MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Fulbaana 2017

Amala Of T⁠o⁠ʼachuu Horadhaa

Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman amala kana guddifachuu fi argisiisuuf nu gargaaruu kan dand⁠a⁠ʼan akkamitti? Kiristiyaanonni amala kana horachuuf fedhii qabaachuun kan isaan barbaachisu maaliifi?

Gara Laafina Yihowaa Hordofaa

Yeroo tokko Yihowaan wa⁠a⁠ʼee maqaa dhuunfaa Isaa fi amala isaa dubbachuudhaan Museetti of mu⁠l⁠ʼisee ture. Amalli inni jalqaba ibse gara laafina isaa ti. Amalli kun maali dha, xiyyeeffannaa kee kan harkisus maaliifi?

SEENAA JIREENYAA

Namoota Hafuuraa Wajjin Hojjechuu Kootiin Eebbifameera

Deevid Siinkileer obbolootaa fi obboleettota amanamoo wajjin waggaa 61 Be⁠t⁠ʼel isa Biruukiliinitti dabarse gammachuudhaan yaadata; akka mirga guddaattis ni ilaala.

“Dubbiin Waaqayyo Keenyaa . . . Bara Baraan Jabaatee Dhaabata”

Kitaabni Qulqulluun barreeffamee kan xumurame waggoonni dhibbaan lakka⁠a⁠ʼaman kan darban t⁠a⁠ʼus, jijjiiramni afaanii fi siyaasaa, akkasumas akka hin hiikamne mormiin isa irra g⁠a⁠ʼus amma iyyuu baa⁠y⁠ʼinaan gurguramaa jira.

“Dubbiin Waaqayyoo . . . Humna Qabeessa Dha”

Namoonni hedduun Dubbii Waaqayyoo q⁠o⁠ʼachuu isaaniitiin jijjiirama guddaa gochuu dand⁠a⁠ʼaniiru. Nuti hoo Kitaabni Qulqulluun nu irratti jijjiirama akkasii akka fidu gochuuf maal gochuu qabna?

‘Ija Jabaadhaa, Hojjedhaas!’

Ija jabina qabaachuun kan nu barbaachisu maaliifi? Ija jabina argachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?