Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Arjummaa Yihowaatiif Dinqisiifannaa Akka Qabdan Argisiisaa

Arjummaa Yihowaatiif Dinqisiifannaa Akka Qabdan Argisiisaa

YIHOWAAN Waaqa arjaa taʼe dha. (Yaq. 1:17) Samii duukkanaaʼaa urjiidhaan guutamee kaasee hanga marga magariisa lafa uwwiseetti, uumamawwan Yihowaa hundi arjummaa isaa kan argisiisani dha.—Far. 65:12, 13; 147:7, 8; 148:3, 4.

Faarfatichi Uumaa isaatiif dinqisiifannaa guddaa waan qabuuf, faarfannaa hojiiwwan Yihowaa jajatu barreessuuf kakaʼeera. Faarfannaa 104 yeroo dubbistu akkuma faarfatichaa akka sitti dhagaʼamu beekamaa dha. Faarfatichi, “Ani jireenya koo guutuu Waaqayyoof nan weeddisa, hamman jiruttis sagalee miʼaa dhageessisee, Waaqayyoon nan faarfadha” jedheera. (Far. 104:33) Ati hoo fedhii akkanaa qabdaa?

FAKKEENYA ARJUMMAA HUNDA IRRA CAALU

Yihowaan akkuma isaa arjaa akka taanu barbaada. Arjaa taʼuu kan qabnu maaliif akka taʼes nutti himeera. Wanta Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan kakaʼee barreesse ilaali: “Warri amma biyya lafaa kanatti sooressota taʼan waan guddaa akka of hin seene, abdii isaaniis sooruma isa hin amansiifne irra akka hin kaaʼanne isaan hubachiisi! Abdii isaanii Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baayʼisee nuuf kennu irra haa kaaʼatan! Wanta gaarii taʼe haa hojjetan, soorumni isaanii hojii gaarii isa isaan hojjetan haa taʼu! Haa arjooman, isa qaban warra kaaniinis haa gaʼan! Kanaan badhaadhummaa walitti qabatanii jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuudhaaf bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii in kaaʼatu.”—1 Xim. 6:17-19.

Phaawulos gumii Qorontosiif xalayaa isaa isa lammaffaa yeroo barreessetti, kennaa kennuu ilaalchisee ilaalcha sirrii qabaachuu qaban addeesseera. Phaawulos, “Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin taʼin, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf taʼa; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata” jedheera. (2 Qor. 9:7) Achiis waaʼee namoota gocha arjummaa irraa faayidaa argatanii dubbateera: namoonni kennaa fudhatan fedhiin isaanii ni guutamaaf; namoonni kennan immoo eebbawwan hafuuraa hedduu argatu.—2 Qor. 9:11-14.

Phaawulos ragaa guddaa arjummaa Waaqayyoo argisiisu caqasuudhaan kutaa xalayaa isaa kana xumureera. “Kennaa isaa isa hammas hin jedhamneef, Waaqayyoof galanni haa taʼu!” jedhee barreesseera. (2 Qor. 9:15) Kennaan Yihowaa gaarummaa inni karaa Yesus Kiristos saba isaatiif godhe hunda kan dabalatu akka taʼe beekamaa dha. Kennaan isaa kun baayʼee dinqisiisaa waan taʼeef, jechootaan guutummaatti ibsuun hin dandaʼamu.

Wantoota Yihowaanii fi Ilmi isaa hanga ammaattis taʼe gara fuulduraatti nuu godhan hundaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni tokko xinnaas taʼe guddaa yeroo, humnaa fi qabeenya keenya waaqeffannaa Yihowaa babalʼisuuf oolchuudhaani.—1 Sen. 22:14; 29:3-5; Luq. 21:1-4.