Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ijoolleen Keessan Warri Dargaggoon Yihowaa Akka Tajaajilan Leenjisaa

Ijoolleen Keessan Warri Dargaggoon Yihowaa Akka Tajaajilan Leenjisaa

“Yesus immoo Waaqayyoo fi namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaa fi ogummaatti in guddata ture.”—LUQ. 2:52.

FAARFANNAA: 41, 11

1, 2. (a) Warri tokko tokko ijoolleen isaanii umurii waggoota kurnanii irra yommuu gaʼan yaaddoo akkamii qabaatu? (b) Ijoolleen umurii isaanii waggoota kurnanii irraa faayidaa argachuu kan dandaʼan akkamitti?

WARRI Kiristiyaana taʼan ijoolleen isaanii yeroo cuuphaman arguu caalaa wanti isaan gammachiisu hin jiru jechuun ni dandaʼama. Barniis isheen ijoolleen ishee arfan umuriin isaanii waggaa 14 utuu hin guutin cuuphaman akkana jetteetti: “Yeroo miirri keenya garmalee itti tuqame ture. Ijoolleen keenya Yihowaa tajaajiluu barbaaduun isaanii nu gammachiisee ture.” Itti dabaluudhaanis, “Taʼus, ijoolleen keenya umurii waggoota kurnanii keessa waan jiraniif qorumsi baayʼeen akka isaan eeggatus beekna turre” jetteetti. Ijoolleen keessan umurii waggoota kurnanii keessa kan jiran ykn umurii dargaggummaatti dhihaachaa kan jiran yoo taʼe akkuma Barniis isinitti dhagaʼama taʼa.

2 Hayyuun guddina ijoollee irratti qorannaa godhan tokko, dargaggummaan warraafis taʼe ijoollee umurii waggoota kurnanii keessa jiraniif rakkisaa taʼuu isaa kan amanan taʼus, akkana jedhaniiru: “Dargaggummaan yeroo ‘maraatuu’ ykn ‘gowwaa’ itti taʼan miti. Yeroo cimina miiraa itti qabaatan, hawaasaa wajjin walitti dhufeenya itti uumanii fi dandeettiin waa uumuu itti mulʼatu dha.” Ijoolleen keessan yeroo dargaggummaa isaaniitti walitti dhufeenya gaarii Yihowaa wajjin qaban guddifachuu, galmawwan tajaajilaa wajjin wal qabatan baafachuu fi hordofuu dandaʼu, akkasumas ofuma isaaniitiin kakaʼanii Yihowaadhaaf of murteessuu fi murtoo isaanii wajjin wal simanii jiraachuu dandaʼu. Umuriin dargaggummaa akkuma Yesus ijoollummaa isaatti godhe karaa hafuuraa guddina gochuuf mijataa akka taʼe ni hubatu taʼa. (Luqaas 2:52 dubbisi.) Akka warraatti waggoota murteessaa taʼan kana keessatti gaʼee akkamii raawwachuu dandeessu? Yesus gaʼeessa erga taʼee booda jaalala, gad of qabuu fi hubannaa kan argisiise akkamitti akka taʼe ilaalaa. Amaloonni kun ijoolleen keessan umurii waggoota kurnanii keessa jiran Yihowaa akka tajaajilan leenjisuuf kan isin gargaaran akkamitti?

IJOOLLEE KEESSAN JAALLADHAA

3. Yesus ergamoonni isaa michoota isaa akka taʼan kan dubbate maaliifi?

3 Yesus michuu jaalala qabeessaa fi amanamaa ture. (Yohannis 15:15 dubbisi.) Bara duriitti gooftaan tokko dhimma dhuunfaa isaa fi miira isaa hojjettoota isaatti himuun isaa baramaa hin turre. Yesus garuu ergamoota isaa warra amanamoo taʼaniif gooftaa fi michuu taʼuu isaa argisiiseera. Isaanii wajjin yeroo ni dabarsa, miira isaa ni ibsaaf, akkasumas yaaddoo garaa isaanii yeroo dubbatan sirriitti isaan dhaggeeffata ture. (Mar. 6:30-32) Wal qunnamtiin jaalala irratti hundaaʼe akkanaa, Yesusii fi ergamoota isaa gidduu walitti dhufeenyi cimaan akka jiraatu godheera; akkasumas itti gaafatamummaa gara fuulduraatti tajaajila Waaqayyoo keessatti qabaataniif isaan qopheesseera.

