Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seenaa Jireenyaa

Qorumsa Keessatti Jabaatanii Dhaabbachuun Eebba Argamsiisa

Qorumsa Keessatti Jabaatanii Dhaabbachuun Eebba Argamsiisa

HOGGANAAN poolisoota Sooviyeet dhoksaatti hojjetanii tokko akkana naan jedhe: “Ati abbaa gara jabeessa dha. Haadha manaa kee ishii ulfaa fi intala kee dhiisteetta. Kan isaan sooruu fi kan isaan eegu eenyu? Amantii kee ganiitii mana keetti gali!” Anis, “Lakki, ani maatii koo hin dhiisne. Isintu na hidhe! Garuu maaliifi?” jedheen isa gaafadhe. Hogganichis, “Yakki Dhugaa Baatuu taʼuu caalu hin jiru” jedhee natti iyye.

Kun kan taʼe bara 1959⁠tti mana hidhaa magaalaa Irkutisik ishii Raashiyaatti argamtutti ture. Anii fi haati manaa koo Maariyaan ‘qajeelummaadhaaf jennee rakkachuuf’ kan qophoofnee fi amanamoo taʼuu keenyaan kan kaʼe kan eebbifamne akkamitti akka taʼe isinitti himuun barbaada.—1 Phe. 3:13, 14.

Kanan dhaladhe bara 1933⁠tti mandara Zoolotnikii jedhamtuu fi Yuukreenitti argamtutti dha. Bara 1937⁠tti adaadaan koo fi abbaan manaa ishii warri Dhugaa Baatota turan, nu daawwachuuf Faransaayi irraa dhufanii turan; yeroo kanatti kitaabota Waach Taawor Soosaayitiidhaan qophaaʼan lama jechuunis kitaabota Gavarnimanti fi Daliivaraansi jedhaman nuuf kennan. Abbaan koo kitaabota kana yeroo dubbisu amantiin inni Waaqayyo irratti qabu ni cime. Kan nama gaddisiisu, bara 1939⁠tti baayʼee dhukkubsate; duʼuu isaa dura garuu haadha kootiin, “Kun dhugaa waan taʼeef, ijoollee keenya barsiisi” jedheen.

SAAYIBEERIYAAN NAANNOO TAJAAJILAA HAARAA NAAF TAATEETTI

Ebla 1951⁠tti, abbootiin taayitaa dhiha Tokkummaa Sooviyeet ishii durii irraa dirqamaan Dhugaa Baatota gara Saayibeeriyaatti geessuu jalqaban. Haadha koo fi quxisuu koo Girigoorii jedhamuu wajjin Yuukreen keessaa ariʼamne. Baaburaan kiilomeetira 6,000 erga imallee booda magaalaa Tuuluun ishii Saayibeeriyaatti argamtu geenye. Torban lama booda immoo obboleessi koo inni angafaa Boogdan jedhamu, magaalaa naannoo Tuuluunitti argamtuu fi Angarsik jedhamtutti geeffame. Achiis, kaampii hojii humnaa itti hojjetan keessatti waggaa 25 akka hidhamu isatti murteeffame.

Haati koo, Girigoorii fi ani, naannoo Tuuluun iddoo namoonni qubatanitti ni lallabna turre; garuu, tooftaatti fayyadamuu qabna turre. Fakkeenyaaf, “Namni saʼa gurguruu barbaadu jiraa?” jennee gaafanna. Yeroo nama saʼa gurguru argannus, akkaataan uumamaa saawwanii kan nama dinqisiisu taʼuu isaa isatti himna. Sana booda, waaʼee Uumaa mariʼachuu jalqabna. Yeroo sanatti, gaazexaan tokko, Dhugaa Baatonni Yihowaa waaʼee saawwanii kan gaafatan taʼus hoolota akka barbaadan barreesseera. Eeyyee, namoota hoolotatti fakkeeffaman arganneerra! Namoota garaa qajeeloo keessummaa simatanii fi naannoo gumii tokkoof iyyuu hin ramadamne sana keessa jiranii wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun mirga guddaa dha. Yeroo harʼaatti, gumii babalʼistoota 100 ol qabu tokkotu Tuuluun keessa jira.

