa irratti hammuma xiinxalle, waaʼee Waaqa keenya Yihowaa caalaatti wantoota haaraa baranna. Yeroo tokko tokko yommuun abdii kutadhuu fi yeroo gara fuulduraa ilaalchisee yommuun dhiphadhu Macaafa Qulqulluu kaaseen caqasa tokko irratti xiinxala. Kana gochuun koo akka na tasgabbeesse natti dhagaʼama.”
16 Dhugaa dha, yeroo harʼaatti wantoonni yaada namaa hihhiran hedduun waan jiraniif yeroo tokko tokko dhimmoota hafuuraa irratti xiinxaluun ulfaataa dha. Obboleessi amanamaan Afriikaa keessa jiraatuu fi Paatriik jedhamu akkana jedheera: “Sammuun koo saanduqa poostaa ergaawwan barbaachisaa taʼanii fi hin barbaachisne garaa garaa guyyaa guyyaadhaan adda baafamuu qabaniin guutamee wajjin wal fakkaata. Wanta sammuu koo keessa jiru yommuun sakattaʼu yeroo tokko tokko wantoota ‘yaaddoo’ natti taʼan kanan argadhu siʼa taʼu, yeroo kanatti sammuu qulqulluudhaan xiinxaluu koo dura wantoota kana ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun qaba. Kana gochuun dhimmoota hafuuraa irratti xiinxaluu dafee akkan hin jalqabne kan godhu taʼus, caalaatti Yihowaatti akka na dhiheesse natti dhagaʼama. Kun immoo dhugaa caalaatti akkan hubadhuuf sammuu koo naaf bana.” (Far. 94:19) Dhuguma iyyuu, namoonni ‘guyyuma guyyaatti macaafota qulqulluu qoranii’ fi irratti xiinxalan hundi buʼaa gaarii argatu.—HoE. 17:11.
XIINXALUUF YEROO ARGACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
17. Xiinxaluuf yeroo argachuu kan dandeessu akkamitti?
17 Obboloonni tokko tokko dubbisuuf, xiinxaluuf, akkasumas kadhachuuf bariidhaan kaʼu. Tokko tokko immoo yeroo boqonnaa laaqanaa isaanitti kana godhu. Tarii galgala ykn rafuu kee dura kana gochuu akka dandeessu sitti dhagaʼama taʼa. Obboloonni tokko tokko ganamas, galgala rafuu isaanii duras Macaafa Qulqulluu dubbisuu jaallatu. Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yeroo kam iyyuu yoo filanne, “halkanii fi guyyaa” jechuunis yeroo hundumaa dubbisuu qabna. (Iya. 1:8) Wantoota baayʼee barbaachisaa hin taane irratti xiyyeeffachuu dhiisnee guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluuf yeroo ramaduun barbaachisaa dha.—Efe. 5:15, 16.
18. Macaafni Qulqulluun namoota guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluudhaan wanta dubbisan hojii irra oolchuuf carraaqan ilaalchisee maal jedha?
18 Macaafni Qulqulluun, Yihowaan namoota Dubbii isaa irratti xiinxalanii fi wanta baratan hojii irra oolchuuf carraaqan akka eebbisu dubbata. (Faarfannaa 1:1-3 dubbisi.) Yesus, “Dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii kan raawwatan haa gammadan!” jedheera. (Luq. 11:28) Hunda caalaa immoo, dhimmoota hafuuraa irratti guyyaa guyyaadhaan xiinxaluun Yihowaa isa sammuu keenya dinqisiisaa godhee uumeef ulfina fida; innis amma gammachuu, gara fuulduraatti immoo addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu keessatti jireenya bara baraa nuuf kennuudhaan nu eebbisa.—Yaq. 1:25; Mul. 1:3.
^ KEY. 9 1 Ximotewos 4:15, NW: “Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti akka mulʼatuuf, wantoota kana irratti xiinxali; akkasumas xiyyeeffannaa guddaa kenniif.”
^ KEY. 9 Izraa 7:10, hiika bara 1899: ‘Izraan seera Waaqayyoo qoruudhaaf, gochuufis abboommii isaatii fi firdii isaas Israaʼel keessatti barsiisuudhaaf garaa isaa qopheeffatee ture.’
^ KEY. 11 Mata duree “Walʼaansoo Karaa Hafuuraa Cimoo Taanee Itti Fufuuf Goone” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 2006 (Amaariffa) irratti argamu ilaali.