4. Aangoo warra taʼuudhaan qabdan utuu hin dhiisin ijoollee keessaniif michuu taʼuu kan dandeessan akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

4 Mikaaʼel inni abbaa ijoollee lamaa taʼe, “Nuyi warri, umuriidhaan hiriyoota ijoollee keenyaa taʼuu kan hin dandeenye taʼus, michoota isaanii taʼuu ni dandeenya” jedheera. Michoonni yeroo waliin dabarsu. Kanaafuu, ijoollee keessanii wajjin yeroo dabalataa dabarsuuf, hojii keessan irratti ykn dhimmoota kan biraa irratti sirreeffama gochuu kan dandeessan taʼuuf dhiisuu keessan kadhannaadhaan irratti yaadaa. Kana malees michoonni waan wal fakkaatu jaallatu. Kanaafuu, wanta mucaan keessan umurii dargaggummaa irra jiru itti gammadutti gammaduuf, jechuunis muuziqaa, fiilmii ykn ispoortii inni jaallatu isaa wajjin ilaaluuf carraaqqii godhaa. Ilaariyaan isheen Xaaliyaan jiraattu akkana jetteetti: “Warri koo muuziqaan ani dhaggeeffadhu ni jaallatu. Abbaan koo immoo michuu koo ture; anis dhimmoota ulfaataa taʼan illee isaa wajjin haasaʼuun natti hin ulfaatu ture.” Ijoollee keessaniif michuu yeroo taatanii fi “Yihowaa wajjin michooma cimaa” akka qabaatan yeroo isaan gargaartan, aangoo warra taʼuudhaan qabdan ni dhiistu jechuu miti. (Far. 25:14, NW) Karaa biraatiin immoo, akka isaan jaallattanii fi akka isaan kabajjan argisiistu; akkasumas nama itti dhihaachuun hin ulfaanne taatu. Isaanis wanta isaan yaaddesse isinitti himuun isaaniif salphata.

5. Yesus gammachuu ciminaan Yihowaa tajaajiluudhaan argamu akka argatan bartoota isaa kan gargaare akkamitti?

5 Yesus bartoonnii fi michoonni isaa gammachuu ciminaan Yihowaa tajaajiluudhaan argamu akka argatan barbaada ture. Kanaafuu, sochiiwwan hafuuraa irratti hinaaffaadhaan akka hirmaatan barbaada ture. Akkasumas Yesus bartoota gochuu irratti ciminaan akka hirmaatan barbaada ture! Kana malees, akka milkaaʼan akka isaan gargaaru bartoota isaatiif mirkaneesseera.—Mat. 28:19, 20.

6, 7. Warri, ijoolleen isaanii barsiifata hafuuraa akka qabaatan gargaaruun isaanii akka isaan jaallatan argisiisa kan jennu maaliifi?

