Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waggoottan Dhibba Tokko Bulchiinsa Mootummichaa Jalatti Darban!

Waggoottan Dhibba Tokko Bulchiinsa Mootummichaa Jalatti Darban!

“Waaqayyo inni nagaa kennu . . . jaalala isaa akka gootaniif, waan gaarii hundumaan isin haa qopheessu!”—IBR. 13:20, 21.

FAARFANNAA: 136, 14

1. Yesus hojii lallabaatiif iddoo akkamii kenna ture? Ibsi.

YESUS waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbachuu ni jaallata ture. Akka Kitaaba Qulqulluu irraa hubachuun dandaʼamutti dhimmoota kaan caalaa waaʼee Mootummichaa kan dubbate yommuu taʼu, tajaajila isaa irratti siʼa 100 ol caqaseera. Mootummichaaf iddoo guddaa kenna ture.—Maatewos 12:34 dubbisi.

2. Ajajni Maatewos 28:19, 20 irratti argamu yeroo kennametti kan dhagaʼan namoota meeqa taʼuu dandaʼu? Akkas kan jennu maaliifi? (Miiljalee ilaali.)

2 Yesus duʼaa kaʼee baayʼee utuu hin turin, namoota yeroo booda labsitoota Mootummichaa taʼan 500 olii wajjin wal argee ture. (1 Qor. 15:6) Hojii yeroo sanatti ulfaataa ture kan kenne, jechuunis ergaa Mootummichaa ‘saba hundumaatti’ akka himan ajaja kan kenne yeroo kanatti taʼuu hin oolu. * Yesus hojii guddaan kun hanga “dhuma biyya lafaatti” kan itti fufu taʼuu isaa kan dubbate siʼa taʼu, kun dhugaa taʼuun isaas mirkanaaʼeera. Atis ajajaa fi raajii kana raawwachuu irratti hirmaachaa jirta taʼa.—Mat. 28:19, 20.

3. Waaqayyo misiraachicha lallabuudhaaf akka gaariitti nu qopheessaa kan ture karaawwan sadan kamiini?

3 Yesus akka lallaban ajaja erga kennee booda, “Isinii wajjin nan jira” jechuudhaan bartoota isaatiif waadaa galeera. (Mat. 28:20) Kanaafuu, hojii lallabaa balʼaa taʼe kana geggeessaa kan jiru isa dha. Akkasumas, Waaqni keenya hojii kana akka raawwannuuf “waan gaarii hundumaan” nu qopheessaa ture. (Ibr. 13:20, 21) Mata duree kana keessatti waan gaarii kana keessaa sadan isaanii ilaalla; isaanis, (1) meeshaalee nuuf kennaman, (2) malawwan itti fayyadamnee fi (3) leenjiiwwan arganne dha. Jalqaba, meeshaalee waggoottan 100 darban keessatti itti fayyadamne keessaa tokko tokko haa ilaallu.

MOOTICHI TAJAAJILTOOTA ISAA HOJII LALLABAATIIF NI QOPHEESSA

4. Hojii lallabaa keenya irratti meeshaalee garaa garaatti kan fayyadamne maaliifi?

4 Yesus, “dubbii mootummichaa” sanyii gosa biyyoo garaa garaa irra facaafametti fakkeesseera. (Mat. 13:18, 19) Qotee bulaan tokko sanyii dhaabuu isaa dura laficha qopheessuuf meeshaalee garaa garaatti fayyadama. Haaluma wal fakkaatuun, Mootiin keenyas waggoota darban keessatti meeshaalee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ergaa Mootummichaa akka fudhataniif garaa isaanii qopheessuuf gargaaran nuu kennaa tureera. Meeshaaleen tokko tokko faayidaa kan kennan tarii gara waggaa kudhaniitiif yommuu taʼu, warri kaan immoo amma iyyuu hojii irra oolaa jiru. Taʼus, meeshaaleen kun hundi karaa taʼe tokkoon dandeettii hojii lallabaa irratti qabnu guddifachuuf nu gargaaraniiru.

5. Kaardiin ittiin dhugaa baʼan maali dha? Hojii irra oolaa kan ture hoo akkamitti?

5 Meeshaan obboloonni hedduun tajaajila akka jalqaban gargaare tokko kaardii ittiin dhugaa baʼan siʼa taʼu, babalʼistoonni Mootummichaa bara 1933 kaasee itti fayyadamuu jalqaban. Kaardiin kun dalgi isaa gara seentii meetira 7.6, dheerinni isaa immoo gara seentii meetira 12.7 siʼa taʼu, ergaa Kitaaba Qulqulluu gabaabaa taʼe kan qabate dha. Yeroo yerootti kaardii haaraan ergaa haaraa qabate ni maxxanfama ture. Akkaataan dhiheenyaa isaas salphaa ture! Chaarlis Eerlaanmiiyar yeroo jalqabaatiif tajaajila kana irratti kan hirmaate umurii isaa waggaa kudhanitti ture. Akkana jedheera: “Seensi itti fayyadamnu, ‘Maaloo, kaardii kana ni dubbistaa?’ kan jedhu ture. Namni haasofsiisnu kaardicha erga dubbisee booda, barreeffama isaaf kenninee deemna.”

