Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Nama Akka Mataa Keetiitti Ni Jaallattaa?’

‘Nama Akka Mataa Keetiitti Ni Jaallattaa?’

“Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa.”—MAT. 22:39.

FAARFANNAA: 25, 36

1, 2. Caaffanni Qulqullaaʼoon jaalalli barbaachisaa taʼuu isaa kan ibsan akkamitti?

JAALALLI amala Yihowaa isa guddaa dha. (1 Yoh. 4:16) Yihowaan jalqaba kan uume, Yesus isa waggoota hammana hin jedhamneef isaa wajjin jiraatee fi karaa inni jaalala itti argisiisu barate dha. (Qol. 1:15) Yesus jireenya lafa irratti dabarse dabalatee guutummaa jireenya isaa keessatti, Yihowaan Waaqa jaalalaa taʼuu isaa sirriitti akka hubate argisiiseera; akkasumas jaalala kana hordofeera. Kanaafuu, bulchiinsi Yihowaa fi Yesus bara baraaf jaalalaan kan geggeeffamu akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

2 Yesus Seericha keessatti abboommiin hunda irra caalu isa kam akka taʼe yeroo gaafatamu akkana jedhee ture: “‘Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa.’ Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana. Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; ‘Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa.’”—Mat. 22:37-39.

3. “Nama” kan jedhame eenyu dha?

3 Yesus, Yihowaa jaallachuutti aansee waaʼee nama jaallachuu akka dubbate hubadhaa. Kun, walitti dhufeenya kam irratti iyyuu jaalala argisiisuun hammam barbaachisaa akka taʼe ibsa. “Nama” kan jedhame garuu eenyu dha? Gaaʼela kan qabnu yoo taʼe, namni caalaatti nutti dhihaatu hiriyaa gaaʼelaa keenya dha. Miseensonni gumii Kiristiyaanaa nuu wajjin Waaqa dhugaa waaqeffatanis namoota nutti dhihaatani dha. Kaan immoo namoota tajaajila irratti argannu dha. Namoonni Yihowaa waaqeffatanii fi barumsa Ilmi isaa barsiise hojii irra oolchan namaaf jaalala akka qaban kan argisiisan akkamitti?

HIRIYAA GAAʼELAA KEENYATTI JAALALA ARGISIISUU

4. Namoonni cubbuu kan qaban taʼan iyyuu gaaʼelli isaanii milkaaʼuu ni dandaʼa kan jennu maaliifi?

4 Yihowaan Addaamii fi Hewwaaniin erga uumee booda walitti isaan fiduudhaan gaaʼela isa jalqabaa hundeesseera. Kaayyoon isaa gammachuu akka qabaatan, bara baraaf akka waliin jiraatanii fi ijoollee isaaniitiin lafa akka guutan ture. (Uma. 1:27, 28) Haa taʼu malee, ol aantummaa Yihowaa fudhachuu diduun isaanii gaaʼela jalqabaa kana kan balleesse taʼuu isaa irra iyyuu, ilmaan namootaa hundatti cubbuu fi duʼa fideera. (Rom. 5:12) Taʼu iyyuu, Caaffanni Qulqullaaʼoon gaaʼelli keenya akkamitti milkaaʼuu akka dandaʼu nutti himu. Caaffanni Qulqullaaʼoon maddi isaanii Yihowaa isa gaaʼela hundeesse waan taʼeef, dhimma kana irratti gorsa gaarii qabataniiru.—2 Ximotewos 3:16, 17 dubbisi.

5. Gaaʼela keessatti jaalalli hammam barbaachisaa dha?

5 Dubbiin Waaqayyoo, namoonni walitti dhufeenya gammachiisaa akka qabaataniif jaalalli inni michooma cimaa ykn miira hoʼaa argisiisu, barbaachisaa akka taʼe ibsa. Gaaʼelaa wajjin haala wal qabateen kun dhugaa dha. Phaawulos ergamaan akkana jedheera: “Jaalalli dandaʼaa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksus; jaalalli lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallanu, waan hamaas nama irratti hin lakkaaʼu. Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jalʼinatti hin gammadu. Jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa in amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa. Jaalalli yoom iyyuu hin badu.” (1 Qor. 13:4-8) Yaada geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kana irratti xiinxaluunii fi hojii irra oolchuun keenya, gammachuu gaaʼela keenyaa akka guddisu beekamaa dha.

Dubbiin Waaqayyoo gaaʼela gammachiisaa qabaachuun akkamitti akka dandaʼamu ni dubbata (Keeyyata 6 fi 7 ilaali)

6, 7. (a) Kitaabni Qulqulluun waaʼee matummaa maal jedha? (b) Abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko haadha manaa isaa akkamitti qabuu qaba?