6 Ijoolleen keessan umurii waggoota kurnanii keessa jiran karaa hafuuraa haala gaarii irratti akka argaman ni barbaaddu. Waaqayyos ijoollee keessan “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” akka guddistan barbaada. (Efe. 6:4) Kanaafuu, itti gaafatamummaa Waaqayyo isiniif kennetti fayyadamaatii karaa hafuuraa barsiifata gaarii qabaadhaa, akkasumas hordofaa. Fakkeenyaaf, barumsi barbaachisaa waan taʼeef, akkasumas barumsaaf jaalala akka qabaatan gochuu akka dandeessan waan isinitti dhagaʼamuuf, ijoolleen keessan akka baratan dhiibbaa irratti gootu. Haaluma wal fakkaatuun, warri ijoollee isaanii jaallatan ijoolleen isaanii walgaʼiiwwan gumii fi sagantaawwan hafuuraa kan biraa irraa “barsiisa gooftaa” argachuudhaan akka fayyadaman dhiibbaa irratti godhu. Barumsi Waaqayyoo barbaachisaa waan taʼeef, ijoolleen keessan barumsa hafuuraa akka jaallatanii fi ogummaa akka dinqisiifatan gochuuf carraaqqii ni gootu. (Fak. 24:14) Akkuma Yesus bartoota isaa gargaare, isinis ijoolleen keessan Dubbii Waaqayyoo barsiisuu akka jaallatanii fi tajaajila baʼuu akka amaleeffatan gargaaruudhaan, tajaajila irratti milkaaʼina akka argatan gochuu barbaaddu.

7 Barsiifanni hafuuraa dhaabbataa taʼe ijoollee umurii waggoota kurnanii keessatti argaman gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Eriin isheen Afriikaa Kibbaa jiraattu akkana jechuudhaan dhugaa isaa dubbatteetti: “Nuyi ijoolleen, yeroo baayʼee qayyabannaa Kitaaba Qulqulluu, walgaʼii gumii fi tajaajilatti hin gammadnu turre. Yeroo tokko tokko qayyabannaa maatii addaan kunnee deemuuf jecha taʼe jennee ni jeeqna turre. Warri keenya garuu abdii hin kutanne.” Itti dabaluudhaanis akkana jetteetti: “Leenjiin sun obsa akkan qabaadhu na gargaareera. Amma wanti sochii hafuuraa koo jeequ yoo na mudate, hamman dandaʼe dafee itti deebiʼuuf hawwii qaba. Warri keenya barsiifata hafuuraa akkasii utuu qabaachuu baatanii, fedhii akkasii kanan qabaadhu natti hin fakkaatu. Utuu abdii kutataniiru taʼee, yeroo ammaatti walgaʼiiwwanii fi sochiiwwan hafuuraa kaan salphaatti na jala darbu turan.”

AKKA GAD OF QABAN FAKKEENYA TAʼAAFII

8. (a) Yesus humni isaa daangeffamaa taʼuu isaa akka hubate kan argisiise akkamitti? (b) Yesus gad of qabuun isaa bartoota isaa irratti dhiibbaa akkamii geessise?

8 Yesus nama mudaa hin qabne kan ture taʼus, humni isaa daangeffamaa akka taʼee fi gargaarsi Yihowaa akka isa barbaachisu gad of qabuudhaan dubbateera. (Yohannis 5:19 dubbisi.) Yesus gad of qabuun isaa kabaja bartoonni isaa isaaf qaban hirʼiseeraa? Matumaa. Gargaarsa Yihowaa barbaaduun isaa bartoonni isaa caalaatti akka isatti amanaman godheera. Yeroo booda isaanis akkuma Yesus kan gad of qaban taʼaniiru.—HoE. 3:12, 13, 16.

9. Gad of qabuudhaan dhiifama gaafachuunii fi humni keessan daangeffamaa taʼuu isaa amanuun keessan ijoollee keessan irratti dhiibbaa akkamii geessisa?

9 Nuyis wantoonni nu daangessan hedduun jiru; Yesus irraa haala adda taʼeen mudaa qabna, akkasumas dogoggora ni raawwanna. Humni keessan daangeffamaa taʼuu isaa fi dogoggora kan raawwattan taʼuu keessan gad of qabuudhaan amanaa fudhadhaa. (1 Yoh. 1:8) Caalaatti kan kabajjan nama akkamii ti? Hogganaa dogoggora isaa amanu moo hogganaa dogoggora isaatiif dhiifama hin gaafanne kabajju? Ijoolleen keessan umurii waggoota kurnanii keessa jiran dogoggora raawwattaniif dhiifama gaafachuu keessan yommuu argan, kabajni isiniif qaban ni dabala. Kana malees dogoggora isaanii amanuu barachuu dandaʼu. Roozmariin isheen ijoollee sadii qabdu akkana jetteetti: “Dogoggora keenya ni amanna turre; kun immoo ijoolleen keenya rakkina tokko yeroo qabaatanitti ifatti akka nutti himan isaan kakaasa ture. Humni keenya daangeffamaa taʼuu isaa beekna turre; kanaafuu, ijoolleen keenya rakkina isaaniitiif furmaata gaarii argachuu kan dandaʼan eessaa akka taʼe isaan barsiisneerra. Yeroo gargaarsi isaan barbaachisu barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan akka ilaalan isaan jajjabeessina; akkasumas isaanii wajjin kadhanna turre.”