6. Kaardiin ittiin dhugaa baʼan faayidaa akkamii qaba ture?

6 Kaardiin ittiin dhugaa baʼan faayidaa hedduu qaba ture. Babalʼistoonni tokko tokko hojii lallabaa irratti hirmaachuuf fedhii guddaa kan qaban taʼus, ija laafeyyii turan; akkasumas wanta dubbatan hin beekan turan. Warri kaan immoo wanta dubbatan hedduu qabu turan. Wanta beekan hundumaa daqiiqaa muraasa gidduutti nama haasofsiisanitti himu turan; garuu kana kan godhan malaan hin turre! Faallaa kanaatiin, kaardiin ittiin dhugaa baʼan jechoota gaggabaaboo of eeggannoodhaan filataman muraasatti fayyadamuudhaan, bakka babalʼistootaa buʼee isaaniif “dubbata ture.”

7. Obboloonni tokko tokko kaardichatti yeroo fayyadaman rakkina akkamiitu isaan mudate?

7 Dhugaa dha, kaardii kanaan dhugaa baʼuun rakkina mataa isaa qaba ture. Dhugaa Baatuun yeroo dheeraadhaaf tajaajiltee fi Girees Iisteep jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko, ‘Tole, maal jedha? Maal akka jedhu natti himuu hin dandeessanii?’ jedhanii nu gaafatu turan.” Kana malees, namoonni tokko tokko wanta kaardicha irra jiru dubbisuu hin dandaʼan turan. Warri kaan immoo, kaardichi akka of biratti hambifataniif waan isaanii kenname itti fakkaatee, babalʼisicha harkaa fudhatanii balbala cufatu turan. Namni isaan haasofsiisan kan mormu yoo taʼe immoo kaardicha cicciruu dandaʼa. Haa taʼu malee, obboloonni keenya namoota haasofsiisuu fi Mootummicha akka bakka buʼan ifatti of beeksisuu barataniiru.

8. Foonoograafiin hojii irra oolaa kan ture akkamitti akka taʼe ibsi. (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

8 Meeshaa gara biraan bara 1930mmanii fi jalqaba bara 1940mmanii keessatti hojii irra oolaa ture immoo foonoograafii dha; harka caalaa isaa kan dubbatu meeshicha waan taʼeef, obboloonni tokko tokko maqaa masoo Aaron jedhuun waamu turan. (Baʼuu 4:14-16 dubbisi.) Babalʼisaan tokko nama haasofsiisu erga heyyamsiisee booda, haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi daqiiqaa afurii fi walakkaa fudhatu taphachiisa; achiis barreeffamoota tokko tokko isaaf kenna. Yeroo tokko tokko, miseensonni maatii hundi ergaa Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan waraabame dhaggeeffachuuf walitti qabamu! Waldaan Masaraa Eegumsaa bara 1934tti foonoograafota tajaajilaaf gargaaran oomishuu jalqabe. Suuta suuta, waraabbiiwwan mata dureewwan garaa garaa 92 irratti yaada kennan ni qophaaʼan.

9. Foonoograafiitti fayyadamuun hammam buʼa qabeessa ture?

9 Namni Hiilaarii Gooslan jedhamu tokko haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi waraabame erga dhaggeeffatee booda, ergaa Mootummichaa olloota isaatiin gaʼuuf torban tokkoof foonoograaficha babalʼisicha irraa ergifate. Babalʼisichi yeroo deebiʼu namoota hedduu fedhii qaban argate. Yeroo booda, namoota kana keessaa muraasni isaanii cuuphamaniiru; akkasumas ijoolleen durbaa Hiilaarii lama Mana Barumsaa Giilʼaad irratti erga hirmaatanii booda biyya alaatti ramadamaniiru. Foonoograafiin akkuma kaardii ittiin dhugaa baʼanii obboloonni hedduun lallabuu akka jalqaban gargaareera. Yeroo booda, Mootichi Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiitti fayyadamuudhaan sirriitti dubbachuu akka dandaʼan isaan gargaareera.