6 Yihowaan maatii keessatti eenyu mataa taʼuu akka qabu murteesseera. Phaawulos, “Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos taʼuu isaa, akka beektan nan barbaada” jedheera. (1 Qor. 11:3) Haa taʼu malee, aangoon matummaa karaa nama cunqursuun argisiifamuu hin qabu. Fakkeenyaaf, Yihowaan matummaa Kiristos irratti qabu gaarummaadhaan, akkasumas karaa ofittummaa irraa walaba taʼeen kan argisiise siʼa taʼu, Yesusis isaaf bitameera. Yesus aangoo matummaa Waaqayyoo isa jaalala irratti hundaaʼe dinqisiifateera; akkasumas, ‘Ani abbaa nan jaalladha’ jedheera. (Yoh. 14:31) Yihowaan walitti dhufeenya Ilma isaa isa jaallatamaa wajjin qabuun hamaa ykn aangoo isaatti karaa sirrii hin taaneen kan fayyadamu utuu taʼee, Yesus miira akkasii akka hin qabaanne beekamaa dha.

7 Abbaan manaa mataa haadha manaa isaa taʼus, Kitaabni Qulqulluun ‘ulfina akka isheedhaaf kennu’ isa ajaja. (1 Phe. 3:7) Karaan abbootiin manaa haadhotii manaa isaaniitiif ulfina kennuu itti dandaʼan inni tokko, wanta isaan barbaachisu tilmaama keessa galchuu fi wantoota tokko tokko irratti filannaa isaaniitiif dursa kennuu dha. Dubbiin Waaqayyoo, “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!” jedha. (Efe. 5:25) Eeyyee, Yesus duuka buutota isaatiif lubbuu isaa illee kenneera. Abbaan manaa tokko akkuma Yesus matummaa isaatti jaalalaan kan fayyadamu yoo taʼe, haati manaa isaa isa jaallachuunii fi isa kabajuun, akkasumas isaaf bitamuun caalaatti isheedhaaf salphata.—Tiitoos 2:3-5 dubbisi.

WAAQEFFATTOOTA YIHOWAA JAALLADHAA

8. Waaqeffattoonni Yihowaa Kiristiyaanota hidhata isaanii taʼan akkamitti ilaaluu qabu?

8 Guutummaa lafaa irra namoota Yihowaa waaqeffatanii fi waaʼee maqaa isaa fi kaayyoo isaa dhugaa baʼan hedduutu jira. Namni Yihowaa waaqeffatu hundinuu Dhugaa Baatota kaan akkamitti ilaaluu qaba? Dubbiin Waaqayyoo, “Kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna!” jechuudhaan deebii nuu kenna. (Gal. 6:10; Roomaa 12:10 dubbisi.) Phexros akkana jechuudhaan barreesseera: “Isin dhugaadhaaf abboomamuu keessaniin, jireenya keessan qulleeffattanii, obboloota garaa qulqulluudhaan jaallachuu bira geessaniittu; ammas jaalala hoʼaa isa garaa keessaa dhufuun wal jaalladhaa!” Akkasumas Kiristiyaanota hidhata amantii isaa taʼaniin, “Hundumaa dura immoo jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa!” jedheera.—1 Phe. 1:22; 4:8.

9, 10. Sabni Waaqayyoo tokkummaa kan qabaatan maaliifi?

9 Tajaajiltoota Yihowaa kaaniif jaalala cimaa waan qabnuuf, jaarmiyaa addunyaa maratti tokkummaa qabu taʼuu dandeenyeerra. Hunda caalaa immoo, Yihowaa waan jaallannuu fi seerawwan isaatiif waan ajajamnuuf, humna uumama cufa keessatti hunda irra caalu, jechuunis hafuura isaa isa hojii irra jirutti fayyadamee nu gargaara. Kun immoo addunyaa maratti obbolummaa dhugaa qabaachuudhaan tokkummaa dinqisiisaa taʼe akka qabaannu nu dandeessiseera.—1 Yoh. 4:20, 21 dubbisi.

10 Phaawulos Kiristiyaanonni wal jaallachuun isaanii barbaachisaa akka taʼe addeessuuf akkana jechuudhaan barreesseera: “Araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa! Waliif dandaʼaa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa! Isaan kana hundumaa irrattis jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!” (Qol. 3:12-14) Akkaataan guddinaa ykn lammummaa garaa garaa utuu qabnuu jaalalli inni “wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu” nu gidduutti dagaaguu isaatiif baayʼee galateeffanna!