10. Yesus duuka buutota isaa yeroo ajajetti kan gad of qabu taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

10 Yesus duuka buutota isaa ajajuuf aangoo qaba ture. Taʼu iyyuu, yeroo baayʼee sababii ajaja tokko itti kenne ni dubbata ture. Fakkeenyaaf, duuka buutonni isaa Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa akka dursan isaanitti himuu qofa utuu hin taʼin, “Kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama” isaaniin jedheera. “Namatti hin faradinaa!” erga jedhee booda sababii isaa yeroo dubbatu, “Waaqayyo akka isinitti hin farannetti” akkasumas, “Firdiidhuma isin namatti faraddaniin isinittis in faradama” jedheera.—Mat. 6:31–7:2.

11. Yeroo dandaʼamutti warri sababii seera tokko itti baasan ykn murtoo tokko itti godhan ibsuun isaanii gaarii kan taʼu maaliifi?

11 Yeroo barbaachisaa taʼetti, sababii seera tokko itti baastan ykn murtoo tokko itti gootan ibsaa. Ijoolleen keessan umurii waggoota kurnanii keessa jiran ilaalcha dhimma tokkoof qabdan yoo beekan, garaadhaa isiniif ajajamuu dandaʼu. Beeriin inni ijoollee afur qabu, “Sababii kan dhiheessitan taʼuun keessan ijoolleen keessan umurii waggoota kurnanii keessa jiran murtoo kan gootan utuu itti hin yaadi ykn miiraan oofamtanii akka hin taane hubatanii akka isinitti amanaman godha” jedheera. Ijoolleen umurii kana irratti argaman, “dandeettii hubannaa” isaaniitti fayyadamanii gaʼeessummaatti guddachaa akka jiranis dagatamuu hin qabu. (Rom. 12:1, NW) Beeriin, “Ijoolleen umurii waggoota kurnanii irra jiran miiraan oofamuu mannaa murtoo hubannaa irratti hundaaʼe gochuu barachuu qabu” jedheera. (Far. 119:34) Gad of qabuudhaan sababii murtoo tokko itti gootan kan ibsitan yoo taʼe, ijoolleen keessan gara gaʼeessummaatti guddachaa akka jiran hubachuun keessan isaaniif galuu dandaʼa; akkasumas “dandeettii hubannaa” isaaniitti fayyadamanii murtoo mataa isaanii gochuu ni baratu.

HUBANNAA QABAADHAA, AKKASUMAS HAALA IJOOLLEE KEESSANII BEEKAA

12. Yesus Phexrosiin gargaaruuf hubannaatti kan fayyadame akkamitti?

12 Yesus hubannaa akka qabu argisiiseera; akkasumas bartoonni isaa gama kamiin gargaarsi akka isaan barbaachisu beeka ture. Fakkeenyaaf, Phexros ergamaan Yesus akka hin ajjeefamne akka of eeggatu kan isa gorse miira gaariidhaan kakaʼee ture. Haa taʼu malee, Yesus yaadni Phexros dhiheesse dogoggora taʼuu isaa beeka ture. Yesus Phexrosii fi duuka buutota kaan gargaaruuf jecha, gorsa ifa taʼe kenneera, garaa ofiif laafuun rakkina akkamii akka qabu dubbateera, akkasumas fedhii ofii aarsaa gochuun eebba akkamii akka argamsiisu ibseera. (Mat. 16:21-27) Phexros barumsa guddaa argateera.—1 Phe. 2:20, 21.