AMANTIIN MAARIYAA NI QORAME

Haati manaa koo Maariyaan, dhugaa kan baratte walakkeessa Waraana Addunyaa Isa Lammaffaa keessa Yuukreenitti ture. Yeroo umuriin ishii waggaa 18 ture, hogganaan poolisoota Sooviyeet dhoksaatti hojjetanii tokko miidhaa ishii irraan gaʼuu kan jalqabe yeroo taʼu, akka ishiin isaa wajjin ciistuuf yeroo baayʼee ishii dirqisiisaa ture; ishiin garuu matumaa tole hin jenne. Gaaf tokko, yeroo ishiin manatti deebitu hogganaan kun siree ishii irra ciisee eegeen. Maariyaan garuu ni baqatte. Hogganaan sunis baayʼee waan aareef, Maariyaan Dhugaa Baatuu taʼuu ishiitiin kan kaʼe, akka hidhamtu ishii doorsise; achiis akkuma inni jedhe bara 1952⁠tti Maariyaan waggaa 10 akka hidhamtu ishiitti murteeffame. Ishiinis akkuma Yoseef isa amanamummaa isaa eeggachuu isaatiin hidhamee ishiitti dhagaʼame. (Uma. 39:12, 20) Konkolaachisaan Maariyaa mana murtiitii gara mana hidhaatti geessaa tures akkana ishiidhaan jedhe: “Hin sodaatin. Namoonni hedduun mana hidhaa kan galan taʼus, ulfinni isaanii utuu hin tuqamin deebiʼu.” Wanti konkolaachisaan kun dubbate ishii jabeesseera.

Bara 1952 hanga 1956⁠tti, Maariyaan kaampii hojiin humnaa itti hojjetamuu fi naannoo magaalaa Goorkii (yeroo ammatti Niizinii Novgorood jedhamti), Raashiyaatti argamutti geeffamte. Haala qilleensaa baayʼee diilallaaʼaa keessatti illee mukaa akka murtu ajajamti turte. Kan dhukkubsatte taʼus, bara 1956⁠tti bilisa baatee gara Tuuluunitti deebite.

HAADHA MANAA KOO FI IJOOLLEE KOO IRRAA FAGAACHUU

Obboleessi Tuuluun keessa jiraatu tokko obboleettiin tokko dhufaa akka jirtu natti hime. Anis biskiliitii kootiin buufata atoobisii deemeen ishii simadhe; achiis miʼa ishiin ishii gargaare. Maariyaa kanan jaalladhe akkuman ishii argeen ture. Akka ishiin na jaallattu gochuuf yeroo kan natti fudhate taʼus, yeroo booda naaf milkaaʼeera. Achiis bara 1957⁠tti gaaʼela godhanne. Waggaa tokko booda immoo intalli keenya Iriinaan ni dhalatte. Haa taʼu malee, ishii wajjin kanan ture yeroo muraasaaf qofa ture. Bara 1959⁠tti barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan maxxansuu kootiin kan kaʼe nan hidhame. Mana hidhaa kophaatti itti hidhaman keessatti waggaa tokkoo fi walakkaan dabarse. Yeroo kanatti keessi koo nagaa akka qabaatuuf yeroo hunda nan kadhadha, faarfannaawwan Mootummichaa nan faarfadha, akkasumas utuun mana hidhaatii baʼee akkamitti lallabuu akkan dandaʼun yaada ture.

Bara 1962⁠tti yeroon kaampii hojiin humna itti hojjetamu keessa jiraachaa turetti

Mana hidhaa keessatti na qorachaa utuu jiranii qorataan tokko, “Yeroo dhihootti biyya kana keessaa isin balleessina!” jedhee natti iyye. Anis akkana jedheen deebiseef: “Yesuus misiraachoon Mootummichaa saba hundumaatti akka dhugaa baʼamu waan dubbateef, eenyu iyyu dhaabsisuu hin dandaʼu.” Achiis, wantan seensa irratti caqasetu raawwatame; qorataan sun mala isaa jijjiiruudhaan amantii koo akkan ganuuf na sossobuu jalqabe. Na doorsisaniis taʼe na sossobanii waan isaaniif hin milkoofneef, kaampii hojiin humnaa itti hojjetamuu fi naannoo magaalaa Saaransikitti argamutti akkan hidhamuuf waggaa torba natti murteessan. Achiis gara kaampichaatti imalaa utuun jiruu intala keenya ishii lammaffaa kan taate Oolgaan akka dhalatten dhagaʼe. Haati manaa koo fi ijoolleen koo na irraa fagaatanii kan jiraatan taʼus, anii fi Maariyaan Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuun keenya na jajjabeesseera.

