Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Namoota Akkasiifis Ulfina Kennaa!”

“Namoota Akkasiifis Ulfina Kennaa!”

BARA 1992 kaasee Qaamni Ol Aanaan koreewwan isaa hojii isaanii yeroo raawwatanitti gargaarsa akka godhan jaarsolii muuxannoo qabanii fi gaʼeessota taʼan muudeera. * Gargaartonni miseensota “hoolota kan biraa” taʼan kun, Qaama Ol Aanaadhaaf deggersa guddaa godhu. (Yoh. 10:16) Walgaʼii torbanii koreen itti ramadaman godhatu irratti argamuudhaan odeeffannoo dabalataa fi yaada dhiheessu. Murtoo xumuraa kan godhu Qaama Ol Aanaa taʼus, gargaartonni kun qajeelfama koreen itti ramadaman kennu hojii irra ni oolchu; akkasumas hojii isaaniif kenname kam iyyuu ni raawwatu. Gargaartonni kun walgaʼiiwwan addaa fi walgaʼiiwwan biyyoolessaatiif miseensota Qaama Ol Aanaa wajjin deemu. Kana malees, bakka buʼoota waajjira muummee taʼuudhaan waajjiroota damee akka daawwatan ramadamuu dandaʼu.

Obboleessi erga qophiin kun jalqabamee kaasee gargaartuu taʼee tajaajilaa jiru tokko, “Hojii naaf kenname yeroon hojjedhu, Qaamni Ol Aanaan dhimmawwan hafuuraa irratti caalaatti xiyyeeffachuu dandaʼa” jedheera. Obboleessi gara waggaa 20tiif gargaartuu taʼee hojjete kan biraan immoo, “Kun mirga guddaa wantan yaadu kam irra iyyuu caalu dha” jedheera.

Qaamni Ol Aanaan gargaartota isaatiif itti gaafatamummaa hedduu kenna; akkasumas, tajaajila gaarii obboloonni amanamoon dhimmanii hojjetan kun dhiheessan ni dinqisiifata. Hundi keenya ‘namoota akkasiitiif ulfina haa kenninu.’—Filp. 2:29.