Ijoolleen keessan gumii Kiristiyaanaa keessatti hiriyoota akka qabaatan haala mijeessaa (Keeyyata 14 ilaali)

13, 14. (a) Amantiin ijoollee keessanii hirʼachaa akka jiru wanti argisiisu maal taʼuu dandaʼa? (b) Haala ilma ykn intala keessanii beekuu fi sirriitti isaan gargaaruuf hubannaan akkamitti isin gargaaruu dandaʼa?

13 Ijoolleen keessan umurii waggoota kurnanii keessa jiran gama kamiin gargaarsi akka isaan barbaachisu hubachuuf akka isin gargaaru Yihowaa kadhadhaa. (Far. 32:8) Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan amantiin isaanii hirʼachaa akka jiru akkamitti beekuu dandeessu? Tarii gammachuu dhabaa, obboloota komachaa ykn kophaa taʼuu barbaadaa jiru taʼa. Jarjartanii haalli kun dhoksaatti cubbuu hojjechaa akka jiran kan argisiisu akka taʼe hin murteessinaa. * Karaa gara biraatiin immoo, mallattoowwan kana salphistanii hin ilaalinaa ykn adda of baasuu isaanii yeroo booda ni dhiisu jettanii hin yaadinaa.

14 Akkuma Yesus gaarummaa fi kabajaan gaaffii isaan gaafadhaa. Boolla keessaa bishaan baaldiidhaan yeroo waraabdan saffisaan harkistu taanaan bishaanichi akkuma dhadhangalaʼu, ijoollee keessan humnaan kan qabdan yoo taʼe, carraa gaarii yaada isaanii fi miira isaanii beekuu itti dandeessan cuftu. (Fakkeenya 20:5 dubbisi.) Ilaariyaan isheen olitti caqasamte akkana jetteetti: “Yeroo dargaggummaa kootti, daandii dhugaa irra deemuu fi ijoollee kutaa kootii wajjin yeroo dabalataa dabarsuu gidduutti rakkachaan ture. Walʼaansoon keessa kootti godhu kun gammachuu na dhabsiisee kan ture siʼa taʼu, warri koos kana hubatanii turan. Gaaf tokko galgala, gammachuu akkan dhabe hubachuu isaanii naa ibsanii rakkinni koo maal akka taʼe na gaafatan. Imimmaan koon dhangalaase, haala koon isaaniif ibse, akkasumas gargaarsan isaan gaafadhe. Isaanis na hammatanii haala koo akka naaf hubatan natti himan; akka na gargaaranis waadaa naaf galan.” Warri Ilaariyaa, yeruma sana gumii keessatti michoota haaraa gaarii taʼan akka qabaattu ishee gargaaruu jalqaban.

15. Yesus walitti dhufeenya namoota kaanii wajjin qabu irratti hubannaa kan argisiise akkamitti akka taʼe ibsi.

15 Yesus bartoonni isaa gama kamiin gargaarsi akka isaan barbaachisu beekuudhaanis hubannaa akka qabu argisiiseera. Fakkeenyaaf namni Naataanaaʼel jedhamu Yesus nama Naazireet taʼuu isaa yeroo dhagaʼetti, “Naazireet keessaa wanti gaariin baʼuu dandaʼaa?” jedhee ture. (Yoh. 1:46) Wanta inni dubbate kana yeroo beektu Naataanaaʼeliif ilaalcha akkamii qabaatta turte? Nama rakkisaa, halaalatti kan nama jibbu ykn amantii kan hin qabne akka taʼetti ilaalta turtee? Yesus hubannaa waan qabuuf waan gaarii garaa Naataanaaʼel keessa jiru argeera. Yesus, “Nama Israaʼel isa dhugaa isa sobni keessa hin jirre” jechuudhaan waaʼee isaa dubbateera. (Yoh. 1:47) Yesus garaa namootaa beekuu kan dandaʼu yommuu taʼu, dandeettii isaa kana waan gaarii garaa namootaa keessa jiru arguuf itti fayyadameera.