Maariyaan intaloota keenya Oolgaa fi Iiriinaa wajjin bara 1965⁠tti

Maariyaan dhaqaa gala baaburaan guyyaa 12 kan ishiitti fudhatu taʼus, waggaatti al tokko na daawwachuuf gara Saaraansik dhufti turte. Waggaa waggaatti boottii tokko naa fiddi turte. Soolii boottii sanaa keessas Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼe dhoksitee keessi turte. Gaaf tokko immoo yeroo na ilaaluu dhuftu ijoollee keenya lamaan fiddee waan dhufteef daawwannaan ishii baayʼee adda ture. Yeroo kanatti isaan arguu fi isaanii wajjin taʼuu dandaʼuu kootti hammam akkan gammade tilmaamuu dandeessu!

NAANNOO HAARAATTI RAKKINA HAARAATU NU MUDATE

Bara 1966⁠tti kaampii hojiin humnaa itti hojjetamu sanaa nan gadhiifame; achiis, arfan keenya iyyuu gara magaalaa Armaviir ishii Galaana Gurraacha biratti argamtu deemne. Achittis, ilmaan keenya Yaaroslaavii fi Paavel ni dhalatan.

Achiis utuu baayʼee hin turin poolisoonni Sooviyeet dhoksaatti hojjetan barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu barbaaduuf jecha mana keenya sakattaʼuu jalqaban. Iddoo saawwan itti sooratan illee dabalatee iddoo hundumaa keessa barbaadaniiru. Gaaf tokko yeroo sakattaʼuu dhufanitti, garmalee kan dafqan siʼa taʼu, uffanni isaaniis awwaaraan uwwifame. Maariyaan namoonni kun ajaja isaaniif kenname qofa raawwachaa akka jiran waan hubatteef isaaniif gaddite. Achiis wanta dhugamu, burushii uffata qulqulleessuuf gargaaru, bishaan saafaatti, akkasumas fooxaa isaaniif kennite. Achiis, poolisoonni dhoksaatti hojjetan kun hogganaan isaanii yeroo dhufu gaarummaa isaaniif godhame isatti himan. Yeroo deemanis hogganaan isaanii sun seequudhaan harka isaa raasee nagaatti nuun jedhe. ‘Hamaa gaariidhaan moʼuu keenya itti fufuun’ buʼaa gaarii akka argamsiise arguun keenya nu gammachiiseera.—Rom. 12:21.

Yeroo baayʼee manni keenya kan sakattaʼamu taʼus, Aarmaviir keessatti lallabuu keenya itti fufneerra. Akkasumas babalʼistoota muraasa magaalaa Kurganiinsiik ishii naannoo keenyatti argamtu jiran cimsuu dandeenyeerra. Yeroo harʼaatti, Armaviir keessa gumiiwwan jaʼa, Kurganiinsiik keessa immoo gumiiwwan afur jiraachuu isaanii beekuun koo baayʼee na gammachiisa.

Haa taʼu malee, yeroo karaa hafuuraa itti dadhabne qabna turre. Taʼus, Yihowaan obboloota amanamoo taʼanitti fayyadamee waan nu sirreessee fi karaa hafuuraa waan nu cimseef baayʼee isa galateeffanna. (Far. 130:3) Kana malees, miseensonni poolisoota dhoksaatti hojjetanii, utuu nuti hin hubatin gumii keessa seenuun isaanii qorumsa cimaa nutti taʼee ture. Poolisoonni kun, tajaajila irratti hinaaffaa fi dammaqinaan kan hirmaatan fakkaatu turan. Isaan keessaa jaarmiyaa keenya keessatti itti gaafatamummaa kan argatan illee jiru turan. Yeroo booda garuu eenyummaa isaanii isa sirrii hubachuu dandeenyeerra.

