MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Hagayya 2017

Obsaan Eeguuf Fedhii Qabduu?

Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon bara duriitti turan hamma yoomiitti rakkina obsuu akka qaban gaafatanii turan; taʼus Waaqayyo gaaffii kana gaafachuu isaaniitiin isaan hin balaaleffanne.

‘Nagaan Waaqayyoo Hubannaa Hundumaa Irra ni Caala’

Waaqayyo, jireenya kee keessatti rakkoowwan hin eegamne akka si mudatan kan heyyamu maaliif akka taʼe gaafattee beektaa? Taanaan, guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan jabaattee akka dhaabattu wanti si gargaaruu dandaʼu maali dha?

SEENAA JIREENYAA

Qorumsa Keessatti Jabaatanii Dhaabbachuun Eebba Argamsiisa

Obboloonni boojuudhaan gara Saayibeeriyaa dhaqan hoolota kan barbaadan taʼus saawwan kan gaafatan maaliif ture? Seenaa jireenya dinqisiisaa Paavelii fi Maariyaa Sivuliskii irraa deebii isaa argachuu dandeessa.

Namummaa Moofaa Of Irraa Baasnee Gatuu fi Of Irraa Fageessuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Namummaa moofaa of irraa baasuun gaarii dha; taʼus, nutti deebiʼuu hin qabu. Gochawwan dogoggoraatiin garmalee yoo qabamne iyyuu, gama lamaaniin milkaaʼina argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Namummaa Haaraa Uffachuu fi Akkuma Uffanetti Itti Fufuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Gargaarsa Yihowaatiin nama inni akka taatu barbaadu taʼu irratti milkaaʼina argachuu ni dandeessa. Fakkeenyaaf, karaa gara laafina, gaarummaa, gad of qabuu fi garraamummaa argisiisuu itti dandeessu qoruuf yaali.

Jaalala—Amala Baayʼee Barbaachisaa Taʼe

Kitaabni Qulqulluun jaalalli buʼaa hafuura qulqulluu keessaa tokko akka taʼe dubbata. Jaalalli maali dha? Horachuu kan dandeenyu akkamitti? Jireenya keenya keessatti argisiisuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

KUUSAA KEENYA KEESSAA

“Walgaʼii Itti Aanu Yoom Godhanna Laata?”

Walgaʼii xinnoo magaalaa Meeksikoo keessatti bara1932⁠tti gaggeeffame kana adda kan taasise maali dha?

Gaaffii Dubbistootaa

Gabaasni seenaa Yesuusii fi hidda dhalootaa isaa Maatewosii fi Luqaas irra jiru adda adda kan taʼe maaliifi?