16. Ijoolleen keessan dandeettiiwwan gaggaarii qaban akka guddifatan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

16 Garaa namootaa beekuu kan hin dandeenye taatanis, gargaarsa Waaqayyootiin hubannaa akka qabdan argisiisuu dandeessu. Dandeettii kanatti waan gaarii garaa ijoollee keessanii keessa jiru ilaaluuf itti fayyadamtuu? Eenyu iyyuu “rakkisaa” akka taʼetti ilaalamuu hin barbaadu. Yaada keessaniinis taʼe dubbii keessaniin, mucaan ykn intalli keessan “dargaggeessa didaa” ykn “daaʼima rakkisaa” akka taʼan hin murteessinaa. Ijoolleen keessan walʼaansoo gochaa kan jiran yoo taʼe illee, waan sirrii taʼe gochuuf dandeettii fi fedhii akka qaban akka beektan itti himaa. Wanta guddina ykn jijjiirama gochaa akka jiran argisiisu hubadhaatii isaan galateeffadhaa. Dandaʼamnaan itti gaafatamummaa dabalataa isaaniif kennuudhaan, dandeettiiwwan gaggaarii qaban akka guddifatan isaan gargaaraa. Yesus bartoota isaa wajjin haala wal qabateen kana godheera. Yesus Naataanaaʼelii (Bartolomewos jedhamees ni waamama) wajjin wal argatee gara waggaa tokkoo fi walakkaa booda, ergamaa isaa akka taʼu kan isa filate yommuu taʼu, Naataanaaʼelis Kiristiyaana hinaaffaa qabu taʼeera. (Luq. 6:13, 14; HoE. 1:13, 14) Ijoollee keessan galateeffachuu fi jajjabeessuun keessan, akka nama yeroo hunda milkaaʼuu hin dandeenyeetti utuu hin taʼin Kiristiyaana Yihowaan itti fayyadamuu dandaʼu akka taʼanitti akka of ilaalan godha.

LEENJII GAMMACHUU GUDDAA ARGAMSIISU

17, 18. Ijoolleen keessan Yihowaa akka tajaajilan obsaan isaan gargaaruun keessan buʼaa akkamii argamsiisuu dandaʼa?

17 Yeroo ijoollee guddistan yeroo tokko tokko akka Phaawulos ergamaa isa karaa hafuuraa abbaa namoota baayʼee turee isinitti dhagaʼama taʼa. “Jaalala guddaa” ijoollee isaa hafuuraa Qorontos keessa jiraniif qabuun kan kaʼe, ‘yaadni garaa isaa guddaa rakkatee fi dhiphatee’ ture. (2 Qor. 2:4; 1 Qor. 4:15) Viiktar inni ilmaan lamaa fi intala tokko qabu akkana jedheera: “Umuriin waggoota kurnanii salphaa hin turre. Haa taʼu malee, qorumsa nu mudate irra yeroo gaarii dabarsinetu caala. Gargaarsa Yihowaatiin ijoollee keenyaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu dandeenyeerra.”

18 Ijoolleen keessan Yihowaa akka tajaajilan leenjisuuf carraaqqii gochuu keessan itti fufaa. Jaalala guddaa isaaniif qabdan argisiisuun keessan, gara dhugaatti dhufuu isaanii fi ijoollee hafuuraa ‘dhugaatti qabamanii jiraatan’ taʼuu isaanii arguudhaan gammachuu guddaa kan isiniif argamsiisu haa taʼu.—3 Yoh. 4.

^ KEY. 13 Warri kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaa fi Deebiiwwan Hojii Irra Ooluu Dandaʼan (Amaariffa) jedhamu Jildii 1, ful. 317, akkasumas Jildii 2, ful. 136-141 ilaaluu dandaʼu.