ERGICHA NAMOOTAAN GAʼUUF MALA DANDAʼAME HUNDATTI FAYYADAMUU

10, 11. Gaazexoonnii fi raadiyoon dhugaa Macaafa Qulqulluu babalʼisuu irratti kan fayyadan akkamitti? Malawwan kun buʼa qabeessa dha kan jennu maaliifi?

10 Sabni Waaqayyoo, qajeelfama Mootichaatiin misiraachicha hamma dandaʼametti namoota hedduudhaan gaʼuuf, malawwan garaa garaatti fayyadamaniiru. Kun keessumaa yeroo ‘hojjetoonni muraasa’ turanitti baayʼee barbaachisaa ture. (Maatewos 9:37 dubbisi.) Jalqaba jaarraa 20ffaatti, gaazexoonni namoota hedduu iddoowwan lakkoofsi saba Yihowaa muraasa taʼe jiraataniin ergicha gaʼuuf fayyadaniiru. Chaarlis Teez Raasil torban torbaniin haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe gara dhaabbata gaazexaatti erga ture. Achiis, dhaabbatichi gara dhaabbilee gaazexaa Yunaayitid Isteetis, Kaanaadaa fi Awurooppaa jiranitti erga. Haasaan obboleessa keenya Raasil hanga bara 1913tti gaazexoota 2,000 irratti kan baʼe siʼa taʼu, namoonni 15,000,000 taʼan akka dubbisan tilmaamama!

11 Obboleessi keenya Raasil erga duʼee booda, mala buʼa qabeessa misiraachicha babalʼisuuf gargaaru gara biraatu hojii irra ooluu jalqabe. Ebla 16, 1922tti Joseef Raazarfordi haasaawwan yeroo jalqabaatiif tamsaasa raadiyootti fayyadamee dhiheesse keessaa isa tokko namoota tilmaamaan gara 50,000 taʼaniif dhiheesse. Achiis Guraandhala 24, 1924tti buufanni raadiyoo keenya Dabliiwu Bii Bii Aarri jedhamu tamsaasa isaa jalqabe. Mala haaraa namoonni hedduun misiraachicha akka dhagaʼan gargaaru kana ilaalchisee, Masaraan Eegumsaa Muddee 1, 1924 akkana jedheera: “Raadiyoon, malawwan hamma yoonaatti fayyadamne keessaa, qarshii hedduu kan hin gaafannee fi karaa buʼa qabeessa dhugaa babalʼisuuf gargaaru akka taʼe ni amanna.” Raadiyoonis akkuma gaazexaa namoonni iddoo babalʼistoonni Mootummichaa muraasni jiranitti argaman hedduun misiraachicha akka dhagaʼan gochuuf gargaareera.

Babalʼistoonni Mootummichaa hedduun iddoo namoonni baayʼeen argamanitti kan lallaban siʼa taʼu, weebsaayitii jw.org namootatti argisiisuun isaan gammachiisa (Keeyyata 12 fi 13 ilaali)

12. (a) Gosa tajaajilaa iddoo namoonni itti baayʼatanitti raawwatamu keessaa isa kamtu si gammachiisa? (b) Tajaajila iddoo namoonni itti baayʼatanitti raawwatamu irratti hirmaachuu ilaalchisee sodaa nutti dhagaʼamu moʼuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

12 Yeroo harʼaatti immoo iddoo namoonni itti baayʼatanitti, jechuunis buufata atoobisiitti, buufata baaburaatti, iddoo konkolaataan dhaabatutti, daandii namoonni baayʼeen irra deemanittii fi iddoo gabaatti lallabamaa jira. Gosawwan tajaajilaa kana keessaa tokko tokko irratti hirmaachuun si sodaachisa yoo taʼe, wanta obboleessi Aanjeloo Maneeraa jedhamuu fi yeroo dheeraadhaaf daawwataa ol aanaa taʼee tajaajile dubbate kana irratti yaadi: “Gosa tajaajilaa haaraa taʼe kam iyyuu karaa gara biraa Yihowaa ittiin tajaajillu akka taʼetti, karaa gara biraa amanamummaa isaaf qabnu itti argisiisnu akka taʼettii fi karaa gara biraa ejjennoon keenya ittiin qoramu akka taʼetti ilaalla turre; akkasumas karaa inni nu gaafatu kamiin iyyuu isa tajaajiluuf fedhii akka qabnu argisiisuu ni barbaanna turre.” Gosa tajaajilaa haaraa taʼe, tarii immoo nu hin gammachiisne tokko irratti hirmaachuun, amantii Yihowaa irratti qabnu nuuf cimsa, akkasumas karaa hafuuraa akka cimnu godha.—2 Qorontos 12:9, 10 dubbisi.