Maariyaan bara 1978⁠tti yeroo umuriin ishii waggaa 45 ture ammas ni ulfoofte. Dhibee onnee baayʼee cimaa taʼe waan qabduuf duʼuu dandeessi jedhanii waan yaadaniif, dooktoroonni akka ishiin ulficha baastu ishii amansiisuuf yaalan. Maariyaan garuu ni didde. Doktooronni tokko tokko garuu, lilmoodhaan qoricha ishiidhaaf kennanii ulficha baasuuf, hospitaala sana keessatti iddoo ishiin deemtu hundatti ishii hordofaa turan. Maariyaan garuu daaʼima hin dhalanne sana oolchuuf jecha hospitaalicha keessaa fiigdee baqatte.

Achiis poolisoonni dhoksaatti hojjetan magaalattii gadhiisnee akka baanu nu ajajan. Nutis gara mandara magaalaa Taaliin biratti argamtu tokkoo deemne; magaalaan kun Istooniyaa ishii yeroo sana kutaa bulchiinsa Tokkummaa Sooviyeet durii turtetti argamti. Taaliinitti, wanti dooktoroonni jedhan utuu hin raawwatamin hafe; kanaa mannaa Maariyaan ilma fayya qabeessa taʼee fi Viitaalii jedhamuu deesse.

Sana boodas, Istooniyaadhaa baanee gara qubsuma Nezlobnaayaa ishii kibbaa Raashiyaatti argamtu deemne. Magaalota iddoowwan bashannanaa qabanii fi naannoo keenyatti argamanitti of eeggannoodhaan lallabneerra; namoonni biyyattii keessatti argaman hundi magaalota kana ni daawwatu turan. As kan dhufan fayyaa isaaniitiif jedhanii taʼus, abdii jireenya bara baraa argatanii deebiʼu!

IJOOLLEEN KEENYA YIHOWAA AKKA JAALLATAN GOONEE GUDDISNEERRA

Ijoolleen keenya Yihowaa akka jaallatanii fi isa tajaajiluuf fedhi akka qabaatan goonee guddisuuf yaalleerra. Yeroo baayʼee, obboloota ijoollee keenya irratti dhiibbaa gaarii godhan manatti afeerra turre. Obboleessi koo Girigooriin inni bara 1970 hamma 1995⁠tti daawwataa olaanaa taʼee tajaajile isaan keessaa tokko dha. Obboleessi koo gammachuu kan qabuu fi kan taphatu waan taʼeef, yeroo inni dhufu guutummaan maatichaa ni gammadu turan. Yeroo baayʼee yeroo keessummoonni dhufan taphawwan Kitaaba Qulqulluu taphanna turre; kanan kan kaʼes ijoolleen keenya seenaawwan Kitaaba Qulqulluu jaallachuu dandaʼaniiru.

Ijoollee koo fi haadhotii manaa isaanii.

Bitaadhaa gara mirgaatti, toora duubaa: Yaaroslaav, Paavel, Viitaalii

Toora duraa: Aaliyoonaa, Raayaa, Siveetlaanaa

Bara 1987⁠tti, ilmi keenya Yaaroslaav magaalaa Riigaa ishii Laatiiviyaatti argamtu deemuudhaan bilisummaadhaan lallabuu jalqabe. Haa taʼu malee, waraana irratti hirmaachuu waan dideef waggaa tokkoo fi walakkaadhaaf akka hidhamu kan isatti murteeffame taʼuu isaa irra iyyuu, manneen hidhaa garaa garaa sagalitti hidhameera. Muuxannoon mana hidhaa keessatti dabarse ilaalchisee wanti ani isatti hime jabaatee akka dhaabatu isa gargaareera. Yeroo booda, qajeelchaa taʼee tajaajiluu jalqabe. Bara 1990⁠tti ilmi keenya Paavel inni umuriin isaa waggaa 19 ture gara Saakhaaliin ishii odoola Jaappaan taate deemee qajeelchaa taʼee tajaajiluu barbaade. Jalqaba irratti, akka inni deemu hin barbaanne turre. Odoola sana keessa kan turan babalʼistoota 20 qofa siʼa taʼu, odoolli kunis kiilomeetira 9,000 nu irraa fagaatti. Yeroo booda garuu yaada isaa irratti walii galleerra; murtoon keenyas gaarii ture. Namoonni achi jiraatan ergaa Mootummichaa fudhataniiru. Waggoota muraasa gidduutti gumiiwwan saddeet hundeeffamaniiru. Paavel hamma bara 1995⁠tti Saakhaaliin keessa tajaajileera. Yeroo sanatti, ilma keenya isa dhumaa Viitaalii qofatu nu bira jira ture. Ijoollummaa isaatii eegalee Kitaaba Qulqulluu dubbisuu ni jaallata ture. Umuriin isaa waggaa 14 yeroo taʼu qajeelchaa taʼee tajaajiluu kan jalqabe yeroo taʼu, anis waggaa lamaaf isaa wajjin qajeelchaa taʼee tajaajiluu dandaʼeera. Yeroo baayʼee gaarii taʼe dabarsine. Viitaaliin yeroo waggaa 19 guutu qajeelchaa addaa taʼee tajaajiluu jalqabe.