11. Jaalallii fi tokkummaan, jaarmiyaa Yihowaa adda baasee kan beeksisu akkamitti?

11 Yesus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” waan jedheef, jaalalli dhugaa fi tokkummaan tajaajiltoonni Yihowaa amantii dhugaa akka qaban kan argisiisu dha. (Yoh. 13:34, 35) Yohannis ergamaanis akkana jechuudhaan barreesseera: “Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaallannes hundinuu, kan Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Seexanaas kanaan in beekamu. Ergichi isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan, ‘Wal jaallachuun nuuf taʼa’ isa jedhuu dha.” (1 Yoh. 3:10, 11) Jaalalli inni tokkummaa adda taʼe argamsiisu, Dhugaa Baatonni Yihowaa duuka buutota Kiristos warra dhugaa akka taʼan, akkasumas Waaqayyo kaayyoo misiraachoo Mootummichaa guutummaa lafaa irratti beeksisuuf qabu galmaan gaʼuuf kan itti fayyadamu akka taʼan argisiisa.—Mat. 24:14.

“TUUTA SONAAN BAAYʼEE” WALITTI QABUU

12, 13. ‘Tuutni sonaan baayʼeen’ yeroo ammaatti maal hojjechaa jira? Dhiheenyatti miseensota tuuta kanaa maaltu eeggata?

12 Tajaajiltoonni Yihowaa hedduun kutaa “tuuta sonaan baayʼee, saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa” dhufee ti. Namoonni kun “teessicha [kan Waaqayyoo] dura hoolicha [Yesus Kiristos] duras in dhaabatu.” Warri kun eenyu dha? “Isaan kun warra rakkina guddaa keessaa baʼanii dhufanii dha”; akkasumas aarsaa furii Yesus irratti amantii qabaachuu isaanii argisiisuudhaan, “uffata isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.” Miseensonni “tuuta sonaan baayʼee” isa guddachaa jiruu, Yihowaa fi Ilma isaa ni jaallatu; akkasumas ‘halkanii fi guyyaa Waaqayyoof in hojjetu.’—Mul. 7:9, 14, 15.

13 Yeroo dhihootti Waaqayyo ‘rakkina guddaatti’ addunyaa hamaa kana ni balleessa. (Mat. 24:21; Ermiyaas 25:32, 33 dubbisi.) Haa taʼu malee, Yihowaan tajaajiltoota isaatiif jaalala waan qabuuf gareedhaan isaan oolchee addunyaa haaraatti isaan galcha. Gara waggoota 2,000 dura raajiidhaan akkuma dubbatame, Waaqayyo “imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; . . . duuni deebiʼee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis siʼachi hin jiru.” ‘Wanti duraa erga darbee’ booda Jannata keessa jiraachuuf ni hawwitaa?—Mul. 21:4.

14. Lakkoofsi tuuta sonaan baayʼee hammam guddateera?

14 Yeroo barri dhumaa bara 1914tti jalqabetti, addunyaa mara irra kan jiran tajaajiltoota Yihowaa kuma muraasaan lakkaaʼaman qofa turan. Kiristiyaanonni dibamoon lafa irra turan muraasni jaalala namootaaf qabaniin kakaʼanii, akkasumas gargaarsa hafuura Waaqayyootiin hojii lallaba Mootummichaa itti fufaniiru. Kun immoo yeroo harʼaatti tuutni sonaan baayʼeen lafa irra jiraachuuf abdii qaban akka walitti qabaman godheera. Lakkoofsi Dhugaa Baatotaa gara 8,000,000 yommuu taʼu, guutummaa lafaa irratti gumiiwwan 115,400 ol taʼan keessatti walitti qabamu. Lakkoofsi keenya dabaluu isaa itti fufeera. Fakkeenyaaf, bara 2014tti Dhugaa Baatonni haaraan 275,500 ol taʼan cuuphamaniiru; kana jechuun immoo torban torbaniin gara namoota 5,300tu cuuphame jechuu dha.

15. Hojiin lallabaa yeroo ammaa hojjetamaa jiru hammam balʼinaan raawwatamaa akka jiru ibsi.

15 Hojiin lallabaa haala dinqisiisaa taʼeen balʼinaan hojjetamaa jira. Yeroo ammaatti barreeffamoonni keenya Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afaan 700 oliin qophaaʼaa jiru. Masaraan Eegumsaa addunyaa maratti barreeffamoota kaan caalaa balʼinaan raabsama. Jiʼa jiʼaan koppiin 52,000,000 ol kan maxxanfamu siʼa taʼu, afaan 247n qophaaʼa. Kitaabni qayyabannaadhaaf gargaaruu fi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu, koppii 200,000,000 olii fi afaan 250 oliin maxxanfameera.

16. Kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafa irraa karaa hafuuraa akka dagaagu kan godhe maali dha?

16 Guddinni dinqisiisaan yeroo harʼaa argaa jirru, Yihowaa irratti amantii qabaachuu keenyaa fi Kitaabni Qulqulluun Dubbii inni karaa dinqii taʼeen barreessise taʼuu isaa amanuu keenyaan kan argame dha. (1 Tas. 2:13) Sabni Yihowaa keessumaa Seexanni inni “waaqayyicha bara siʼanaa” taʼe utuu isaan jibbuu fi mormuu karaa hafuuraa dagaaguun isaanii baayʼee nama dinqisiisa—2 Qor. 4:4.

YEROO HUNDA NAMOOTA JAALLADHAA

17, 18. Tajaajiltoonni Waaqayyoo namoota hin amanneef ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?

17 Tajaajiltoonni Yihowaa namoota Waaqa dhugaa isa tokkicha hin waaqeffanneef ilaalcha akkamii akka qabaatan irraa eegama? Hojii lallabaa keenya irratti namoonni tokko tokko nu simatu, tokko tokko immoo nu jibbu. Haa taʼu malee, deebiin namootaa maal iyyuu yoo taʼe, Dubbiin Waaqayyoo tajaajiltoonni Yihowaa seera buʼuuraa akkamii hordofuu akka qaban ni dubbata. “Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaaʼaa haa taʼu; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun taʼu beekaa!” jedha. (Qol. 4:6) Namootaaf jaalala waan qabnuuf, namoota abdii keenya ilaalchisee ragaa nu gaafataniif “arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis” deebii ni kennina.—1 Phe. 3:15, 16.

18 Namni dubbisnu tokko yoo nutti aaree fi ergaa keenya fudhachuu yoo dide illee namoota akka jaallannu ni argisiisna. Gama kanaan fakkeenya Yesus hordofna; “inni yommuu arrabsame deebisee hin arrabsine; yommuu dhiphates Waaqayyo isa firdii qajeelaa faradutti kennate malee, warra isa dhiphisan hin doorsifne.” (1 Phe. 2:23) Kiristiyaanotaa wajjinis taʼe namoota kaanii wajjin haala wal qabateen, gad of deebisuudhaan gorsa, “Hamaa, hamaadhaan, abaarsas, abaarsaan hin deebisinaa! Garagalchii iyyuu eebbisaa!” jedhu hojii irra oolchina.—1 Phe. 3:8, 9.

19. Yesus mormitoota ilaalchisee seera buʼuuraa akkamii kenne?

19 Sabni Yihowaa yeroo hunda gad of deebisuudhaan, seera buʼuuraa barbaachisaa Yesus kenneef ni ajajamu. Lallaba isaa isa gaaraa irratti akkana jedheera: “‘Fira kee jaalladhu, diina kees jibbi!’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra isin ariʼataniifis kadhadhaa! Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa waaqa irraa in taatu; innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jalʼootaaf in roobsa.” (Mat. 5:43-45) Eeyyee, tajaajiltoota Waaqayyoo waan taaneef ilaalchi isaan nuuf qaban maal iyyuu yoo taʼe ‘diinota keenya jaallachuu’ barachuu qabna.

20. Jaalalli namoonni Waaqayyoo fi namoota kaaniif qaban addunyaa haaraa keessatti kan babalʼatu maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

20 Dhugaa Baatonni Yihowaa, ilaalcha isaaniitiinis taʼe gocha isaaniitiin Waaqayyoo fi namoota akka jaallatan bifa jireenya isaanii hundaan argisiisuu qabu. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko ergaa Mootummichaa yoo fudhachuu baatan illee, yeroo isaan barbaachisutti jaalala isaanitti argisiisna. Phaawulos ergamaan akkana jechuudhaan barreesseera: “Wal jaallachuu irraa kan hafe gatii wal dubbifattan hin qabaatinaa! Namni nama jaallatu waan seerri isa irraa barbaadu raawwachuu isaa ti. Abboommonni, ‘Hin ejjin, hin ajjeesin, hin hatin, waan namaa hin hawwin’ jedhan, warri kaanis hundinuu dubbii tokkicha isa, ‘Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!’ jedhuun in xumuramu. Namni nama erga jaallatee, waan hamaa isa irratti hin hojjetu; kanaafis nama jaallachuun seera raawwachuu dha.” (Rom. 13:8-10) Nuyi Dhugaa Baatonni Yihowaa, addunyaa Seexanaa qoqqoodamaa, yakkamaa fi hamaa taʼe kana keessatti jaalala dhugaa argisiisna. (1 Yoh. 5:19) Addunyaa haaraa Seexanni, hafuuronni hamoonii fi namoonni hamoon erga balleeffamanii booda dhufu keessatti, jaalalli sochii lafa irra jiraatu hunda akka toʼatu beekamaa dha. Yeroon namoonni lafa irra jiraatan hundi Waaqayyoo fi namoota kaan itti jaallatan baayʼee kan nama gammachiisu taʼa!