13. Weebsaayitii keenya jw.org jedhamutti fayyadamuudhaan maaltu raawwatamaa jira? Ati hoo weebsaayitii kana namootatti argisiisuudhaan muuxannoo akkamii argatte?

13 Babalʼistoonni hedduun barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afaanota 700 oliin dubbisuu fi garagalfachuu akka dandaʼaniif weebsaayitii keenya jw.org jedhamu namootatti argisiisu. Guyyaa guyyaadhaan namoonni miliyoona 1.6 ol taʼan weebsaayitii keenya ni daawwatu. Akkuma raadiyoon kanaan dura gochaa ture, weebsaayitiin keenyas yeroo harʼaatti namoonni naannoo fagoo jiraatan illee misiraachicha akka dhagaʼan gochaa jira.

TAJAAJILTOOTA MISIRAACHICHAA LEENJISUU

14. Babalʼistoota Mootummichaa leenjii akkamiitu isaan barbaachisa ture? Barsiisota buʼa qabeeyyii akka taʼaniif mana barumsaa isa kamtu isaan gargaare?

14 Meeshaalee fi malawwan misiraachicha babalʼisuudhaaf itti fayyadamne keessaa muraasa isaanii ilaalleerra. Haa taʼu malee, leenjii akkamii arganne? Fakkeenyaaf, namni tokko wanta foonoograafii irraa dhagaʼe akka morme ykn wanta kaardii ittiin dhugaa baʼan irraa dubbise caalaatti baruu akka barbaade godhii yaadi. Babalʼistoonni mormii malaan qabuu fi namoota garaa qajeelaa qaban gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe beekuu qabu turan. Naataan Noor gargaarsa hafuura Waaqayyootiin, babalʼistoonni tajaajila irratti dandeettii dubbachuu isaaniitti fayyadamuu akka dandaʼan leenjisuun barbaachisaa akka taʼe hubate. Kana galmaan gaʼuuf maaltu raawwatame? Bara 1943tti Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii yeroo jalqabaatiif gumiiwwan keessatti hojii irra ooluu jalqabe. Manni barumsaa kun barsiisota buʼa qabeeyyii akka taanu nu gargaareera.

15. (a) Obboloonni tokko tokko kutaa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii irratti isaanii kenname yeroo dhiheessan maaltu isaan mudate? (b) Waadaan Yihowaan Faarfannaa 32:8 irratti gale dhugaa taʼuu isaa jireenya kee keessatti kan argite akkamitti?

15 Obboloota hedduudhaaf, namoota duratti baʼanii dubbachuun baayʼee ulfaataa ture. Huuliyoo Raamuun kutaa yeroo jalqabaatiif mana barumsaa kana keessatti bara 1944tti dhiheesse ni yaadata. Mata dureen kutaa isaa maal ture? Waaʼee Doʼeeg isa Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasoota afur qofa irratti argamuu ture! Huuliyoon, “Jilbi koo wal rukuta ture, harki koo ni hollata ture, akkasumas ilkaan koo wal rukuta ture” jedheera; kana malees haasaa isaa caqasoota kana arfan gabbisuudhaan dhiheessuu qaba ture. “Kutaa koo daqiiqaa sadii keessattan dhiheesse. Yeroo jalqabaatiif waltajjii irra kanan baʼe yeroo kanatti kan ture taʼus, kutaa koo addaan hin kunne” jedheera. Gumii keessatti kutaa dhiheessuun ijoollee tokko tokkoof salphaa taʼuu baatus, mana barumsaa kana irratti hirmaataniiru. Aanjeloo Maneeraan inni olitti caqasame, mucaa xinnoo yeroo jalqabaatiif kutaa dhiheessee ture tokko ni yaadata. Akkana jedheera: “Kutaa isaa dhiheessuu yeroo jalqabu baayʼee waan sodaateef booʼuu jalqabe. Taʼus kuticha dhiheessuuf kutatee waan tureef, booʼaa kutaa isaa dhiheessee xumure.” Waan sodaattuuf ykn haala rakkisaa sitti taʼu kan biraa irraa kan kaʼe walgaʼii irratti yaada kennuu ykn hirmaannaa gochuu irraa duubatti jetteettaa? Sodaa kee mooʼuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Akkuma barattoota Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii warra duraanii gargaare siinis gargaaruu dandaʼa.—Faarfannaa 32:8 dubbisi.

16. (a) Duraan Manni Barumsaa Giilʼaad kaayyoo maaliitiif tajaajilaa ture? (b) Bara 2011 kaasee Manni Barumsaa Giilʼaad kaayyoo maaliitiif tajaajilaa jira?