Bara 1952⁠tti hogganaan poolisoota Sooviyeet dhoksaatti hojjetanii tokkoo Maariyaadhaan akkana jedhee ture: “Amantii kee gani ykn waggaa kudhaniif mana hidhaa gali. Yeroo achii baatu ni dulloomta; akkasumas kophaatti hafta.” Haa taʼu malee, akka inni jedhe hin taane. Yihowaa Waaqni keenya inni amanamaan, ijoolleen keenyaa fi namoonni dhugaa akka beekan gargaarre hedduun akka nu jaallatan nutti dhagaʼameera. Anii fi Maariyaan iddoo ijoolleen keenya itti tajaajilan daawwachuuf mirga arganneerra. Namoonni ijoolleen keenya waaʼee Yihowaa isaan barsiisan akka galateeffatan arguu dandeenyeerra.

GAARUMMAA YIHOWAAN NUTTI ARGISIISEEF ISA GALATEEFFANNA

Bara 1991⁠tti hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa seera biratti beekamtii argate. Murtoon kun hojiin lallabaa caalaatti akka babalʼatu godheera. Gumiin keenya yeroo hunda xumura torbanii irratti magaalotaa fi mandaroota naannoo keenyatti argaman deemnee lallabuu akka dandeenyuuf atoobisii tokko bitee ture.

Haadha manaa koo wajjin bara 2011⁠tti

Yaaroslaavii fi haati manaa isaa Aaliyoonaan, akkasumas Paavelii fi haati manaa isaa Raayaan Betʼel keessa tajaajiluun isaanii, Viitaalii fi haati manaa isaa Siveetlaanaan immoo hojii daawwannaa hojjechuun isaanii baayʼee na gammachiisa. Intalli keenya ishiin jalqabaa Iiriinaa fi maatiin ishii Jarman keessa jiraatu. Abbaan manaa ishii Vilaadmiirii fi ijoolleen dhiiraa isaanii sadan, jaarsolii gumii taʼanii tajaajilaa jiru. Intalli keenya Oolgaan immoo Istooniyaa kan jiraattu siʼa taʼu yeroo hunda naa bilbilti. Kan nama gaddisiisu, haati manaa koo Maariyaan bara 2014⁠tti duute. Yeroo itti ishiin duʼaa kaatu hawwiidhaan eeggachaan jira! Amma magaalaa Beelgorood keessan jiraadha; obboloonni as jiranis gargaarsa guddaa naaf gochaa jiru.

Waggootan Yihowaa tajaajiluudhaan dabarse keessatti amanamummaa eeggachuun aarsaa kan nama kaffalchiisu taʼus, nagaan keessaa Yihowaan namaaf kennu gatii guddaa akka qabu baradheera. Eebbi anii fi Maariyaan jabaannee dhaabachuu keenyaan arganne isan yaade baayʼee kan caalu dha. Tokkummaan Sooviyeet ishiin durii bara 1991⁠tti kufuu ishii dura babalʼistoota 40,000 ol taʼantu biyyattii keessa jira ture. Yeroo harʼaa, biyyoota kutaa Tokkummaa Sooviyeet turan keessatti babalʼistoota 400,000 ol taʼantu argama! Amma umuriin koo waggaa 83 siʼa taʼu, jaarsa gumii taʼeen tajaajilaa jira. Gargaarsi Yihowaa yeroo hundumaa jabaadhee dhaabachuuf cimina akkan argadhu na gargaareera. Eeyyee, Yihowaan baayʼee na eebbiseera. —Far. 13:5, 6.

KGB is the Russian abbreviation for Soviet State Security Committee.