16 Sabni Yihowaa leenjii kan argatan Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii irratti qofa miti. Misiyoononnii fi obboloonni kan biraan Mana Barumsaa Giilʼaad irraa faayidaa guddaa argataniiru. Barsiisaan tokko akka jedhetti kaayyoon mana barumsaa kanaa, “barattoonni hojii wangeela lallabuu irratti hirmaachuuf fedhii cimaa akka qabaatan gochuu dha.” Manni barumsaa Giilʼaad kan jalqabame bara 1943tti siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee obboloonni 8,500 ol taʼan leenjiʼaniiru. Misiyoononni Giilʼaaditti leenjiʼan biyyoota gara 170 taʼan keessatti tajaajilaniiru. Bara 2011 eegalee obboloonni mana barumsaa kana irratti hirmaatan, warra tajaajila yeroo guutuu addaa keessa jiran, jechuunis qajeelchitoota addaa, daawwattoota ol aanaa, miseensota maatii Betʼel ykn misiyoonota kanaan dura mana barumsaa Giilʼaad irratti hin hirmaanne qofa dha.

17. Leenjiin Giilʼaad buʼa qabeessa taʼuu isaa wanti mirkaneessu maali dha?

17 Leenjiin kun hammam buʼa qabeessa dha? Fakkeenya tokko haa ilaallu. Hagayya 1949tti lakkoofsi babalʼistoota Jaappaan keessa turanii kudhanii gadi ture. Xumura waggaa sanaatti obboloota Giilʼaaditti leenjiʼan 13tu achitti lallabaa ture. Yeroo harʼaa, Jaappaan keessa babalʼistoonni gara 216,000 kan jiran siʼa taʼu, isaan keessaa dhibbeentaan 42 immoo qajeelchitoota taʼanii tajaajilaa jiru!

18. Manneen barumsaa Dhugaa Baatonni karaa hafuuraa akka guddatan gargaaraa jiran kan biroo caqasi.

18 Manneen barumsaa kan biroon kan akka Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa, Mana Barumsaa Qajeelchitootaa, Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa, Mana Barumsaa Daawwattoota Ol Aanaa Aanaa fi Haadhotii Manaa Isaanii, akkasumas Mana Barumsaa Miseensota Koree Waajjira Damee fi Haadhotii Manaa Isaanii jiran sabni Yihowaa karaa hafuuraa akka guddatanii fi buʼa qabeeyyii akka taʼan gochuu irratti shoora ol aanaa taphachaa jiru. Mootichi namoota isa jalatti bulan leenjisaa akka jiru hin shakkisiisu!

19. Chaarlis Teez Raasil hojii lallabaa ilaalchisee maal dursee dubbate? Kun hoo dhugaa taʼuun isaa kan mirkanaaʼe akkamitti?

19 Mootummaan Waaqayyoo erga hundeeffamee waggaan 100 ol darbeera. Mootiin keenya Yesus Kiristos nu leenjisuu isaa itti fufeera. Chaarlis Teez Raasil bara 1916tti duʼuu isaa dura, hojiin lallabaa hammam akka babalʼatu dubbachuun isaa hubannaa akka qabu argisiisa. Michuu isaa tokkoon akkana jedhee ture: “Hojichi saffisaan guddachaa jira; addunyaa maratti ‘wangeela mootummichaa’ lallabuuf hojiin hojjetamuu qabu waan jiruuf guddachuu isaa itti fufa.” (Feez oon za Maarch, Aleeksaandar Maakmiilaaniin kan qophaaʼe, ful. 69) Wanti obboleessi keenya Raasil jedhe kun sirrii ture! Akkasumas, Waaqni keenya inni nagaa kennu hojii gammachiisaa taʼe kanaaf nu qopheessuu isaa waan itti fufeef baayʼee isa galateeffanna! Dhuguma iyyuu fedha isaa akka raawwannuuf, “waan gaarii hundumaa” nuu kenna!

^ KEY. 2 Namoota yeroo sanatti turan keessaa baayʼeen isaanii yeroo booda Kiristiyaanota akka taʼan ragaa qabna. Phaawulos xalayaa warra Qorontosiif barreesse irratti namoonni sun “obboloota dhibba shan” akka taʼan dubbateera. Itti dabaluudhaanis, “Isaan keessaa kaan illee boqotaniiru garri caalan garuu amma iyyuu jiru” jedheera. Kanaafuu, Phaawulosii fi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan kaan obboloota ajaja Yesus kenne kana kallattiidhaan dhagaʼan keessaa baayʼee isaanii wajjin kan wal argan fakkaata.